Oduu Haaraya

JECHOOTA GAMNA OROMOO KUTAA 5ffaa

 

 

Waa shan raagaa waa shan raankee

1ffaa waan beeku haasayo raagaa waan hin beekne haasayo raankee

2ffaa waa qoro raagaa waa hin qorre raankee
3ffaa waa miidhasso raagaa waa busheesso raankee
4ffaa si’oomo raagaa ceem’o raankee
5ffaa waa tolcho raagaa waa balleesso raankee

***

Namni nama sadiif tola oole bu’aa guddaa argata; namni nama sadiif tola oole ammo faallaa saniiti jedha:-

Sadan tola oolan bu’aa guddaa argatan 1/Gamnaaf dubbiin yoo tumsite 2/Gootaf onneen yoo tumsite 3/ Arjaaf qabeenya yoo kennite

Sadan faallaa dhaabatan ammo:- 1/Gowwaaf haasawaan yoo tumsite 2/Dabeessaaf onneen yoo tumsite 3/ Dondhaaf  qabeenya yoo tumsite Akka mammaaysa Oromootitti!!

 ***

Eebada tola akka deebitu beekanii

 Ooyruu abbaa shanii

Irra osoo sima facaasanii

Oolte moo bultaa

Moo daftee muldhattaa!!!!

Akkas jedha oromoon

1ffaa Arjaaf tola oolaa

2ffaaGootaaf tola oolaa

3ffaa Gamnaaf tola oolaa

4ffaa Qajeelaaf tola oolaa

5ffaa Haxiif tola oolaa

***

 

Gamni gamnatti bayee qore!!!!

Gamna duraa:-“Beekaan maalii wallaalaan maali?” jedheen

Gamni lammatallee:- Beekaan ka waa dubbatuu wallaalaan waan waa dhageeffataati; beekaan ka waa gorsuu wallaalaan waan waa gorfamaati

Gamni durallee:-“ kana qofaa dabalata hin qabuu?” jedheen

Gamni lammatallee:-“Eeyyee, eeyyee!! Maaltu jira kan biraa!!” jedhe

Gamna lammataa:-“ Ammallee kan ati jetterra kan hafetu caala!!”

“Ka ati jette lamaa

Kan hafe diigdama

Ka ati jettuu diiddama

Ka hafuu dhibba lama

Ka ati jettuu dhibba lamaa

Kan hafu kuma lama!!” jedheen

Kana malellee;

 

1ffaa:-jalqabarratti; dursi duraa, gamin gamna caalu:-

 

Namni haasawa jabaa dubbate, nama haasawa jabaa of wajjiin dubbate; gorsaan jabaan nama gorsa jabaa of gorse; barsiisaan jabaan nama waan jabaa of barsiise; qajeelchaan jabaan nama of qajeelche!!

 

2ffaa fi itti aansoo garuu:-

 

Beekaan ka waa barsiisuu wallaalaan waan waa barataati; beekaan ka waa qajeelchuu wallaalaan waan qajeelfamaati; beekaan fagottuu waa argaa wallaalaan waan ofuu argineeti; beekaan waan boruutuu beekaa wallaalaan waanhardhaa hin beeku; beekaan waa hubataa wallaalaan hin hubatu; beekaan waa qoraa wallaalaan hin qoru; beekaan waa madaalaa wallaalaan hin madaalu! Jedhee gamin duraa isa lammataa dubbiin mooye!!

 

Itti fufaa…

Gamteessaa Sabaatiin

 

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …