Oduu Haaraya

JECHOOTA GAMNAA

Amaan Tolaa Hamdaa irraa

Amajjii 2020GC

NA QUUNNAMUU YOO BARBAADDAN

Amaan Tolaa Hamdaa

Ethiopia, Oromiya; Arsi Asella!!

Mobile 251-933630919

——————————————–

Email Address

amantolla86@yahoo.com

amanatoll90@gmail.com

———————————————-

Face Book

www.facebook.com/aman.tolla.35

———————————————–

Twitter

AmanTollaHamda@TollaHamda

———————————————-

Inistagram

amantollahamda@TollaHamda

YAADANNOO

Kitaabni kun yaadannoo abbaa kiyyaa TOLAA HAMDAA fi haadha tiyya LO’ITEE EEGUUf haa ta’uu!! Jechoota maxxanse isaan irraa funaane!! Rabbi bakka zalaalamiitti jaaynata isaanii haa hiruu!! Osoo jaalala isaanii hin quufin na duraa boqatan!!

GALATA!! 

Jalqabarratti Rabbi na uumeef haa ta’u!! Galanni hundaaf haa ta’u!! Jechoota garii haadha abbaa kiyyarraa funaane akkasumas jaarsota gosaa irraa funaane; jechoota garii ofii kalqe!! Hunduu galata qaba!! Kitaaba kana maxxansuuf waa muraasa garii interneetii irraa funaane; isaanis galata qabu!! Dogongora kitaaba kana keessatti muldhatuuf hunduu dhiifama naaf godhaa!! Galatoomaa!! Galata itti aanu ammo nama maxxanseef__________________haa ta’u!!!!!!! Galatoomaa!!!!! Dhumarraatti, milkaa‟ina kitaaba kanaatiif qofa osoo hintaane milkaa‟ina jiruu kootiif  jajjabina ta‟uudhaan onnee koo gammachuudhaan guutee kan najajjabbeessaa turte amma boqatte haadha tiyya rabbiin jaaynata isiif haa hiru; abbaa kootifis haa ta’u jaaynata haa hiruuf!! Galanni kan rabbiiti!!

                                            BAAFATA

Mata Duree                                    Fuula

Seensa ——————————————————-4

Koottu-Dhufee———————————————-4

Gamna——————————————————-5

Jechoota Gamnaa Kutaa 1ffaa—————————6

Jechoota Gamnaa Kutaa 2ffaa—————————13

Jechoota Gamnaa Kutaa 3ffaa—————————17

Jechoota Gamnaa Kutaa 4ffaa—————————19

Jechoota Gamnaa Kutaa 5ffaa—————————21

Jechoota Gamnaa Kutaa 6ffaa—————————23

Jechoota Gamnaa Kutaa 7ffaa—————————26

Jechoota Gamnaa Kutaa 8ffaa—————————31

Jechoota Gamnaa Kutaa 9ffaa—————————34

Jechoota Gamnaa Kutaa 10ffaa————————–37

Jechoota Gamnaa Kutaa 11ffaa—————————39

Jechoota Gamnaa Kutaa 12ffaa—————————42

Jechoota Gamnaa Kutaa 13ffaa—————————45

Jechoota Gamnaa Kutaa 14ffaa—————————46

Jechoota Gamnaa Kutaa 15ffaa—————————50

Jechoota Gamnaa Kutaa 16ffaa—————————55

Jechoota Gamnaa Kutaa 17ffaa—————————56

Jechoota Gamnaa Kutaa 18ffaa—————————58

SEENSA 

Afaan meeshaa wal-qunnamtiifi ibsituu eenyummaa ta’uun shoorri inni jiruufi jireenya hawaasa tokkoo keessatti qabu ol aanaadha.  Kanaafuu, hawaasicharraa  addaan ba’ee bu’aa buusuu hindanda’u. Kanaaf anillee hawaasa Afaan Oromoo cimsuuf kana gumaache!! Kitaabni kun bifa isaatiin isa jalqabaati!! Jechoonni akkanaa kun kitaaba ta’anii hin barroofne!! Haala Oromoo ilaalee hedduu kalaqe!! Jechi akkanaa kun beektota jaarsotaan hedduu jedhaman!! Kitaaba kana qopheessuuf waggaa digdama dura jechoota haadhaa abbaa irraa funaane!! Saayitii Oromootaa irrattis heddu tamsaase waggaa 10 dura!! Bara 2010GC Jechoota gamnaa kana funaane!! Jechoonni an muxannoo fi hubannoo kiyya irraa jedhes keessa jiru!! Barreeffamni kun qorannaan dubbii Arsi’ii yookaan koottu-dhufeen maal akka fakkaatu ibsa. Barreeffamni kun gabaabaa ta’ullee jechoota gamnaa yeroo adda addaa bakka adda addaatti jedhaman irratti xiyyeeffachuun; gamni maal waliin jedhe gaafii jedhuuf deebii kennuuf yaala.

KOOTTU-DHUFEE

Koottu-dhufeen aadaa haasawa Arsiiti; sirna mari’ii ka Arsiin bakka sirnaatti haasawu. Koottu dhufeen sirna haasawaa kan bakka cidhaa ykn du’aatitti haasawamu danda’a. Sirna haasawaa ka dubbiin bilchaataan ittiin dubbatamu. Arsiin jaarsummaa koottu-dhufeen yookaan  ilaaliin haasaya.

Namni bakka sirnaa jiru jaarsas ta’ee ka’ima kan dubbachuuf murtii qabu  kan sirni dubbachuu hin dhoorgine martuu koottu dhufee fudhatee haasayuu danda’a. Koottu dhufee fudhachuuf ijoo dubbii beekuu qabna yoo hin beeknee ta’e nama beekutti siqnee gurratti dubbii na barsiisi jenna. Jaarsonnillee yoo namni haarofti addabaabaayii/caffee/odaa jala/hirreessa  dhufe dubbii barsiisaa jedhan. Namni haaroftis erga dubbii baree  booda yaada ofii kenna.

Aadaa Arsii keessatti  ka’imti ykn dargaggeessi jaarsa jala taa’ee dubbii bara. Aadaa bareedaa Arsiin  oromoo gumaache keessaa sirni haasawa koottu-dhufee tokkoffa jechuu dandeenna. Gara biraatiin sirni haasawaa kan gosoota oromoo biroo koottu-dhufee irraa garaa gartii guddaa hin qabu.  Sirna haasawa koottu-dhufee keessatti gaafiin ykn yaanni kallattii adda addaatii ka’ee  deebiin kallattii adda addaatii itti kennama. Koottu-dhufee dabaree eeggatanii namatti fudhatan koottaa kaa jedhan; namni hunduu dabaree eeggatee maarree abbaa ebaluu jedhee haasaya jalqaba.Namoonni adda addaa akkuma dandeettii fi muxannoo isaaniitti haasawa ofii fakkeenna dubbiitii fi maammaakaan gabbisanii dhiyeessu; kana booda yaada waliigalaa irra gayama.Dhimmi haasawamuufis erga hayyoonni adda addaa yaada ofii itti kennanii booda walii galteerra gayama.

Koottu dhufeen dirree lolaa dubbii ta’uu danda’a.Dirree kana irratti hunduu qora dubbii ofii haasaya; dubbii ofiin injifachuuf falmata.Kana keessatti dubbii murtii fi ijoo irra ka gayamu. Wanti sammuu wal hidhuufis akkuma haala; bakka; yeroo  fi dhimma isaatti dubbiin cimus laafus danda’a!! Fkn 1. Sirna Gadaa 2. Sirna Cidhaa 3.Sirna  Du’aa  4. Sirna Guma  5. Sirna Waaqeffannaa kkf irratti haasofni haasayamu maal isaatinuu garaa gara. Sirna kana irratti nama gamnumman caale irraa yaadni dimshaashaa fudhaatama! 

Dubbii mi’aayaa tartiiba qabate kana namoonni dhageeffatanii irraa baruuf itti gammaduuf achitti wal ga’u.Jechi hin jedhamnee fi yaadni hin kaane jiru.Kana illee jaarsota itti horanii erga qabxii hunda abbaa abbaa qabsiisanii isaan illee gadi fageenyaan erga itti qophaayanii mari’atanii mari’achiisanii booda wal gahu murteef.

Jaarsonni bakka bu’iinsa mataa mataa isaanii erga qabatanii dubbii qopheeffatanii booda haasaan jalqaba.Kanallee jaarsi dubbii jalqabu “koottaa kaa” jedha Kan dubbiif qophaa’es koottaa kaa jedhee irraa erga fudhatee booda haasaa ofii eegala; haasaa isaa ka mammaakaan ykn jechoota gamnaatiin gabbate yookaa akka gorsaattis ta’innaa akka qoosaatti dhiyeessa.

Sirni haasaa koottu dhufee ogeessota dhimmoota isaan ilaallatu irratti akka haasayan affeera.Ogummaan hin hirmaanne hin jiru akkuma barbaachisummaa isaatti.Fkn 1. Sirna Gadaatiif Jaarsota Abbaa Gadaa 2. Sirna Cidhaatiif Jaarsota Bakka Bu’an 3. Sirna Waaqeffannaa irrattis Qaalluu fi Qaallittii 4. Sirna Qonnaa Keessattis Qotee Bulaa 5. Teeknolojii keessattis Teeknolojistiin hirmaachuu gaafata.

Jechoonni gamnaa asii gaditti tarraayanis kan bakka, yeroo fi haala adda addaa keessatti jedhamaniidha. Akkanumas; jechoonni gamnaa koottu-dhufee haasawuuf gargaarantu asii gaditti dhiyaate.

GAMNA

Hayyuu dubbii beeku; namoota walitti bu’an kan araarsu; ka dubbii qoru; koottu-dhufee fudhatee haasawa bilchaataa haasawuu ka danda’u. Gabaabamatti; haasawa mishaa fakkeenna dubbiitiin midhaage haasawuun ka nama amansiisu jechuu dandeenna.

JECHOOTA GAMNAA KUTAA 1FFAA

Rabbiin waa sadi gurguddoo uumee isumatu too’ata:-

1ffaa-samii fi waantota isii 2ffaa lafaa fi waantota isii 3ffaa-ummataa fi waantota isaa !!

***

Alaabaan ABO ni bareeddi waantota bareedan shan qabdi!!

1ffaa-Aduu-ifaan tan nama horattuu fi guyyaa bilisummaa agarsiiftu!! 2ffaa- urjii diimtuu qabsoo agarsiiftu!! 3ffaa-Magariisa-misoomaaf tumsuu dhaabichaa!! 4ffaa!! Halluulee diimaa ta’aniif qabsoo Oromoo jaarraa 2f bakka bu’an!! 5ffaa-Odaa sirni hundi jalatti deemsifamuu fi dimokiraasummaa fi jaarsummaa kan agarsiisu; sirni Gadaa jalatti deemsifamu!

***

Alaabaa Oromoo yaa iftuu hangaatuu

Mallattoo waa shaniiniin kan ibsamtu

Bareedduu tokkoffaa hundumaa ka caaltu!!

***

Alaabaa Oromoo iftuu hangaatuu

Maalif nurraa turtee jaarraa tokko guutuu!!

Lubbuun hayyuu meeqaa siin kan yaadatamtu!!

***

Odaa Shanan Oromoo Maqaa fi Iddoo /Bakka
argamaa isaanii meeqaa keessantu quba qaba ?
1.Odaa Roobaa………….Godinaa ,Baalee,Aanaa Gindhiir.
2- Odaa Nabee…………. Shawaa Bahaa ,AanaaAqaaqii
3- Odaa Bisil……….. Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Illuu Galaan
4.Odaa Bulluq……………..Horroo Guduruu Wallagga Aanaa Horroo
5- Odaa bultum ………… G/Hararghee Lixaa,Aanaa Odaa Bultum.

****


Gadaan Oromoo shani!! 1ffaa-Birmajii 2ffaa-Roobalee 3ffaa-bahara 4ffaa-Horata 5ffa-Bultuma!!

***

“Malkataafis; qandhafaafis toltii adurreetti bilbila haa hiinuu” jedhe hantuunni.

***

Diintichi obbaafate;

Nagaan bobbaafate;

Gamnichi obbaafate;

Qorata malee taa’e;

Qora malee haasaye

(Diintichi ka hobbaafateef waan loon irraa oofataniif/yaafataniif; gamni ammo iddoo taa’ullee qoratee taa’a; qoratee haasaya; qoraan hojjata)

***

“Dullumti eessaan dhufti?” jennaan; “Dugdaa fi jilbaan” jedhe gamni tokko. “Kana qofaa miti” jedhe gamni duraa: ”Ijaan- harka ijarra kaayatee laalaa; gurraan- yoo waa itti himan yeey maal jettan jedhaa; ilkaanin- ilkaan irraa cabuu jalqabaa; qalbiin dhufti waa dagataa.” jedhee deebise gamnichi duraa.

***

Dullumti duddaan dhufti; gadi caldhiin ilmaan dhufti; kankee kanumaan niitiin dhufti; keessa tareen lammiin dhufti.

***

Wallaalaan of jalatti

Gamni ammo baargamatti!

***

Namootaaf Galmee bifa sadii qabaadhaa:-
1. Galmee Wadaajaa
2. Galmee Xalaataa
3. Galmee Kanneen Biraa

***

Gowwaan gorsan nama dida

Qabu nama dika

Malli gowwaa maali?

***

“Intala dayee;

Kolooban gayee

Koloobni maqaa itti haa baasu” jette namittiin.

***

“Gootni ka maal godhee dabeessi ka maal ta’e” jedhee gamni tokko kan biraa gafate. Gamni biraas; “Gootni ka ari’ee dabeessi kan dheesse” jedhe.“Kanuma qofaa ree jedhe gamni duraa?”; “Ee kanuma” Jedhe gamni lammataa. Jennaan miti jedhe gamni duraa “Kan dheessee deebi’ee ofirraa reebellee goota; kan ari’ee irraa hin hafnellee luynaa mitii?” jedhee gamnichi duraa deebise.

***

Tokko dubartiitti bayee qore; itti dhufee akkana jedheen:-

“Ijaarattee mana;

Keessa jirtaa namaa

Akkam oolte” jedheen.  Isiinis gamna waan taatef akkana jettee  qaanessite:-

“Qabattee sibiila;

Falanni si dhiira

Ee ooltee” jetteen.

***

Waa sadi waa sadii injifatte:-

1. Bubbeen galaana injifatte

2. Namichi bubbee injifate

3. Namicha duuti injifatte

(Bubbeen galaana oliifi gadi dhooftee injifatte; namichi ammoo doonii galaana irratti ijaaree bubbee injifate; namicha ammo duuti injifatte.)

***

Waa sadi haga waa sadiif jirraa beektutti hin dubbadhu jedhe gamni:-

1ffaa. Dabeessi haga gootaf jiraa beekutti

2ffaa. Dondhi haga arjaaf jiraa beekutti

3ffaa. Gowwaan haga gamnaaf jiraa beekutti

***

“Dhiisuuf dhalee; arraabuuf qoree malli maali?” jette dhaddeen dhaltee.

***

“Awliyaa rakko’oo dhaqan shantu du’a oolan shantamatu du’a” malli maali?

                 ***    

Akka hin nyaannee dangaaja marqite;

Akka hin dhiifnee itti carreessite

***

Lagni guuteen dhugaa simbirri irra hin barartuun soba; si soqee si dhabeen dhugaa lafti na jalatti hin hafneen soba; ebalu duroomee kiila lixeen dhugaa horii isaa laakkoftee itti hin baatun soba.

***

Qoricha jennaan harree qalle

Hin ta’u jenna harree ganne

Fidaa jennaan sondhee dhabne.

***

Bulee yaa bulee;

Buleen woyiinuu turee;

Worra bulee qaanyesse;

Rabbi raatesse.

(Arriin kabaja qabdi. Namni jaaree arrii bulee godhe hambisaa kabajuu qabna; yoo kabajuu baannee abaaree nu balleessa)

***

Kaamoo mana bulkaa;

Boosoo mana curgaa;

Kaamoon harka hallee;

Booson garaa halle.

(Kaamaya mana urgaa/bareedaa; boosaya mana busha’aa; kaamaya harka hallee boosaya garaa halle/baay’ee deetti)

***

Ilmi qe’ee hatu raaja; niitiin dhiirsa hamattu raaja; namni lammii ganu raajaa; jaarsi sigabaa galu raaja.

***

Dullumti ihii(ebelee) dabalatte waan falli hin baafne; deegni ceem’aa dabalate waan falli hin baafne.

***

Laafaa horii guddisii konkaa qoraafadhu;

Laafaa namaa guddisii bonjaa boraafadhu.

***

Kan lolu goota; kan hin lolle dabeessa; kan lolee hin araaramne sheexana.

***

Eerakkadhe jedhe gamnichi wallaalaa wajjiin cinaa (lakkuu) dhalate; eerakkadhe jedhe gootni dabeessa wajjiin cinaa dhalate.

***

Gamni gamnaan akkana jedhe;” Dhiira tahanii meeshaa waraanaa dhabuun fafa.”Jennaan; dogongorte jedheen gamni lammataa; “Meeshaa waraanaa dhabuu mitii meeshaa waraanaa qabaatanii onnee dhabutuuyyi fafaa” jedheen.

***

Waa sadi faayaa waa sadi faaya faayarraati:- 1. Amrii(qabeenna) qabaachuun faayaa arjummaan faaya faayarraati. 2. Arrii qabaachuun faayaa aqlii(gamnummaa) qabaachuun faaya faayarraati. 3. Gootummaan faayaa obsi faaya faayarraati.

***

Keessumaa waa sadiin simatan: lafee foon hin qabneen simatan;foon lafee hin qabneen simata; erbee coraa hin qabneen simatan. Lafeen foon hin qabne:-ilkaan kolfanii kolfisiisan. Foon lafee hin qabne-arrabaa haasayanii haasofsiisan. Erbeen coraa hin qabne-gurraa waan keessummaan jettu jalaa  dhagayan.

***

Gowwaaf galgalli dukkanatti

Gamnaa fi gamini ifatti

Waariin dukkana hammeesse

Ifa dhiyeesse!

***

Gamni gamnatti dhufee akkana jedhe ” Wonti erga deemee hin dhaabbatin maali? Wonti erga taa’ee hin socho’in maali?Wonti erga diigamee hin ijaaramin maali?”Jennaan gamni lammataallee akkas jedhee deebise. “Wonti erga deemee hin dhaabbatin laga; wonti erga taa’ee hin deemin dhagaa; wonti erga diigamee hin ijaaramin garaa:- garaa har’as borus ittuma nyaatanii inni sanuma”

***

Gamni gamnatti bayee qore:” Walqixxeen (handhuurri) lafaa eessa” jedheen. Gamni lammataallee “Achuma bakka ati jirtu san” jedheen.Gamni duraallee “Akkamitti ta’a?” jennaan “Dhundhumaan safartee walitti laaluu dandeetta” jedheen.

***

Wonti ganama guddoo; guyyaa xiqqoo; galgala guddoo maali? Deebii:-Gaaddidduu

***

Gamni gamnatti bayee akkana jedhe “Fardaa oliin boora kiyya; biyyaa oliin Fasasa tiyya; niitii oliin niitii tiyyya; “Jennaan; dogongorte jedheen gamni lammataa”Boorri kankee guulee dabe; biyyi tantee dheebisaan dabde; niitiin tantee kashalabboomtee dabde.”Jedheen

***

Gamni akkas jedhe:- fardaan haga farada jedhan dhaqqabo hin jedhanii; dubartiin haga dubarti jedhan ibso hin jedhanii; loonin haga loon jedhan qabbaneesso hin jedhanii; du’aan haga du’a jedhan woffifte hin jedhanii jedhe.

(Fardi dafee bakka hedan nama geessaa; dubartiin mana ibsitii(tolchitii); loon ammoo aannan isaa nama qabbaneessa; duuti ammoo hoffaa nama gootii)

***

Baddaaf gammoojjiin yeroo baay’ee wal  tuffatan dubbiinis wal tuqan wal agibu waliinis morku.Yeroo sirnaa; cidha ta’inna du’aa jaarsolii ciccimoo gamna ta’an filatanii ‘koottu-dhufee’ walitti fudhatan.  Jaarsoliin dubbii sirritti beekan dubbii mi’aayaa nama tuffachiifne haasawan.Yeroo woyii gammoojii irraayyi baddaa fuudhaaf osoo deeman worri isaan irraa fuudhan illee baddaa worra dureessa ture. Jaarsi gamnaa (abbaan gosaa) ka koottu dhufee  haa fudhatuuf qopheessan keessaa tokko akkana jedhe “Jarana maalif wol gattanii facaatanii deemtan worra eennuu akka deemaa jirru beettanii worra guddaa dhaqaa jirraa bar; mee dhaabadhaa hin mari’anna jedhe. Akkuma beettan baddaan dubbiif sirritti qophooftee nu eeddii. Kanaaf; teessumti akka qabaa akka itti teennu mari’anna; nyaannis akka qabaa akka itti nyaannu mari’anna dubbiinis akka qabdii akka itti dubbannu mari’anna.” jedhe. Achumaan jaarsi lammataa maarree jedhanii  attam taana maal jenna biyyana jedhe. Jaarsi biraa koottu dhufee erga fudhatee akkas jedhe maarree jarana ka jettan sadiinuu nu hin rakkisuu jedhe. Achumaa, jaarsi duraa attamitti jennaan jaarsi sadaffa  akkas jedhe ka teennu bakka isaan qopheessan kan nyaannu waan isaan nuu kennan ka dubbannu kallattii dubbii isaanii laalleeti jedhe.

***

Yeroo woyii gamin baddaa gamna gammoojjiitti bayee akkas jedheen “Eessaa baate abboo?”Jennaan; gamnichi gammoojjii illee “Gammoojjii baye.” jedheen.Achii gamnichi baddaa “Gadii keessaa baatee!”Jennaan; achumaan gamnichi gammoojjillee “Gadii keessallee oli jira olii keessallee gadi jira.” jedheen.

***

Gamni gamnatti bayee gamna qore; gamni duraa gamna lammtaatin akkana jedhe” Ganni maalii gamni maal” Gamni lammataallee akkas jedhee deebise “Ganni ka fixeensayee gamni ka dubbii fixe” Jennaan; Gamni jalqabaa dogongorte jedheen “Birraan illee ima fixeensayaa; dubbii ammo bultu (turtu)  dhumattii; yerootu fixaa kanaaf ;ganni ka quufsee ciciiphise gamni ammoo ka waan dhufu (ofduraa) beekee.” jedheen.

***

Gamni gamnaan akkas jedhe “Namni ka du’eef ka jiru keessaa kamtu baay’inaan caala?”Jennaan gammi lammmataallee “Ka jiruu du’e wajjiin ka du’etu caala”jedheen.

***

Daamuu Ushuu gamni Arsii beekkamaan yeroo ta’e dubbiif ganda woyii dhaqee erga simatanii booda dubartiin woyii akkana jetteen”Daamuu Ushuu ka gurri Ambaa Diina gaye sun kanumaa?” jette gabaabbinna isaa laaltee; innillee baay’ee gabaabaa waan tureef. Achumaa; Daamuu Ushuullee jecha isii dhagayee akkana jedhe “Ol hin cinneen gafarsaa; gadi hin cinneen farraa teennaan teessuma gayee; dubbannaan higaa gayee mixiif na komattaa” jedheen.

***

Jaarsi gamni woyii yeroo ta’e Daamuu Ushuutiin akkana jedhe        “Daamuu silaa ati gamna beekkamaa ambaa diinni beekee ilma sitti baye qabdaa?” jennaan innillee akkana jedhee deebise ” Arse sadiin afaan qabee tiyya sadan afaan qabatte”jedhe. Ilmaan sadan uumate keessaa tokkichillee isatti waan hin bayiniif.

***

Gamni warra soddaa dhaqee erga waa nyaatee dhugee booda yeroon gannaa  akkana jedhe soddaatiin “Da’iyya marqi keessan xinnaatee dabe; gubee dabe; mi’aayee dabe” jennaan  Soddaatinis akkas jettee deebifteef “Xiqqeenni akka yeroo; gubaatin akka jarjaraa; mi’aan akka harkaa afuufadhaa keessaa fudhaa ” jetteen.

***

Korminee korma kaaye kormarra dalluu kaaye; Haburaa goota kaaye Itayya gaamaa kaaye; Jiille jaamaa kaaye; Ajjeeftee mirga hin qabduu qollee dhara qandhaftu Abeetaa Dambal kaaye.

***

Ilmi ka abbaa fakkaate caala moo ka bara fakkaate caala? Jennaan ka bara fakkaate caala jedhe gamni.

***

Waa sadi waa sadi nyaatti:- 1/Aariin umrii nyaatti 2/Kijibni hiriyyaa nyaatti 3/Kolfi qalbii nyaatti

***

Waa lama nama xiqqeessiti:- 1ffaa Hanna 2ffaa Kijiba

***

Teessumti woyaa fixxi; deemsi kophee fixxi; hirribni yeroo fixxi; obsi muuxannoo fixxi; hawwiin jaalala fixxi.

***

Simbirti gaalaa muka gaalaa irra teette; ilmi gaalaa ammo dhayee irraa kuffise.

 Itti fufa…

JECHOOTA GAMNAA KUTAA 2FFAA

Waa sadi arfiin qara:
dubbii gamnaa arfiin qara;
lilmoo arfiin qara;
eboo arfiin qara.
***
Waa lama waa lama tolchite; waa lama walballeessite.
Beekaan wallaalaa barsiise tolche;
beekaan beekaa barsiise tolche.
Wallaalaan wallaalaa balleesse.
***
Leenci maal nyaata jennaan; liqeeffateeti; maal kaffala jennaan eennu gaafateeti.
***
Waa jaha bakka jette hin teettu:
Hayyicha
Makkala
Goota
Lunna
Arjaa
Dondha
***
Waa sadi du’a badde:
Qeerrichi du’a bade;
haftuun du’a bade;
daa’imni du’a bade.
***
Waa sadi dura badde:
maxaanni dura bade;
wallaalaan dura bade;
boosettiin dura badde.
***
Waa sadi ganama badde;
waa sadii guyyaa badde;
waa sadi galgala badde:
lunni ganama bade;
Wallaalaan ganama bade;
Dondhi ganama bade.
Haftittiin guyyaa keessa badde;
qeerrichi guyyaa keessa bade;
harkichi guyyaa keessa bade.
Hayyichi galgala bade;
fardi sangaan galgala bade;
ottichi galgala bade.
***
Waa sadi tura badde:
Arreedaan tura bade;
hayyichi tura bade;
kaamettiin tura badde.
***
Waa sadi ifnana;
waa sadi dukkana;
waa sadi gomitta’a.
Halkan deemuun dukkana;
jiini namaa bayuun gomitta’a;
lafti namaa bari’uun ifnana.
Biyya abbaa tokkoo dhaquun dukkana;
nama ijaan beekan arguun gomitta’a;
biyya sanuu barachuun ifnana.
Dubbii wallaaluun dukkana;
beekaa qe’ee qabaachuun gomitta’a;
ufii iyyuu dubbii baruun ifnana.
***
Waa sadi gaafa rakkatte argita:
Fira firummaa isaa;
hiriyyaa hiriyyummaa isaa;
lammii lammummaa isii.
***
Waa sadi waa sadihiif faayaa:
Jaarsi dubbiif faaya;
jaartiin qe’eef faaya;
jagni lolaaf faaya.

Itti fufa…

JECHOOTA GAMNAA KUTAA 3FFAA

Daladalli baraa dorgommii
Kocaa fi qeerransa falmii
Kamtu fiigee caalaa
Kana eennu taa’ee laalaa
Eennutu of wallaalaa?
***

Jaarsi wayii osoo deemuu deemuu deemuu dhugaa fi dharatti dhufe.Kana boodas tokko tokkoo isaanii eessa heddan jedhee gaafate jedhama.
Dhugaa… akkuma inni na leellisu qe’ee warra Haaji Gammachuu Gamteessaa jette!!
Dhara… akkuma inni na leellisu qe’ee warra Sibaat Gabrahaannaati jette!!
*** 
 Ganda wayii keessatti namoonni hedduu hedduu wal lolan jedhama. Dhimmichi ulfaatee namni araarsu dhibe.Achumaan namichi gamni wayii qixxee waame jedhama.Kana boodas namoonnis qixxee bayan.Gamnichi hedduu haasaya jedhanii eegani. Garuu inni akkas jedhe:-
“Jechi an isinii himu lamaa
Rabbi jennaan humni kumaatamaa!!
Osoo kufanii beekanii
Dhagaarra hin uttaalanii
Uttaalanii hin caccabanii!!
Osoo duunaa beekanii
Walitti hin hammaatanii!!
Walitti araaramaa
Waa gaaritu argamaa!!”
Calleensuu warqeedha!
Callisan fixan! Jedhamee mammaakameemii ree!!
*** 
Jaarsi niitii ofii waliin waa afuriif wal loluu danda’a:-
1ffaa dhiirsi dharaaf yookaan waan jibbeef
2ffaa dhiirsi tasa ofumaa dogongoree
3ffaa niitii dharaa yoo qabaate
4ffaa niitiin dogongora yoo hojjatte

Waa afur keessaa lamaa hammaattuu
Lama ammo laaftuu!!
Maalif ? Yoo jettan:-
“Kan beekaa balleessuu
Nama dhibaa sirreessuu
Jedhaa ree mammaassuu!!”

Rakkoon dhiirsaa fi niitii karaa sadiin fooyyahuu danda’a:-

1ffaa Yeroo dhiirsi afaan jabaate niitiin afaan laafuu

2ffaa Yeroo niitiin afaan jabaatte dhiirsi afaan laafuu

3ffaa Gaarii fi filatamaan lachuu yoo afaan walitti tolaniidha!!


Itti fufaa…

JECHOOTA GAMNAA KUTAA 4FFAA

Mucaa Gamna fi Daldalaa

Mucaan Gamni Wayii Daldalaa Wayiitin Wal Lolee Yeroo wayii namichaa daldalataa woytuu ture. Innis kan qabeenna karaa dharaatiin guurratee of duroomsu ture. Innis mucaa beekaa wayii yeroo tokko qarshii inni meeshaan bitachuuf amaanaa bira kaayate natti hin kennine jedhee dhoorgate.Mucaanis aarus ima callisee itti dhiisee biraa deeme.Guyyaa biraas bakka biraa walgahii dhimma biraatiif taa’amerratti wal ga’an. Namichaan rakkisaa waan taheef bakka wal gahii haajaa biraa irratti akka mucaa sana irraa yaada fuune ganzaba koo hate bade jedheen. Jaarsi abbaan waltajjiis dhimmicha mucaan duraa waan itti himee tureef maal daldalataan afaan faallaa hujii faallaa! Ufii irraa fuudhee dhooggatee faallaa haasayaa; na jalaa hatte jedhaa! jedhee didee mucaa irraa yaada fuudhe. 

Mucichis yoo duraa yaada biraa haasayuu ka barbaade namichaan wal qaban. Mucaa dubbii nama guddaa, beekaa keessa jirraa dhiisi ati jedheen daldaltichi! Ilma beeraa jedheen afaan taree.

Daldalataa: “Haatee gamnaa?” jedheen

Mucaa: “Abbaa kee ni caalti!” jedheen

Daldalataa: “Ati hoo gamnaa?” jennaan

Mucaa: “Si ima caala!” jedheen

Daldalataa: “Abbaan kee hoo?” jennaan

Mucaa: “Kan ambaa diina afaan qabachiise mitii; kan ambaa diina addaan galche mitii?” Jedheen

Daldalataa: “Ati mucaa anaa sitti dubbate balleesse” jedheen! 

Mucaa: “Qacceen ofumaa garaftee ofumaa iyyiti; atuu beekte” jedheen; guddaa jedhanii dubbii hin taane, argan irraa hin fudhatan dargaggeessa jedhaniis callisi hin jedhaniin. Guddas xiqqas kan jechisiisuu danda’u wanta nama sana keessa jiruu fi dubbii isaati jedheen!! Eega ofii keetii ka na dubbiftuu jedhee mucaan aaraa akka armaan gadii dubbate! 

Akkuma beekamu daldaltoonni dhiifama naaf godhaatii amma kan daldalaa hattuu kanaa dubbadhaa isin warri karaa sirriitiin daldaltanii duroomtan akkuma jirtan; warri hannaa fi humnaan duroome akka namichaa kanaa jiruu. Argaa si’a lama natti deebi’uu isaatii: 

1ffaa… Qarshii kook an ani meeshaa bituuf bira kaayadhe na dhoorgatuu fi na arrabsuu isaa.

2ffaa… Bakka walgahii kanattis an dhimma biraa walitti qabamneef yaada kennuuf carraa yoo gaafadhu naan mormuu isaa. Bakka hundatti dhiibbaa narraan gahuuf fedhuu isaa hubattan yaa daldaltoota karaa sirrii akkasumas warren biraa. Kana kan waa’ee qabeenna ofii malee kan biraatii hin yaadne; hiriyyoota isaas dabalatee hattoota ta’uu beektan nama meeqaas kallattii meeqaan akka miidhan!… yoo mucaan jedhu. Namoonnis harka dhayan!! Ililchanis waan garee sana hin jaalanneef. 

Mucaan itti fufees akkas jedhe: “Beekaa calliseeti malee anis waan inni hojjate beeka! Maal akka hojjataa jirus beeka, waan inni na hin fedhiniifis beeka, beekaa callise malee! Callisan fixan jechaaf malee!” Jedhe itti fufuunis…

“Ooftee ooftee hoolaa hatte tana abbatti fidda jedha mammaaksi” jedhan.  Warra garaa haadhatitti ilkee baasee! Yoo nuti gurshaa sadiin guyyaa dabarsinu isaan si’a sadii ol nyaata akkam akkamii nyaatu? Hojii humnaa nu hojjachiisanii kan nuuf hin kaffalle meeqa? Kan qabeennaa tuullatee hiyyeessa gama hundaan of jalatti galchee hacuucuu barbaadu kanaa fi hiriyyoota isaa. Uffanni isaanii meeqa guyyatti hagam jijjiiratu?Nuti uffanni dhumatu malee jijjiirannaa?Mana meeqa qabu?Waa meeqa qabu? Qabeenna kana akkamitti horatan yoo jenne kama isin beettanii fi anis himadhe; hannaan, humnaan ta’uun beekamaa!! Warra uummata qorqatee jiraataa jiru jira.“Galata Rabbii garuu akka isaan nu tuffatanii mitii kallattii kamiinuu hojjannee jiraanna.Yaada illee bilchaatas qabna!!” jedheen. Mucichi namichaaa fi hiriyyoota isaa daldaltoota dharaa salphisee namoonnis gammadan!! Kanarraa kan ka’e ummanni daldaltoota akka isaa ajjeesee irraa qabeenna irraa fudhachuu barbaada!! Waan ta’u walumaan ufdura argina!! Maqaa jijjiirataa siyaasa deemsifachaa jiruu! Maqaan isaanii mootummaa wajjiinuu haa baduu!!Ajjeesanii qabeenna seeraan alaa irraa fudhachuudha!!

Hubachiisa!! Ciigoo!!/Icitii fi Ifa/ Pun!!!/Qinee !!An Kan Jechuu Barbaade!!! Mucaan Gamni Amaan Tolaa Hamdaati! Daldalataan Ammoo Karaa Seeraan Alaatiin Worroota Mutummaa Ammaa Kun Seeraan Alaa Dureessa  Taasise! Galatoomaa!!

***

Gamni gamnatti dhufee akkana jedhe “Namni jabaan nama maal huje?Laafaan hoo?” jedheen.Gamnichis “Namni jabaan nama dogongora, rakkoo, laafina ofii irraa baree sanirrattillee of fooyyessee gara carraatitti jijjiire!Laafaan ammo faallaa kanaati.Uf komachuu baay’isaa!!” Jedheen

***       

“Abaarsa eessa dhaqxa?” jennaan “Gara abbaan na erge!”

Yoo dhabde hoo jennaan “Abbamaaf deebi’a!” jette abaarsi

***      

“Guddaan / beekaan maaf nama kabaja?” jennaan “Guddinnuma / beekumsuma isaatif” jedhe.“Wallaalaan / laafaan hoo maa nama xiqqeessa?” jennaan “Xiqqeennuma isaatif!” jedhe gamni gamnichi gaafannaan.

Itti fufa…

JECHOOTA GAMNAA KUTAA 5FFAA

Waa shan raagaa waa shan raankee  

1ffaa waan beeku haasayo raagaa waan hin beekne haasayo raankee

2ffaa waa qoro raagaa waa hin qorre raankee
3ffaa waa miidhasso raagaa waa busheesso raankee
4ffaa si’oomo raagaa ceem’o raankee 
5ffaa waa tolcho raagaa waa balleesso raankee

***

Namni nama sadiif tola oole bu’aa guddaa argata; namni nama sadiif tola oole ammo faallaa saniiti jedha:-

Sadan tola oolan bu’aa guddaa argatan 1/Gamnaaf dubbiin yoo tumsite 2/Gootaf onneen yoo tumsite 3/ Arjaaf qabeenya yoo kennite

Sadan faallaa dhaabatan ammo:- 1/Gowwaaf haasawaan yoo tumsite 2/Dabeessaaf onneen yoo tumsite 3/ Dondhaaf  qabeenya yoo tumsite Akka mammaaysa Oromootitti!!

 ***

Eebada tola akka deebitu beekanii

 Ooyruu abbaa shanii

Irra osoo sima facaasanii

Oolte moo bultaa

Moo daftee muldhattaa!!!!

Akkas jedha oromoon

1ffaa Arjaaf tola oolaa

2ffaaGootaaf tola oolaa

3ffaa Gamnaaf tola oolaa

4ffaa Qajeelaaf tola oolaa

5ffaa Haxiif tola oolaa

***

 GAMNI GAMNATTI BAYEE QORE

Gamna duraa:-“Beekaan maalii wallaalaan maali?” jedheen

Gamni lammatallee:- Beekaan ka waa dubbatuu wallaalaan waan waa dhageeffataati; beekaan ka waa gorsuu wallaalaan waan waa gorfamaati

Gamni durallee:-“ kana qofaa dabalata hin qabuu?” jedheen

Gamni lammatallee:-“Eeyyee, eeyyee!! Maaltu jira kan biraa!!” jedhe

Gamna lammataa:-“ Ammallee kan ati jetterra kan hafetu caala!!”

“Ka ati jette lamaa

Kan hafe diigdama

Ka ati jettuu diiddama

Ka hafuu dhibba lama

Ka ati jettuu dhibba lamaa

Kan hafu kuma lama!!” jedheen

Kana malellee;

 1ffaa:-jalqabarratti; dursi duraa, gamin gamna caalu:- Namni haasawa jabaa dubbate, nama haasawa jabaa of wajjiin dubbate; gorsaan jabaan nama gorsa jabaa of gorse; barsiisaan jabaan nama waan jabaa of barsiise; qajeelchaan jabaan nama of qajeelche!!

2ffaa fi itti aansoo garuu:-Beekaan ka waa barsiisuu wallaalaan waan waa barataati; beekaan ka waa qajeelchuu wallaalaan waan qajeelfamaati; beekaan fagottuu waa argaa wallaalaan waan ofuu argineeti; beekaan waan boruutuu beekaa wallaalaan waanhardhaa hin beeku; beekaan waa hubataa wallaalaan hin hubatu; beekaan waa qoraa wallaalaan hin qoru; beekaan waa madaalaa wallaalaan hin madaalu! Jedhee gamin duraa isa lammataa dubbiin mooye!!

Gamni Tokko Amaan Tolaa Hamdaati!! Kan Hafe Ammoo Gamnoota Jirani!

Itti fufaa…

JECHOOTA GAMNAA KUTAA 6FFAA

Mucaa Gamnaa fi Ilma Nugusaa

Ilmi nugusaa mucaa hiyyeessa gamna wayii qore.Innis mucaa hiyyeessa garuu gamna akka tahe hin beeku ture. Garuu mucichi gamnummaa fi cimina isaa mirkaneesse! Mucichis badii nugusichi uummata irraan gayu dalgaan ibsuu qofa osoo hin taane dhumarratti itti hime. Mucaan nugusaas akkas jedheen:- Beekumsa moo duniyatu caala? Jedheen! Waan mucaan beekumsa qabuu fi inni hinqabneef!! Ilmi nugusaa ammo qabeenna fi aangoo qabaa!!

Ilma nugusaa:- Beekumsa moo duniyatu caala?

Mucaa gamna:- Adda isiniif baasaa hin dheekkaminaa jedheen.

Ilma nugusaa:- Akkamitti? Duniyaatu waa hundaa dhiyeessaa; duniyaatu irra jabduu; duniyaatu caala jedheen!

Mucaa gamna:- Mallaqa beekumsatu eega. Beekumsi maallaqa qofa osoo hin taane mataa keennas kan eegu isa; kallattii nutti kan agarsiisu isaa. Maallaqni namootaaf ajajamaadha. Beekumsi ammo hogganaa; barsiisaa; ajajaadhas! Maallaqni dhaabbatumatti qisaasamee dhumata. Kanaaf beekumsa duniyaa caala!

Dabalees

-Beekumsi waan waa sirreessaa/qulqulleessaatii duniyaan miti
-Beekumsi eennufuu hiramaa duniyaan hin hiramtu
-Beekumsi waa sirreessoo nagaa buusoo duniyaan miti
Jedhi yoo jette inumaa; yakkamaan yakkamaa olii duniyaadha!!

“Duniyaa yakkamtuu
Abbaa feete soortuu
Garii dureessa gootee
Garii hiyyummaan gooltee
Yakkamaan akka kee inuma jirree
Beekumsaan karaa sirrii osoo sararree!”

Kanumatti dabalee gamnoonni waa’ee duniyaa yakkamtuu ta’uu isii yoo raga bayan:-
–          Duniyaan sagalimaa kudhan guuttee hin beektuu
–          Gaafa maallaqni haasayuu jalqabu dhugaan ni callifti
–          Bunni kama jalqabaati; 2ffaa fi 3ffaan haafaa duniyaati
–          Duniyaan fixeensa ganamaati; yoo tahe muldhattee deebitee ka baddu
–          Duniyaa booddeen isii waa qaba!

Kanaaf duniyaan shakkamtuu; yakkamtuudha! Jedhee rakkoo duniyaa nugusichaan wal qabsiisee nugusicha qoccoluu kajeele; dhugaas dubbachuu yaale.

Ani garuu beekumsaan
–          Gamna na taasisaa gamna ittiin ta’a
–          Onnetti qalbii guutaa ittiin milkaaya
–          Milkii ittiin hoffola
–          Qabeenna hin hatamnee abbaa isaa ta’a
–          Ulee kaazaraatii ittiin of irkisa
–          Ibsituu dukkanaatii nan ibsadha
–          Qajeelchituu daba uumameetii ittiin wa qajeelcha
–          Humnaa ittiin goonfadha
–          Hiixata ittiin waa bira gaya
–          Furtuu balbala heddu bantuu ittiin banadhee seena
–          Bokkuu seera ittiin muranii seera ittiin mura

Itti dablees mucaan gamin akkas jedhee ilma nugusaatti raage!!!

“Duniyaatu didee jallata
Hiyyeessatu lafa guuta
Baratu farrisaa
Falli dhugaa akkaan barbaachisaa
Ta’uu baannaan hallayyaa si buusaa!”
Ilmi nugusaas aaree” Maal jetta!” jedheen

Mucaan gamnis sodaa tokko malee akkas jedheen” Kan jedhe hin jenne jedhu; ka jedhin jedhe jedhu; fidaa hin jenne jedhaanii kan jette naan jedhu!”

Ilmi nugusaas mucaa gamnicha hidhatti darbate.

(Haasawa ilma nugusaa booda waa baayyee osoo hin turree waggama muraasatti hiyyeessonni ka’anii falmatanii nugusicha aangoo irraa darbatanii!!!.“Hiyyeessi waan nyaatu yoo dhabe nugusa nyaata” jedhanii geerraran.

Kana boodas mucichi akkas jedhe

“Duniyaatu didee jallata
Hiyyeessatu lafa guuta
Baratu farrisaa
Falli dhugaa akkaan barbaachisaa
Ta’uu baannaan hallayyaa waa buusaa!”

“Beekaan duraa himee
Sirrii kan nuuf dhaame
Rakoo sabaa furaa
Isinis akkanumatti kufurraa!”

Mucaan gamnis akkas jedhee ilma nugusaa fi nugusaan

“Hin boone moo hin oodee
Hin mooge moo hin hoodee
Dubbadha jedhu sirrii osoo dubbatee
Aangoo irraa bu’us osoo ima fudhatee
Kana didee; ofumaa ajjeesee hallayyaa of gatee!!”

Uummannis akkas jedhe

“Qabeenya koo saamaa
Bara hamaan deemaa
Ammaa achi argatuu; kan an qabu 430
Kanas kan jedhe sabni bar hundumaa!!”
Ilmi gamnaas akkas jedhee mammaake!

“Gaafa badii deemtu narra gorii; gaafa badii galtu narra gorin”
“Ijji gamnaa dura boossi”
“Yoo haasayanii fi deeman; dhugaaf tulluun hin dhokatti malee baddu”
“Aak jedhan waa tufan mammaakan waa himan” jedhee dubbate.

Kana booda waa osoo hin turin ummanni nugusa san ajjeesee kan biraa muude!! Ilmi nugusaas hiyyeessa ta’e!! Mucaan gamnis itti gammade!! Mammaakni gamnichaa hin hafnee hojiirra oole!!

Hubachiisa!! Ciigoo!!/Icitii fi Ifa/ Pun!!!/Qinee !! An kan Jechuu Barbaade!!! Mucaan Gamni Amaan Tolaa Hamdaati! Nugufni Ammoo Mootummaa Kufe Fi Amma Maqaa Jijjiiratee Fi Olii-Gadi Kaatu!! Maqaa Hin Qabne Maqaa Jijjiiratu!! Homuu Irraa Hin Fudhatin!!!!!!!!!!!!!!  Ilmi Ammoo Kaabinee Mootummaati!! Galatoomaa!!

***

Gubaatii waa lamaa abbatu eeggata/abbatu malaan itti fayyadama:-

1ffaa gubaatii ibiddaa
2ffaa gubaatii haasawa gowwaa

***

Waa sadi waan arfii addeennaati:-

1ffaa warqee
2ffaa arfii waraanaa
3ffaa daaraa ibiddaa

***

Waa sadi wal miliqxe

1ffaa Harreen damma nyaaphaa baattii ofii hin nyaattuu jala miliqe

2ffaa leenci ala gala; asheeta yeroo biratti beelayaa; jala miliqe

3ffaa wallaalaan beekaa jiruu wallaalee; jala miliqe

***

Ilma jechuun:-

Maqaa abbaa kan yaamsise;

Kan lammii abdachiise;

Kan abbaa ajajame;

Kan lammii abboomame;

Kan gaachana qabate;

Kan lammii dhaabbate!!!

Itti fufa…

JECHOOTA GAMNAA KUTAA 7FFAA

Akkas jedhe gamni:-  

Nama jechuun;

Kan dhugaaf xaare

Kan lammii ijaare

……………………

Kan sabaaf dhaabbate

Kan sabaaf falmate

………………………

Qabeenya jechuun

Kan lammii ijaare

Kan abdii dhalootatti hore

Kan hiyyeessa jijjiire!!!

…………………………

Jaarsa jechuun;

Kan jaarsummaa taa’e

Kan dhugaaf dhama’e

Kan dhugaa mure

Kan lammii dhaamsa hire

Kan lammii sabboonummaan ijaare!!!!!!!!!!!!!!!!!!

***

Dhiiroo Abbootii teenna hanqachaa jiraa bee! jedhe gamni. “Maalif?” yoo jettanis meeqa keennatu bakka abbaa keennaa gaye? Kaayyoo abbootii keennaa galmaan gaye? Abbootii keennas maqaa yaamsise! Beekaan akkas jedhe. Abbaan ilma uumatee ilmi guddatee bakka abbaa san yoo gayee akkas jedhama:

1ffaa Yoo ilmi qoramee abbaa caale — abbaan ebaluu lama dhalate jedhama

2ffaa Yoo ilmi qoramee abbaan walqixa taye — ebalu bakkuma of buuse jedhama

3ffaa Yoo ilmi qoramee abbaa hanqate — abbaan ebaluu ilma hin arganne jedhama

***

Waa sadihii waa sadihii tahan dhokatu malee badanii:

1ffaa Dhugaan yoo kijibni baay’atte hin dhokatti malee badduu

2ffaa Gaarri yoo deemte hin dhokata malee badu

3ffaa Addeessi jiini keessaa bayu dhokata malee hin baduu

***

Waa sadi waa sadihii naasa’a/naasu’u/balleessiti:

1ffaa Ifni dukkanaa naasa’a

2ffaa Dhugaan dharaa naasa’a

3ffaa Bishaan ibiddaa naasa’a

***

Ulfinni Arsii shani; daraaraan Arsii shani; ganyaan arsii shani:

Shanan ulfina/ ulfoo/ kabajaa Arsii:

1ffaa Gudeeda (Abbaa, Haadha, Akaakayyuu fi fira dhiigaa biraa)

2ffaa Soddooma (Soddaa Soddaatii kkf)

3ffaa Jaalummaa (Jaala Jaaltittii)

4ffaa Umrii (Hangafa, Jaarsa fi Jaartii)

5ffaa Keessummummaa

Shanan daraaraa Arsii:

  • Waddeessa/ Gaafa cidhaa qabatama
  • Garbuu/Midhaan nyaatni mi’aayaan heddu irraa hojjatamu
  • Aannan
  • Dayma
  • Buna

Shanan Ganyaa Arsii:

  • Ganyaa namaa
  • Ganyaa fardaa /Arsiin kabaja guddaa fardaaf kennaa/
  • Ganyaa Roophii /Halangee seera ittiin murantu irraa argama/
  • Ganyaa leencaa /Mootii bineensotaati/
  • Ganyaa kanniisaa /Ilbiisa waan mi’aayaa hojjatu/

***

Beekaan beekaa qore!!

Beekaan beekaatti bayee akkas jedhe simbira harkatti qabatee”Simbirri tun duutu moo jirtuu?” jedhe.Yoo namichaan jirtu jedhe cum’ee ajjeesee meeti ka jirtu jechuuf; yoo namichi duutu jedhe gadi dhiisee yoo bararte meeti ka duute jechuuf.Namichis beekaa waan taheef akkas jedhe “Abboo carraan simbira tanaa sima harka jira!” Yoo harkaan cum’ite/cuunfite hin duuti; yoo gadhi dhiifte hin bararti jedheen

***

Gaafii Qabaa Hayyuu Irraa

Gadaa hammeennaattu dhufaa?

Jiruun hin taatii guduunfaa

Kan jiraatan ka’aa kufaa

Garuu gadaan fooyyeen woy dhufaa?

Barri maa hammaatee?

Deebiin na dhaqqabaa warri waa qorate!

…………….

Isintuu beekaa

Sirriis isintu akeekaa

Isintu sirrii argaa

Saba isin eegaa

…………..

Qaallus mee gaafannaa

Abdii waa qabaannaa?

Rabbii guddaa kadhannaa

Rabbuma waa abdannaa

Rabbirraas waa argannaa!

………………

Garuu rakkoo kan fide dharaa?

Adda baasaa kan gidiraa

Dharri hammeenna fiddee farraa?

Gaafii qabaa qaalluu irraa

Gaafii qabaa haxii irraa

Gaafii qabaa hayyuu irraa

gaafii qabaa gamna irraa!

………………

Yoos dharri diinaa ka waa sii hin yaannee

Hin dubbatinaa akka dhara waayyaannee

Sobaaf hin kaffalinaa aarsaa

Arriin dhugaa dhugaa agarsiisaa

Woy irraa bareedaa sobni jaarsaa?

…………………

Barri hammeennaa hin dhufaa?

Hiyyummaa fi durummaan bakkarra lufaa!

Tokko biliyoonaa ka daldalu

Tokko nyaata dhabeetii ka qooqa bulu!

kana maa sirreessinee ka dhimmi ilaalu!

Jedhee hedduun dubbataa

Sabnis kana ni hubataa

Kanumas deddeebi’ee gaafataa!!

     ***

               Jiruu Bara Kanaa

Namni hunduu ima fiiga dhama’a, wal dhamaasa, wal kuffisa wal kaasa.Garuu dhiibbaa jabaa walirraan gayuun baayyate.Namni gariin qabeenna qabaa kuun beekumsa qaba.Hundinuu jiruu tana injifachuuf fiiga. Fiigicha jiruu jireennaa tan namni karaa walitti cufe tana keessatti. Fiigicha jiruu jireenyaa tana keessatti warri qabeennaa fi human fi beekumsa qabu duratti kutee jira, gara kallattii sirrii fi injifannoo; lallaafoon duubatti harca’eera, jireenni hiyyeessaa/lallaafaa hedduu bacancaroofte, bubbushoofte, dhangaggoofte.Anis warra duubatti hafe keessaa tokko.Warroonni beekumsa, qabeenyaa, human, deeggarsa kkf lallaafaa iraan tarkaanfatanii fuulduratti kutan. An mataa kootti hanqina qabaadhus dureeyyiin dugdaa/gurmuu kootti baadhee isaan tajaajilaa isaan miila koo irra ijjataa tarkaanfatanii darban, na hacuucanii, fuulduratti tarkaanfanna jennaanis karaan kan cufate. Garuu maaltu beeka osoo waaqni iddoo galumsaa iddoo iraa kaane taasisee silaa boqadhee mitii ree!!! Yookaan bakki galumsaa bakkuma jirru san osoo tahee achumatti gadi teennaa!!!! Worroonni duratti kutan ammas bakka ka’umsaatti deebi’uuf haa babargaafatanii; gaafas nu dursitoota taana.

***

Jabaan an jabaadha jedhee of leellisee; kan biraa komatee mataa keessa gadi dhaya; garuu immoo yeroo eeggatti malee isaafis deebi’uun hin ooltu akkuma fi haguma saniin rukutama, inumaayyuu tan isaa hammaachuu dandeetti. Waan facaafatan haamatu jedhamee mammaakamaamii ree!!!!

     ***   

Gabaabamatti an waa’ee nama cimaa fi laafaa kan an jedhu:-

  • Cimaa :-laafina jabinaan injifachuuf tattaafata
  • Laafaa :-laafina laafinaan injifachuuf tattaafata
  • Cimaa:- kan muxannoo namarraa fudhatu
  • Laafaa:- kan muxannoo namarraa fudhanne
  • Cimaa:- Kan jabina ofii jajjabeeffatu
  • Laafaa:- Kan laafina ofii dhiifne
  • Cimaa:- Kan si’oomina qabu
  • Laafaa:- Mooggayaa, laamshayaa
  • Cimaa:- Kan waa midhaassuuf tattaafatu
  • Laafaa:- Kan hin tattaafatne

***   

Jechi Gariin Dullaa Caalaa Nama Miidha

Yeroo wayii namoonn lamaa biyya tokko keessa jiraataa turan.Isaanis osomaa jiraatan, jiraatan gaafa tokko wal lolan.Isaanis wal arrabsan. Namichaan duraas arraba hamaa arrabse; kan lammataas hanga tahe arrabse. Kan jalqabaa keessa dabree arraboota hahhamoo arrabse, arrabse mataa cabse qaanyesse.Achumaan harkaan walitti taranii wal buruqsan.Namoonnis iyyanii addaan guuraan.Kana booda jaarsonnis dhufanii dubbii jalqaban. Araarsuufis tattaafatan hin danda’amne dubbii bulfatan ; beellaman. Gaafni beellamaa gayees dubbatan. Achumaan namichaan arrabaan miidhame lammataa sun ani hin fixadhu, na ajjeesee, balleessee jedhe. Achumaan gaafa biraatti beellaman.Dhumarrattis beellamni gayee kadhaa hedduun araarsan dubbatanii mammaakanii; waaqnis araara fedhaa; mee adaraa fixadhaa; araaramaa jedhanii.Kana booda namoonnis gara qe’ee ofii deebi’anii jiruu itti fufan. Tura keessa gaafa wayii jarri wall ole kun walitti dhufe. Namichaan jalqabaa kan lammataatiin abboo akkam jedhe. Namichaa lammatallee gaarima erga jedhee booda kunoo madaa ulee keetii fayyee guutumatti garuu jecha ati naan jette hin fayyine; yoomillee hin fayyus jedheen jedhama.Kanaaf yoo yoo arraba hamaa manna dullaa hamaa wayya jedhama.Jechi zalaalamii jiraata. Yeroo darbuu jecha jecha hin darbine hin darbatin jedhama mitii ree!!!!

Itti fufa…

JECHOOTA GAMNAA KUTAA 8FFAA

Waa Shan Booda Waa Shan Jirti

1.       Qabeenyaa heddu kuufame booda hanni jirti

2.       Rakkoo booda baldhoon jirti

3.       Carraaqqii booda milkiin jirti

4.       Hadhaa/bargoo booda firii mi’ooftu jirti

5.       Qabsoo booda injifannoon jirti.

     ***

Ceephoo Zamanaa

Namni kamuu yoo waa balleesse ceepha’amuun barbaachisaa dha. Ceephoon nama sirreessa. Namuu ceephoo yoo of irraa jalqabe bareedaa ta’a.Ceephoo madaalawaa/sirrii fi sirreessaa kaasuun barbaachisaadha. Ana garuu ceephoo addaattu na muuddate. Homa argan hundaaf na ceepha’an. Ceephoo koo doonitti naa fe’an. Kan isin dhibu ofiif yookaan gaariitti, yookaan motoratti, yookaan kan caalu komkolaatatti fe’uu dhiisiitii saaykilatti fe’uu hin dandeenne!! Kolfa! Kaa! Kaa! Isaan isaan miidha kaa yookaan miya fe’umsaa saaykila isaanii faa jalaa cabsa itti ulfaatee! Saaykilli isaanii haa cabdu, bixinxish haa jettuu! Kaa! Kaa! Doonicha ceephoo isaanii eennu galaanarra isaanii bololiisisa ree!! Kaa! Kaa!

Ceephoo akka kanaa

Achi ofirraa gannaa

Waa ofitti fudhannaa!!!!

***       

Namicha tokkotuu dura arba argee hin beeku ture. Innis nama wayii wajjiin osoo deemanuu deemanuu arbatti dhufan innis abshaalumaan bineensicha barachuu waan fedheef namicha lammataatiin akkana jedhe. Bee bineensa kana namni hin beennes jiraa jedhe.Achumaan namichi lammataas sila arba moo jedheen.Ee jedheen namichaan lammataa.Akkanattis namichaaniis abshaalummaan arba bare jedhama.

     ***

Namichatu nama wayii waliin osoo deeman faana arbaa lafatti argee raajeffatee, raajii raajii jedhe. Achumaan namichi lammataa faana arbaa maal dinqisiifatta ila arbuu kuunnotii jedheen jedhama.

     ***

BIYYA AFAAN FAALLAA

Bara durii namichaan wayii biyya tokko keessa  jiraataa ture. Innillee yeroo wayii dhibamee mana yaalaa aadaa heddu dhaqee; qoricha adda addaa fudhatee of yaalaa ture garuu fayyuu hin dandeenne.Innillee gaafa tokko oduma oduu keessa biyya san keessatti mana yaalaa aadaa cimaan hundaa caalu biyyattii keessa jiraachuu dhagaye.Innillee iddoo san deemuuf odeeffannoo barbaachisu namoota beekan irraa fudhate. Namoonnis akkana jedhaniin:- “Bakki qorichi itti argamu fagoodha; gaara gubbaa; namichaa qallaa dheeraatu nama waldhaana” jedhaniin. Innillee guyyaa karoorsee gara yaala jedhameetti deeme.Woyta karaa bu’ee deemee bakka isaan jedhan gayu; karaan dheera jedhame garuu gabaabaa ta’uu isaa hubate gaarri isaan jedhan golba tahe.Namichas raajii itti taye faallaa haasayuun namootaa. Deemee deemee mana yaalaa jedhame gaye worri manallee seensisanii teessisanii erga jedhanii booda namittiin gabaabduun furdoon dhuftee maal akka dhibame gaafatte. Isallee raajii itti ta’us callisee dhageeffachuu itti fufe. Isiinis erga rakkoo namichaa dhageeffattee; dawaan an siif kennu xinnoo dhaa guyyaa torbaa fudhattee erga jettee booda asitti deebitee haala isaa laallaa jetteen. Qorichas qalqalloo heddutti hartee fidde. Isallee raajii itti ta’ee akkana jedheen “An qoricha kana hin fudhadhu!” “Maalif?” jetteen. Innis akkana jedheen “Kan fagootiin dhiyoo yoo jenne; kan dhiyootiin fagoo yoo jenne: Gaaraan golba yoo jenne; golbaan gaara yoo jenne: Dawaa yoo jenne summii jenna; summii jechuun keenna ammoo dawaa jechuudha! Atis summii naaf kennite!” jedheen.

Namichaanis qorichaa fi namittis achumatti dhiisee biraa deeme.
Kanaaf akka afaan faallaa saniititti:-
Gabaabaa jechuun dheeraa jechuu; dheeraa jechuun gabaabaa jechuu
Halkan jechuun guyyaa jechuu;
guyyaa jechuun halkan jechuu
Dhugaa jechuun soba jechuu;
soba jechuun dhugaa jechuu
Beela jechuun quufa jechuu;
quufa jechuun beela jechuu
Tole jechuun bade jechuu;
bade jechuun tole jechuu
Dhiira jechuun beera jechuu;
beera jechuun dhiira jechuu
Gaarii jechuun yaraa jechuu;
yaraa jechuun gaarii jechuu
Jaarsa jechuun ijoolle jechuu;
ijoollee jechuun jaarsa jechuu
kkf.

Hubachiisa:- Ciigoo/Pun/Qinee!!Biyyi Afaan Faallaa—Ethi!!; Afaan faallaan-Amh!! Namichi dhibame Ammoo ATH!!

Itti fufa…

JECHOOTA GAMNAA KUTAA 9FFAA

DUBBII FI ABBAA DUBBII EESSA JALAA HOFFOLAN?

Abbaan dubbii nu rakkisee maal nuuf wayya?Dhiyaa barii dubbimaan nutti deema. Dubbii isaa dhangaggaayaa sobaa sana kijiba afuufuu hafarsuu hafarsiisuu. Dubbiin nama unkuruu, jeequu! Sila abbaa dubbii kana biyyuma kamitti jalaa baqanna. Xiyyaara yaabbannee galaanota qaxxaamurree jalaa baanaa, osoo hin ta’iniitii duunee illee dubbii dhiisuu! Dubbii kijibaa isaa haa afuufuu nu homaa hin taanuu!! Eessa?Yoom? Fi Haala kamiin jalaa ceenaa abbaan dubbii ni fooyyaya jennee osoo eegnu fidee!! Afaan faajjii haasayaa oolaa! Kijibaaan dhugaa haguuguuf tattaafataa! Kijibni kuma tokkoo dhugaa takkattii woy ta’aafii? Dhugaa dhoksuuf tattaafata! Odumaaf Kasaaraa! Garuu soba isaa dura dhaabbanna dhugaa qabnuun yoomillee, eessattllee, haala kamiinillee!! Dhugaan hin qallatti malee cittu jedha Oromoon mammaakee!!

“Abbaan dubraa nutti hafee kabbarteen

Warri abbaa qabeennaa nu cunqursuu jalqabdee

Lakkaa abbaa dubraa kana nurraa kaasaa

Afaan birri nutti banaa xaasaa”

Jedhee Oromoon Dhiichisellee Yeroo Ammaa!!

     ***   

Obsi Namoota Cimoof Qorsa Yoo Tahu; Namoota Laafoof Ammoo Summiidha!!!!!!!!!!

Obsi jiruu fi jireenya kamuu keessatti baayyee barbaachisaadha.Obi laafinaa fi jabina amaloota namoota ibsan keessaa dursa qaba.Obsa qabaachuun buleessa umrii dheeraa si taasisa.  Obsa yoo hin qabaannee kaayyaa keenna dheeraan qabannes tahee gabaabaan galma hin gahu.Obsi furtuu injifannooti.Namoonni gariin waan salphaatti abdii kutatanii jiruu fi jireenya isaanii dukkaneessan kaayyoo isaaniis karatti hambisani.Garuu haga kaayyoon keenna sirrii ta’etti abdii kutachuu hin qabnu.Kallatti galma keenna san ittiin geennu jijijjiiruun barbaachisaadha. 1. 2. 3  itti fufa jechaatuma galma kaane dheeraa geenna. Xiqqoma irraa jalqabnee jabeessaa jabeessaa bakka kaaneef geenna.Obsi muxannoo guddaa siif kenna.Muxannoo keenna kanas sirritti tolchinee yaadachuu qabna.Muxannoon keennaa hardhas borus nu gargaara.Kanaaf obsaan muxannoo horatan suutuma suutaan hojitti hiikuun barbaachisaadha.Obsi hadhooftuudha ima unachuudha dhumarratti garuu baayyee mi’ooftuudha. Namni rakkoo baayyee yoo arge booda obsa bara. Obsi beekumsa, dandeettii fi fedhii namaa gabbisa;beekumsi, dandeettiin akkasumas fedhiin namaa yoo gabbate hojii hojjatan injifannoott I ceesisa.

Mammaaksa Oromoo Obsaan Wal Qabatan:-

  • Obsaan Aaannan goromsaa dhuga jedha mitii ree!!
  • Obsaan Worroomanii
  • Dubbii baruun duratti obsa bari

Kkf.

***

Dhaamsa Nugusa Boqachuuf Qophaayee


Bara wayii keessa biyya wayii keessatti nugusa waytu ture.Innis ummata isaa hacuucuun beekamaa ture.Yeroo bulchiinsa isaa ummanni isaa hedduu hedduu dararame; nugusichi cunqursaa ulfaafaa ummatatti fe’e.Ummannis hedduu itti fincilaa turan gabroomfataa kana.Innis yeroo dheeraaf ummata isaa bulchaa ture.Osoma akkanatti bulchuu gaafa tokko hedduu dhibama; du’uu akka hedus beekkate, hedduu qooqqifate hedduu caraanee sagalee du’aas dhageessise. Dhuma irratti waan balleesseef warwaatee aangoo irraa bu’ee nagaan boqachuuf fedhe!! Worwaate, watwaate, bacaraane, burjaajjaye, raataye!! Dhaamsas dhaamate!!!!


Nugusichi kun ijoollee afur qaba ture ijoollee tannin keessaa mucayyoon tan isaa yoo taatu dhiirran sadii guddisa/guddifachaa/ turan. Kanniin keessaa hangafni durba, itti kan aanu dhiira, itti ka aanu dhiira fi kan dhumaas dhiira. Fedhiin ijoollee nugusa kanaas akka armaan gadii ture.

  • Mucayyoon hangafaa seenaa odeessuu, seenaa fakkeessitee uumuu, seenaa kijibaa odeessuu fi kijiba hafarsuu jaalatti jallattuudha, dabduudha, oftuultuudha,dhiphoodha turte.
  •  Mucaan itti aanu waa’ee walqixxummaa, walgargaarsa, jaalala, ogummaalee adda addaa kunuunsa, bulchiinsa gaggaarii irratti jaalala qaba gamna fayyaalessas ture.
  • Mucaan sadaffaa hiibboo jaalata ofii fayyaalummaa qaba ture.
  •  Mucaan arfaffaas hiibboo jaalata ofii fayyaalummaa qaba ture.

Nugusichi dhibeen waan itti hammaatteef akka du’u hubate.Caraanee qooqqifates!! Innis aangoo eennuun akka dhaalchisu hedduu itti yaade.Innillee ijoollee ofii waamee dhimmi kana mari’achiise.Ijoolleenis aangoon anaaf mala jechuun hedduu wal morman. Nugusichis ijoollee aangoo irratti wal loltu tana addaan baasee aangoo kennuufii barbaade! Nugusichis du’a irratti dhaamachuun bulchiinsa isaa kan ulfaataa ture sanaaf ilma filachuu barbaade; ilmi isaa kun akka seenaa badaa isaa sirreessu barbaade!


Nugusichis ijoollee isaa arfan wal morkan kana waamee wal filadhaa jedheen.Ijoolleenis anatu filatama jechuun wal morman.Walii galtees dhaban.Achumaan nugusa biras deemanii atumti addaan baasii nuuf kenni jedhan.Innillee akkuma fedha keessanii gaaffii adda addaatin addaan isin baasuu jedheen.Ijoolleenis hayyee jetteen.


Nugusichis:  Ishee hangafaatin seenaa koo hanga ammaatti natti himi Mucaa lammataatiin waa’ee walqixxummaa, walgargaarsaa, jaalalaa ogummaalee adda addaa bulchiinsaa natti himi
Ijoollee lamaan ammo tokko tokkoo isaaniitiif hiibboo lama lama dhiyeesseef
Kana booda ijoollee isaa hangafarraa ka’ee hanga maandhaatti dhageeffachuu itti fufe.
Mucayyoon isaas seenaa sobaa midhaassitee dhiyeessiteef, seenichis hedduu hedduu hedduu itti ulfaate; innillee soba jechuun itti dallane waan du’aaf deemaa jiruuf dhugaa ifa baasuu barbaadee!
Mucaan lammataa akkuma fedhii isaa sirna walqixxummaa fi dimokiraasii/sirna gadaa/ sirri tolchee ibseef; innis heddu itti gammade!


Ijoolleen lamaanis hiibboo isaanitti hiibbifame lama lama keessaa tokko tokko deebisaniif
Nugusichis akkas jedhee murtii kenneef!!! Ijoollee koo ammaa achi biyya bulchuu kan danda’amu walqixxummaan, waljaalalaan bulchiinsa gaarin malee seenaa jette jettee yookaan kijibaan barraayeen miti yookaan hiibbodhaan miti jedhee mucaa isa lammataaf aangoo kennee, biyyi akkasitti bulchamti jedheen jedhama!


Ummanni biyyaas kana dhagayee hedduu gammadee, hedduu dhiichisee sirba waliin gayee dadammaqe akkas jedhees dhiichise
“Yoosan rakkoon sabaa kufee lafa dhayaa
Kan dhugaan saba bulchu biraan nu gayaa
Nugufni du’ee waa’ee biyyaaa maal haasaya!
Nan sirbaa nan dhiichisaa
Gabroomfataan hamaa fokkisaa
Fifincilaa hallayyaa buusaa
Gabroomfataa ofirraa kuffisaa
Walqixxummaan wal sirreessaa
Dhugaan galee
Turaa naasuu malee
Rabbii guddaa nu falee!!”
Jedhamee sirbame, geerrarame, weeddifame!!!!!
Haylamaaram Boqataa

Itti fufa!!

JECHOOTA GAMNAA KUTAA 10FFAA

Bakkisuuf baktii
Callisuuf dhaltii
Mala saree dhaltee diddee barbaadaa?
Mala saree ollaa
Tan nama taate faallaa

***
Summii itti godhan ima nyaattii
Nabseen illee waa boqattii
Irraa kaasan ni kaattii
Mala saree maraattuu
Tan ofillee kaattu
Kaattee ollaa nyaattuu
Barbaadaa! Malli maali?
***
FOR THOSE WHO GOSSIP/BACKBITE INDIVIDUALS

Habesha stop your false limitless propaganda that you hire 24 hours!
This is backward culture of modernity. It is full of gossip and backbite of individuals.Which is non sense and useless. Why you fabricate multiple of false things that cannot happen!Didn’t happen! Why you fool yourself while you try to fool peoples you under estimate! You are killing your time,
wasting your resources! You expose yourself to public who you are!! Who, What you are on medias,all of you don’t waste your things!! If it is good small thing is enough, why you exaggerate, why you under estimate peoples. Peoples you underestimate are mocking at you!! Laughing at you!!!!!!!!!!!!!!!!

Idiots stop your noisy sounds!!
Or,
Yookaan Afaan Oromootiin
Hamatee Hamachiisaa
Jedhee jechisiisaa
Rakasee/fashale dubbiin isaa
Tuffadhaa itti dhiisaa
Kanatu bulchiinsaa?
Ummata barsiisaa?
Ittuu badii ni jaamsaa
Kuni bar dhamaasaa!
Laafatu baay’isee hamataa
Kan sirrii waa xiqqaa dubbataa!!
***
HIIBBOO/PUZZLE/RIDDLE/Qoosaa/Joke
Obboo gamteessaa sabaa lukkuu kormaa tokko qabaa ture!
Lukkuun kormaan tokkon sun osoo Gamteessaa Sabaatiif killee buusee maal tolfata?
Siilsii moo firfirii tolchee nyaataa?
DEEBII Lukkuun kormaan killee hin buusu
***
Gootni gaarota uttaala laggeen uttaalaa; nuti xaaraa manaa ijaarru irraa uttaaluu dadhabnaa,
siree firaasha waliin naaf sirreessi irratti uttaalaa,
intaloo jedhe; namichi osoo mana ijaaru hin kufaa sodaatee!! Jedhe jedhan!!!!!!!!!! Kolfa Kaa!! Kaa!!!!!

Itti fufa…

JECHOOTA GAMNAA KUTAA 11FFAA


Faayyi sadii faaya sadi waan injifataati barbaachisummaan jedhe Gamni tokko kan biraatiin
Isaan illee:-
1ffaa…………Warqeen barbaachisummaan qawwee waan injifataati
2ffaa …………Wonti waa dhugamu barbaachisummaan kan nyaatamu waan injifataati
3ffaa………….Amalli tolaa barbaachisummaan amala lolaa waan injifataati
***
Faayyi dhiira jaynaa sadi
1. Meeshaa lolaa
2.Haasaa lolaa
3.Onnee lolaa
***
Raajiin raajii olii fakkeennummaa dhiiraa armaan olii caalu ammo sadi
1.Haasayumaan haasayanii meeshaa waraanaa injifachuu danda’uu
2.Ogummaan faaya harkaa saniin meeshaa waraanaa caalaa faaya faaya ta’e hojjachuu
3. Akkuma haasayaa afaanii hojiinis ta’anii argamuudha!!!! Haasaa fi hojii garaagartii hin qabne qabaachuu!!!!!!
***
Waa lama keessaa takka jaalalaa takka jibba
1. Dhugaan jaalalaa; dharri waan jibbaati
2.Qajeellummaan jaalalaa; jallinni waan jibbaati
3.Arjummaan jaalalaa; dondhummaan waan jibbaati
4.Gootummaan jaalalaa; sodaan waan jibbaati
5.Eebbi jaalalaa; abaarsi waan jibbaati
6.Haqni jaalalaa; hanni waan jibbaati
7.Si’oominni jaalalaa; ceem’aan waan jibbaati
8. Qaroominni jaalalaa; wallaalli waan jibbaati
KKF
***
Namni of qabu maalummaa namummaa ofii haa jabeessuu Rabbillee eebbisaa ittis guutaa haa misu kanneen armaan gadii haa jabeessuu!!!!!!!
1. Waaqeffachuu 
2. Sirna Gadaatiin Buluu
3. Aadaa Ofii Jabeessuu
4. Afaan Oromoo Jabeessuu
5. Seenaa Oromoo Jabeessuu

Waa sadi jabeessi; tattaafadhuun
1.Hojii
2.Barumsa
3.Abdii
***
Waa sadiin namatti dondhoomin
1.Nagaa gaafachuu
2.Haasaa gaarii dubbachuu
3.Waa barsiisuu
***
Waa sadi kunuunfadhu
1.Qabeenya qusachuu
2.Hojii jabaa hojjachuu
3. Hiriyyaa gaarii jajjabeessu
***
Waa shan hedduu jajjabeeffamu
1. Biqiltuu dhaabuu
2.Hara, haroo laga kkf kunuunsuu
3.Qabeenna irra deddeebi’uun fayyadamuu
4.Balfa bakka isaatti gatuu
5.Qabeenna haalaa fi mala gaariin itti fayyadamuu
***
Beekumsi waa shaniin tola
1.Waan hin beekne baruu
2.Waan beekte irra deddeebisaan yaadachuu
3.Waan beektu waliin madaaluu; firomsuu
4.Beekumsa namaa hiruu
5. Waan baratte hojiitti hiikuu
***
Namni gaafni inni du’e gaafa dhalate; gaafni inni jiraate gaafa seenaa /waa jabaa/ hojjateedha!!
***
Waa sadi faayaa waa sadi immoo faaya faayarrati:-
1. Waa beekuun faayaa; hojitti hiikuun faaya faayarraati
2.Qabeenya qabaachuun faayaa; akka seeraan itti fayyadaman taasisuun faaya faayarraati
3. Kan waa hojjatu faayaa; faaya faayessa taanaan faaya faayarrati
***
Mallattoowwan yookaa balaqqeen nama nama taasisan gurguddoon qalbii sadii
1. Afaan Dubbachuu
2. Barumsa barachuu
3.Hojii hojjachuu
Namni maal fakkaata? Tokko tokkoon yoo xiinxalan; gamni tokko kan biraan jennaan akkana jedhe gamni
1. Yoo haasaa laalani saba fakkaata
2. Yoo aadaa laalani aadama fakkaata
3.Yoo jiruu laalanis jiruma fakkaata
4.Yoo waan hojjatu laalani ufuma fakkaata
5. Yoo fuula laalani maatii irraa dhalate fakkaatuu danda’a
Kanaaf namni irra jiraa kan fakkaatu hojiima ofiiti!! Nama raaju; dhibuu!!
***

Itti fufa!!

JECHOOTA GAMNAA KUTAA 12FFAA

Beekaa jechuun:-
1ffaa kan waan darbe yaadate
2ffaa isa ammaa ka beeke
3ffaa isa fuulduraa ka tilmaame!!
***
Kaleessa nan yaadadha;
hardha nan jiraadha;
boru ammoo nan abdadha

***
Kan darbe yaadannaa;
Kan ammaa beennee;
Of dura akeekna!!
***
Oduun bifa lama qabdi takka hojii; takka oduuti
1ffaa. ta hojjatanii hojiitti hiikkatan 2ffaa. ta oduu isii hojiitti hin hiikamne odeessanii dhiisaniidha!!
***
Hojiin dhiiraa/keenna lamaa kan beraa sadii:-
Hojii koo 1ffaa barsiisuu 2ffaa lafa qotachuu
Hojii beeraa 1ffaa odeessuu 2ffaa odeessuu 3ffaa odeessuu raawwate!!
Work of male/me are two work of women are three:-
Work of ours 1. Teaching 2. Farming
Work of women are three 1st talk 2nd talk 3rd talk finished!!
***
Bara beekuun waa shan beekuudha; kan tare ta’ee; kan ammaa tahee of dura tahee:- 1ffaa haala jiru beekuu 2ffaa yeroo jiru beekuu 3. bakka jiran beekuu 4. namoota wajjiin jiran beekuu 5. waa’ee qabeennaa beekuu dha!!
***
Waa sadii dhabuun fafa:-

1ffaa haasaa kolbaa
2ffaa hojii kolbaa
3ffaa meeshaa waraanaa
***
Nama jechuun kan waa lama fiixaan baase:-
1ffaa kan waan kolbaa haasaye
2ffaa kan waan haasaye san hujiitti hiikkate!!
***
Hojiin dhiiraa lamaa; kan dubartii sadii!!
Kan dhiiraa lamaan 1.Haasayuu 2.Hojiitti hiikuu
Kan beeraa sadan 1.Oduu 2.Oduu 3. Oduu raawwate!!
The work of male are two and the work of women are three!!
Work of male/us 1.Talk 2. Practice
Work of women 1. Talk 2. Talk 3. Talk finished!!!!!!
Haha!haha!haha!!!!!!!!!!!!
***
Oduun waa sadiin tolti:-
1ffaa gaarii haasayuun tolti!!
2ffaa qabatamaatti bakka hojiitti argamanii hojiitti hiikuun tolti!!

3ffaa dhiibbaa uumuun hojii waliigalaa hojjatamuun; irratti hojjatame taasisuun tolti!!

***

Hanga’ee agarsiise

Mandi’ee dhageessise!!

Haamtuu qabaa

Mana sii kabaa??

***

AADDUNYAA WAA SHANTU BALLEESSA!!

  • BAAY’INA UUMMATAA
  •  LOLA
  • DHARA/KIJIBA/SOBA
  • WANTOONNI NAMAA BARBAACHISAN DHUMACHUU, FAALAMUU
  • NAMNI RABBIIN GABBARUU DIDUU!!

***

WAA SHAN YOO WAL FAANA DEEMAN NAMATTI TOLAA QANANIIDHA!!

  • FAYYAA
  • BAAY’INA UUMMATAA XIQQAA
  • EEGUMSA NAANNOO
  • IKONOMIKSII
  • KITAABOTA AMANTAA

***

NAMA WAA SADI QABU RABBI NI JAALATA!!

  • QABEENYA UUMAA KUNUUNSUU
  • ABBAA FI HAADHA KUNUUNSUU
  • SABAAF AJAJAMUU!!

***

Itti fufa!!!!!!!

JECHOOTA GAMNAA KUTAA 13

GORSA

1,Waa sadii dhiisuu qabda
.
☞Abdii kuttachuu
☞Badii hojjachuu
☞Nama tuffachuu
.
2,WAA SADII TAHUUF YAALII
.
☞Amannamma
☞Beekaa
☞Arjaa
.
3,WAA SADII JIBBUU QABDA
.
☞oftuuluma
☞Gara jabuumma
☞Sobduu
.
4,NAMA SADII JAALADHUU
.
☞saboona
☞Hayyuu
☞Beekaa
.
5,WAA SADII TOO’ACHUU QABDA
.
☞Arraba kee
☞Amala kee
☞Feedhii kee

Itti fufa!!!!!!!!!

JECHOOTA GAMNAA KUTAA 14

WAA SADI KANA!!
1.Waa sadii ifa waa sadii immoo dukkana
-Guyyaan ifa halkaan dukkana
-Barumsi ifa wallalli dukkana
Bilisumman ifa gabrummaan dukkana
2 waa sadii qabaadhu
-Amantummaa
-Dhugaa
-Ququllumaa
3 Addunyaan waa sadii qabdii
-Dhalachuu
-Barachuu
-Du’uu
4 waa sadii dabaladhu
-Beekumsa
-Eebba manguddoo
-Jaalala
5 Jaarsummaan waa sadii
-Obsuu
-Gorsuu
-Dhoksuudha
6 Dubbii nama sadii waa sadiin fixan
-Dubbii hayyuu ykn beekaa ibsuudhaan fixan
-Dubbii gowwaa dhoksuudhaan fixan
-Dubbii lugnaa ykn dabooroo sodaachisuudhan fixan
7 Yaa lubbuu waa sadiif ta’ii
-Dandeenyaan biyyaaf ta’i
-Dadhabnaan sabaaf ykn lammiif ta’i
-Dadhabnaan ofiif ta’i ta’uu baannaan badi
8 Ilmi waa sadii dha
-Kan ofiif jiraatu
-Kan biyyaaf jiraatu
-Kan biyyaan jiraatudha haa ta’uutii ilmi kan biyyaaf jiraatutu caala\filatama
9 Gurri bakka sadii qawwa
– Gurra gurratii qawwa kan waa tokkollee hin qalbeeffanne kan waan itti himaan hin dhageenye
– Gurra gurratii qawwa kan dantaa ofii qofaa dhaggeeffatu waan garaa isaa qofa kan caqasu
– Gurra qalbiitti qawwa kan qalbeeffatu kan hundaa caqasee kan gaarii ta’e fudhatu kan gaarii hin ta’e immoo gatu jeechuudha
10 Waa sadii hin dagatiin
– Kaayyoo kee
– Afaan kee
– Aadaa kee
11 Waa sadii jaaladhu
– Ebba
– Jaalala
– Gootummaa
12 Waa sadii kabaji
– Amantii kee
– Manguddoo
– Beellama
13/ Waa sadi cimsi
– Hiriyummaa
– Jaalala
– Waadaa seente
14/ Waa sadii hawwuun gaariidha
-Fayyaa
– Gammachuu
– Hiriyaa gaarii
15/ Oromoon waa sadii balaaleffata
– Namaa dhugaa dabsuu
– Ilmaa abbaa arrabsuu
– Afaan biyyaa nagaati waraana labsu
16/ Dubartiin waa sadii namaaf taati
– Namaa deessi Haadha namaaf taati
– Namaa wajjin dhalatti Obboleetti namaaf taati
– Namaatti heerumti haadha warraa ykn niitii namaaf taati
17/ Waa sadi nama xiqqeessa
– Sobuu
– Hatuu
– Machaa’uu
18/ Waa sadii itti fayyadamii
– Qarshii
– Yeroo
– Beekumsa
19/ Keessumman waa sadii feeti
– Foon lafee hin qabne Arraba gaarii
– Itillee rifeensa hin qabne fuula gaarii.
– Lafee foon hin qabnee Ilkaan gaarii.
20/ Waa sadii jala deemi.
– Hayyuu
– Dhugaa
– Barsiisaa
21/ Waa sadii deemsaan tola.
-Hayyuu
– Barsiisaa
-Bishaan
22/ sadii galata gale.
– Hayyuun qorate galata gale
– Arjaan kenne galata galee
– Goonnii lolee galata galee.
23/ sadii galata hin galee
– Makkalaan ykn wallaalaan qorate galata hin galle
– Dhokni kenne galata hin galle
– Dabeessi lolee galata hin gallee
24/ waa sadii hirriba hin quufu
– Gowwaan
– Bakiilaa
– Lugna
25/ waa sadii hirriba hin qabu.
– Hayyuu
-Jagna ykn goota
– Arjaa
26/ Jaarsii waa sadii jaalata.
– Adii
– Aduu
– Oduu
27/ Waa sadii dhuufaati waa sadii sodaata
– Namni mannii itti dhimmisu Dhufaati roobaa sodaata
– Namni liqiin irra jiruu Bari’uu lafaa sodaata
– Namni haadha warraa nyakkistu qabu dhihaa aduu sodaata

***

Itti fufa!!…

JECHOOTA GAMNAA KUTAA 15

Waa tokko ilma namaa:- nabsee; mataa, garaa

***

Waa lama ilma namaa: qaama bitaa mirgaa namaa fkn  a/ija bitaa b/ ija mirgaa

Waa lama saala namaa: a/dhiira b/dhalaa!!

Waa lama :-  a/Ardii b/ Samii

Waa lama yeroo:- a/guyyaa  b/halkan

Waa lama nabsee qaban a/ biqiloota b/ bineensota

***

Waa sadan uumamaa:- a/ jajjaboo b/ dhangala’oo c/ gaasii

Waa sadan maatii:- a/ abbaa b/ haadha c/ ijoollee

Waa sadan galaanota aaddunyaa:- a/ galaana paasfikee b/ galaana atilaantikii c/ galaana hindii!!

***

Waa afran waqtiilee waggaa:- a/ ganna b/ birraa c/ bona d/ badheessa

Waa afran:- Torbee afran ji’aa!!

***

Waa shan qubbiin harkaa ykn miilaa

Gadaa shaman Oromoo!! a/ Birmajii b/ Roobalee c/ Bahara d/Horata e/ Bultuma

Waa shaman oromoo:-  a/siinqee b/ Odaa  c/Odaa d/ wareegama e/ eboo

Waa shaman qaama miiraa:-  a/ija b/gurra c/ arraba d/funyaan  e/ gogaa qaama namaa

Odaa shaman Oromoo:- a/Odaa Nabee b/Odaa Bultum c/  Odaa Roobaa  d/ Odaa Bulluq e/ Odaa Bisil

Shanan Veetoo Paaworii:- a/ Ameerikaa b/ Raashiyaa c/Ingiliizii d/ Faransaayii e/ Chaaynaa

Waa shanan qara urjii!!

Waa shaman guyyaa hojii:- 1.Hojjaduree 2. Lammaffo 3.Harbaa 4.Kamsaa fi 5. Jimaata

***

Torban guyyoota torbanii!! Wiixata, Kibxata, Roobii, Kamisa, Jimaata, Sambataa fi Dilbata

Waa torba hin irranfatinaa:- 1.Uumama hundaa kunuunsuu 2. Miniraalota akka hin dhumanne gochuu 3.Boba’aa qusachuu 4.Bosana kunuunsuu / biqiltuu dhaabuu 5.Waa hundaa qusachuu 6.Uumama faaluu dhabuu 7. Bineensota akka horan gochuu 

***

WAA SADI AFOOLA OROMOO KEESSAA

Waa sadi facaasanii guurun nama rakkisa
• Xaafii facaasanii guurun nama rakkisa
• Kijiba facaasanii guurun nama rakkisa
• Yaada facaasanii guurun nama ra kkisa

***
Keessummaa waa sadiin bulchan
• Erbee rifeensa hin qabne (fuula gaarii)
• Lafee foon hin qabne (ilkaanin itti kolfuun)
• Foon lafee hin qabne (arraba waa gaarii dubbatuun)

***
Waa sadi irraa waa sadi eegan haa ta’u malee isumaaf eegan
• Waraabessa harree irraa eegan haa ta’u malee isumaaf eegan
• Dargaggeessa dubara irraa eegan haa ta’u malee isumaaf eegan
• Ilmoo qabeenya irra eegan haa ta’u malee isumaaf eegan

***
Waa sadi waa sadi hin ga’u
• Namni mana hin qabne sin birroo hin ga’u
• Namni sanyii ofii hin beekne re’ee hin ga’u
• Namni gadoo (haloo) hin beekne saree hin ga’u

***
Haati warraa sadi
• Takka daamuudha
• Takka kanniisa
• Takka sonsa

***
Waa sadi irraa waa sadi hin eegan
• Deega ceemmuu irraa durummaa hin eegan
• Lola gowwaa irraa araara hin eegan
• Dhibee dulluma keessaa irraa fayyaa hin eegan

***
Waa sadi waa saditu mi’eessa
• Nama du’e awwaalatu mi’eesa
• Intala dubraa heerumatu mi’eessa
• Keessummaa galatu mi’eessa

***
Waa sadi dulluma quba hin qaban
• Qeensa
• Rifeensa (dabbasaa)
• Qalbii (lubbuu)

***
Waa sadi abbatu kadhata sadi ofii dhufiti
• Durummaa abbaatu kadhata hiyyummaan ofumaa dhufti
• Fayyaa (jiruu) abbaatu kadhata dhibeen (duuti) ofumaa dhufti
• Ulfina abbaatu kadhata salphinni ofumaa dhufti

***
Kormaan lukkuu waa sadi fakkaata
• Yoo lafa qotu baashee fakkaata
• Yoo yeroon manatti galu hayyuu fakkaata
• Yoo iyyu maraattuu fakkaata

***
Korbeessi re’ee waa sadi fakkaata
• Yoo areeda laalan sheeka fakkaata
• Yoo ofirra fincaa’u saree fakkaata
• Yoo hibibsu maraattu fakkaata

***
Tisiifni waa sadi fakkaata
• Bifaan kanniisa fakkaata
• Waa balfuu dhabuun waraabessa fakkaata
• Iddoo arge qubachuun kashlabbee fakkaata

***
Namni waa sadi qabaatun tola
• Sammuu qabaatun tola
• Harka qabaatun tola
• Ceekuu (gurmuu) qabaatun tola

***
Waa sadii irraa waasadi fokkisaadha
• Qurcii irraa qubeen fokkisaadha
• Hiyyeessa irraa moorri fokkisaadha
• Hayyuu /beekaa/ irraa kijibni fokkisaadha

***
Jaarsi waa sadi jaalata
• Adii jaalata
• Aduu jaalata
• Oduu jaalata

***
Waa sadi ofumaa komatu deebi’anii itti fayyadamuun hin oolu
• Inidda qabeenya gubu ofumaa komatu Deebi’anii itti fayyadamuun hin oolu
• Bishaan nama fudhatu ofumaa komatu Deebi’anii itti fayyadamuun hin oolu
• Rabbii nama ajjeesee ofumaa komatu Deebi’anii fayyadamuun hin oolu

***
Waa sadi kadhatan argatan
• Rooba kadhatan argatan
• Fayyaa kadhtan argatan
• Jennata kodhatan argatan

***
Gowwaa dhalchuun sadii gubaauu
• Isa namarraa eeyda
• Nama isarraa eeyda
• Ofii kee irraa of eeyda

***

WAA SADI, WAA SADI SITTI HIN FAKKAATIN..

• Dubbatuun beekkumsa,

• Obsuun wallaalummaa

• Nama kabajuun sodaa sitti hinfakkaatin

***

WAA SADI, WAA SADI HIN SE’IN

• Nama beektu hunda fira kee,

• Kan siin lolu hunda diina kee,

• Badiirraa si dhoorguu hammeenna hin se’in.

***

WAA SADI HIN HAWWIN.

• Bokoyni quufaa mitii,

• Abaarsi eebbaa mitii,

• Summiin qorichaa mitii hin hawwin.

***

NAMA SADI, WAA SADI JETTEE HIN TILMAAMIN.

• Nama kolfu hunda gammadaa,

• Nama dureessa hunda arjaa,

• Nama dhabaa hunda dony’a jattee hin tilmaamin.

***

WAA SADI WAA SADIIF JAALADHU

• Aadaan kee eennummaa keeti,

• Afaan kee mallattoo keetii,

• Sabni kee dhiiga keeti jaaladhu.

***

WAA SADI HUBATTU MALEE HIN SEENIN

• Dubbii keessa hinbeeyne,

• Bishaan gad fageenna isaa hinbeeyne,

• Imala daandii isaa hinbeeyne hubattu malee hin seenin.

Jajjaboo Sabaatin

***

Oromoon waa sadi (3) jaalata.

1) Adii jaalata = Aannan

2) Aduu jaalata

3) Oduu jaalata

***

Waa sadi (3) dura badde

1) Wollaalaan ykn Makkalli dura bade,

2) Doyn’i ykn Doqni dura bade

3) Lunni ykn Luyni dura bade

***

Waa sadi (3) tura badde

1) Jaarsi hayyuun yoo dulloomee manatti galee, ijoolleefi dubartiin “Jaarsa sanitti waa kennaa” eddoo jedhaniin gaye = Tura bade

2) Fardi Sangaan, ari’ee dhaqqabu, ka dheessee jalaa bayu, yoo dulloomaa manatti galee ” Maxaana sanii bishaan buuftanii?” eddoo jedhamu gaye = Tura bade.

3) Gootni ija barbaadaa, ka yoo inni dubbatu namni jala hin qufaane yoo dulloomee manatti galee, beeraa fi ijoolleen yoo inni waa dubbatu ” Qaaquma jaarsa kanaa dhabbane, qaaqee hin haru” eddoo jedhaniin gaye = Tura bade

Itti fufa!!…

JECHOOTA GAMNAA KUTAA 16

***

Tell me my enemies; then I will discus and finish with them!!!!!!!!!!!

***

Waa sadiii xalaata irratti deemsifta!!

1ffaa-Jagnummaa!! 2ffaa- Dhara/kijibuu!! 3ffaa- Arrabsauu!!

***

Aaddunyaa kana irratti saaynitistii, abbootii amantaaa abbootii siyaasaa hundaa gaafadhaa fedhiin isaanii  jireennuma tana jiraatanii jiraachisuuf tattaafatan!!  Beekaa fi wallaalaas; dureessaafi hiyyeessaas gaafadhaa! Billionota kan qabanis gaafadhaa!! jiruma tana badaduuf!!!!!! Kanaafis miidhaman!! Naayyis gurmaa’aa!!!!!!!!!!!!!!!!

***

Hojii keessaa hojiin ulfaataan maali salphaan hoo maali?a/ Hojiin salphaan Muuziqaa b/Hojiin ulfaataan qonna!!

***

Hojii keessaa hojiin jaalatamaa maali jibbamaan hoo maali?a/ Hojiin jaalatamaan Muuziqaa b/Hojiin jibbamaan waraana!!

***

DU’A BOODA JIREENNI HIN JIRA MOO HIN JIRU?

Waa’ee du’a boodaa ammo jiruun du’a booda jira akka hin jenne eerga du’ee kan argine hin jiru; hin jiru akka hin jenne beektota saayintistootas dabalatee kan akkasitti hime hunda!! Hanga ammaa ummanni biliyoona 100 aadunyaa tana irra jiraate du’ee badeera!!!!!!!! Amma kan nabseen jiru billioona 7.8!! Kun hundi maal ta’inna!! Namootii ciccimoof du’a booda hin jira jedhanii amanuu wayya!! Allaahu Akbar!! Yaa Rabbi na badhaasi warra kitaaba kana dubbises badhaasi!! Amantiileen hedduun du’a booda akka jiruun jiru barsiisan!! Gareen saayintistootaa akka homuu hin jirre fi du’a booda biyyee ta’u malee homuu hin jiru jedhan barsiisan! Horri amantaa hordofu iterniitii ykn resurreekshiniin akka jiru himan!! An kan natti fakkaatu garuu waan namoota cimoon argatan natti fakkaata!! Maalumti ta’inna du’a booda!! Namaa fi waan nabsee qaban kan yaaddessu silaa du’uma!! Yaa Rabbi nuuf taasisi!!

Itti fufa!!…

JECHOOTA GAMNAA KUTAA 17

Nu Haa Baraaruu—Jecha Gamnaa

Nu haa baraaru;

Jedhee jechisiisaa

Godhee goosisaa

Nu haa baraaru!!

Kan afaan hammaatu

Kan mataa jabaatu

Hamiinis kan nama nyaatu!!

Nu haa baraaru!!

Nyaapha gargaaruu

Nu haa baraaru!!

Fira ammoo dararuu!!

Garaa quufee afaan hamatu

Nu haa baraaru!!

Kan keessa dabre raatuu

Kan mammaraatu

Kan olii gadi kaatu

Nu haa baraaru!!

Dureessa hiyyeessa hatu

Kan garaa jabaatu

Alagaa hammaatu

Nu haa baraaru!!

Dureessa quufee bacaaruqe

Isa kaanii kaan qaaqe

Osoo Rabbi galmee irraa haqee!!

Nu haa baraaru!!

Maraataa dhagaa baatu

Kan nama nyaatu

Nu haa baraaru

Hamii bakkarra taru

Dureessa hiyyeessa dararu

Quufa keessa taru!!

Nu haa baraaru!!

Kan nyaata hin quufnee

Kan safuu hin beekne

Kan ofiifuu hin taane!!

Nu haa baraaru!!

Kan nama dararu!!!!

Nu haa baraaru!!

Itti fufa!!

JECHOOTA GAMNAA KUTAA 18

CIIGOO—JECHA GAMNAA!!!

Ciigoon:- Ummata Oromoo biratti tooftaa dubbii haala dhoksaa ta’een yeroo dabarsuun barbaadamu itti fayyadamuudha. Ciigoon ergaa lama of keessaa qaba. Kunis ergaa isa if ta’e kan namni kamiyyuu salphaatti baruu danda’u fi ergaa dhokataa kan salphaatti hin argamnedha. Ergaa ifatti mul’atu soorgoo yoo jedhamu ergaan inni dhokataan sookkoo jedhama.

Fakkeenyaaf:

Nuti haa tolu jennee

Harree manaa baafne

Jecha Dachaa–harree

Soorgoo: beellada luka afurii, harree, manaa baafne

Sookkoo: mana qulquleessine

***

Namatti tolti haasaan ijoollummaa
Kan nuyi deemnuuf kun dulluma.
Walaloo kana irra deddeebinee yoo dubbifne dhumarratti jecha hiika lama qabu arganna.As keessatti jechi hiika lama qabus jecha dulluma jedhu ta’a. Kanaaf, 

Jecha dacha = Dulluma


Soorgoo = Namni kamuu ni dullooma
Sookkoo = Kan nu eeggatu lola, dullaadha.

Isinoo maal harkaa qabdu?

***

WALALOO  BO’OO LAMAA YOOKAAN SANII OLII  JECHA GAMNAA FAKKAATU!!

Yaa Rabbi siif sagadaa

Akka rakkoo hin seenne madaa!!

***

Jiruu of sakaalaa

Maatii horee bultii gaalaa

Qeerroo isaan kaan caala!!!!

***

Jaarsummaan eennu haa araarsu

Ijoollees maaf horuun mankaraarsuu!!

***

Obboleessaa garuu tiruu

Gowwaanni qoncoraan maa geerraruu!

***

Jiruun fiddee raajii

Taa’uun waa ta’aa hujii!!

***

DU’A BOODA JIRUUN HIN JIRAA JAAYNATA GALLAA!!!

Maashaa Allaa

Subaana Allaa

Tabaara Kallaa

Inshaallaa

Qoloo ballaa

Nuuroo aasxallaa!!

Jiruun nu kuffifte faallaa

Du’a booda jiruun hin jiraa JAAYNATAgallaa

There is hope of God/Jesus to resurrect Aman Tolla

Aman Tolla!!!

***

TODAY’S WORD OF WISDOM, WEDNESDAY, 5 AUGUST 2020GC

What are the three great/giant things loved and hated with their ranks????!!!

Answer!! 

The three greatly loved things are:- 

1st God/Allah/Rabbi/Waaqa

2nd Life/Soul/Resurrection of human

3rd All natures

The three greatly hated things are:-

1st Death

2nd Destroying nature

3rd Satan/Devil

Professor Amaan Tolaa Hamdaa

JECHOOTA GAMNAA HARDHAA, WEDNESDAY, 5 AUGUST 2020GC

Wantoota heddu hedduu jaalatamaa

Beettanii yaa ilma namaa???!!!

Waantoota heddu hedduu jibbamaa

Beettanii yaa ilma namaa???!!!

Sadarkaa isaaniitiin!!

Deebii

Wantoota hedduu hedduu jaalatamaa:-

1ffaa God/Allah/Rabbi /Waaqa

2ffaa Jireenna ilma namaa/Nabsee/Riisarreekshinii/Du’aa Ka’iinsa

3ffaa Uumama hundaa

Waantota hedduu hedduu jibbamaa:-

1ffaa Du’a

2ffaa Uumamoota balleessuu

3ffaa Sheexana/Jinnii

Pirofeesar Amaan Tolaa Hamdaa

XUMURAME!!

GALATOOMAA!!!!!!!!!!!!!!

TRUE HISTORY OF EMERGENCY & DANGER SHOUT OF AMAN TOLLA HAMDA TO THE WORLD!!!!    

I am in greatly dangerous situation that I could not sleep totally past ten years; 2010-2020GC!! Shout of Aman Tolla Hamda for help to the world for emergency and dangers!!!!!!!!!! Barack Obama time they have jailed me in Ethiopia and studied my history to judge me in terrorism but found to be false!! Falsely they say that I am a terrorist of Oromo Liberation Front!! They ordered experimentation on my brain during Prime Minister Melles Zenawi!! And still I could not sleep since that beat!! Shout of Aman Tolla Hamda for help to the world for emergency that I could not sleep past ten years!!!! I couldn’t sleep for ten years since that experiment and imprisonment!! Life has become hell for me and I tried for many suicidal deaths!! Truly Ethiopian officials are behind this beat and imprisonment and public humiliations!! Probably America blamed Ethiopia for this act!! Ethiopian officials jailed and humiliated in public and tortured clearly!! They have arranged public attacks and public imprisonment! Shout of Aman Tolla Hamda for help to the world for emergency dangers!!!! Totally I could not sleep for ten years after Ethiopia attacked me in public humiliations!! This time EPRDF scrambled to get support from public by humiliating me and small support for public!! Also they experimented over me in central prison; that time I am seeking MSc degree in chemical engineering from IIT Delhi University of India!! They fought me with modern brain spying device; and mechanisms and public humiliations!! They have destroyed me with also cyber computer that speaks!! It is Ethiopian People’s Revolutionary Democratic Front central command that ordered the orders!! They have garbaged me heavily!! Every of their beat is every sick and caused great moral public humiliations and sleeplessness/ insomnia. For this reason I developed sleeplessness!! They have experimentalized over me like monkey and mice!! And all kinds of experiments!! Social; natural; religions; politics; philosophy; physics; communication journalism etc. experiments!! People of the world hear me it is ordinary police in Ethiopia that put me in hell. And experimented over me their experiment is general and all inclusive!!!!! In the past ten years they could not stop their experiments especially Ethiopian ordinary political peoples and polices!! They have tried to spy my brain!! They experimented over my brain!! Ordinary individuals have beaten me like a mad dog!! Ordinary political peoples and militaries have beaten me and made me sleepless!! I have been treated at different mental hospitals of the country by false medicines!! No insomnia treatment in country; no original medicine for my fatal insomnia!! I could not get any medicine to recover for ten years!! They have needed to beat my brain!! USA Obama might have blamed the mad OPDO puppets of Melles; has told me that I cannot be rescued from sickness and death!! Please Help Me My Mobile is +251933630919!! Email Address is amantolla86@yahoo.com!! Shout of Aman Tolla Hamda for help to the world for emergency dangers; totally I did not sleep past ten years even for a second!!!!!!!!!!!!!! In world record there is a man that stayed for eight days without sleep only but I lead a dangerous totally sleeplessness for nine years!! Currently I am living in Asella, Arsi, Oromiya and Ethiopia!!





AADUNYAATTI NAAF IYYAA MEE ERGA WAGGAA SAGALIITII RAFEE HIN BEEKU!! AZAABA KEESSA JIRA DHIIROO AADDUNYAATTI NAA IYYAA!!!!!!!!!!!!

Yeroo san Finfinnee Ma’ikalaawitti na hidhanii na dhaananii na gidirsan!! Torch na godhan korreentiin!! Gidiraa hamaa narraan gahanii ergasii hin rafu daqiiqalleef sekondilleef(2010-2020GC)!! Yeroon sun 2010GC. Balaa hamaa keessa jira!! Hospitaala Sammuu Amaanu’elittis waggaa saddeetii hordofee homaa faaydaa hin qabu!! Yaalli dhibee hirriba dhoorguu biyya keessa hin jiru!! Hospitaala Adaamaa fi Asallaallee hordofee homaa naa hin goone!! Kiniiniin nama raffisu hinjiru!! Hanga amma yerookanaatti gidiraa guddaa keessa jira!! Mee Aadunyaatti naaf himaa!! Qaama na gargaaruu danda’u! Maaloo anillee Oromoof falmadha jedhee kanaan na ga’anii!! Ameerikaa fi Awrooppaa qorichi hirriba nama raffisu hin dhabamuu!! Homaa rafuu hindandeenne erga Mallasa Zeenaawii illee yoosanitti quba qabaa ture!! Aaddunyaatti iyyaa torchii ta’ee hirriba rafuu dandeenne(2010-2020GC—waggaa kudhaniif) jedhaa naaf iyyaa!! Adda Bilisummaa Oromoo illee wajjiin qabsaayee!! Naaf birmadhaa!! Erga hirriba nadhoorgee waggaa kudhani erga akkana na godhanii maaloo Oromoonni aaddunyaa qaroomatetti naaf iyyaa!! Maqaan kiyya AMAAN TOLAA HAMDAA ti Bilbilli kiyya 251933630919 dha iimeeliin koo ammo amantolla86@yahoo.com dha!! Maaloo naabirmadhaa!! Kan balaa kanaan na gahan 2010GC ti!! Azaaba keessa jira dhiiroo naa iyyaa!!!!!!!!!!!! Bakki an amma jiraadhu Magaala Asallaa Godina Arsiiti!! Interneetii illee irratti maxxansaa naaf iyyaa maaloo!! Maaloo tasumaa sakandiif illee hin rafuu Ameerikaa fi Awrooppaatti naaf iyyaa!!!!!! Azaaba keessa jira!! Gubata keessa jira!! Seenaa ilma namaa keessatti guyyaa saddeetii qofa namni Xaaliyaanii jiraatee du’e!! An immoo waggaa kudhaniif osoo hinrafin jiraadhe!!!!!!!!!!!!!!! Erga waggaa kudhaniitii sekondiif illee rafee hin beeku!! Yaaliin hirriba dhabuu biyya keessa kiniinni hin jiru. Maaloo Oromoof jedhee haga kana miidhamee na gargaaraa!! An kan itti hidhame ma’ikalaawiidha!! Kan gidirfames kophaadha!! Hojii irraallee yeroo sadii na buqqisan; waggaa afurii hojii malee jiraadhe hiyyummaa guddaan haadha tiyya wajjiin!! Naannoo an jiru hundatti nabutaa turan; nadhaanaas turan!! Amaanu’el fi hospitaala Adaamaa akkasumas Asallaa waggaa kudhanii hordofee qorichoota sobaa insomnia hin yaallee fi hin madaalle fudhachaa ture!! Biyya keessatti namni dhibee hirriba dhoorguu qabu ana qofa fakkaata!! Yeroo ammaa Asallaa, Arsii, Oromiyaa, Itoophiyaa jiraadha!! Qorichi insomnia biyya keessa hin galuu naaf iyyaa akka galu!! Waggaa kudhanii hirriba analatti dabarse!! Maaloo waldhaansi naaf haa godhamuu mootummaalee alaaatti naaf iyyaa!!!!!!!!!! Biyyattis naaf iyyaa Azaaba keessa jiraa!! Warri insomnia yookaan dhibee hirriba dhoorgu qaban akka kunuunfamuu biyya keessatti danda’an naaf godha!!!! Hirriba malee nabseen jiraachuu hindanda’amu guyyaa sadde caalaa angaruu waggaa kudhanii jiraadhe!!

E:\Removable Disk\Removable Disk\Amaan\Photo of Aman Family\Aayyaa-Lo'ite Egu.jpg
E:\Removable Disk\Removable Disk\Amaan\Photo of Aman Family\Mother and Father.jpg
E:\Removable Disk\Removable Disk\Amaan\Photo of Aman Family\file 094.jpg
E:\Removable Disk\Removable Disk\Amaan\Photo of Aman Family\file 093.jpg
E:\Removable Disk\Removable Disk\Amaan\Photo of Aman Family\file 092.jpg

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Kitaaba kana bakka argitanitti gubaa!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *