Oduu Haaraya

Jarraa Abbaa Gadaa jeeyna haati deyse

Du’a saa dhageenye heddudha gaddine
Leenca sodaan qabne kan sabaaf if kenne
Amantiin gabaroomuus takkaa tolen janne
Kophaa Isaa ka’ee saba saa dammayse
Bilisummaaf je’ee jiruu saa dagate
Hadhaa meeqa argee sabasaa boonsise

Adawwii baareysee hedduudha albaase
Saballee dammeeysee hedduu qabsoof kaase
Fakkeenya taheefii leencoota heddu baase
Dhaaba Oromoodha kan duraa gad dhaabe
Maqaa hunda dide Oromummaa malee
Gaallaa fi Somaalee abboo hunda didee
Oromoo Islaamaa jechuun saba boonse
Mata ol qabachise adawwii salphise

Qerroo ganamaatiin kophaa lafaa ka’ee
Adawwii haleeluuf karaa dheeraa seene
Gafa namni hundi saba saa wallaale
Amantiin gabroomee shirrixaam ja’ame
Enyu dura ka’e rooroo hunda jibbee?
Jaarraa Abbaa Gadaati kan sodaa hin qabne
Kophaa karaa seenee amana dheertuu deeme.

Inaa Lillaah wa Innaa Ileyhi Raaji’uun
Rabbii Jannataan Isa haa qananiisu
Jarraa Abbaa Gadaa namuu sin dagatu.

[rev_slider beeysisa]

Check Also

dhaloota qubee

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate Leenjisoo Horoo Elba 25, 2023 Mata-Duree …