Oduu Haaraya

Jimma Saqqaatti kan hidhaman Obbo Abdoo Abbaa Joobir eenyu?

BBC Afaan Oromoo

Suuraan Obbo Abdoo Abbaa-Joobir harki isaanii duubatti hidhamee humnoota nageenyaa mootummaan marfamanii yeroo deeman agarsiisu miidiyaalee hawaasummaa irratti ijoo dubbii ta’eera.

“Waaree booda sa’aa 11:30 irratti dhufanii mana keenya marsan. Isa boodas balbala rukutanii ol nutti seenanii harka isaa dudduubatti hidhanii reebaa fudhatanii deeman,” jedhu haatii warraa Obbo Abdoo Abbaa-Joobir Addee Jamiilaa Abbaa Raayyaa.

Namni kun eenyu? Maalif qabaman?

Obbo Abdoo Abbaa Joobir godina Jimmaatti jiraataa aanaa Saqqaa Coqorsaa, abbaa ijoollee sadiifi hojjettaa Waajjira Barnootaa aanichaati.

“Haala ture ibsuun nama rakkisa. Fiilmii hojjechaa kan jiran malee nama tokko qabuuf kan dhufan hin fakkaatu. Mooraan keenya polisootaan guutameera,” jedhan haala Addee Jamiilaa haala ture yeroo himan.

Akka haati warraa isaanii BBC’tti himanitti Obbo Abdoon miseensa dhaaba kamiyyuu miti.

Aanaa kanatti ‘ideology’ warra aanaa yoo hin hordofne yookin ammoo soba isaan sobanIif dhuguma jettee yoo duukaa hin deemne, yoomuu ati mormituudha,” jechuun abbaan warraa isaanii ilaalchuma qaban qofaaf hidhamuu isaanii himu Aaddee Jamiilaan.

Guyyuma walfakkaataa Roobii obboroo manni isaanii marfamee abbaa fi obboleessi isaa humnoota nageenyaan akka fudhataman kan himu jiraataan aanaa Saqqaa Coqorsaa dargaggoo Arabuu Kaliifaa “nuyi siyaasa keessatti hirmaannaa hin qabnu, sabboonummaa fi quuqama uummataa qabna. ABO wajjin hidhata qabdu nun jedhu,” jedha.

Sakatta’iinsa…

Sakatta’iinsa mana Obbo Abdoo Abbaa-Joobir fi hidhamuu isaaniitif sababni humnootii nageenyaan itti himame “mana keessan meeshaaleen waraanaa garaagaraa fi qabo-yaa’iin nama ajjeessuf itti karoorfattan jira,” kan jedhu akka ta’e haati warraa isaanii BBC’n haasofsiise himu.

Mana kee keessaa rasaasatu jira. Isa fuunu malee hin deemnu jedhanin. Innimmo yoo feetan manakoo diigaa ilaalaa.

Rasaasa mitii wanta lolaa wayii takka yoo agartan na fannisaa jedheen,” jedhan haasaa humnootii nageenyaa fi abbaa warraa isaanii gidduutti taasifamaa ture yeroo himan.

Haa ta’u malee sakatta’iinsa taasifameen meeshaan waraanaa argame akka hin jirreefi kitaaba seenaa fi shugguxii pilaastikaa daa’imman isaanii ittin taphatan fudhatanii deemuu isaanii himu.

Obbo Abdoon Roobii waaree booda qabamanii Waajjira Poolisiitti erga geeffamanii booda hanga kaleessaa (Kamisa) galgala sa’aa 12:30’tti jechi isaanii akka hin fuudhamne haati warraa isaanii himan.

“Waraqaadhaan osoo nu waamuu danda’anii akka shiftaatti harkasaa duubatti hidhanii sadii afur ta’anii reebaa fudhatanii deeman,” kan jedhan haati warraa Obbo Abdoo Abbaa-Joobir, namootni baay’atanii kutaa tokko keessatti hidhaman sodaa tatamsa’ina dhibee Covid-19 itti uumusaa dubbatan.

Yaada Qaamolee Mootummaa fi Dhaabbilee Siyaasaa

Hidhaa fi reebichi namoota irratti taasifamu godina Jimmaa keessatti hammaachaa akka jiru BBC’tti kan himan ogeessi sab-qunnamtii uummataa ABO damee godina Jimmaa dargaggoo Gaaddisaa Abdii “miseensota, deeggartoota fi sabboontota boru nu bakka bu’anii dorgomuu danda’u jedhanii shakkan hidhaa jiru,” jechuun himaniiru.

Kanaan dura dhaabbileen siyaasaa biyyattii keessa jiran mootummaan labsii yeroo muddamaa dhibee Covid-19 sababeeffachun labsame ajandaa siyaasaa ittin raawwachiifachuf akka itti hin fayyadamneef yaaddoo qaban himaa turan.

Gama biraatin Komishiiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa fayyina hawaasaaf jedhamee labsii yeroo muddamaa yeroon labsame kanatti mirgi namoomaa sarbamuu akka hin qabne himuunsaa ni yaadatama.

BBC’n hidhaa aanaa Saqqaa Coqorsaa ilaalchisuun yaada qaamolee mootummaa gaafachuuf bulchaa aanaa Saqqaa Coqorsaa, Itti gaafatamaa Waajjira Bulchiinsaaf Nageenyaa aanichaa akkasumas Poolisii aanichaatti bilbilus yaada isaanii argachuu hin dandeenye.

Qaamni mootummaa dhimmicharatti yaada kennu fedhu yoo jiraate kan keessummeessinu ta’uu beeksifna.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …