Oduu Haaraya

JOINT CALL FOR OROMO NATIONAL UNITY AGAINST GENOCIDE 10 September 2017

 

Nuti hoggantootni dhaabotii siyaasaa Oromoo bilisaa asii gaditti mallattoon keenya mul’atu
duguuggaa sanyii mootummaan Wayyaanee nannoo Bushooftuu, Harargee, Walloo, Baalee,
Boorana, Gujii, fi akkasumas Oromiyaa bakka birootti raawwachaa jirtuun haalaan yaaddoo
keessa seennee jirra.
Kanneen balaa duguuggaa sanyii kana keessatti maatii isaanii dhabaniif jajjabina hawwina.
Kanneen soda tokko malee jagnummaan yeroo hamaa fi haala hamaa kana keessa Oromiyaa
guutuu keessatti mootummaa bineensa kana dura dhaabbatan qeerroo, mangudoolee fi
miseensota dhaabaa ulfinaa fi jaalala isiniif qabnu ifaan mul’isuu feena. Mootummaan kun
aangoo irra turuuf duguuggaa sanyii inni raawwachaa jiru ifirraa qolachuuf, badiinsa Oromiyaa
baraaruuf maal gochuun akka nurra jiru namoota haqa uummatni Oromoo akka ilmoo namaattii
qaban deggeraniif gaaffii isa olaanaa tahee jira.
Yeroo yerrootti haala hamaa sabummaa keenya ball’eessaa jiru kana ifirraa ittisuudhaaf
waamichi tahu bu’aa malee hafuun, mootummaan Wayyaanee hulluuqxe seentota dhaabaa fi
hawaasa keenya keessa tamsaasuun waan yeroon hin gaafatin irratti falamaa yeroo dheeraa
fudhaturratti humni keenya qisaasamuun akka uummata keenya cinaa dhaabbannee falammaa
hin godhin hafuun nu-yaaddessee jira. Hawaasni Oromoo biyya alaa jiran dhiheenya kana walitti
dhufanii mare haala ittiin uummata keenya baraaran marihachuun waan nama jajjabeessu.
Haata’u malee, yeroo hatattamaa kana, yeroo akka sabaatti jiraachuu fi jiraachuu dhabuun gaaffii
keessa gale, waltahiinsi xiyyoon isaa waan tokko tahe walgahii biyyoolessaa (Oromo National
Convention) kan Oromoo gola hundaa waliin dhaabuu dandahu, argamuutu irra jira.
Akkasumas, walitti dhufeenyi dhaabolee siyaasaa Oromoo yaalamaa ture, jiras, haata’u malee,
dhugaan jiru, haalli amma keessa jirru hagam hamaa fi muddamsiisaa tahuu hubachuu fi if dura
balaa as-deemu tilmaamuu dadhabuun ni mul’ata. Haala diinaa yeroo ammaa daran
hammaachaa dhufe hubannoo keessa galchuudhaan walitti dhufeenyi kun akka bu’a qabeessa
tahu ni abdanna.
Kun osoo kanaan jiruu, duguuggaan sanyii mootummaa Wayyaaneetiin uummata Oromoo irratti
raawwatamaa jiru yeroo ammaatti haalaan hammaachuu hubachuudhaan, toftaa haarawa,
yeroo kami irrayyuu kan hamaa tahe Oromoota addaan diiganii wal-lolchiisuuf bu’urri guyyaa tii

2
guyyaati raabsamu jiraachuun waan ifa tahee argamu tahuu hubachuudhaan, kun ammo,
hubannoo fi mare waliigalaa akka barbaadu waan hubanneef waamicha kana gochuu
murteesine.
Oromoonni hundi duguuggaa sanyii nurra gahaa jiruu fi garam akka deemaa jirru yeroo tokko
tasggabaa’ee akka if gaafatan gaafanna. Yeroo ammaa, miseensonnii fi hawaasni Oromoo
keessaa fi alaa walitti dhufuun waltahiinsa biyyoolessaa kan yeroo muddamaa tokko uumanii
dirmmachuun badiinsarraa nu-oolchuu dandaha jennee amanna.
Oromiyaa walaboomte arguuf tarkaanfii fudhatamu keessatti kanneen kaayyoo kana bikkaan
gahuuf wareegamanii fi kanneen if kennan yaadanna. Nuti qabeenyaa, dandeettii fi huma qabnu
walitti fiduuf wareegama feesisu raawwachuuf waadaa seenna, hawwasni keenya akkasuma,
qabeenya isaanii, dandeettii, yeroo fi humna isaaniin akka nu-waliin dhaabbatan waamicha
goona.
Tokkummaan humna!

Galaasaa Dilboo Bakka ABO
Gumabaas Abbaa Haqaa Bakka AWDO
Jen. Kamaal Galchuu Bakka KWO
Aliyyi Umar Agaa Bakka ATBUO
Abbaa Nagaa Jaarraa Bakka ABO -‘Tokkomee’

JOINT CALL FOR OROMO NATIONAL UNITY AGAINST GENOCIDE

10 September 2017

We, the undersigned leaders of independent Oromo political organisations, remain deeply troubled
over the recent massacres that are perpetrated by the TPLF regime in Bishoftu, Walloo, Hararghe,
Bale, Borana, and Guji, areas in particular, and the ongoing slaughtering taking place daily in the
rest of Oromia.
Our thoughts and prayers are with our impacted communities at large and the families whose loved
ones are martyred in particular. We proudly salute the heroes and heroines amongst our youth
known as Qeerroo, elders, intellectuals, and members of our organisations engaged in the defence
of our nation under extremely challenging circumstances all across our land.
The ongoing genocidal acts by the incumbent Ethiopian regime have shaken our nation to its core
and caused many people to question what needs to be done to save our nation from extermination.
We are also equally concerned that through many years of systematic infiltration the enemy had
weakened our unity, and our repeated call for serious and sombre examination of the grave
situation collaboratively in order to muster our resources and stand as one have not yet come to
fruition. There are encouraging beginnings in that the Oromo communities in the diaspora have
assembled in large numbers and spent significant amount of time and resources on consensus
building. Nonetheless, a unified pan-Oromo effort as we envisaged when we called for an ‘Oromo
national convention’ is yet to emerge.
Similarly, coalition building among different Oromo political forces is being experimented. The
unfortunate truth is that this undertaking has also been frustrated due to, in part, lack of a precise
realisation of the urgency of the matter and inability to foresee the consequences of a true unity of
purpose or the lack of such an arrangement. We continue working hard to build a proper and
genuine coalition leading to unity based on mutual understanding of the objective of the struggle.
In the meanwhile, because of the ever-increasing violence from the Ethiopian state and
disenfranchisement of the Oromo due to a calculated misinformation and propaganda that the
enemies within and without are spreading among our diaspora community, we have agreed to issue
this joint call.
We urge every Oromo national to pause and take a stock of the genocide perpetrated against our
nation, and the direction we should be taking. In so doing, we would like to call upon members of

2
our organisation, our communities at home and abroad to urgently come together to form a national
consensus on how to save our people from extermination.
More than ever before, the Oromo political forces need to unite and struggle for the survival of our
nation and independence of Oromia. The enemies of our people – the TPLF and its puppet
organization – have continued their campaign of genocide and permanent state of violence against
the Oromo people. Stopping the tide of genocide, they have unleashed against our nation, demands
that our organizations take uncompromising radical measures against them.
Indeed, it is time for the Oromo political forces to unite and fight back before it is too late to
effectively defeat the internal and external enemies of our people. We can no longer afford the
internal minor differences to keep us from facing the real and mortal enemies of our people and
country.
As we move forward in our endeavours to liberate Oromia, we will forever never forget the lives
of those slain and the loss we have experienced as Oromo nation. We, hereby pledge to insistently
continue our efforts to unite our resources and skills and call upon our people to join us and answer
our call with your support in terms of your knowledge, time, energy and material resources so that
Oromia can survive the genocidal war perpetrated against it by the TPLF, and eventually emerge
as free and liberated independent nation.
In the end, we call upon all Oromo patriotic individuals and forces to join us and our people today,
in this fight. We urge you to come prepared to do battle for the survival of your people and country.
Together in unity we will be strong enough to throw our enemies into the dustbin of history and
liberate our sacred Motherland Oromia
Unity is power!

Mr. Galasa Dilbo For and on behalf of OLF
Mr. Gumabas Abba Haqa For and on behalf of FIDO
Mr. Aliyi Umar Aga For and on behalf of UOPLF
Gen. Kamal Galchu For and on behalf of FIO
Mr. Abba Naga Jara For and on behalf of OLFUnited

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

One comment

  1. Abduljabbaar Hajjaa

    Yaanni keessan gaariidha baay’ee namatti tola nuti kan barbaannu tokkummaa keessan qofa achi boodaan han ga wareega lubbuutti isin waliin jrra