Oduu Haaraya

JECHOOTA GAMNAA/HAYYUU OROMOO KUTAA 5ffaa

 

 

Oromoon namni nama sadiif tola oole bu’aa guddaa argata; namni nama sadiif tola oole ammo faallaa saniiti jedha:- Sadan tola oolan bu’aa guddaa argatan 1/Gamnaaf dubbiin yoo tumsite 2/Gootaf onneen yoo tumsite 3/ Arjaaf qabeenya yoo kennite

Sadan faallaa dhaabatan ammo:- 1/Gowwaaf haasawaan yoo tumsite 2/Dabeessaaf onneen yoo tumsite 3/ Dondhaaf  qabeenya yoo tumsite Akka mammaaysa Oromootitti!!

 

Eebada tola akka deebitu beekanii

 Ooyruu abbaa shanii

Irra osoo sima facaasanii

Oolte moo bultaa

Moo daftee muldhattaa!!!!

Akkas jedha oromoon

Arjaaf tola oolaa

Gootaaf tola oolaa

Gamnaaf tola oolaa

Qajeelaaf tola oolaa

Haxiif tola oolaa

Itti fufaa…

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …