Oduu Haaraya

Kan Dhufu To’atuuf Kan Dabre Beekuu Feesisa.

Baarentuu gadaa Irraa//

Beekaa, hayyuu ykn qaroo akka hin jenneef kan isaan ummatootatti
himan, barsiisuuf yaalan, fudhachiisuuf tattaafatan dogoggora
kaleessaa kan hin sirreessine ykn hin dhabamsiisne tahe.Dogoggora
sirreessuu irra sirrii akka tahetti akka fudhatamuuf dhidhiibuun ammoo
yakkatti ilaalamuu qaba.Yakkasi.
Fudhatama rakasaa fi hundee hin qabneef, akkasumas deggersa lubbuu hin
dheeranneef jedhanii dhugaa mul’ataa fi qabatamaa irra ejjatanii dhara
jechootaan daboolanii dhiheessuun har’aaf haa fakkaatu malee bor itti
qaanfatama. Mataa gadi nama qabachiisa, oolee haa bulu malee ittis
nama gaafachiisa.
Akka ummataattis tahe matayyaatti kan keessa dabranii fi keessa jiran
gilgaallatuun yo danda’ame qofa, egeree kan miidhagfatuun danda’amu.
Kan kaleessa keessa turame dagatuun kan har’aa wallaaluutti geessa.
Kan har’aa wallaaluun kan borii beekuu ykn dhuunfatuu irratti rakkoo
uuma. Kanaafi beektonni “Seenaa dabre kan beeke kan amma keessa jiruu
fi kan fuula duraa to’atuu ykn beekuu danda’a”kan jedhaniif.Maaltu
ture? Maal kanraawwatame? Maal raawwachuu ykn guuttachuu barbaanna?isa
jedhuuf deebiin gahaa argamsiisuufseenaa ofii beekuu irraa eegala. Kan
seenaa isaa hin beekne galii isaa beekuu hin danda’u. Galiin seenaa
dagatuun karoorfamus dogoggora kan uumu qofa osoo hin taane
kufaatiitti geessa.
Rakkoo siyaasaa Itophiyaan itti hammacamaa jirtuuf dhabamuun mirga
dimokraasii sababa isa duraa ti. Wal qixxummaan ummatoota gidduu
dhugoomuu  dhabuunis hundee rakkoo biyyattii waliin dhalatee waliin
dulloome dha. Akeekaa fi yaada qaban irratti gurmaa’uun, yaada ofii
walaba tahanii ibsatuu fi dubbatuun ugguramuun, rakkina bittootaan
uumame furmaata hin argatiin jiru akka tahetti itti fufee jira. Kun
hundi walitti eda’amee jeequmsa siyaasaa, hiyyummaa, beela, boodatti
hafummaa dagaagse.Itophiyaan tarree biyyoota hiyyeeyyii keessaa akka
hin baane taasise. Itophiyaan biyya beelaa fi deegaa, bodatti
hafummaan keessatti dagaage tahuu irraa addunyaan akka fakkeenyaatti
eerga moggaafamtee xiqqaatu mootummoota sadii dhaqqabamee jira.
Walakkaa jaarraa dabre keessatti mootummaan Wayyaanee/TPLF mootummaa
3ffaa tahuu isaa ti. Hamaan kanneen wal duraa duuba dhufan hundi
kufaatii dabre irraa kan hin baranne tahuu isaanii ti. Haaraan
aangootti ol bahu kan isa duraa balaaleffatuu irra dabree jijjiirama
mul’ataa agarsiisuuf kan hin hojjatne tahuu dha kan ummatootaan
beekamu. Afaaniin balaaleffataa ykn badii tureef kan dabre gaafatamaa
taasisuun kan ammaa gaarii ykn dhimmaa akka hin taasisne ummatoota
hundatuhubata. Maalummaa mootummaakan ibsu dalagaa isaa malee
balaaleffannaa dhageessisu miti.
