Oduu Haaraya

JECHOOTA GAMNAA KUTAA 11FFAA

Waa sadi jabeessi; tattaafadhuun
1. Hojii
2. Barumsa
3. Abdii
***
Waa sadiin namatti dondhoomin
1. Nagaa gaafachuu
2. Haasaa gaarii dubbachuu
3. Waa barsiisuu
***
Waa sadi kunuunfadhu
1. Qabeenya qusachuu
2. Hojii jabaa hojjachuu
3. Hiriyyaa gaarii jajjabeessu
***
Waa shan hedduu jajjabeeffamu
1. Biqiltuu dhaabuu
2. Hara, haroo laga kkf kunuunsuu
3. Qabeenna irra deddeebi’uun fayyadamuu
4. Balfa bakka isaatti gatuu
5. Qabeenna haalaa fi mala gaariin itti fayyadamuu
***
Beekumsi waa shaniin tola
1. Waan hin beekne baruu
2. Waan beekte irra deddeebisaan yaadachuu
3. Waan beektu waliin madaaluu; firomsuu
4. Beekumsa namaa hiruu
5. Waan baratte hojiitti hiikuu
***
Namni gaafni inni du’e gaafa dhalate; gaafni inni jiraate gaafa seenaa /waa jabaa/ hojjateedha!!
***
Waa sadi faayaa waa sadi immoo faaya faayarrati:-
1. Waa beekuun faayaa; hojitti hiikuun faaya faayarraati
2. Qabeenya qabaachuun faayaa; akka seeraan itti fayyadaman taasisuun faaya faayarraati
3. Kan waa hojjatu faayaa; faaya faayessa taanaan faaya faayarrati
***
Mallattoowwan yookaa balaqqeen nama nama taasisan gurguddoon qalbii sadii
1. Afaan Dubbachuu
2. Barumsa barachuu
3. Hojii hojjachuu
Namni maal fakkaata? Tokko tokkoon yoo xiinxalan; gamni tokko kan biraan jennaan akkana jedhe gamni
1. Yoo haasaa laalani saba fakkaata
2. Yoo aadaa laalani aadama fakkaata
3. Yoo jiruu laalanis jiruma fakkaata
4. Yoo waan hojjatu laalani ufuma fakkaata
5. Yoo fuula laalani maatii irraa dhalate fakkaatuu danda’a
Kanaaf namni irra jiraa kan fakkaatu hojiima ofiiti!! Nama raaju; dhibuu!!
***
Faayyi dhiira jaynaa sadi
1. Meeshaa lolaa
2. Haasaa lolaa
3. Onnee lolaa

***

Raajiin raajii fakkeennummaa dhiiraa armaan olii caalu ammo sadi
1. Haasayumaan meeshaa waraanaa injifachuu danda’u haasayuu
2. Ogummaan faaya harkaa saniin meeshaa waraanaa caalaa faaya faaya ta’e hojjachuu
3. Akkuma haasayaa afaanii hojiinis ta’anii argamuudha!!!! Haasaa fi hojii garaagartii hin qabne qabaachuu!!!!!!

 

***

 

Waa lama keessaa takka jaalalaa takka jibba

1.       Dhugaan jaalalaa; dharri waan jibbaati

2.       Qajeellummaan jaalalaa; jallinni waan jibbaati

3.       Arjummaan jaalalaa; dondhummaan waan jibbaati

4.       Gootummaan jaalalaa; sodaan waan jibbaati

5.       Eebbi jaalalaa; abaarsi waan jibbaati

6.       Haqni jaalalaa; hanni waan jibbaati

7.       Si’oominni jaalalaa; ceem’aan waan jibbaati

8.       Qaroominni jaalalaa; wallaalli waan jibbaati

KKF

 

***

 

Waa shan waan eennummaa keetiitii ka jabeessitu

1.       Waaqeffachuu

2.       Sirna Gadaatiin Buluu

3.       Aadaa Ofii Jabeessuu

4.       Afaan Oromoo Jabeessuu

5.       Seenaa Oromoo Jabeessuu
Bantuu Turaa/Amaan Tolaa Hamdaa

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …

One comment

  1. Galatoomi beekumsaa qabdu nuf qoodu kef.