Oduu Haaraya

Kadiir Martuu waltajjii irratti ummata boochise!

Xalayaa Jaalalaatiin

Guyyaa har’a magaala guddittii Ameerika, Waashingtan DCtti, qophii gargaarssa Oromo (Oromo Benefit Concert) kan Machaa-Tuulama dhaan gaggeefame haala ho’an xumuree jira. Qophii kanarrattii artistoota bebbeekamo kannen akka Daawwit Makonnen, Abdi Nuuressa, Haacaaluu Hundeessa, Jambo Joote, Tujjii Muddee fi baandii guutu wajjiin ummata Oromoo 300 ol bashanansiisaniiru. Qophii koonsertii kun ummata bashanansiisu qofa utuun taane haala Oromiyaan amma keessa jiruu fi tumsa gargaarsa qabsoo ummata Oromoo kana buusii gochuuf kan karoorfame akka ture waldaan Macha fi Tuulama nuuf ibsaniiru. Waldaan Machaa-Tuulama bara 2014 irra amma yoonatti doolara kuma 60 ol warroota harka diina irratti wareegamanii fi maatisaani akkasumas warrootni miidhaman gargaarsa isaanif malu gumaacha kan ture dha. Ummatnii Oromoo biyyoota Ameerika, Awrooppa, Austraaliyaa, fi Saa’ud Arabiyaa gumaacha gama qarshii qofa utuun taane gama diploomasiitin akka ummata bira dhaabbatan  marsariitii xalayaa.com yaada jedhuus isiniif dabarsa.

Qophii tumsa Oromoo kanarrattii, Haacaaluun Hundeessa sirba Maalan Jira erga ummataan haala ho’an fi dinqisiifatameen bashanansiise booda, artistoota Oromoo kanneen guyyaa kaleessa Bitoteessa 19, 2016 Ameerika seenan waltajjiitti ol waame. Artistoota Oromoo, kanneen akka Zarihun Wadaajo, Shukri Jamaal, Yaanet Dinquu, Kadir Martuu fi Daawit Taasisaa, waltajjii irratti haasa gabaaba taasisan. Ummatnii harka rukutuu dhan sagalee dhan galma guutu iyyisiisu dhan artistoota keenya haala dinqisiifatameen simannaa hoo’a dhan simatan.

Artistii kabajamaa fi jaalatama kanneen artistoota dhaloota qubee fakkeenya kan ta’e, artistii Zarihuun Wadaajoo yeroo calqabasaa Oromiyaa ala bahuunsaa har’a erga nutti himee booda. Haasa gabaaba akkana jechuu dhan ummata waltajjii irra jiruun gurra buuse, “Wal argina hin seene baga nagaa dhan wal agarree! Amma dhaamsa anii isiniif dhaamu dhaamsa Oromiyaarra isiniif fide dhaggeefadha! Midhaan waliin facaafnee, dhiiga jalleewaniin, dhiiga lafeen midhaan faca’ee, haramamee, guddatee, haamamee,  midhaan baase asheete, bishaate, amma kootaatii walii-wajjiin bakkan geenya isiniin jedha Oromiyaani.” Itti dabalanii akka artistii Zarihuun akka jedhaniitti tokkummaa biyya keessa magarsee kana biyya alaattis akka cimee itti fufuu akeekachiisaniiru. “Biyya Oromiyaa jedhamuu keessa wal qooduu hin jiru, Wallagga hamma Wallootti, Boorana hamma Harargeetti, Wallaggaarra hamma Baaleetti hamma Shawaa giddu galeessatii guutuu Oromiyaatti wal qooduun hin jiruu!!…” jedhanii haasa fi dhaamsa gabaaba dabarsanii turan.

Kan kanarra darbee immo, Artistii dhaloota qubee keessa dhalatee guddatee Artistii jaalatamaa fi kabajamaa artistii. Shukrii Jamaal gara waltajjiitti haasa gabaabas kennee ture. Shukri Jamaal akkuma artisti Zarihun Wadaajotti hamilee fi iyyaansa dhan hamilee ummataa dhan simatame. “Baga nagayaan nu eegdan! ani wantii ani jedhu hin jiru kana caala. Zarihun fixee jira, ulfaadha” erga jedhan booda, miira nama hawwatuun walatajjicharratti harka ol fuudha, “Oromiyaan tan Oromooti” si’a sadii sagalee ol fuudu dhan ummata galma guute kana ol kakaase.

Ittii darbee immo artistii kabajamtuu fi jalatamtuu artistii Yaanet Dinquu, uffata aadaa Oromoo uffattee bareeddeen, haasa gabaaba ummata Waashingtan DC, galatoomfatte. “Galatooma isiniin jedha baga nagaan nu eegdan isiniin jedha ulfaadha galatooma!” jettee sagalee bareeddu ulullee fakkaatun ummata gammachiifte!

10455695_852286841584627_2902011015060648691_n1

Xumurarrattii, artiisti kabajamaa fi jaalatamaa, Artistii Kadiir Martuu carraan daqabnaani iyya gammachiisa fi gurra nama duuchun galma guutu iyyisiifame. Hamilee hammana hin jedhamnee akkuma artisoota kaanitti simatame. Akkuma beekamu, Artisti Kadir Martuu darara cimaa mootumma biyya bulchaa jiruun dhaqabeen nama miidhamee jiraachusa sirrittii kan beekamu dha. Yeroo inni maayiki qabatu, ummatnii galmichaa haala miira nama hawwatuun”Kaadir Kaadir Kaadir” jechaa maqasaa ol fuudha turan. Itti aansuu dhan immo Kadiir Martuu ummata Oromoo guutu kabajaaf galata guddaa galchee ture, “duraan dursee maqaa keessaniin maqaa kabajamaa dhan Addi Bilisummaa Ummata Oromootin, Maqaa alaaba Oromootin galatooma!!” jedhee ummata galatoomfate. Itti dabaluu dhan maqaa gootowwanii baratoota Oromoo fi warreen sababaa qabsootin biyyaa bahaniis galata daanga hin qabne galatoomfatee ture. “maqaa barataa kanneen wareegamaniitin, maqaa barataa dhiignisaa dhangalaa’etin, Qabsoon tapha mitii qabsootu biyya isiin baase, ilma babbareeda, dhiira babbareeda, shamarran babbareedaatin. Rabbiin maqaa leenchawwan saniitin, arraan tana barataan Oromoo dhiigasaa dhangalaa’e, ijoolle waggaa afurii, ijoolle wagga kudhanii qabsoo kanarrattii wareegamani arguu dhaf tokkumma ilmaan Oromoo mirkaneessa!” Kadiir Martuu haasan isaa kokkeetti rakkatee utuu immimmaan xurursaa ummata waltajjii keessa jiruu boosisee, “Guyyaa kana baga rabbiin isiin agarsiise, Bilisummaa ilmaan Oromoo isiniif haa agarsiisu rabbiin..” jedhee haasa gabaaba fi dhaamsa gabaaba akkaata itti xumuruu dadhabee imimmaan haaqacha ummata galma jiru hamilee miira nama tuquun iyyanii.

10360703_739215666181420_1146134162827757895_n

Artistoota keenya kunii, Zarihun Wadajoo, Shukri Jamaal, Yaanet Dinquu, Kadiir Martuu fi Daawwit Taasisaa, qophii koonsertii biyyoota Ameerika keessa gochuuf karoorfataniiru. Koonsertii Bilisummaa jedhuun guyyaa Oromia Media Network (OMN) waliin wal ta’u dhaan guyyaa Bitoteessa 26, Oromiyaa xiqitittii kutaa Menisootaatti qopheesuf karoorgatanii jiru. Sagantaan kunii namoota kuma tokko ol simachuuf galmmii kireefameera Waldaa Oromoo Kutaa Minesoota (Minnesota Oromo Asociation) ibsaniiru.  Oromootni Menisoota fi kutaale garagaraa koonsartii ajaa’iba kana irratti argamuuf waadaa seenaniiru.

Tokkummaa Ummata Oromoo biyya keessa fi biyya alaa haala gammachiisa akka ta’e bara kana mirkanaa’usaa agarsiisa jira. Diinni ummata Oromoo shira adda adda ummata Oromoo gidduu kan xaxaa turan barrii kunii fi kan asii achii kan isaanif akka hin milkoofne ummatnii Oromoo harka wal qabachuu dhan diina ofirra cabsaniiru!

Marsariiti xalayaa.com irra kan isiniif barreesse, Naa’ol Abba-Firrisaati.

Galatooma injifannoo kan Ummata Oromooti! Gadaan kunii gadaa nutii ilmaan keenya garbummaa utuun taane bara bilisumma ijoolle keenya dhaalchisnuu dha!

Hora Bula!

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …