Oduu Haaraya

Jaarraan maalif qabsoo hidhannotitti ciche?

by Jawar Mohammed
( Barruu yaadannoo Jaarraa Abbaa Gadaa tan Waxabajjii 11, 2013 magaalaa Atlanta irratti dhihaatte)
Jaarraa Abbaa Gadaa bu’ureessitota qabsoo Oromoo kanneen tarree duraarratti maqaan ka’u keessaa tokko. Gumaachi addaa Jaarraan qabsoo tanaaf godhe maali yoo jenne amna Waraana Bilisummaa Oromoo jaaruu keessatti carraaqqii godhamteefi milkii argamteef shoora duraa tapahcuu isaati. Roorroo saba isaatirra gahuuf joollumamaan laalachuun qabsaa’ota barbaadee dirree falmaa Baaleetitti makamee, lolee lolchiise.

Barbaachisummaa meshaafi leenjii lolaa kan ammayyaa hubachuun gargaarsa barbaacha gama Somaaliyaa, boodas Galaana Diimaa cehee Adan dhaqe. Akeekni Qeeyroo Ganamaatiin qabsoo hidhannoo eegaluu milkaayuu dhabdus, hidhaan waggaa shanii muranno inni diina Oromoo qabsoo hidhannootin cabsuuf qabu hin laafiifne. Bara 1976, yeroo haalli Warraaysaa biyyattii haguugee hamilee qabsoo hidhannoof jirtu laamshesse sanitti, sirni jiruu hiddaan buqqa’u malee Oromoof furmaanni hin jiru jechuun, qawwee lameen Elemoo Qilxuu fa’arraa hafte baasee daggalatti gale;WBOs humnaafi caasaanis ijaarutti seene. Erga gaafa dura Asabootitti Minishir bitateetii hamma gaafa du’uutitti dawaan cunqursaa qawwee ta’uu nama amanaa turee, sabaa isaatinis hidhadhaa jedhee osoo waywaatuu jiraate.

Barruu tana keessatti sababoonni Jaarraan barbaachisummaa qabsoo hidhannoo aakka fardeeyfatu goadhan maal fa’a akka ta’an xiinxaluuf yaala. Akka hubannaa kiyyaatti wantoota afurtu ilaalcha Jaarraan qabsoo hidhannootiif qabu qare. Tokko seenaa warraa isaatiifi kan Oromoo naannawa sanii tan inni joolummaa dhagayaa guddate. Kan lammataa, hariiroo Oromoofi nafxanyoota jidduu tan inni joollumaa arke. Kan sadaffaa araga dhageettii gocha gootummaa ‘shiftoonni’ Oromo kan Habiibifi Hamidoo faa Oromoo nafxanyaarraan gaya turaniiti. Kan afraffaa hirmaannaa lola Baalee keessatti godhe. Armaan gaditti sababoota kana takka takkaan gabaabsinee haa laallu.
Seenaa abbootii

Jaarraan nama warra akkanaatirraayin dhaladhe jedhee maqaan of dhaadu hin turre. Kanaafuu hamma dhihoo kanaatitti waa’ee warra isaa, wanni beeynu xiqqaa ture. Kanarraa kan ka’e seenaan inni abbootii isaatirraa dhaale ilaalcha isaatirratti dhibbaa isin qabdu hedduu hin xiinxalamne. Dubbii tanaaf fooddaa kan nuuf bane barruuleefi haasaya Jaafar Aliitifi Abdurashid Abdurahmaan nuuf dhiheessani. Abdurashiid seenaa abbootii Jaarraa gabaabsee akkanatti kaaye

�“Walakkaa bara 1876, gaafa Ibroo Shaxaa, akaakayyuun [ abaabayyuun] Jaarraa Abbaa Gadaa, lola Cirrachaatti waraana Misraa kan Ra’uuf Baashaa tiin hoogganamuun odoo loluu wareegame, ilmi isaa, Haamid, dardara ture. Lola Calanqoo booda, bara 1889 keessa, gaafa Minilik, summii buna keessatti naqeen, Haamid Ibroo galaafatu, ilmi isaa, Ibraahim, joolle. San booda, bara 1936 keessa, gaafa Ibraahim Haamid, nafxanyoota hawaasa Baha Oromiyaa sirna gabrummaa hoonga hin-qabneen araraasaa bahan, adamuun, hijaa irraa bahaa ture, ilmi isaa, Abdukariim hoggaas dhalata.”

Kanarraa wanni salphatti hubannu abaaboo, kaakoofi abbaan Jaarraa weerara dhuma bardhibbee 19ffaatifi jalqaba bardhibbee 20ffaa keessa Oromoo mudatan, kan boodas alagaa jalatti isa oggolchiisan keessatti warra suduudaan hirmaataa ture ta’uudha. Akkuma kaa’imman kamuutuu seenaa warra isaa kana dagaayaa guddachuu akka malu tilmaanmna. Kanaf ragaa kan nuuf ta’u waa’ee qabsoo Oromoo yoo haasayu Jaarraan yeroo hedduu seenaa abbootiin isaa keessa dabran akka fakkeenyaatti dhiheessa. Seenaa abaaboo isaa Ibroo Shaqaatifi akaakoo isaa Ibraahim Haamid irraa garaagarummaa qawweee qaachuufi dhabuu, akkasumas sadarkaan ammayyummaan qawweefi jaarmayni waraanaa lola keessatti qabdu waan hubate natti fakkata.

Osoo warraani Masrii kan Ra’uuf Paashaa Oromiyaa bahaatin hin bayin dura Oromoonni naannawa sanii heeraafi seera sirna Gadaatin walbulchaa, loltuu ofii Raabaa Dooriin jaaruun daangaa biyya isaanii ittifataa turan. Weerara olloonni isaanii itti bananis ofirraa qoluun, of kabajiisanii, ormanis hanga walbeekanii kabajaan waliin bulaa turan. Waranni Masrii kan Ingilizootaan meeshaa ammayyaa qeensaa hanga rifeensaa hidhate diina Raabaa Doooriin takkaahuu hin argini. Akkasiinuu Murti Guuto gootummaa onneen guutamteefi tokkummaa sirna Gadaatiin taligamteen eeboo, mancaa, wanteefi xiyyaa isaatin dura dhaabbate.

Waraanni Ra’uuf rasaasa ammayyaa itti robsee qaawwa xiqqoo takka banatee magaalaa Adaree Biyyoo qabatus, waggaa kudhaniif dallaya keessaa bahuu kutanii, kaayoo biyyaa Oromoo kolonii Ingilizii jalatti galchuu hoongessanii, injifannoo goonfachuun biyya ofiitii baasan.
Haa ta’uu ammo lolli Masri waliin godhame kun injifannoodhaan goolabamus, akka Professor Mohammed Haasaniifi Jilchaa Hamid katabanitti, humna waraanaa Oromoo akka maleedha laafffise. Tokkoffaa, qondaalonni Raabaa Doorii heeduun, Ibroo Shaqaa dabalatee, ni wareegaman. Lammaffaa, lola dheeraa kanarraa kan ka’een ka’een cibirraaleen faradoo (cavalry) beelladaaleen rasaasa, beelaafi dhukkubaan dhumuu isaatin guututti diigame. Sadaffaa lolli dheeraan kun leeccalloo ummataa dhiiga xuuxuun humna diinaggee biyyaa laaffise.

Osoo Oromoon daadarkaa tanarraa reefu dandamachaa jirtu , weerarri diina haarayni, Masri baatee waggaa sadihiitti, bara 1887, calanqoon as bahe. Warraanni Minilik kan Oromoo naannawa biraa cabsee injifannoon machaawee, diinaggeen of gabbise qawwee ammayyaa shammadatee, ogeessota waraanaa faranjiitin tarsiimoo baafatee Murti Guutotti lola bane. Gaafa Oromiyaa Bahaa weeraru waraanni Minilik qawwee….. qaba. Oromoon qawwee dullatti dhibba hin geenye kan Paashaarraa buufatan, sanuu ta rasaasni waa xiqqasho keessa jiruun dura dhaabbatan. Muraasni fardaa waan laamshayeef mancaa, eeboofi wantee isaa qabateeti lafoo dura dhaabbachuuf dirqame. Akkasumaanuu waraanni Murti Guutoo, humna waraan Minilik kan lafoo( infantry) qaawwedhaan caalamanis gootummaadhaan bobbaa hedduu ofirra faccisuu danda’anii turan. Booda garuu madaafa tabba fagoo, eeboofi mancaan hin dhaqqabne dhaabaniin duubbee Raabaa Dooriin loltuu irraa bobbasuufi madoo itti wal’aanatu ibidda itti roobsan. Bifa saniin qawween sodaattuun hidhatte mancaa gootaa moohattee, nafxanyaan akkuma Oromiyaa biro dachii Humbannatis qabate. Qondaalota Raabaa Doorii kanneen gaafa Calanqoo Calii baraaran, kanneen akka Hamid Ibroo ( akaakoo Jaarraa) kopha qophatti galaafatanii ummata hoggana silaa bakka caphanii isaan kaasu dhabsiisan.