Mirga dimokraasii ummatootaa fi nam-tokkee afaaniin kabajuu dhaan
Wayyaaneen dorgomaa hin qabu. Osoo ololaan badhaadhinaa fi guddina
argamsiisuun, of gahanii osoo hin hagabiin jiraatuunni danda’ama tahee
kan Wayyaaneen duratti badhaafamu hin jiru. Akka ololaa fi
balaaleffannaa Wayyaaneetti, dimokraasiif falmuu fi kabajuu dhaan
Wayyaanee kangahu hin jiru.
Beektotni ilmaan ummatootaa kan ummatoota isaaniif dhimman buufata
qorannoo “Ma’ikelaawii” jedhamu keessatti hammeenyi suukanneessaa
irratti raawwatame kumootaan lakkaa’aman. Dhiirri mana hidhaa Gaannama
lafa irraa jedhamuu danda’u keessatti kolaafame, laamsha’e, sammuun
joore, akkanuma kumootaan lakkaa’aman. Dhalaan itti taphatan,
fannisanii tuman, qalbii fi qaamaan cabsan lakkoobsaan kaa’uun hin
danda’amu. Dhala namaa lammii kiyya jedhan irratti hammeenyi kun maaf
raawwatame? kan jedhuuf deebiin gabaabaa akka mootummaan  barbaadetti
jala deemuu diduu irraa ti. Hundaan olitti kanneen hammeenya
suukanneessaa akkanaa raawwatan seeraan kan hin gaafatamne tahuu dha
kan gaddisiisu.
Zamana Wayyaanee kanneen hammeenya raawwatan gochaa isaaniin boonu
irra dabranii kan aangootti ol baafaman, muudaman tahuun ammoo
Itophiyaan biyya seeraan bultu osoo hin taane fedhaa fi haayyama garee
ykn murna aangoo qabateen kan bulfamtu tahuu haala hin shakkisiisneen
mirkaneessa. Baacoon baacoo caaluu fi tuffii ummatootaaf qaban kan
addeessu ammoo bara Dargii malee bara Wayyaanee homtuu kan keessatti
hin raawwatamne fakkeessanii, maa’iikalaawiicufne!jedhanii lallaba
kijibaa lallabuu isaanii ti.
Mootummaan Wayyaanee mootummaa isa dura ture hammeenya
“Maa’ikelaawiitti” raawwate qofaan osoo hin taane farra wal qixxummaa
tahuu isatiinis yakkamaa taasisa. Dargii yakkuun qofti Wayyaanee/TPLF
haqa qabeessa hin taasisu. Dalagaa isaatu ilaalama. Dimokraasii
lallabaa farra dimokraasii tahuun miidhaan ummatoota irra geessifame
kan Dargii ol malee gadi hin tahu. Wal qixxummaan haalamee murni
gabaabaa waan hunda irratti murteessaa fi waan hunda dhuunfatuun
irratti ajajaa of taasisuun,kan bara Dargii dachaa hedduun caala.
Siyaasaa irratti abbaan Wayyaanee dha. Dinagdee biyyatti kan
dhuunfatee jiru Wayyaanee tahuu ragaaleen agarsiisan  gahaa tii oli.
Saaminsa adeemsifamuun alatti imaammata hordofamaa ture gadi faginaan
yoo ilaalame kan dhaloota ummatoota cunqurfamoo, ummataa fi biyyaaf
akka hin yaadne taasisee ofittummaa babal’ise akka tahe irraa
hubatama. Imaammatni kun naannoo bittootaa kan hin ilaalle akka tahe
beekamuu qaba.
Har’a Tigraayin alatti bulchiinsa mootummaa naannoo gara garaa
keessatti ofittummaa daangaa dabretu haa tahu jedhamee babal’ifamuu
irraa “anaaf”kan jedhu baay’atee argama. Saba kiyyaaf, biyya kiyyaaf
kan jedhu hin danatu. Kun ammoo “Hojjattee duroomuu ykn akka afaan
Wayyaaneetti miliyoonara” tahuu dandeessa kan jedhuun dorgommii
kijibaa uumame keessaa madda.  Kijiba tahuu irraas hojjatee,  duroome
gadi bahuu hin dandeenye. Kan isaan foddaa Televiziyoonaan
agarsiisanis tahe badhaasan, takkaan takkee dhamaasuu hedduun kan
dabre irra wayyoomina agarsiise dha. Har’a kunneen badhaafamaa turan
wayyabni bakka turanii lafa dhiitu ykn bakka duraaniitti deebi’anii
jiran. Hojjatanii argatuu fi duroomuuf mirgi ummatootaa fi dhala namaa
kabajamuu qaba. Bakka mirgi dimokraasii hin jirretti duroominni kan
hannaa fi saaminsaan argamu dha.
Sirna wayyaanee keessatti maqaa daandii, bishaan, ibsaa, mana yaalaa
fi tajaajiloota bu’uuraa  uummataaf  jedhamanii  qabeenya biyyatiin
qabdu, gargaarsaa fi liqii  biyya alaa biliyoonoota dhibbaan  biyyoota
lixaa fi bahaa kanneen akka Chaayinaarraa argamus yoo fudhanne; kan
hojjetamee fi maallaqani itti dhangalahaa turee fi jiru amma samii fi
lafaa walirraa fagaata. Uummanni  maqaa isaatin  liqeeffatame, maqaa
isaatin kadhatame daandii hin arganne, bishaa akkasi, ibsaa hin beeku,
kilnika fayyaa isaa itti eeggatu hin arganne.
Dhugaan har’a  Impaayeera  Itiyoophiyaa keessa jiru kan argisiisu
mootummaan Wayyaanee /EPRDF Dargii abaaraa jirurraa karaa kamiinuu
fagoo hin jiru.  Inni hojjetame   jedhamu mataan isaatuu daandii yoo
ta’e, fuunduraa yoo hojjetamu duubaa buqqa’aa, diigamaa deema. Mana
barsuumsaa fi kilnika yoo ta’e osoo hojjetamee tajaajila kennuu hin
eegalani dhodhaawaa fi baaxii isaa bubbeen fudhatee  barattootaa fi
ogeessoota fayyaa irratti jiga. Bishaan  ujummoon diriirfamee osoo
bishaan keessa hin darabin waggoonni 7 fi 8 darbanii  biyyeen
nyaatamee  hojiin ala ta’a. Ibsaansi har’a boru argfattu osoo jedhamuu
utuban dhaabbate  akka dhaabbateetti hafaa, bakka gariitti jijjigaa,
waggoonni 27 darbaniiru. Bakka baayyeetti ammo osoo hin hojjetamin
hojjetame jedhamees  qarshiin biliyoonaan lakkaawwamu nyaatamee
hafeera, kanneen akka  warshaalee sukkaaraa bilioonni 200 ol itti
kasaarame  ykn itti nyaatame fakeenya guddaadha.
Walumaa galatti  egaa hojettanii jiruu ofii fi kan uummata ofii
foyyessuu keessatti DorgommiinWayyaaneen uume kan loogummaa fi shiraan
xaxame waan ta’eef  hannaa fi saamichaan of duroomsuun  hojii ijoo
ta’ee ifatti dhimma itti bahamaa jira.  Sirna kana keessatti
Obboleessa deegsuun ofiif duroomuun, lammii ofii gowwoomsuun
badhaadhuu, qotee bulaa lafa isaa irraa buqqaasuun of duroomsuu dha
kan baratame. Kontraaktarri karaa, hospitaala, bishaan, mana barumsaas
haa tahu kan biraa hojjachuuf kontraata fudhatu maallaqa nyaatuu malee
isaa hojjatee xumuruun gabaasuu hin mul’atu.Maallaqa nyaateefis hin
gaafatamu.Baajata daandiif, bishaaniif, ibsaaf, mana yaalaaf fi KKFF
irraa hatuun dantaa ofii irra oolfachuu dha kan Tigraayiin alatti
babal’fame.  Balaa Kanaanis projektiin bishaanii, mana barumsaas ,
fayyaa fi kanneen biroo akka calqbamnitti hafanii uummanni guyyuu
himachaa oola.
Egaa Dhugaa qabatamaa ummatootaan beekamu kana haaluun waan hin
danda’amneef mootummaan Wayyaanee/TPLF amanee fudhatuuf dirqameera.
Mootummaan hattummaa isaa amane, deegaa fi hiyyummaaf sababa tahuu
fudhate, bulchiinsa haqaa argamsiisuu kan hin dandeenye tahuu
ofirratti ragaa bahe, badii turee fi jiru kan sirreessuu danda’u ana
qofa jedhee falmaa seenuun ummatootatuffatuu dha.Ofis sobaa jira.
Mootummaan Wayyaanee/TPLF bifa kamiinuu Impaayera Itophiyaa keessatti
jijjiirama ummatootni gaafatan, barbaadanii fi fedhan argamsiisuu hin
danda’u. Akeekaa fi kaayyoo isaatu isaaf hin haayyamu. Maddi galii
isaa waan gu’uuf dura dhaabbata malee hin deggeru. Waan taheef kan
ummatootaaf hafee jiru qabsoo itti jiru bakkaan gahuuf warraaquu qofa.
Waadaan tarrifamaa jiru kan kijibaa hojiin hin agarsiifamne, kan yeroo
ittiin bitatuuf tarrifamu tahuu qalbifatamuu qaba.
Shiroota olitti tarrifamanii alatti ummatootni addatti ammoo ummatni
Oromoon daldala siyaasaa maqaa Oromoon geggeeffamaa jiruhubatuun irraa
eegama. Maqaa Oromoo qabatanii ykn maxxanfatanii Masaraa seenuun
ummataaf faaydaa hanga hin argamsiisnetti maqaa qofa hafa. Maqaa
Itophiyaatiin kan aangootti fidame, tiksuufis waadaa seene ammoo
dantaa Oromoo irra ejjatuun waadaa seene  guutuu irraa boodatti hin
deebi’u.
Kanaaf ragaan  muummicha ministeraa haaraa Dr. Abiyyi gaafa muudama
isaa haasaa godhe keessatti tuqeera. Kan kaleessaa ykn seenaa dabre
kaasuu dhaan falmatuun barbaachisaa miti jechuun dubbate. Kun eenyuuf
akka akeekame hubatuun rakkisaa hin tahu. Gama biraan ammoo seenaa
waggoota dheeraa tarrisuun mooraa barbaadutti ummatoota dachaasuuf
isaa yaaluu dhaga’ameera. Kun hundi garuu furmaata akka hin taane ifaa
dha. Gama biraan muummichi ministeraa kun Baalee Roobeetti haasaa
ummata Oromoo naannoof taasiseen “Diinni Oromoo mohee hin beeku
Baandaatu moosise malee” jechuunis dubbateera.  Akkuma beekamu baandaa
jechuun nama ummata isaa qofa osoo hin taane ofis ganee diina ummata
isaa waliin hiriiruun miidhaa dhaqqabsiisu dha.
Qabsoo Oromoo keessatti baandaan/gantuun miidhaan qabsoo bilisummaa fi
ummata Oromoo irraan geessisaa turanii fi geessisaa jirankan diinaan
olitti herregama. Cubbuu ummata ofii irratti dalagamu keessatti qoodni
jaarmayaan isaan hogganamuu maali?isa jedhuuf abbaan dhimmi ilaallatu
deebii itti kennuun irraa eegama.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …