Oduu Haaraya

Karoorri Abiyoot Ahmad faanti dhoksaadhaan qopheeffatte kunoo..

Kallattii Hojiilee
Xiyyeeffannoo

W/Paartii Badhaadhina oromiyaa

Caamsaa 2012

Kallattii Hojiilee Xiyyeeffannoo
Hojii ijaarsaa fi siyaasa paartii keenya cimsuudhaan rakkoo gama
dhibee korannaa (Covid-19) nu qunnamuu danda’u xiqqeessuuf
karoorri fi kallattiileen heddu gadi bu’aa turanii jiru.
Akkaataa karooraatiin hojii hojjechuuf jalqabbiileen yoo jiraatanis
sadarkaa hundatti bifa walfakkaatuun raawwatamu dhabuu fi
galma kaa’ame karaa milkeessuun adeemu irratti hanqina bal’aan
akka jiru qorannaadhaan adda bayee jira.
Keessumaayyu barreeffamoonni yeroo yerootti qophaa’anii marii
hooggansaa fi miseensaaf gadi buufaman galmi isaanii guddaan
human caasaa keenyaa cimsuu,sochii diinaa dhadhabsiisuu fi
maandhe diinaa diiguu dabrees ummata bal’aa paartii keenya cinaa
hiriirsuudhaaf akka gargaaran yeroo fi humni baay’een itti
dhangalaafame kan qophaa’an yoo ta’anis haalli hojiitti itti
hiikamaa jiranii fi jijjiiramni isaan fidan Sadarka eeggame gadi dha.
Leenjii fi Mariiwwan gaggeeffamuuf karoorfamani tibba kana gadi
buufamanis hooggansi keenya jijiiramoota riifoormii booda dhufanii
fi hojiilee gurguddoo yeroo amma
▪ Ittisa Covid-19
▪ Gurma’insa keenya cimsuu
▪ Hojii Misoomaa fi Nageenyaa irratti hubannoo akka horatuu fi
ijjannoo cimaa akka qabaatu kan yaadame ta’us galma kana
bifa milkeessuu danda’aniin raawwatamu irratti hanqinoota
bal’aa qabu.
▪ Kanaafuu hojiileen asii gaditti tarreeffaman hojjachuun
hanqinaalee turan hiikuu fi galma kaawwameef milkeessuun
bu’aa safaramu (lakkaa’amu) fiduu akka danda’amu kallattiin
taa’ee jira

2

  1. Leenjii Kitaaba Rifoormii
    Barreeffamni kun akka paartii fi mootummaatti riifoormiiwwan
    gaggeessaa turree, bu’aawwan galmaa’an qormaatilee yeroo
    ammaa keessatti argamnu fi qabsoo nu eeggatu hubachisuun
    ijjannoo hooggansa keenya cimsuuf kan qophaayee dha.
    Akkaataa karooraa irratti akeekameen leenjii irratti kennuuf
    sochiin Godinaalee fi Magaalonni taasisan jiraatus qophii gahaa
    gochuu irraa jalqabe hanga raawwiitti garaagarummaan raawwii
    mul’atee jira.
    Kana malees kallattii taa’een ala deemu, guyyaa tokkotti maricha
    xumuruu, bilchina barbaadamuun raawwachuu irra dafi dafiin
    keessaa ba’uun akka jiru ilaalamee jira.
    Kanaafuu
    I. Galmi marichaaf kaa’ame milkaa’u fi dhiisuu isaa keessa
    deebiin qorachuun eddo hanqini jirutti irra deebiin
    gaggeessuun akka barbaachisu kallattiin taa’ee jira.
    II. Maricha hanga hooggansa ganditti harcaatii malee akka gadi
    bu’u gochu
    III. Xumurri marii sadarkaa hundaa kaka’umsaa fi ijjannoo cimaa
    hooggansa keenya biratti uumuu mirkaneeffachu qabna.
  2. Leenjii Miseensaa Bal’aa
    Sadarkaa hooggansaatti leenjiiwwan kennaa turre sababoota
    garaa garaatiin hanga ammaatti miseensa bal’aa bira hingeenye.
    Kun ammo hojiileen gama hundaan jalqabne humna paartii
    keenya guutuu sochoosuun milkaa’ina ol’aanaa galmeessuu
    irratti hanqina uumee jira. Rakkoo Kana hiikuuf miseensi
    bal’aan paartii keenya akkaataa ijaarama isaatiin leenjiitti
    galuun barbaachisaa dha.
    3

Kanaafuu :-
▪ Qophiilee milkaa’ina leenjii kanaaf barbaachisan dursa
lakkaa’uun xumuruu
▪ Human nama adda baasuu,
▪ Eddoo mariif mijaa’aa ta’e dursa qopheessuu,
▪ Maateeriyaalii mariif gargaaran hunda qopheessu/ Filaash,
Labtop, TV,tajaajila ibsa …./
▪ Rakkoon dhibee Fayyaa Covid-19 akka hinqunnamne
meeshaalee of eeggannoo dursa qopheessuu
▪ Nama meeqa,Buufata meeqatti akka leenjifnu adda baasuu
▪ Leenjicha irratti humni hirmaatu akka hinharcaane
gurmaa’insa isaatiin akka wal-kakaasee dhufu ergama
kennuu.
▪ Hordofiidhaaf akka gargaaru sagantaa ifa ta’e baasuun ittiin
hoogganu,
▪ Hooggansi Godina sadarka tokko gadi bu’e Aanaa akka
deeggaru,gaggeessaan kan Aanaa Ganda akka qabatu
gochuu,
▪ Leenjichi kan qophaaye kennamu garee misoomaa fi gandaa
gadiitti ta’uu mirkaneessu
▪ Humni leenjii irratti hirmaatu ijaarsa isaatiin akka
ta’uu,Miseensi hojjataa Mootummaa,jiraataa magaalaa fi
Q/bulaa akka wal-hinmakne dursa sirritti adda baasuu
▪ Leenjii keessatti waa’ee dhibee koronaa (Covid-19) akka mata
duree ijootti yeroon fudhatame akka irratti mari’atamu
ogeeyyii fayyaa waliin haala mijeessuun itti deemuun
barbaachisaa ta’a.

4

▪ Leenjii kana uwwisa miidiyaa kamiinuu akka
hindeeggaramnee fi hirmaattonnis naamusa leenjichi
barbaadu kabajuun akka hirmaatan taasisuu.

  1. Hojii Xiinxala sochii Paartiilee Mormitootaa
    Hojiin siyaasa fi ijaarsa keenya sadarkaa barbaadamuun
    gaggeessuun qalbii ummataa hawachuun keenya kan dhugoomu
    humnoota faallaa siyaasaa keenya dhageettii akka dhaban taasisuu
    yoo danda’ee dha. Kana raawwachuuf karoorri gama keenyaan
    qabnu akka eeggametti ta’e xiinxala haala humnoota mormitoota
    yeroo yerootti qabaachuun murteessaadha.
    Adeemsa hanga ammaa jiruun beekumsi hooggansi keenya haala
    paartiilee siyaasa irratti qabu baay’ee laafaa ta’uu irra dabre akka
    hojiittis ilaalamaa akka hinjirre gabaasa dhufaa jiru irraa
    hubachuun ni danda’ama.Faallaa kanaan sochiin humnoonni kun
    diigumsa biyyaatiif gochaa jiran yeroo gara yerootti dabalaa dhufee
    jira.
    Waan ta’eefis ammarra jalqabe dhimmoota armaan gadii irratti
    xiyyeeffachuun xiinxala bilchina qabu gaggeessuun dadhabsiisaa
    deemuu fi sadarkaan gabaasuun akka kallattii ijootti hojiitti
    qabatamuu qaba.
    ▪ Paartiileen morkattootaa Godina/Magaala keessatti karaa
    ifaa fi dhoksaa socho’an eenyu fa akka ta’an adda baasuu,
    ▪ Godinaa/Magaalaa gaditti Aanaa fi Gandootaa keessatti
    socho’an adda baasuu
    ▪ Haala mijaa’aa maaliif naannoo san akka filatan xiinxaluu.
    ▪ Kanneen Waajjira banatan/hin bananne

5

▪ Gaggeessitoota Paartiilee kanaa eenyu akka ta’an raga
guutuu qabaachu
▪ Miseensota meeqa akka qaban(maqaadhaan)
▪ Qaama hawaasa kam irratti xiyyeeffatanii akka hojjataa
jiran sirritti adda baasu
▪ Ajandaawwan isaan qabatanii socho’aa jiran Qaama
hawaasa kamiif ajandaa kam gargaarama jiru
▪ Tarsiimoo fi Tooftaawwan itti gargaaramaa jiran
▪ Namoota bifa maallaqaa fi qabeenyaatiin isaan deeggaran
enyu faa akka ta’an akaakuu deeggarsa maaliin isaan
tumsaa akka jiran
▪ Humna kana dadhabsiisuuf sochii gama keenyaan
taasifamaa jiru
▪ Sochii diinummaa (jeequmsa) isaan gaggeessa jiran sirritti
adda baasuu
▪ Mandhee diinummaa inni ijaaree sochoosaa jiru adda
baasuu,ummataan saaxiluu fi diiguu
▪ Haala irra jiran adda baasuun akka barbaachisummaa
isaatti tarkaanfii fudhachuu

  1. Ijaarama/Gurmaa’insa/Paartii fi Mootummaa
    Hojii paartii,Nageenyaa fi mootummaa karaa bu’a qabeessa
    ta’een raawwachuuf ijaarama cimaa qabaachuun murteessaa
    akka ta’e itti amaname gara ijaarsaatti galuun keenya ni
    yaadatama, Gama kanaan yaaliin taasifame yoo jiraates
    hanqinaalee heddu qaba.
    Kunis:-
    ▪ Ijaarsi seelii, hundee, Gandaa, Garee misoomaa fi Ollaa
    xumurame jedhame yoo gabaafames qabatama ta’uun isaa
    shakkisiisaa fi ragaan jirus tokko kan biraa waliin kan
    waldhayuu dha .

6

▪ Bakka heddutti humni ijaarame Walbeekuu dhabuunn,
hoggansa isaatin kan wal hin beekne fi waraqaa qofa irratti
kan hojjatame ta’uu
▪ Ijaarsi kun galma isaaf taa’en akkaata hoj-maataatiin ergamni
kennameefii hojii qabatamaatti kan hingalinii fi maqaarra
dabree bu’aa lakkaa’amu buusuu kan hineegalle ta’un
ilaalameera.
Kanaafuu rakkoolee olitti kaa’aman kana hatattamaan
hiikuun gara bu’a qabeeessummatti geeddaruun dhimma
boruuf hin bulfamnee dha.

  1. Ijjarsi paartii fi mootummaa raawwatame dhugaa ta’u irra
    deebiin mirkaneessu
  2. Hoj-maata ta’een seeliin fi hundeen marii eegalee adda
    baasuu
  3. Ergama ifa ta’e waliif kenne gara sochii qabatamaatti galuu
    isaa mirkaneessuu
  4. Ganda,Gareen misoomaa fi ollaan hoj-maataan walargee
    mari’achu ,ergama ifaa waliif kennuun sochii eegaluu isaa
  5. Hojiilee gurguddoo keessatti hirmaatu jalqabuu isaa
    ▪ Nageenya naannoo isaa kabachiisu,diina saaxiluu
    irratti
    ▪ Mandhe adda baasuu irratti
    ▪ Dhibee koronaa (Covid-19) irraa walbaraaruuf sochii
    taasisaa jiru
    ▪ Hojii Misooma qonnaa baadiyaa fi magaalaa keessatti
    qooda bayee jiraachu sirritti mirkaneessuun
    barbaachisa ta’a.

Walumaagalatti dhimmi ijaarsa ( Gurmaa’insa) cimaa qabaachuu
fi hojii paartii, Nageenya fi misooma isaan gaggeessu hundaa ol
murteessaa fi dhimma jiraachuu fi jiraachu dhabu akka ta’e sirritti
qabachuun jecharra dabre qabatamaan ummanni keenya gubbaa
hanga gadiitti ijaaaranne jijjiirama lakkaayamu gama hundaan fidu

7

akka danda’u hooggansa cimaa kennuun kallatti murteessa ta’ee
fudhatamu qaba.

  1. Hojii Nageenya
    Jijjiiramni akka biyyaa fi naannoo keenyatti fiduu eegalle hundee
    akka godhatu nageenyi amansiisaa jiraachuun murteessaadha.
    Gama kanaan tumsi hawaasni bal’aan mootummaa faana gochaa
    jiru akka jirutti ta’ee jijjiiramicha danquun biyytti dirree jeequmsa
    gochuuf keessaa fi alaa aggaammiin humnoota faallaa
    nageenyaatiin ajandaawwan badii garagaraa bocuun socho’uun
    mul’ataa jira.
    Humni karaa nagayaa fi seera mootummaa eeggateen gara
    aangootti dhufuuf ga’umsa hinqabnee fi kanneen aangoo qabatanii
    biyya kana saamaa fi dararaa turan adda tokko uumanii imala
    biyyatti danquuf socho’uu irratti argamu.

Keessumaayyu TPLF, ABO Shanee, KFO fi ABIN ajandaa
● Filannoon dabruu hinqabu
● Fulbaana booda mootummaan hinjiru
● Qaalayiinsa jireenya hammaatee jira,
● Mootummaan ummata ajjeesaa jira,
● Gaaffiin Oromoo hindeebine,
● Dhimmi hidha laga Abbayya nu hinilaalatu,
● Dargaggeessi hojii dhabee jira, fi kkf jeequmsaaf isaan
gargaaru bocanii adda uumuu dhaan jeequmsa
kaasuuf qophaaya jiru.

Qaamoleen kun giddu galeessi isaanii mootummaan biyya bulchuu
hindandeenye kanaaf mootummaan ce’umsa ijaaramu qaba
ijjannoo jedhu qabatani socho’aa kan jiranii fi karaa
qaxxaamuraatiin aangootti dhufuu Kaayyooffatanii yaalii ijibbaataa
gochaa kan jiranii dha. Kaayyoo isaanii kana galmaan ga’achuufis
tooftaaleee human jeequmsaa ijaaruun alaa galchuu fi biyya keessa

8

kan jirus bakka hinbeekkamnetti ergama badii fudhatee akka
bobba’u gochuu akkasumas maallaqa ramaduun meeshaa
waraanaa fi loojastiikiin deeggaraa akka jiran xiinxalli jiru ni
mul’isa.
Kanaafuu caasaa fi ijaaramni keenya sadarkaa hundarra jiru haala
kana beekee yoomiyyuu caalaa dammaquun dhimmoota asii gadii
xiyyeeffannaan hojjachuu qaba.
▪ Leenjii kitaaba Riifoormii fi miseensa bal’aaf gadi bu’e irratti
sochii humnoonni badii kun taasisaa jiran dabalataan
qabsiisuuni ijjannoon cimaan akka qabatamu taasisuu,
▪ Hawaasni bal’aan karaa ijaarama isaatiin ajandaa humnoota
badii kanarratti sirritti mari’ate kana fashaleessuuf, ergama
akka fudhatuu fi ijjannoo akka qabatu
▪ Ijaarsi paartii keenya hojii qabatamaatti akka galu, Mandhee
diinaa akka adda baasu saaxilu
▪ Caasaan nageenya (poolisii human addaa fi Milishaan) yeroo
kamiyyu caalaa qindaa’e ummata ijaarsaan hirmaachisa
human badii irraatti tarkaanfii hadhaayaa fudhachaa akka
deemu.
▪ Humna fuula haaraa (ፀጉረ ለውጥ) enyu, essarra akka dhufe
hordofu adda baasuu,too’achuu
▪ Magaalota keessatti humna jiraataa ta’ee fi kireeffatu adda
baasuu, raga qabachuu eenyummaa isaani baru
▪ Hoteelotni nama kireeffate bulu guyyaatti raga qindeessani
poolisii magaalicha akka beeksisan hojimaata diriirsuu, warra
kana hingoone irratti tarkaanfii fudhachu
▪ Namoota dhiyootti biyya alaati galanii fi fuul-duras galan
akkaata labsii Covid-19 ittisuuf ba’een eddo tursiisaa
(Corantine) akka galan gochuu,qunnamtii isaanii hordofuu,
▪ Humnoota jesumsaaf dhoksaanis ta’e ifaan nama kakaasan
too’achu,tarkaanfi fudhachu,

9

▪ Abboti qabeenyaa fi namoota bifa garaa gaaraatiin diina
gargaaran gocha isaanii irraa akka of qusatan akeekkachiisu,
yoo deebi’uu hindandeenye seeratti dhiyeessu,
▪ Iddoo hundatti sirna eegumsa nageenya cimsuu, sakatta’iinsa
dhaabbii fi tasaa eegumsa dhaabbiilee mootummaa fi
dhuunfaa gurguddoo cimsuu, Bu’uraalee misoomaa
Teeleee,Ibsaa, Daandii gurguddaa,riqicha murteessoo,
buufataalee poolisii fi M/Sirreessaa eegusi isaanii akka cimu
gochuu,
▪ Sochii diina abdii kutachiisu (deterance) caasaan nageenyatiin
karaa qindaa’een gaggeessuu,akka barbaachisummaa isaatti
tarkaanfii fudhachuun
▪ Humnoota yeroo garaagaraa dhiifamaan mana sirreessaa irraa
gadi lakkifaman fi kanneen haaroomsa fudhatanii ummatatti
akka makaman taasifaman maaliirra akka jiran adda baasuu
kanneen rakkootti galan seeraaf dhiyeessuu,
▪ Caasaa fi miseensa keenya yeroo adda addaatti hojiirra
qulqullaa’e ijaaruun nageenyaaf akka tumsu gochuun
nageenya mirkaneessuu qabna.

  1. Qophii kaadhimamaa
    ✔ Qophii kaadhimamtootaa haala ulaagaa taa’een
    qulqullinaan xumuruu fi koree qindeessituun
    mirkaneessuun erguu.
    ✔ Human namaa qophaa’u eeggataa waliin akka
    qophaayu gochuu
    ✔ Hirmaannaa dubartootaa %50 gadi akka hintaanetti
    qopheessuu.
    ❖ Walumaagalatti kallattiilee olitti tarreeffaman
    xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojiitti hiikuun imala
    badhaadhinaa eegalle gufuu malee itti fuufsisuuf
    jabaanne hojjachuu qabna.
    10

DAANDIIN KEENA IDA’AMUU DHA,
GALMI KEENYA BADHAADHINA!

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Murtiilee Konferensi Gurmuu Hayyoota Oromoo (GHO) 15.08.2020

Nuti, kanneen yaa’ii guyyaa hardhaa 15.08.2020 mataduree “Beekumsa hidhachuudhaan Oromoo fi Oromiyaa roorroo diinaa irraa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *