Oduu Haaraya

Kan Qabnu Jabeeffachuu

Qabama Oromiyaatt karaa xumura itt tolchan barbaaduuf jaatamoota keessa dargaggoon Oromiyaa golee fi jireenya hallee gad yaa’anii. Baras karaa adda addaan mormiin Oromo yeroo dheeraaf gaggeeffamaa ture. Dudhaa Gadaa saanii dhugoomsuuf abbaawummaa dhaloota tokkomsuu fudhachuuf murteeffatan. Jaarraa 16faa as seenaa saanii keessatt yeroo jalqabaaf maqaa guutummaa sabichaan sochi hunda tokkummaan hiriirsu ijaaruu dandahanii jiru. Dhaaba malbulchaa sagantaa sabaawaa qabu, Adda Bilisummaa Oromo (ABO) uuman. Sun murnoota qabsoo faffaca’anii turan adda tokko jalatt walitt fiduuf carraa kenne. Sochichaa guutummatt ilaalan malee gartokkee qofaa ifsuu yoo yaalan danaa waliigalaa hunda roga dhabsiisuu dandaha. Dilormaa Oromiyaa guutummaatt naannaa sochii bilisummaa sabaatt hiriirsuuf gara walakkaa jaarraa tokkoo yoo fixu, addunyaan gadadoo saanii caalaatt akka hubatu gochuun gara kurnan lamaa dabalate. Rakkina saanii addunyaan gahachuuf Oromiyoo hedduun gad bahaa jiru; haatahu malee caalaa cimaa fi kan dhimma baasu tahuuf dhaaba malbulchaa caalaa jabaa isaan feesisa.

Erga qabsiifame sochiin bilisummaa Oromiyaa jija hanga tokko galmeessee jira. Rifannaa fi abdii kutannaa guddaa mooraa diinaatt naquun kan durii caalaa bitintirseeran. Seenaa ABO barruunqabii tokko keessatt hanga yoonaa walitt hin funaanamin hafuun waan nama gadisiisu. Kana irraa kan kahe abba tokkooti akka fedhanitt yeroo qaaqan mullatu. Seenaa saa ifaan dhaaba yk qorumsaa gadi fageenyaan tolfame argaa dhageettii irraa dhihaachuu gaafata. Kana malee uumaan lafjalee tahuu sochichaatiin, kan qooda hin fudhatin hafee, miseensi tokko illee yoo waan waliigalaa hin taane qooda ofii fudhate irra dabarsee raga bahuu hin dandahu. Warraqxoti Oromo kanneen hin beekamin moora diinaa seenanii dirqama dhaabaa utuu bahatanii darbanis ni dabalata. Oromoon, sabboonota gurguddoo ABOn bartokko jiraatan hedduu qabu turan; jarri sun dirqiitt miseensota ABO tahuu hin qaban. Kanaaf jaalbiyyoota lubbuun hin jirre hanga dhaaboti yk barruunqabi amanaman hariiroo saanii raggaasisutt maqaa dhahuun isaaniif qajeeltuu hin tahu.

Qabsawota hunda waliin akka qindeessaatt quunnamtii waan qabaataa tureef, Baaroo Tumsaa,murnoota sabboonota adda addaa lafjalee fi ifaa, namoota biraa caalaa beekuu dandaha ture. Kanaaf amma inni hin jiru waan taheef dubbii kana dhaabichaa fi argaa dhageettiif dhiisnee haala qabsoon amma keessa jirtu irratt yoo xiyyeeffanne wayya. Waan halleefuu sagantaan walitt qabamee fi wayyeeffame 1976, 1989 fi 1998 ABO hin binxa’iminiin kanneen baruu barbaadaniif if bahee jira. “Gowwooti bakka maleekaan qaxxisuu sodaatan keessa dirrisu” jedhama. Kan qubaa ofii waan beekumsa saaniitii ol tahett dhahuun seenaa sochii bilisummaa Oromoo wallaalinaan yk dira’ina gargar facaasuun roga dhabsiisaan jiru. Sun dhaabbachuu qaba. Golee Oromiyaa kamiiyyuu haa tahanii kanneen kaasaa waloof hogganaa fi qabsaawaa darban hundi gootota Oromooti. Sabichi seenaa saanii utuu hin tuqamin jabeessuu qaba. Ammaaf nammuu qoccolloo dhaloota darbe keessa ture didhaa dhaloota si’anaa jalaa miliquuf itt fufuu yaaluu hin qabu.

Sochiin dargaggootaa sun erga jalqabe wal qayyabachuu dhabuu fi rakkinaan faalamaa jiraate. Sunis kan tahe yaadan adda bahinaa fi gana keessaan, akkasumas rukuttaa alaa fi luxe galtuu mootummoota Itophiyaa, Somaalee fi bitamtuu saaniin irraa gaheenii. Haa tahu malee walhaadhaban malee murnooti keessaa mirga sabummaa of ofii kan walabummaa dabalatu murteeffachuu Oromoo, gaaffii jala hin galchine. Hamma jijjiirammi empayera irra gahutt kurnan lamaaf wareegama guddaatu baafame. Hanga sanatt dabballooti hundi kaayyoof amanamoo turan. Addoti bilisummaa empayeritt keessa jiran kan ABO dabalatu garee loltuu dabsatanii mootummaa cehumsaa (MC) tokko dhaaban.

Loltuun bilisummaa tokko tokko, MC gaha dhumaatt fudhatanii turan; kaan garuu akka jalqaba qabsoo walabummaa nagaatt fudhatanii. Yammusii kaayyoof amanamaa tahuun baqaqaa agarsiisuu kan eegale. Himata Yasuus Kirstoos dhagahaa guddanne nama yaadachisa. Hogganni barattoota saa illee sadarkaan gidiraa itt haanuu utuu hin gahin yeroo heduu ganeen jedhama. Kan ABO waliin wal fakkeenyi inni qabu kan raajiitii. Amma taatoti haaraa fi dullacha yabboo Oromoo irratt kaayyoo irraa hamaa ittisna jedhanii fakkeessaaf kakachaa, dhossaatt waan annisaa kaayyoo irratt diina waliin yoo dhoofsisan mullatu. Kun gara caaluu kan mullatu “Dhaloota Fidalaa” gidduutti (Fidalli qubee Habashaati).

Tokko tokko akka tasaa itt dhagahamee xaxxaaxawuu, garuu qabatanii turuuf akeeka ititaa irratt hin bu’uurfamne. Mooraaa Oromo keessa ijaajjanii afarsoota sirna Nafxanyaa waliin waa’ee qabama Oromiyaa raawwachiisuu utuu hin tahin, hanqina demokraasii Itophiyaa keessa jiru irratt wal gipha’uu. Qayyabannoo fi nameenyaan saanii walfincila hedduu waan qabaniif annisaa warraaqsa Oromoo hubachuu dadhabu. Warraaqxoti Oromoo angafoota irraa waa’ee hariiroo darbanii baratanii jiru. Namooti gamnaa fi janna turan akka Goobana Daaccee illee gana gurguddoo Habashaa irraa of baraaruu hin dandeenye. Oromoon isaanitt firoome kan du’a ulfina qabu argate hin jiru. Saba ofii jireenya gadadoo jalatt dhiisanii si’ana kan kiyyoo saaniitt didichan jiru. Ammallee waan itt qabatan ummatanii deebi’uun yeroon itt darbe hin jedhamu, ummati saanii kara itt hin cufatu.

Joonjee qabsaawota Oromoo keessa seene dhiifnee jija tibba cehumsaa yoo kaafne, Oromoon galma saanii durii, Finfinneett gargar baha dirqii jaarrotaa duuba deebi’anii wal arguu; Oromiyaa gara tokko yayyabachuu fi Oromiyaan Finfinnee irraa fedha akka qabdu beekamuu; mirgi Oromoo walabummaa dabalatu hiree ofii ofiin murteeffachuu ifaan beekamu; afaan ofiin barachuuf hojjechuu; abacaa Oromoo “Qubee” hojii fi barumsaaf ifaan beekamuu faatu argama. “Fidalli” koloneeffataa humnaan hojiirra ture Qubeen gagggeeffamuu fi qabsoo keessatt aangoon dhaloota “Fidalaa” dadhabaa fi qabaan koloneeffataa laaffataa dhufuutu argama. Dhalooti qubee caalaa warraaqaa, sammuun walaba, uggaa fi kutataa, godaannisa qaanii koloneeffamaa hin qabnetu as bahaa jira. Oromoon humna riphaa Oromiyaa fi naannaan sun hafee Afrikaa abdii tahu qaba. Humni kun homishaawummaa, aadaa, seenaa fi lakkoofsas ni dabalata. Wayyaaneen humna Oromo cabsinee facaasuun yaroott dabalaa jedhee dhaadata jedhama. Garuu sun abjuu guyyaa fi waan kolfaati. Yaaliin kun gaafa duubatt dhiitate ija facaasuun akka dhufu ammumaa akeekkachiisuun dansa.

Miseensoti dhaloota “Fidalaa” yeroo qabsoon Oromoo gaggeeffamaa jiru fedha ofii kan hordofan turanii. Hundi mirga filannoo waan qabaniif, sun hamaa hin qabu. Rakkinni kan jiraatu, yeroo nammi tokko shakala qooda keessatt hin fudhatinii fi waan yeroo sana tahan hunda akka hin jirrett ilaalu. Wareegama dabaankufoota Oromoof malee dammaqinni malbulchaa si’ana mullatu hin argamu ture. Kanneen hanga ga’eessummaatt qabsoo irraa halaala turn wareegama sanaaf malee gaarii milkomatt geessa jedhanii fudhatan, maqaa fi bu’aaf utaalanii irra bahuu hin yaadan turani. Mormiin Oromoo hardhaa itt fufa isa darbee, kan abbaan dabaree, dhalooti qubee itt darbee. Kanneen waarisiifatanii dhufan hanga diina irra goruun lammii ofii gocha adda addaa akka, ajjeesuu, basaasuu fi miiddhaa adda addaa irratt hin raawwannett yooyyoo jedhamuu qabu. Gocha ofiitt gaabbanii seenaa gootota Oromoo akka hin mullanne gochuu yaaluun qaanii sana caale. Gaaffiin kan tahuu qabu, yoom qabsoott dabalamee utuu hin tahin erga itt dabalamee maal gumaache tahuu qaba? Qabsoo Jabeesse moo caalaattuu Oromoo addaan baase? Dirqama sabaaf itt dabalame moo shira ergamsa halagaa qaba kan jedhu?

Si’ana xawalwaallee duubatt harkiftuun dhaloota Fidalaa keessaa, kan gadadoon darbe itt fakkaatee carraa keessa gugachuu argameen bu’aa fi maqaa gonfachuuf qabsoott seenan jiru. Akkuma gahaniinis bita mirga blaleffachuu eegalan. Dharraa bahanii mullachuu, waan dansa tolchuun utuu hin tahin kaan xiqqeessuun bahachuu yaalan. Yaada fudhatamaa se’an hundatt cicuu dandahu. Kanaaf keettoo diinaan madaqfamuuf tolaa kan tahan. Kan isaan keesssa turan qabsichi Oromo akka isaan yaadan qananiisaa utuu hin tahin gidiraa dhawataa qabaachuu saa hamma hubatanitt. Hedduun saanii mormiin Oromoo TPLFiin kuffisee Mootummaa Cehumsaa isaan gahaa guddaa keesaa qabaatan dhaabuuf karaa haxaawuufii dadhabuun qaata isaan daaffisee.

Miseensoti dargaggoo Oromoo hedduun keessaayyuu dhalooti qubee qabsicha walabummaa Oromiyaaf tolfamu fulduratt dhiibuuf karaa hedduu yaala jiru. Ifaajjee garaa qulqulluun dargaggoon tolchan waliin dhahuun fashalsuuf namooti ofittoo fi bolola aangoo qabanii fi keettoo diinaa tahan jiru. Roga dhabsiisuu fi maqaa balleessuun mallattoo daldalaa saanii keessaa tokko. Ummati Oromoo sochoota akkasii kan nama salphisuu fi maqaa balleessuu irratt bobahan sirinyaan caqasuu qaba. Hankaasituun akkasii hanga yaada nama xurree qabsicha sirrii irraa garagalchanitt, kan dhihaatan hunda caalaa, dhimmamaa fi sabboona fakkaachuunii. Ulaagaan kan fakkeessituu fi warraaqxota gargar itt fuudhan hobbaatii qabatamaa agarsiisaniinii. Hangam nama dhugaa tahanu wanti jedhaniif kan homishan wal hin gitu taanaan jiru hin baafnee irraa maquu dha. Yeroo, horii fi giidoo hamilata hin baafne irratt fixuun bu’aa hin qabu.

