Oduu Haaraya

Jawaar badhaasa noobelii fi kitaaba Ida’amutiin hinaafe

Taye Dendea Aredo
Akka kee kabajamanii ka’anii salphachuurra maal qaba yoo du’anii biyyee tahan? Akkuma gaafa Oromummaan si beeknu si ulfeessine gaafa ati ulfina irraa gad fuutee udaanitti of laaqxus sana sitti himuun dirqama taha. Guyyoota sadeen ummanni keenya lolli itti banamee dabarse kana waan garaatti baattee afaan qabattee turte har’a diddiguu keetiin hunda dura galatoomi. Maalis taanaan duula ilmaan Nafxanyaa Oromoo irratti labsite si caalaa namni beeku hin jiru amantaa jedhun qaba ture. Siyaasaafis haa tahuu itti amantee deebiis kennuufii kee hin haalu. Warruma ati kaleessa Oromummaa bakka buutee ittiin falmitetu har’as Jawaar haa fannifamu, haa qalamu jedhee waywaachaa jira. Kana tolchitee beeyta. Aggaammiin halkan dheengaddaa isarratti godhames abbaa fedheenuu haa qindaawuu, kaayyoo jaraa dhugoomsuuf tarkaanfii isa jalqabaa ture.

Ati dhugumatti Taayyee dheengadda akka qondaala Oromootti qondaalticha naannoo Amaaraatiin falme yoo taateef wayta akkasii kanatti diinuma dheengadda beeytu sana waliin as deebitee dhagaa mooraa Oromootti hin darbitu ture. Dubbii dhima Oromoo ‘hinaaffaa’ nam tokkootti gad xiqqeessuun ummata kana tuffachuu fi maal fiddanii dha. Sun ammoo Nafxanyummaa waliin tarree takka isin dhaabdi. Jawaar yoo tahe naa dirmadhaa hin jenne. Waan halkan sanatti isa mudate Facebook irratti beeksise. Sana booda tarkaanfii malu fudhachuun qooda Jawaar osoo hin taane qooda ummataa ture. Qeerroonis kanaaf owwaatee sochii irraa barbaadamu godhe. Jawaar osoo naa dirmadhaa jedhees haqa qaba, isinuu akka Oromootti qaamaa fi qalbiin cinaa dhaabbachuu qabduutti beeyna ture. ” Na oolchuuf isin du’aa!” dha jettee Nafxanyaa faana dhaabattee waliif birmannaa Oromootti akkasitti hinaafuu kee fi ibsa obbolummaa Obbo Shimallis irraa dhageenye seenaaf wal cinaa keenyee galmeessinee jirra.

Birmannaa ummanni Oromoo obboleessa keef godhe dhoqqee dibuun dhimmicha dhimma namtokkee goochuun hinaaffaa hin barbaachifne mooraa keessan kessa jiru agarsiisa. Kun ejjennoo Nafxanyummaa Afaan Oromoon ibsachuu irraa adda miti. Halkan sa’aa sanatti ajajni sun maaf dabre, eenyutu godhe, maal yaadameeti jettee gaafachuu mannaa maaf Oromoon dirmateef kan jedhutu si gube. Hunda caalaa kan nama raaju ammoo ummata Oromoo aggaammiin Jawaar irratti tahu aggaammii keenya jedhee bahaa dhihaa, kaabaa kibbaa birmatee bahe salphisuun akka waan dhimmi amantii fi gosaa as keessa jirutti summii bofaa bakka biraa irraa fidde as biifuu keeti. Hawwiin Oromoo amantiii fi gosaan qoqqoodanii walii dirmannoo dhorkachuu kun tarii store keessan keessa jirti fakkaata. Waa malee afaani sin baane. Oromoon garuu kana hin qabu. Dubbii namicha ‘kan sangaa koo hate ofumaaf dubbata’ jedhe sanii taheeti kanas waan garaa qabdan bulgaafatte. Hundumaafuu summii hangana gahu garaatti baadhattee miidhamuurra baga diddigde.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Ergamtuun sirna dabree duraanii (OPDO) Allabaa Oromoo qabatanii bahuun dhwwaa jetti

Jawaar Mohammadiin Alaabaa Minilik waajjiraalee mootummaa federaalaa keessa mitmirsaa, alaabaa qabsoo Oromoo gootonni kumaatqmaan itti …

Yaada kanaaf deebisaa kenni