Oduu Haaraya

Jawaar Mohamed ”Yoo miidiyaa kana keessa jiraachun kiyya gufuu ka tahu tahe hanga dhimmi kun qoratamee furmaanni kennamutti miidiyicha keessaa nan baha” jedha

Waa’ee OMN
Guyyaa November 23, 2014 mariin waa’ee OMN magaalaa lakkuu Galma Hawaasa Oromoo MN keessatti saatii 2 irraa jalqabee gaggeeffameera.
Matadureen walgahii kanaa ”Rakkoo OMN keessatti uumame irratti uummata Oromo MN mari’achiisuu” dha. Mariisistoonni: 1. Dr. Sintaayyoo ( Executive Council-Resource mobilization Head) 2.Girmaa Taaddesee (Executive Council -Director) fi 3. Ob. Mohamed Abdosh (Deputy director of Executive Council) turan. Kora kana kan bane dargaggoo Bareentoo jedhama. Hoggana koree deeggarsa OMN kan state MN(local chapter committee) dha.
Walgahii kanarratti caasaa ijaarsa OMN irratti ibsi ballaan taasifameera. Isaanis akka armaan gadii ti.
The Oromia Media Network (OMN) is governed through three layers of leadership: The Board of Trustees, Executive Council and Editorial Board. Made up of fifteen individual members, the Board of Trustees are guardians of the foundation entrusted with law/rule making power and supervise the work of the organization. The nine member Executive Council is responsible for planning and implementing the day-to-day operations of the foundation. The Council is led by an Executive Director. The Editorial Board will be independent and is made up of journalists, cameramen and editors working for the organization. The Editor-in-Chief leads the editorial board, and represents the department in the Executive Council.
BOARD OF TRUSTEE
OMN board of trustee nama 15 of keessatti qabu qabaachuusaa. Koreen kun qaama olaanaa dhaabbata kanaa ta’uusaanii ibsameera. Boordiin kun dhimmoota murteessaa ta’an qofarratti murtee dabarsa. Kan filamus karaa local chapter/koree deeggarsa state gara garaa tiin hawaasa ballaa keessaayi. Dayirektariin boordii kanaa Dr. Hamzaa dha. Miseensonni boordii kaffaltii malee tolaan hojjatu.
EXECUTIVE COUNCIL
OMN Executive Council namoota sagal (9) qabu qabaata. EC n kun adeemsa hojii miidiyichaa kan dhiyotti kan hordofu. Hojjattoota qaxaruuf ari’uunille gahee koree kanaa ti. Dhimmoota jajjabaa garuu gara boordiitti geessanii murteessisiisu.
Director: Girma Tadesse
Deputy Director: Ahmed Abdosh
Resource Mgt: Dr. Sintayehu Bedane
Finance: Leyila Abawari
Treasurer: Rammy Mohammed
Legal Adviser: Henok Gebisa
Fund raising committee: Jawar Mohammed
Member: Murad Damina
Member: Birhanu Olana etc. ECnille kaffaltii malee tolaan dalaga.
EDITORIAL COMMITTEE 
Jarri kunin qaxaramanii hojjatu. Gazeexessitoonnii fi gulaaltonni hunduu as keessatti hammatamu. Editor-in-chief: Dr. Birhanu Manager of studio: Befikadu Moreda fi gazeexessitoota Abdii Fiixee, Alamayyoo Qannaa, Usmaan Ukkumee fi kkf
Waa’ee kanarratti ibsi ballaan erga kennameen booda yeroo ammaa kana Ahmed Abdosh rakkoon uumame hanga furmaata argattutti waajjira miidiyaatti argamee kan too’atu ta’uun himameera. Hoggantoonni miidiyichaa koreen nama sadi qabu dhaabbachuusaa himanii koreen kun rakkoo jiru qoratee yo dhiyeesse furmaata kennuuf waadaa galaniiru. Ob. Jaawaarille maqaan isaa deddeebi’ee ka’uudhaan wolqabatee dhimma jirurratti deebii akka kennu yeroon kennameefii deebii kenneera. ”Yo jiraachuun kiyya miidiyaa kanarratti gufuu ta’u taate hanga dhimmi kun qoratamee furmaanni kennamutti miidiyicha keessaa nan baha” jedheera.
Haasawa Jaawar jiddutti garuu mormiin qunnameera. ” Miidiyaa kana kan jeeqaa jiru si’ii; keessa ba’i, Nu diktaatarummaa nama tokkoo hin barbaannu; hanga ammaatti sababa kee namni 8 miidiyaa keessaa bahe. kanaafuu nama 8 dhabuurra osoo ati baate wayya, bakka namootni sii qeeqan hin jireeti waa;ee isaani dubachuun kee sirrii miti isaaniis waltajii akkanaa irratti afeeramani yaada isaani ibsachu qabu, bakka isaan hin jireeti dubachuun sirri motii.” gaafiin jedhu ka’e. Obboo Jaawaris ‘’yo isin miidiyaa kana keessaa bahi kan jetten taate nan baha’’ jedhee stage irraa bu’e.
Gaaffilee korarratti ka’an keessaa:
Boordii kana eenyutu file? 
Executive Committee eenyutu file?Boordii fi EC eenyuttu file gaafilee jedhaniif Dr. Sintaayyoo fi Girmaan miidiyaan kun bar jalqabarra jira jechuudhaan filamtoota(hand-pic) Jawaar ta’uu isaanii mirkaneessaniiru.
Gabaasa Finance (Financial report) barbaanna. kan jedhanu yo ta’u. Gaaffii kanaaf deebiin hin kennamne. Asirratti wanti beekkamuu qabu maallaqni OMN account OMN keessa kan hin teenye ta’uu isaa ti. Maallaqni OMN harka Leyilaa/Jawar taa’a. Dhimma kanarratti baldhinnasaa armaan gaditti isiniif ibsina. Account OMN keessa mallqni jiru kuma $27 qofa ta’uu fi mallaqni irraa hafa harka namoota dhunfaa jiraachuu keessa beektonni ni himu. OMN haga ammaatti uummatarraa meeqa argate? Meeqa baase? Meeqa qaba? Wonni beekkamu hin jiru. Maaliif qabeenya uummataa yo ta’e uummataaf ibsamuu qaba. Garuu qabeenya dhunfaa Jawaar ta’utti jira jedhu keessa beektonni.
Wolumaa galatti korri kun uummanni Oromoo hunduu OMN kan jaallatu ta’uu; Jawaar shoora guddaa inni taphateef kan dinqisiifatu ta’uu garuu waa hundaa too’atee miidiyicha akka qabeenya ofiitti qabachuu yaaluusaa kan balaaleffatu ta’uu agarsiiseera kana malees rakkoo Jawaar fi namoota dalagaa OMN keessatti hirmaanaa guddaa qabaachaa warra turan jiddu jiruuf furmaani hatattamaa akka keenamu kan gaafate ture . kanaafuu koreen boordii fi ECn fedhii ummaaa kabajuun tarkaaffiilee barbaachisoo akka fudhatan kan dhaame ture.
OMN abdii Ummata oromoo Maraati !!!

Tokkummaa irraa.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

One comment

  1. Mallaqni maqaa jaarmaya tokko kan bu’a-maleeysa (non-profit organization) tahe tokkoon ummata irraa walitti buufamu herrega baanki kan jaarmayichaa keessa jiraachuu qaba. Kun heera Ameerkaa ti. Wanni godhamuu qabuus kanuma. Maallaqni OMNiif ummata irraa walitti qabame, harka ykn herrega baankii namoota lamaa keessa taa’uun tasumaa sirrii MITI! Namoonni kun osoo maallaqa san balleeyssuullee baatanii, akkuma balleessaniitti laalama. Malif? fakkeenyaaf, $100,000 yoo maqaa OMN tin GIC woggaa tokkoo keessatti dhibbantaa 2aan (2%) invest godhame, woggaa booda $2000 OMN if dhala jechuu dha. Yoo maallaqni kun herrega baankii kan dhunfaa taa’e hoo? Kumni lamaan ka isaaniit taha jechuu dha. Lammada, jarri kun galii sanirraa taxi/gibira hin baasan. Garuu $2000 akka waan galii OMN taheetti mootummaaf gabaasa godhan jechuu dha. Kun sirrii miti. It is what I call unethical behaviour and it is illegal.

    Johar yoo barnoota isaatti jabaatee, akka Oromootti “behave” godhe, namoota Oromoon akka qarayyoo isaatti laalurraa tokko waan taheef jecha, Oromoon akka ilmaatti isa barsiisa. Garuu, yoo mimmiliqeetiin ummata sobee haajaa tiyya bahadha je’ee ka yaadu tahe, baayee nama gaddisiisa.

    An gorsi siif dabarsu, ummanni kee si jaalata…OMN keeysaa bahi. Yaadaafii diinagdeen bira dhaabadhu. Amma garuu barnoota kee itti jabaadhu. Try not to take short-cuts…they don’t pay off often. Learn the western systems but stick to your Oromo values and principles. Don’t be among those who master trickeries and excel in manipulation.