Oduu Haaraya

Kan Daud Ibsaa waliin hidhata qabu Girmaa Xurunaa qofa osoo hin taane namni maqaan isaa Sheeraa je’amus qunnamtii kan caalu qaba.

SHEERAA

 

Namni maqaan isaa SHEERAA je’amu bara 2012 keessa Asmaraa irraa gara biyyaa ergama.

Akkuma Sheeran biyya seeneen humni tikaa Wayaanee haala mijjeesaniifii akka warreen

Asmaraatti hafan waliin yeroo barbaachisaa tahetti qunnamtii tolchu taasisan. Sheeraan yeroo

fedhetti telefoonaan ykn i-meeliin kanneen Asmaraa jiran qunnamaa ture ammas qunnamaa

jira. Sheeraan hojiin isaa inni guddaan dhaabarraa ergameen dhufe jechuun dargaggoo oromoo

biyya keessaa fedhiin bilisummaa kakaafte walitti qabee yeroo isaan gurmaa’wan hiisisuu dha.

Dardaroota oromoo ABOn karaa bahaa jiran, karaa lixaa jiran ykn karaa kibbaa jiran walin isin

qunnamsiisa jechuun innis akkuma Girmaan gochaa jiru gandarraa isaan kaasee yeroo isaan if

kennuu isaanii argu humna tikaa Wayyaanee itti yaamuun mana hidhaatti darbuu dha.

Maqaan isaa dhaaba biratti Sheeraa jechuun beekama haatahu malee yeroo biyya seenee

namoota qunnamuu eegale maqaa hedduu baafachuudhaan namoota maqoota adda addaatiin

1 Obsaa Mohamed 2 Shamsudiin Abrahim 3 Shadii 4 Tulluu 5 Berhan Desta 6 Gaagaa fi kkf…

Namoota ABOn Asmaraa irraa humna addaa jechuun SBO irratti himatan keessaa kanneen hin

hidhamin hafan tokkolleen hin jiran. Namoota Sheeraan hiisise keessaa hangi tokko akka

Ahmad Jundii Keeniyaarra as deebisee hiisise

Waraana saglii takka ykn nama 8 meeshaa waliin diqamaaf gara Ciroo soso’aa je’ee yeroo isaan

Birraa Sabaa Somaaliyaarra yaamee yeroo inni biyya seenu hiisise

Daud Ibsaa yeroo namni kun takka qabsiisu irra kutee namni lammaffaa yeroo qabamu maaliif

qabaman je’ee hin gaafanne. Hagga har’aa yeroo namni kun namoota kana dila qabsiisee

ajjeesisu homaa dhaabufillee yaalii hin goone. Akka tahettuu lubbuu baafatanii kanneen

Keniyaa fi Somaaliyaa seenan yeroo haalli mijaahufitti as bahanii dubbachuun isaanii hin oolu.

Ammatti nuti humna hin qabnu, yeroon keenya ni dhufti jennee abdannee jiraanna.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …