Oduu Haaraya

KANAA BEKTUU LATAA. LAKKOFSAA CALENDARA OROMOO LAKAWATUU KAN HABASHATIIN ADDA TA’UU INNIS KANA FAKATAA WALII SHARII GODHA

Dhaha Booranaa
Dhahaan Booranaa akkataa ittiin ummanni Oromoo Booranaa guyyaa, ji’aa fi waggaa lakkaawwudha. Dhahaan kun Dhaloota Kiristoos Dura bara 300tti ummame. Akka dhahaa kanaatti ji’a keessa guyyaa 29.5tu jira, waggaa tokko keessa ji’a kudha lamatu jiru, waggaa tokko keessa guyyaa 354 ta’a. Dhahaan kun torban kan hinqabne yoo ta’u guyyonni ji’aa tokko keessa jiran hundi maqaa qabu. Dhahaan Booranaa addeessaa fi urjiiwwanirratti hundaa’a.

Seenaa

Caasaa Edit

Dhahaan Booranaa dhahaa urjii fi addeessa irratti hundaa’u waan ta’eef, addeessaa fi urjiiwwan torba waliin daawwachuu barbaachisa. Maqaan ji’oota Dhahaa Boornanaa Bitootessa (Triangulum), Caamsaa (Pleiades), Bufa (Aldebaran), Wacabajjii (Bellatrix), Obora Guddaa (Central Orion-Saiph), Obora Diqqaa (Sirius), Birraa (addeessa goobane), Cikawa (gibbous moon), Sadaasaa (quarter moon), Abrasa (baatii guddaa), Ammajjii (baatii giddugaleessa) fi Gurrandhala (baatii xiqqoo).

Maqaan guyyoota ji’aa 27tu jira. Kanaafis, maqaan jalqabaa lama ykn sadi’i ji’a tokko keessatti irra deddeebi’ama.

Maqaa guyyoota ji’aa
1. Bitta Kara 10. Gidada 19. Adula Balloo
3. Bita Lama 11. Walla 20. Maganatti Jarra
2. Gardaduma 12. Ruda 21. Maganatti Britti
4. Sonsa 13. Basa Duraa 22. Garba Duraa
5. Sorsa 14. Basa Balloo 23. Garba Ballaa
6. Rurruma 15. Areeri Duraa 24. Garba Dullacha
7. Algajima 16. Areerii Balloo 25. Salban Duraa
8. Lumasa 17. Carra 26. Salban Ballaa
9. Arb 18. Adula Duraa 27. Salban Dullacha
Ji’a tokko kaanirraa addaan baasanii beekuf, marsaa addeessi irra jirtu urjii dhahaa wajjin walitti laaluun barama. Gareen urjootaa kun Lami (Triangulum), Busan (Pleiades), Bakkalcha (Aldebaran), Algajima (Bellatrix), Arba Gaddu (central Orion), Urji Walla (Saiph) fi Basa (Sirius) jedhamu.

Ji’ootaa fi Sirna Urjootaa

Dhahaan Booranaa ji’oota 12 qaba. Dhahaan addeessarratti waan hundaa’uf, ji’a tokko keessa guyyoota 29.5 qabata. Kunis waggaa keessatti guyyaa 354 ta.a.

Maqaa Ji’aa Urjii Dhahaa Maqaa Ingiliffaa
1. Bitoottessa Lami Triangulum
2. Caamsaa Busan Pleiades
3. Bufa Bakkalcha Aldebaran
4. Wacabajjii Algajima Belletrix
5. Obora Guddaa Arb Gaddu Central Orion
6. Obora Diqqaa Basa Sirius
7. Birraa addeessa goobana
8. Cikawa addeessa walakkaa caalu
9. Sadaasa addeessa nuusa
10. Abrasa baatii guddaa
11. Ammajji baatii giddu-galeessa
12. Gurraandhala baatii xiqqoo
Akka Dhahaa Booranaatti, waggaa haaran ji’a Bitootessaatti gaafa guyyaa “Bittaa Qaraa” jalqaba. Kunis yeroo addeessi baatin urjii Lamii wajjin mul’atedha. Kana booda, Dhahaan Booranaa maqaa guyyoota ji’aa calluma jedhee hordofuudhan amma ji’i kun dhumutti deema. Ji’i itti aanu yeroo addeessi baatin urjii Busan wajjin baatu jalqaba. Kunis erga ji’i Bitootessaa jalqabee guyyaa 29.5 booda kan uummamudha. Haa ta’u malee, maqaan guyyoota ji’aa 27 qofa waan ta’eef, guyyoonni ji’a keessa jiran odoo hin dhumin maqaan guyyaa dhuma. Kunis adeemsuma dhahichaati. Guyyoonni hafan maqaa jalqaba ji’arratti fayyadaman irra deebi’uun dhuma ji’aatti fayyadamu. Kunis ji’oota hunduma keessatti tokko yoo ta’u amma urjiin dhahaa fi addeessi waliin dhufanittii jalqa ji’arratti guyyaa lamaa fi sadi’i gidduutti darbuu danda’a. Ji’i inni sadaffaan yeroo addeessi baatin Bakkalcha wajjin baate jalqaba. Adeemsi kun ji’oota ja’an jalqabaatif urjoota hafan wajjin ittuma fufuun kan deemu ta’a. Urjiin dhahaa kun ji’a ja’an hafaniif Oromiyaa keessatti sirumayyuu hin ba’ani. Kanaafuu, jalqaba ji’oota kanaa urjoota dhahaa odoo hin fayyadamin addeessuma qofa ilaalun murteeffama.

Check Also

usmaayyoo muussaa

Yaadannoo artist Usmaayyoo Muussaa

Sagantaan yaadannoo Artist Usmaayyoo Muussaa magaalaa Finfinnee Hoteela ILILI INTERNATIONAL tti torbaan dhufu ni qophaawa. …