(Keessumattuu ilmaan Oromoo OPDO fi humna waraanaa biyyattii keessa jiraniif)

 

Boruu Barraaqaa

AbayTsehay20156Warri Wayyaanee Oromootti dhaadachuu jalqabuun har’a feef miti. Gaafa 1992, yeroo ABO Mootummaa Cehumsaa keessaa dhiibanii baasan irraa qabanii akka Oromootti nutti dhaadachaa yoona gahan. Sana boodas yeroo adda addaatti abbaan isaanii guddichi Mallas Zeenaawii ‘warra nu mormu harka isaanii irraa cirra, qurxummii fixuuf bahaara irraa goggosuutu furmaata…’ jechuun ifatti dubbachaa turuu ni yaadanna. Garuu osoo akka dhaadatetti sabboontota Oromoo irraa harka hin cirin ofiifuu ciraa dhabee biyyee nyaate.

Dhaadannaa qondaala TPLF har’aa kana wanni adda godhu garuu ni jira. Akka hayyuu isaanii duraaniitti hojii ummata Oromoo ‘likkiitti galchuu’ tana gola keessa taa’ee karaa ergamtoota isaa OPDOtiin raaw’achiisuu osoo hin taane, OPDOdhuma sanaayyuu ‘likkiitti galchuuf’ dhoksaa tokko malee dhaadachuu isaa ti. Murnichi akka malee biyya Oromoo irratti quufee bajigaa jiraachuu isaa warra hanga har’aatti arguu hin danda’in agarsiisuuf gargaareera. Fayyaaleyyii OPDO keessaa kanneen ‘IHADEG adda waloo ummatootaa kan walqixxummaan biyya bulchaa jiruu’ dha jedhee of gowwoomsuu fi of birayyuu darbee ummata gowwoomsuu kajeelu ‘likkii’ isaanii itti garsiiseera. TPLF fi OPDOn biyyattii keessatti iddoon isaanii akka toora leencaa fi toora kurupheetti kan wal irraa fagaatu tahuu dabalee labse. OPDO keessayis tahee achi irraa ala tahanii kanneen bara dheeraaf hurreen itti marame hurrii san irraa haxaawee bulguu dhiiga isaanii dhugaa turee fi foon isaaniis jaji’ee nyaachuuf hamuummachaa jiru ifatti agarsiiseera.

OPDO ‘likkiitti galchuu’ jechuun maal jechuu dha? Hiikkaan kanaa ifaa dha. OPDO keessaa qondaalonni gariin saba isaaniif quuqamuu jalqabuun ‘likkii’ isaanii wallaaluu dha. Akka dhala namaatti ‘ani maali, maalittin jira’ jedhanii of gaafachuu eegaluun ‘likkii’ isaaniif kennamte irraa ala bahuu dha. ‘Likkiin’ isaaniif safaramtee kennamte sun beekamtuu dha.  Waan Tigirinyaadhaan ajajaman shaffisaan Afaan Oromootti hiikanii Oromiyaa keessatti raaw’achiisuu dha malee asii ol waa gaafachuu miti. Oromiyaa keessatti ulee Tigiree tahanii Oromoota Oromummaan dhugaa itti dhagahamtu dhaanuu dha malee ulee sanaan of qolachuu kajeeluu miti. Qalqalloo dhortoo TPLF tahanii qabeenyaa Oromiyaa saamanii fe’anii dabarsuudha malee ‘qabeenyaan keenya maaliif saamama, eenyutu saaamaa jira’ gaaffii jedhamu hasaasuu miti. Qawwee warra TPLFitti rasaasa tahanii nyaachifamanii Oromoo adda keessa tumanii lafaan dhahuu dha malee ‘baarraqanii’ (afaan itti garagalanii) ishiidhuma dhawanii gombisuu karoorfachuu miti.  Walumaa galatti ‘likkiin’ OPDO waan TPLFiin ajajaman dafanii fudhachuu fi hafuuraa citaa wal irra ejjechaa shaffisaan hojiitti hiikuudha malee takka takka didanii mataa raasuu hin turre.

Har’a garuu ilmaan Oromoo dhugaan OPDO keessa jiran galaana gaaffii haqaa sabboontota Oromootiin liqimfamaa fi haqummaa gaaffii kanaa bifa adda addaan deeggaruun ‘likkii’ Tigiroonni duraan safaranii kennaniif irraa ala isaan baasaa dhufe. Qumxaa ‘jala deemtummaa’ qondaalota Tigraayiin safaramee hodhameefii kennametu isaanitti galuu didee babbaqaqee tarsa’aa jira.  Turjumaanummaa Tigiriffa irraa gara Afaan Oromootti raaw’atamutu lallaafaa dhufe. Jechoonni masaraa Wayyaanee irraa labsaman hiikkaa Afaan Oromoo dhabuu eegaluu fi bakka isaanii jechoonni Oromoo Oromoo jedhanii urgaahan OPDO keessatti mumul’ataa dhufuutu qabarichoo tahee bofoota Daddabiit mataa garagalchuu jalqabaa jira.

Kana yoo jennu garuu OPDOn akka OPDOtti har’ayyuu Wayyaaneef sadarkaa yaaddoo ta’u irra gaheera jechuu miti. Har’ayyuu OPDOn akka dhaabaatti meeshaadhuma Wayyaanee Tigiraayi. Aangoo siyaasaas tahee qawwee ittiin seenaa hojjetan harkaa hin qabu. Hoggana qalbii Oromummaa qabuunis durfamaa hin jiru. Parlaamaa kijibaa sana keessatti harka daneessa tahanii bara eeggatanii Tigiroota muummicha ministeerummaaf of irratti muuduu fi ashkarummaa Tigirootaaf qaban of irratti raggaasisuu malee akka dhaaba OPDOtti takkaa mataa raasanii ajaja gooftota Maqalee takka illee didanii hin beekani. Akka bishaaniitti bo’oo (maagada) Tigiroonni baasaniif keessa dhangala’uu malee, bo’oo ilaalcha Oromummaa kan mataa isaanii baafatanii itti xuruuranii hin beekani.

Amma akka mul’atutti Tigiroota biratti wanni yaaddoo tahe, OPDO keessaa ilmaan sabaa tokko tokko mataa ol qabatanii ‘eenyutu eenyuun ajaja, eenyutu eenyuun doorsisa?’ jedhanii of gaafachuu jalqabuu isaaniiti.  Wayyaaneen akkeessaa Koministoota Chaaynaa irraa kaatee ‘miseensota miliyoonota horachuu’ abjuu jedhuun wanni Oromiyaa keessatti dirqamaan raaw’achaa turte har’a jawwee tahee deebi’ee ishiidhuma yoo liqimsu argaa jirra. Ilmaan Oromoo dhabbiilee barnootaa olaanoo keessaa baratan doorsisaa fi gowwoomsaadhaan karaa irraa maqsitee miseensummaa OPDOtti kaadhimuudhaan hawwii isii kan guutuuf hin taane. Lakkoofsaan ilmaan Oromoo miliyoonota galmee miseensummaa OPDO keessatti galmeessuun milkaahina fakkaachuu danda’a ta’a .  Kaayyoon yaada kanaa garuu milkaahuu osoo hin taane yoo hongaawu mul’ate.  Hawwiin duraan ture ABO fi ilaalcha sabboonummaa Oromummaa Oromiyaa keessaa dandeenyu buqqifnee dadhabnu quucarsina kan jedhu ture. OPDOn ‘miseensota miliyoonota’ hammachuudhaan ABO fi walumaa galatti mooraa sabboonummaa Oromummaa caalee ol bahuudhaan, sagalee fi surraa guddaa horata jedhamee abdatamee ture. Garuu hin taane. Oromoo afaan qabanii ukkaamsuun, akka nama galaana dadarbatamaa yaa’aa jiru of duratti kabeebsee hiinaan gaafa achii cabsee dhoohu kan isuma fudhateenii dabru tahuutti deemaa jira.

Dhaadannoon Abbaay Tsahaayyee faa soda kana irraa kan maddu fakkaata. Sodaan isaanii duraan humna paartii isaaniitiin ala qofa irraa maddaa ture amma garaacha isaanii keessatti caaroo naqatee singiggoo itti gadhiisaa jira. Humna sabboonummaa Oromoo kan ABOdhaan wal qabatee sosso’u alatti of irraa eeggachuuf of ijaaraa yoona gahani. Humna qaama godhatanii waliin deemaa jiran tuffii guddaa waan qabaniif as garagalee nu nyaata taha jedhanii waan shakkan hin qabaanne. Halagoota maqaa Oromoo moggaafatanii Afaan Oromoo dubbatan mataa gubbaatti muudanii qabu waan taheef OPDOn yoo hangamuu sabboonomte toyannoo keenyaa ala baati jedhanii yaadanii hin beekani.

Waanuma fedheefuu ammas seenaan eenyuunuu caalaa ilmaan Oromoo OPDO keessaatiif qormaata ulfaataa dhiheessitee jirti. Hin geenyeen geesseetti. ‘Likkii keessan wallaaltaniitii, likkiitti isin galchina’ jechuun TPLF itti dhaadachaa jira. Akka dur godhan san kaameeraa televisiyoonaa fi maaykraafona sagalee waraabu of duraa fageessanii balbala cufachuudhaan osoo hin taane, ifatti yaaddoo tokko malee dhaadannoo isaanii dhageessisani. Ilmaan Oromoo sirna sana keessa jiran yoo dhuguma akka waggaa 23 guutuu ummatatti lallabaa bahan OPDO nutu harkaa qaba kan jedhan taate qormaata seenaan dhiheessiteef kana injifannoon irra aanuutu irraa eegama. Furmaata lamatu dhihaateef . Tigiroota ‘likkii’ ofii wallaalte ‘likkiitti’ galchuu, yookiin ufumaa salphatanii akkuma jedhame ‘likkiitti’ galfamuu.

Wanti tokko garuu ifa tahuu qaba. OPDOn bineensota Tigiraay kan quufee itti bajigaa jiru kana of irraa ‘likkiitti’ galchuu dandeessuus hanqattus, qabsoon ummata Oromoo diinota isaa ‘likkiitti’ galchuun waanuma hin oolle. Oromiyaa irratti ulfina abbaa biyyummaa Oromoo deebisanii gad dhaabuuf ammas dhiiga hedduu wareeguun itti fufa. Diinni ‘likkii’ Oromoo wallaale tolaan osoo hin taane dhiiga jagnoota Oromootiin ‘likkii’ ummata guddaa kanaa amanee fudhata.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Qaajjibboo Nafxanyaa Afaan Oromoo dubbattuun ”mootummaa kiyya” jedhanii waamuun ofumaan of salphisuu dha

Boruu barraaqaatiin Murni ergamtuu Nafxanyaa Oromiyaa irratti fe’amte kan ‘Mootummaa Oromiyaa’ ofiin jettu Oromoos tahee …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *