Oduu Haaraya
jawaar mohamed

Jawwee abbaa goobaa, sumaatu dhara gubbaadha

Abbaa Oromoofi Oromiyaa, abbaa sabaafi sablammootaa qofaa miti, abbaa Afrikkaa guutuuti. ‘Bilxiginnaan’ isa hiitee cubbuu baayy’ee hojjachuuf oliif gad fiigaa jirti. Hanga isa hidhan kanatti bakka inni dhaqee ummata miliyoonaan simatame sobaan yakka hojjachuu yaalaa jirti. Paartilee siyaasaa addaan diigdee walitti diraa jirti.

Marii siyaasa biyyooleessaa (national dialogue forum) qopheessuuf kajeelaa jirti. Mootummaa Cehumsaa sobaa jaaruuf wixxifachaa jirti. Seeroota filannoo sobaa diriirfattee filannoo gaggeessuuf maraachaa jirti. Garuu gonkuma kana mara godhuu hin danda’an. Ati hidhamtee mitii wareegamtullee waan hojjachuu maltee ol harka caalaa hojjattee jirta. Ilmaan ati naamusaafi kabajaa Oromummaan qaama osoo hin tahin yaadaan guddifte yeroo mara cubbuufi dhara ciisa dhoorkinee kaayyoo ati jireenya kee dhiifteef san jireenya gaarii saba Oromootti jijjiirra.

Jawwee abbaa goobaa, sumaatu dhara gubbaadha. Si yaadanna, si jaalanna. Jiraannee miti wareegamneellee kaayyoo teetiin qabsoo godhaa lafa gubbaa miti dachii jalattillee jiraanna. Abbaa dhugaa, abbaa mirgaa, abbaa haqaati ati. Dhugaan ni injifatti, umrii dheerattee, cubboota harkaa bilisaan baatee Xoophiyaa sobduun uumte, tan kijibduun odeessitu tanaa miti Afrikkaafuu gatii namummaa yoo ati laattu si arkuun abjuu keenya.

Mana hidhaa cubbuu san jiraattuus nagayaafi fayyaan nuuf jiraadhu!Sketch: Jire Legese (Jire Art)

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …