Oduu Haaraya

Karaa Lama: Tokko qajeelaa kuun boolla

 

Haala amma irra geenyeen siyaasaan Oromoo fi biyya sanii karaa dhanquu irratti deebitee jirti. Karaan tokko, kan amma qabanne kan wal loluu kun boollatti nu geessa. Karaan ji’oota muraasa dura ture, kan walhubachuufi tokkummaa sun ifatti nu baasa. Kan qajeelaa irraa haa kaanu.
Mootummaafi ABOn atakaaroo amma dhiisanii waliin cehuuf yoo murteessan ifatti ni baana. Kun kan ta’u
– ABOn akkuma waliigaltee mootummaa waliin godheefi waadaa ummataa seenetti siyaasaa lolaa dhiisee kan nagayaa geggeessutti yoo deebi’e; jechuunis WBOn bosonaa bahee humna nageenya Oromiyaatti yoo makame.
– Mootummaanis akkuma waliigalteefi amaanaa ummataa bakkaan gahuuf waadaa seene humna waraanaa kana barbadeessuu yaalurra ofitti fudhatee leenjisee humna nageenyaattii yoo make.
– Garri lamaanuu ololaafi waldoorsisuu dhiisanii ilaafi ilaameen mari’atanii filannoo nagayaafi bilisaatiif of qopheessutti yoo seenaan.
– Dhaabbileen hafan gara tokko goranii kaanitti duulachisuu dhiisanii garri lachuu daandii cehuumsaatti akka deebi’uu yoo carraaqqan
– Hayyoonni, abbootiin amantii, abbootiin gadaa fi ummanni baldhaan gamaa gamana goree ibidda lolaa ololaan itti shiduu irraa of qusatee gama lachuutti dhiibbaa gochuun karaa nagayaa qofatti akka deebi’an yoo yaale
– Dhimma keessoo keenyaa alagaatti walhimachuufi walabaaruu irraa of qusannee hulaa cufannee furutti yoo deebine

Gaafas karaa qajeelaa deemnee ifatti baana. Bilisummaa dhiigaan argamte kana kunuunsinee lafa qabachiifnee Oromoofi Itoophiyaas gara nagaya, dimokraasiifi misoomaatti ceesifna.

Kun ta’uu hafee daandii amma qabanneen yoo figne…jechuunis ABOn loltoota isaa galchuu dhiisee waraanaan injifadha yoo jedhe. Warri mootummaas obsaafi gorsaan dhimma fixuu mannaa lolaan daaraa goonee irra aanna yoo jedhan dubbiin bifa armaan gadii kanaan akka dukkana lammata hin ifnetti nu geessitu natti muldhata.

-ABOn waraana galchuu didee daran humna jabeeffachuu yaalutti seena ( eegalee jira)
– Mootummaan humna hidhate kana humnaan barbadeessuuf duula bana ( eegalee jira)
– Humna hidhate kana dadhabsiisuuf dhiheessa irraa kutuuf warra waraana waliin hidhata qaban jedhee shakku hidhutti seena ( eegalee jira)
– Warri WBO/ABO warra nu saaxilee nu qabsiise jedhu irratti tarkaanfii doorsisuu, reebuufi ajjeesuu fudhatu ( eegaleera)
– Mootummaan tarkaanfii kana irra aanuufi hidhaafi ajjeechaa miseensotaafi hogganoota ABOtti seena ( dhufaa jira)
– Warri ABOs bifa walfakkatuun tarkaanfii haaloo bahuu fudhachuu yaalutti seenu.
– Walshakkiinfi sodaan Oromiyaa haguugaa waan deemuuf shakkii qofaan miseensonni paartii biraa keessattu kan KFO mootummaan hidhamuufi doorsisamuu eegalu. Warri ABOs miseensota paartilee siyaasaa ODP deeggaranii adamsuutti seenu.
– Walshakkuu, balaaleffachuufi wal adamsuun kun bifa naannummaa qabachaa deemti ( eegalee jira)
– Qondaalonni mootummaa sadarakaa adda addaa jiran ‘shanee’ adamsuu sababa gochuun namootuma isaan morman garuu hidhata hin qabne haleeluu eegalu. Kun ammoo jibbi ummataa mootumaarratti akka cimu godha. Adadumaan qondaalota mootummaa kjiddutti walshakkiin uumamuun quba walitti qabuun wal ari’uun dhufti. Ibiddi alaa mana seene jechuudha.
– Yeroo Oromoofi Oromiyaan wal unkuran kana ormis caldhisee taa’ee hin laalu. Gara lachuufu ulee ergisa. Itti xiqqeessitee itti dabalii cabsi jedha. Ammaahuu eegalee jira…tokko ODPf kaan ABOf tifoozoo cimaa ta’anii ibidatti hafarsaa jiru. Kaayyoon isaanii Oromoon lamaan daddafee walqabatee daaraa akka ta’u, san booda daaraa keenyarra facaafachuufi.
– Ormis akka amma hawwu kanatti Oromoo waliin cabsee aangoo qabachuu hin danda’u. Oromiyaan jeeqmtee ollaan kun nagaya hin ta’u. Oromoon wal diigee Itoophiyaan hin jaaramtu. Wanti Oromiyaa keessatti ta’u hamtuufi toltuunis Itoophiyaa karaa akka qabsiisu waggoota shanan dabran agarree jirra. Sochiin Oromiyaa kophatti Itoophjiyaaf jijjiirama hin fidu osoo jedhanii dhufee jira. Maarree gaafa Oromoon lamaan waldadhabsiisee argan akkuma amalaa tuffiidhaan guutamanii aangotti harka hiixachuun hin hafu. Gaafa hiixatan isaanis alaa ‘xaalawa xaalaw’ dhiisanii ibidatti makaman jechuudha. Isaanis nutti dabalamanii ramacii abiddaa keessa galgalchuu eegalu. Jeequmsa niyya dhidhimsu kana hanqisuuf silaa akka biyya biraatii humna waraanaatu taaytaa fudhatee labsii muddamaatiin too’ata. Humni waraanaa biyti sun qabdu garuu ofiifuu morkiifi dhibdee sabaafi murnaa irraa bilisa waan hin taaneef adda hiramee lolatti hirmaata. Yugozlaaviyaatti waan ta’e mee dubbisaa. Itoophiyaan akka Yugozlaaviyaattis ripablika bilisaa ta’anitti adda babahuufuu carraa hin argattu. Waan sanirra hammaatetu dhalata. Walwaraansa xaxamaa hamaa keessatti kufti.

Scenario an armaan olitti katabe kun waan fagoo isinitti fakkaatuu mala. Jawaar akkanumaan sodaatee nu sodaachisa jettu ta’a. Na amanaa daandii atakaaroofi lolaa amma eegalameen deemnaan balaa ani armaan olitti tarreessee qofa mitii kan kanarra hamaa ji’a muraasa keessatti arguuf teessu. Dhaabileen siyaasaa Oromoo walhubatanii waliin deemnaan Oromiyaafi Itoophiyaa waan bal’oo hedduutti ceesisuu danda’u. Walafaan garagalanii lola amma eegalniin itti fufnaan Oromiyaas Itoophiyaas daaraa bubbeen fuute taasisu. Lola kana keessatti akka tifoozowwan gama lamaanii amananitti ABO barbadeessanii nagaa uumuun hin danda’amu. Akkasumas ODP qawween buusanii aangoo dhuunfachuu bira hin gahamu. Garri lachuu osoo waldhidhiitanii Oromiyaa, Oromoofi Itoophiyaas qabatanii boollatti kufu.

Kanaafuu yaa obboleeyyan kiyya osoo ijaan agarru boollatti nu hin naqinaa. Karaa qajeelaatti deebi’aa. Nagaya buusaa. Harka walqabadhaa biyya waliin ceesisaa. Yoo diddan silaa maal goona. Saba ni gorfanna. Rabbi itti kadhanna.

Nagayaan Oolaa
#Jawar Mohammed irraa

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

ONLY WHEN THE RIVERS FLOWS BACKWARD: THE LIBERATION OF THE GREAT OROMO NATION

  Part I   By Odaa Hora   “An empire itself has lived with a …

Yaada kanaaf deebisaa kenni