Oduu Haaraya

Jijjiirama Itoophiyaa keessatti ta’uuf deemuuf ittiqophoofne moo ammas yeroo sadaffaadhaaf carraan biraa nu dabruuf deemaa??

“O R O M O   F I R S T”

Berhanu Hundee

 

Kutaa Shanaffaa

 

 

Hubachiisa:

Mata duree akka gaafiitti dhihaachaa ture isa hangafa “Oromo First akkamitti calqabe? Maalirraa madde? Eessaa ka’ee eessa gahe? Har’a eessa jira? Boru hoo maal ta’uuf deema?” jedhu jalatti barruulee adda addaa kutaalee afuriin dhiyeessee jira. Kutaa shanaffaa kanarraa eegalee garuu gaafii isa kana irra deebi’ee hin kaasu. Mata duree adda addaatiin dhimmoota gara garaan dhiyeessuuf deema. “Mata dureen guddichi “OROMO FIRST” jedhu garuu akkuma jirutti itti fufa. Maaliif yoo jedhame, akkuman beeksisaa ture, Oromo First ykn “Dura Oromoo”n sochii waggoota muraasa dura ta’e sana qofaa osoo hin taane, duuba ykn keessa isaa dhimmootni Oromoo fi Oromiyaa laallatan baay’een waan jiraniif mata duree kanaan ittifufuun barbaada.

Barreeffama kutaa afraffaa keessatti, mata duree OROMO FIRST (DURA OROMOO)n EGEREEN ISAA MAAL TA’UUF DEEMA?” jedhuun dhimmoota egeree Oromummaa irratti dhiibbaa qabaachuu danda’an kaasee ibsuu yaaleen ture. Barreeffama sana keessatti, waayeen Itoophiyummaa calaqqisuu ykn/fi yaaliin Itoophiyaaf dursa kennuu, akka haala amma ykn har’a keessa jirru kanatti bu’aa isaa caalaa miidhaa inni fiduu danda’u hubachuun barbaachisaa akka ta’e yaada koo cuunfee ibsuu yaaleen ture. Barreeffama kutaa shanaffaa kana keessatti jijjiirama biyyattii sana keessatti ta’uuf ykn godhamuuf deemuuf haalli keenya hangam mijataa akka ta’e ilaalcha fi yaada qabun ibsuu yaala.   

Qabsoo bilisummaa fi haqaa biyyattii sana keessatti godhamaa ture fi jiru keessatti gahee fi qoodni uummata Oromoo baay’ee ol-aanaa dha. Wareegama kana keessatti kaffalames yoo laalle, kan Oromootu baay’ee guddaa fi caalaa dha yoon jedhe dhugaarraa fagaachuu hin ta’u. Warraaqsa bara 1974 ta’eef bu’urri qabsoo uummata Oromoo ti. Oromootu caalaatti ittwareegamee; warraaqsi sun akka dhufu taasise. Haa ta’u malee, jijjiirama bu’uraa fi kan gaafiilee sabootaa /uummattootaa deebisuu danda’utu uumama jedhamee osoo eegamaa fi abdatamaa jiruu, xumurri isaa bu’aa caalaa balaa kan fidu ta’e. Mootummaan Darguu yeroo calqabaa waan uummattoota cunqurfamaniif jijjiirama fidu of fakkeessee dhiyaatee; booda garuu harka isaa dhiiga uummattootaatiin dhiqachaa turee booda ofiifuu bade. Dhaadannoo “Yaala minim dam Itoophiyaa tiqidam – ያለ ምንም ደም ኢትዮጵያ ትቅደም”  jedhuun balaa guddaa biyyattii tanarraan gahe. Kan Oromoorra gahe immoo hamma kana hin jedhamu. Kanaaf immoo seenaatu ragaa ta’a.

Bara 1991 yeroo Darguun kufee sirni Wayyaanee bakka isaa bu’uuf deemu, ammas jijjiiramni sabootaa fi uummattootaaf ta’u ni dhufa jedhamee hawwii guddaadhaan eegame. Yeroo sana, keessumaayuu seenaa biyyattii sanaa keessatti jaarmayaan seeraa fi sirnaan ijaaramee uummata Oromootiif qabsaa’u – Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) waan tureef, amma dhugumatti jijjiirama guddaatu Oromoof dhufa jedhamee yaadamaa ture. Humni ABOn yeroo sana qabu akkuma jirutti ta’ee, shiroota adda addaatiin (shiroota keessaa fi alaatiin) jijjiiramni eegamaa ture sun dukkanaayee wanti hunduu harka Wayyaanee seenee kunoo hanga har’aatitti dararamuun, reebamuun, ajjeefamuu fi qabeenyi saamamuun carraa ykn hiree uummata Oromoo ta’ee hafe. Kana qofaadhaan hin dhaabbanne; kan caalu dhufee sanyiin Oromoo akka duguugamu duulli bifa adda addaa nurratti labsamee jira.

Kan nama gaddisiisu garuu namootni keenya har’allee kan dabrerraa, seenaarraa barachuu dadhabanii; dhimmi Itooophiyaa dursuu kun balaa nutti fidaa akka as gahe fi kan caaluus nutti fiduuf deemuu akka danda’u hubachuu dhiisanii; waayee ofiitiif dursa kennuu dagatanii; projektii hin milkoofneef beekumsa, dandeettii, yeroo fi qabeenya isaanii kanarratti balleessuu dha. Akkuman kanaan dura ibsaa ture, Oromoon bilisummaa fi abbaabiyummaa isaatiif caalaa Itoophiyaa isaaf MANA HIDHAA taate tana jiraachisuuf wareegama ulfaataa kaffalaa as gahe. Bu’aan inni argate garuu maal akka ta’e, abaa fedhe jalaayuu waan dhokatu natti hin fakkaatu. Dhugaa jiru fudhachuu yoo didne malee jechuu kooti. Osoo waliigaltee fi tokkummaa dhugaa uumnee; kaayyoo fi galii tokkos qabaannee; Itoophiyaa dura Oromiyaaf wareegama guddaa kan kaffallu ta’ee, silaa qaata ofiifis abbaa biyyaa taanee, ormaafillee gargaarsa guddaa ta’uu dandeenye turre.

Wanti tokko kan sirriitti hubachuu qabnu, yoo Oromoon ykn uummatni Oromoo humna cimaa fi abdachiisaa hin qabaatne; humnootni siyaasaa keenyas waliigaltee hin uumne, yoo mooraan Oromoo hin humnoofne; yoo dhimmootni Oromummaarratti gaaga’ama fidan asii fi achitti mul’atan, Oromoon ofis hin bilisoomsu, akka amma jedhamaa jirutti biyyattii tanas takka godhee, nagaan jiraatee jiraachisuun waan danda’amu natti hin fakkaatu. Humni hin yaadamne fi hin eegamne tasa as bahee; carraa amma qabnu kanas jallisuu akka danda’u hubachuun barbaachisaa dha. Balaa namtti deemaa jiru alaalatti arganii ofirraa ittisuu danda’uun beekumsa guddaa dha. Haala keessa jiran dagachuu fi diina tuffachuun injifatamuu isa duraa ti. Wanti mirqaanaan ta’u hundee hin qabaatu. Kan nu baasu tokkummaa keenya qofaa dha. Tokkummaan dhugaa kan uumamu immoo “Dura Oromoo”n xiyyeeffannaa yoo argate qofaa dha.

Barreeffama kutaa kanaa xumuruuf, gaafiin akka mata-dureetti ka’e kun akka laayyootti laalamuu hin qabu. Ani dhiyeesseef osoo hin taane, Oromoon kamiiyyuu waan of gaafachuu qabuu dha jedheen amana. Projektii “Dura Oromoo” irratti haa hojjennu; isa kanaaf dursa fi xiyyeeffannaa haa kenninu; dura mana keennya haa ijaarrannu; kan qabnus haa qulqulleeffannu; humna Oromoo jabaa fi abdachiisaa haa uumnu; humna Oromoo cimaa qofaatu egeree keenyaaf wabii ta’a. Itoophiyaa hundaaf taatu ijaaruun kan barbaadamullee yoo ta’e, dura kan ishii ijaaruuf hawwii qabu sun cimuu qabaa bar!!

Hunda caalaa barbaachisaa fi murteessaan garuu Oromiyaan dura rakkoo keessaa baatee, harka ilmaan ishiitti galuu qabdi; qabeenyi ishii kan Waaqni/Rabbi uumaan badhaase kan uummata Oromoo ta’uu qaba. Dhalli Oromoo tokko ta’uu qaba; Oromummaan dagaagee hundaa hammachuu qaba. Sabboonummaan Oromoo caalaatti guddachuu qaba. Wabiin keenya guddaan isa kana. Humnootni siyaasaas ta’ee kan Oromoon qabdu hunduu waliigaltee uumuu qabu. Yoo kun hin taane, jijjiirama dhufuuf sirriitti of hinqopheessine jechuu dha. Yoo itti hin qophaa’in immoo ammas carraan biraa yeroo sadaffaadhaaf nu dabruuf deem jechuu dha. OROMOO DAMMAQI HAALA KEESSA JIRTU HUBADHU!! Mooraa keenya keessatti nagaa fi tasgabbii uumuuf; uummata keenya aangessuuf; humna Oromoo cimaa fi abdachiisaa uumuuf; Oromummaan caalaatti akka dagaagu taasisuuf maal godhuu qabna? Barreeffama Kutaa Jahaffaa hordofaa.

Hanga walitti deebinutti nagaatti.

Ulfaadhaa!  

 

Barreessaa qonnamuu yoo barbaaddan: cilaaloo@hotmail.com

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Half a century political game to democratize Ethiopia Is the game over or will it emerge again via destabilization?

  *By Malkamuu Jaatee, July 2018 “No use thinking of the past for its gone, …

Yaada kanaaf deebisaa kenni