Hankaasituun bifa hallee akka Oromiyaan walaboomtu hin fedhanii. Kallachii fi ujuun qabsoo walabummaa Oromoo Adda Bilisummaa Oromoo isa dhugaatii. Battalli diinni diiguuf itt kakatus isa sanaa. Diinni, abba tokkoota Kaayyoo walabummaa dhaabatt dhiisanii itt dhaqan afaa diimaan hin simanne. Oromoon empayera jaallatan, empayerri kan saanii akka hin taanee fi jaalalli saanii Goobanatt akka isaan ida’u dandahu beeku dha. Karaa biraa ABOn kan saanii fi kan saba saanii abdiin saa itt hidhamee tahuu hubachuus qabu. ABO hardha rakkoo hooggansaa qaba taha. Garuu sun taheef dharraa fi abjuun ummata Oromoo yoomuu gad hin galuu. Michuun empayeraa, empayera halagaa caalaa, biyya eenyuttuu hin sutamne irraa hedduu buufachuu wan dandahaniif walabummaa sodaachuu hin qabani.

Kanneen bilisummaa Oromiyaatt amananiif kaayyoo ABOn sagantaa malbulchaa jalqabaa irratt dhiheessee alatt filmaati hin jiru. Karaa biraa kanneen walabummaa Oromiyaatt hin amanne jiru. Sanneen akaakuu lama qabu; tokko wanti fedhe yoo tahe, Oromoon Itophiyaa irraa gargar bahuun hin hayyamamuuf ofirroota jedhani; inni kaan gaaffiin Oromoo Itophiyaa demkratoftuu keessatt deebii argata kan jedhan. Isaan duubaa kana waliin murni bilisummaa hanga tokko deemuu ni dandaha taha. Dhuma irratt murteessaan ummata waan taheef hanga inni ofii murteeffachuuf aangeffamutt waliin deemuun ni dandahama. Itt galli saanii garuu achitt hin dhaabbatu, murti ummataa duubas kaayyoo fiixaan baasuun itt fufa. Qayyabannoo kanaan hunduu waliigaltee waloo malee utuu halagaa keessa hin galchin karaa itt tolu filatee gara ummata ofii aangessuutt sosso’uu dandaha. Imaammati hariiroo halagaa waliin tolfamuu qaba. Dirreen gamtaa biraan, kan diinagdee, malbeekii fi hawaasomaa waliin ilaalamu dandahu.

Walqaboon bilisummaa duraa, jecha Oromoo tokko nama yaadachiisa. Dhirsaa fi niitii ulfatu taa’anii hawwaa saanii haasawu. Dhirsi, hurufa gamaa sana bitee, cireen garbuu facaasee yeroo gahu gurgureen farda rimaa bitadha jedhe. Ishoo dhirsa koo jette niitiin; animmoo fardatii yaabbadheen warra keenya bira da’umsa dhaqa jette. Dhirsichi aaree, farda koo rimaa garaa baasuufii jedhe utuu hin yaadin niitii garaa irra dhiitee ulfa irraa baase jedhama. Lafti hin bitamne, midhaan galfatan hin jiru, fardis hin bitamne garuu mucaa hin dhalatinii fi jalala waliis ni dhaban. Oromoon mirgi hiree ofii, ofiin murteeffachuu hojii irra ooluu utuu hin mirkaneeffatin waa’ee walabummaa yk hirkatummaa irratt mataa wal cabsuun akka namicha yaadan farda bitee tahuu dha. Yookaan mirga sana akka inni hin shaakalanne hankaaksuun yaadamee tahuu dandaha. Jireenya abjoomaa keessa kan jiraatan dhugaatt aka deebi’an yaaluu dha.

Yoo waa’ee ABO dubbanu waa’ee taatotaa fi haala dhaabichi bar tokko keessatt of argu utuu hin tahin waa’ee kaayyoo yk akeeka inni diriirseetu. Oromiyooti bakka hallett taliilessanii sana akka hordofan ifsatanii jiru. Kaayyoo, qubee fi mallatoon inni beeksise, Odaa fi faajjii “mogge lamaan diimtuun” adda addummaa ilaalchaa utuu hin hedin mallattoo diddaa sabaawaa tahanii jiru. Qabsoon ABO jiraachisuu kufaatii sona cehumsaa duuba jalqabe waggaa waggaan caalaa hammaata dhufaa jira. Utuu warraaqxoti dura hin dhaabbannee yeroon murni tokko ABO fi kochonchola saa biyya halagaa biratt akka mallattoo daldalaa dhuunfaatt galmeeffachuu yaale ture. Yeroo ABOn dhaloota abbaa horofaatt darbu fagoo hin tahu jennee haa abddannu. Kanaaf kanneen waa ijaarachuu fedhanii haala walxaxaa keessa seenanii jiran dhaabota hawaasomaa dhaabuurratt utuu xiyyeeffatani caalaa hoomishaawaa taha. Qabsoon dargaguma qofa utuu hin tahin warraaqaa tahuus ni gaafatti. Kanaaf dargaggoon dubatt harkiftoota karaa walabummaa irraa isaan mucuceessan eeggachuu qabu. Adeemsa malbulchaa (politikaa) baranii wal barsiisuun kan warraaqaa irraa eegamu.

Dhaabi Oromoo kamu, kan malbulchaa tahe kannen hawaasomaa kan duubaan eegeen itt hin sutamne, bulchaan of irratt hirkata tahuu qaba. Kana malee dhaaba Oromooti jechuun rakkisaa dha. Maqaa ABOn iddoo qabatanii sochii takaalaa kan jiran ofii beekanii fala dhahuu malee kara deemaan hanga xireeffatutt eeguu hin qabanii. Of gamagamuun of irratt murteessuu namoota dandahan tahuun saanii beekamaa dha. Akka murnaatt murteessuun yoo rakkisaa tahe qabsoon ummataa kana caalaa hanga samutt eegamuu hin qabu; kan warraaqa tahe ofii murteeffachuutu irraa eegama. Hanga ABO sagantaan saa guddicha waliin jirutt dhaabi malbulchaa haaraan hin lalisuu. Kanaaf kanneen waa ijaarrachuuf dhama’aa jiran jaarmota hawaasomaa Oromoo adeemsa saa gara bilisummaaf deggertuu tahan irratt xiyyeeffachuun waan gorfamu. Waanti tokko yoo irraan bososu jalaa latun ajaja uumaati. Heddun haala akkasii waan hin hubanneef irra qofa ilaaluun ABO jabeessuu mannaa baaleessuuf oliigad jedhaa jiru. “Lallaafina baajii nu harca’a jettee sareen duukaa yaati” isa jedhantu dhufaa jira. ABOn hundee jabaa waan qabuuf hanga qaammi inni irra dhaabbate du’ee badutt hin harca’u, itt bahama deema.

Kan sabaawoti Oromoo hundi beekuu qaban bu’oota eeggatanii fi misoonfatan qabaachuu dha. Maniin gahamanis jiru; sunis yoo ifaajjeen waloo jiraate caalaatt wayyaa taha. Gurguddoon Oromoo bakka lamatt bahuu barreessaan kun komachuu dhagahee, beekaan Oromoo tokko ilaalcha Oromoo keessa lammooyyeen jiraachuu yaadachiiseenii ture. Utuu sana tahee yayyabii hawaasaa ni jiraataa jechuu dha. Garuu sun kan madde dorggomee dandeettii walii amanuu dhabiisaa yk fedha ofiffumaa abbaa irraa kan ka’e tahuu ni dandaha. Gabaabaatt kan tolchaa jiran lamooyyee dudhaa hin calaqisu. Kan lachanuu ni argamsiisna jedhanii kakatan akkaasii kutii maxansii isa kaaniiti; kan waliin dorgomaa jiran akeekota utuu hin tahin murnoota isaan duuba jirani. Danaa dorgome irraa gara kan gamtaatt jijjiiranii utuu wal irraa yaada garagaggalcha hin barbaachifne hin tolchin, atooma lamooyyee dudhaa uumu jennee haa abdannu.

Rakkinni Oromiyaan qabdu fuulhedduu dha. Hanqinni dirree hallee, murna lamaa, qubqabsiis ambaa lama, Mootumma Mitii lama qofan kan furamu mitii. Fixiqacee, dhibdee Oromoo akka sabaatt balleessuuf dorsisan keessaa isa afooti. Dhukkuffataa fi bela’aa gargaarsa dhowwataa; karoora warraa fi maatiin qabatanii dhalaa fi dhiira Oromoo maseensaa fi sangoomsaa; bisaan nyaachisuuf garbatt reebaa, hidhaa, guraaraa fi ajjeesaa; qoteebulaa hin yaadinitt waraana bobbaasaa; afaanii fi aadaa Oromo hacuucaa; bishan dhugaati haddhaan faalaa fi mandheetii jireenyaa gidduu kosii hamaa tuuluun jiraattota ajjeesaa jiru. Sun dhaabbachuu qaba.

Utuu safuun Oromoo hundaaf akkaataa jireenyaa tahe sabichaaf jija guddaa dha. Dudhaan, Oromoon afaan saanii ni eeggatuu; afaan baduun safuu dha. Alii al martii hiriyaa keessattis afaan baduun jira. Sana malee, haala addaa, akka gaafa buttaafaa ni hayyamama taha. Si’ana guyyaan halle gaafa Buttaa, nammi halle hiriyaa guddaa fi xinnaa hin qabne tahee jira. Namooti yaada hawaasaa hogganan hamaan rukutamaa oolu. Qubqabsiisoti hawaasomaa sabaawota sammuu dhiphoo fi keettolee diinaan falamanii jiru. Namoota yaada ambaa hogganan tuquun kan isaan duuba jiran hubee hawaasaa gargar baqaqatti geessuu dandaha. nameenyaan abba tokkee ulfoo dha, tuqamuu hin qabu. Hedduun keenya mirgi of ifsuuf qabnu darqama namummaan kan biraa kabajamuu qaba jedhuu waliin aka dhufu barachuu qabna.

Seeran bulmaati bulchoota irraa gaafannu nuwis ni ilaala. Maqa balleessii fi sobi seermalee fi safuu dha. Ambatt bahanii nama arrabsuun addaggumaa dhiifama hin qabne. Salphoo qofatu ofii beekamuuf kan biraa salphisa. Nama tokko jibbuun kanneen biraas jibbaaf hiriirsuu yaaluun cubbuu dha. Dhaabi cimaa fi amanamaan dhibuun ummata keenya barsiisaa hangameessa safuu fi malbulchaan hawaasoma dhabsiise. Bakka sun hin jirrett mamiin diinatt dudda gatachuu guddaa tahaa; keessaattuu naannaa hamee jaallatutt ni hammaata. Kanaaf, hedduun toora shanaffaa fi galtummaan wal mama. Kun, haala caba MC 1992 duuba misaa dhufe; malbulcheesitooti abbaawumman gaafataman jiru. Bu’uurri Oromummaa ititaa tahullee jaldhooti farra hawaasomaa tahan nannaa hawaasaa faluuf gaddhiifaman jiru.

Gaammee ol kan jiran hafee gaammeenu akka eenyuu mudaa hin dhabne beekuu. Mudaa akkasiiti kan diinni adamsee fira walitt naquu. Garuu sabaawoti gamni yeroo hunda, akka akeekaatt lammii fi bu’aa mamii kennuu qabu. Haddheessa mirkanii hin taanee utuu hin abbalin gama diinaa nama dhaabuu dandaha. Hawaasi iyyaatiin saa jette jettee irratt bu’uurfame waraanni hafee dilii dabsachuu eeguu hin qabu. Oromiyaan namoota abbaa malaa hedduu qabdi. Namooti akkasii qabeenya sabichaa, kan kununfamuu fi eegumuu qabanii. Weedduu, walaloo fi qaaqaan wal haddheessuu fi walsalphisuun hafee karaama sanaan diina Saaxiluu fi mogolee buusuun sabboonaa galata qabu tahuu dha.

Dhaaboti malbulchaa fi noolaa, diinagdee fi ogeeyyii fi dhaaboti amantee waan uumamaniif qabu. Dirqammi saanii duraa jiruu uumamaniifii. Kanaaf hariiroo fi walqunnamtiin biraa sadarkaa lammaffatt dhufu; Nammi tokko yoo hojii manaa ofii tokkoffaa irra haanuu hin dandeenye isa diigee jara kaanitt dabalamuun garagarummaa fiduu yaaluu malee dhaaba ofii maqaa qofaan jirutt dhama’uu hin barbaachisu. “Tokkummaa dhaabota Oromoo” jedhanii iyyuun haala jiru jalatt garagarumman agarsiisamu hanga hin dandeenyett dhimma hin baasuu. Caalaattu kantara waliigalaa fi waan bu’aa hin qabnett geessuu dandaha. Hoogggansa warraaqaa murteeffataa, ciigoo hundaa fi sammuu gandummaa irraa bilisoman qofatu qabsoo bilisummaa sabaawaa keessatt gargagarummaa fiduu dandaha. Hoggansa mala beekuu, jannummaa, amanamummaa, murtteessummaa fi dudhama qabu qofatu qabsoo bilisummaa sabaa injifanon gaha. Hooggansa akkasiiti kan sabichi kota’ee guddifachuu qabu.

Humni nu oofu Oromummaa dha; innis afaan ittiin of ifsannu, eenyummaa, tokkummaa, bilisummaa, walabummaa fi boona keenya. Kanneen hundi qabeenya Kaayyoo keenyaati. Yoo ummatoota addunyaa bilisa tahan tokkoott yoo of hedne kaayyoo keenyatt cichuu qabna. Sabi Oromoo jija dafqaa fi dhiiga ilmaan saatiin galmeeffate qaba. Oromoon sabboonota falmaniifii fi mesharkaa akka qubqabsiis hawaasomaa kan yeroo inni sagalee hin qabne sagalee tahanii tajaajilaniin qaba. Hundi saanii hanqina qabaatanis, hololli hamaan irratt gaggeeffamus, qabeenya saanii nafii qaban, kanneen eegamuun irra jiru. Hundarra Oromoon madda abdii saanii walabummaa fi bilisummaa tahe kaayyoo qabu. Kun dhugoomuu kan dandahu dhaaba malbulchaa hoggansa jabaa tahu yoo qabaatan.

Gara malbulchaan dhaaba kallacha qabsoo Oromoo tahe ABO fi kanneen kaayyoof dudhama qaban haaromsuu fi jabeessuun abdii fi abjuu sabaawaatt iggitii tolchuu dha. Gara hawaasomaan dhaabota hirphaa fi hadhaadhyyuu biqilaa jiran, tattaaffii hawaasaa fayyaa qabeessa uumuu fi humna wayyaba tahe dubaroo fi dargaggoo ijaaruu fi barumsa hundaaf babaldhisuu jajjabeeffamuu qaba. Yoo hamee fi haddheessii hin qabatamne qabsaawota irratt hololamu dhugaa tahe illee qabsoon walabummaaf tolfamu hin dhaabamu. Gama diinaa dhaabbatanii lammii walaba tahe haleeluun safuu dha. Wanti maqaa Oromoon sosso’u hundi ulfinna, lubbuu fi qabeenya Oromoo waan tuquuf dhimma sabboona hundaati. Oromiyaa walabi haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Bitootessa 2016

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!!Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AKKA HUNQAA OSOO GUBATUU KOFLUUN OROMOO GOOLABAMUU QABA.

  Biyya Oromummaan yakka tahetti ayyaana sabaaf sablammootaa kan heerri mootummaa kijibaan dhaadheessanii fi federaalizimiin …

One comment

  1. Yonatan shubee gaffoo.

    Namoon gosaaf gandaan wal ijjaarani ABO baleesuuf akka kutataani ka’an bekamaadha, hanga suun hin hafneeti ABOn wara gandaaf gantootaati hin latamuu . Wareen abo digaani ilmmaan oromoo wal ajjesissaan biyya Awuropaati baqqaatan achi himimmaan gogaa bohaa jiraan abadaan itti hin bahani qabiriin isaan achuuma taati malee , haturuu malee qabsoon oromoo karuuma shanee gumii adda bilisuummaa oromoo galuuma gaha kana argamsiisuuf akka shunfaakkotiis ta’e jarmiyyaan dukka jiruu wanan dan dahuun oliti gatii basee wajjiin hojjeechaan jira.

Yaada kanaaf deebisaa kenni