Gaaga’amni weerarri Masriitif kan Minilik Oromootarraan gahee biyya teenya qofatti osoo hin taane addunya guututti gaafani injifannoon lolaa gootummaa loltootaatifi fi qaruuxummaa tarsiimootiin walcaaluun murtaawu sun akka dabarte dhawwaaqe. Fakkeenyaaf lola waraana Sudan kan Darbuush jedhamuuf, kan Abdullaa Al-Taashitin hogganamuufi waraana Ingilizi jiddutti, bara 1898, dirree lolaa Umdurmaanitti godhamerratti waanuma Calanqotti ta’etu raawwatame. Winston Charchil, kan booda muumicha ministeera Ingiliz ta’ee, warrana san keessatti akka loltuufi gabaafutti hirmaate, gama isaa jajuun akka gabaasetti lolli gaafasii keessatti warraana Darbuush 52,000 ta’utu kan Inglizi 8,200 moo’ame. Iccitiin injifannoo tanaa garuu akkana.

Warri Suudan qawwee dullattii takka nyaatteefi meshaa harkan kanuma akka Oromoon qabuu saniin itti baye. Warri Ingiliiz ammo madaafa ammayaa gurguddaa, qawwee otomaatikaa, akkasumas loltuu uffata raasaasafi eeboon laafutti hin dirre ( body armour) uffateen dhihaate. Yeroo lolli ganama subii banamu, osoo lultuun Suudan meetira 2750 bira as hin dhihaatin muraasni madfii (artillery brigade) kurkurruu ibiddaa itti gadi roobse. Qawwee warri Suudan hidhatee keessaa kan akkam jabduu rubuu fageenya kanaa deemuu hin dandesssu ture. Waraanni Darbuush gootummadhaan reeffarra waltarkaanfataa mukatti dahataa ori’us osoo meetira 50 wuu dahoo Ingilizitti hin dhihaatin dhukkaawan. Lola sa’aa jaha qofa ture kana keessatti, Darbushoota nama 10,000 du’aan, 13,00 modoon, kuun ammo qabamuun moo’amuu mudatan. Gama Ingilizii garuu nama 47 qofatu du’e, madoon 382 ture. Darbushoonni Suudaan, akkuma Raabaa Doorii Oromoo, guutummaafi tarsiimoo lolaatiin diina caalanis, qawwee ammayyaatin moo’amanii bitta alagaatiin oggoluuf dirqaman.

Akka xiinxala kiyyaatti Jaarraan abba isaatifi manguddoota naannawaatirraa seenaa gootummaa Murti Guutoo dhagayaa guddachuun, murni akkasitti gootaa akkamiin alagaaf jilbiiffate gafin jedhu waan mataa keessatti uumame natti fakkata. Seenaa abaaboofi akaakoo isaatti dabaltee kanummaan abbaa isaatuu yaada kana cimsuu mala. Abbaan isaa Ibraahim Haamid, nama hayyummaa isaatitti fayyadamuuf mootummaan Haylasilassee ofitti dhiheessee aangoo keennef ture. Garuu beekkomsi isaa safarmaee hin dhumne suniifi aangoon alagaan kenniteef hamma fedhees laalatu roorroo ummata isaatirraa gayaa ture irraa ittiisuuf isa hin dandeessifne ture. Kanaaf ammo deebiin isii; luynaafi jegna onneen , hayyuufi harsama sammuun adda bahuun hafee, qawween luyna jegnoomsitee, doofaa mootii godhuu waan hubate fakkata.Kanaaf Oromoon deebi’ee mirgaafi kabajaa isaa goonfachuuf falli kophaa ‘ibidda alagaan itti nu gubu san nutis horachuudha’ yaanni jedhu ganamumaan sammuu isaa keessatti habaqaalte. Kanaafuu hubannoon seenaa sababoota Jaarraan qabsoo hidhannootti umrii isaa guutuu cicheef keessaa tokko jechuuf kan nu dandeessisu raga jabaadha.
Fakkeenyummaa Finciltoota Oromoo

Erga humna qawwee ammayyaattin caalamee alagaa jalatti buluuf dirqamee boodas Oromoon gandaantummaa fudhatee roorroof jilbeeffatee akka hin jiraatin ragaan hedduu. Bakka takka takkatti hogganoonni hawaasaa hambalaa sirna Gadaatifi tan Raabaa Doorititti fayyadamuun ummatan gurmeessanii finciluun yeroo gabaabafis taatu nafxanyaa offiraa buqqaasu yaalaa turan. Bakka biraatti ammo matayyoonni Oromoo cunqursaan itti hammaate mataa bowwaafachiise, finciluun gaaratti galanii ‘shiftaa’ ta’an. Oromoota bifa kanaan fincilanii maqaa horatan keessaa Salaaletti kan akka Hagarii Tulluuti, Muluu Wasanuutifi Asaffaa Shaaroo Lammii, Arbaa Guugutti Tuntunaa fa’a tuquun ni dandaya. Baha Oromiyaatti ammoo Hamidoo fi Habiib———– namoota fincilli isaanii hidda nafxanyaa raase keessaa warra hangafaati. Jarri kun maqaa ‘shiftaa’ jedhuun haa beekkaman malee, shiftoota Habashaatirraa adda akka ta’an hubachuu feesisa. Shiftoonni Habashaa sabani gaaratti galaniif ummata saamuu dalagaa godhachuufi. Seenaa ‘shiftoota’ Oromoo bebbeekkamoo ta’n yoo qorannu ammoo, wanni manaa isaan baase roorroo nafxanyoonni irraan gayan ifachuudhaan akka fincilan agarra. Hedduun isaanii nafxanyoota biyya bulchan ajjeesuudhaan qawwee irraa fudhatanii gaaratti galan. Kan saamanis nafxanyoota midhaan ummataa fe’an malee ummata nagayaatii miti. Fakkeenyaaf waan Haamido fincilsiise Abdurashiid kitaaba ‘Raammisoo’ keessatti bifa armaan gadiitiin kaaye:

�“Haalli Haamidoo fincilaan gaye roorroo nafxanyaan Weeyzaro kaasaye ja’amtu, obboleessa isaatirraan geesse. Gaafa tokko sababa saffarrii irbootiin itti dallantee, qaallitti obboleessa irra guddaa Dashoo Ibroo, xilaan garaftu Haamidoon arke. Intalti dhalaa ilma dhiiraa tokko warra isaa duratti harka itti laachuun onneen Hamidoo fudhachuu didde. Coraan suukannaawe. Golcha qaallitti tuffii tuffii olitti fudhate. “haalli kun narra numa hin geenye” ifiin je’ee bara 1942 keessa umrii diiydamii shaniitti, Albeen “caphaa tokkoon gara gaara seene. Odoo hin bubbulin , Xuullo keessa idoo Khadee Ashee ja’amutti nafxanyaa ganda hiraarsu tokko galaafateItti aanse, Aanaa Masalaa, naanno laga Xuuxxootti kan biraa tokko dhabamsiise. Oduun warra gatamanii, nafxanyoota baadiyyaa keessa aka fedhan sossohan dallansiifte. Kanaaf, isaaniifi askaroonni gaaraafi dakhatti barbaaduu jalqaban. Gaafa kaan , haamidoofi waraanni isa barbaadaa deddeemu, Eeldhaaye gam agama dhihaa, irkata Boortee Dhuuggootii ol, iddoo qalaya jedhamutti wal afaan dufan. Haamidoon, Shaalaqaa waraana if duuba tarrisee boonaa dura deemu halaalaa adda keessa dhawee gaangeerraa lafatti darbe. Qaallichi lafa dhooynaan waraanni isaa dheefa dhukkee kaasan. Mootummaan haala ashkaroota isii mudate, raadiyootti ibsullee baattu, gurra ummataa seenuu dhoorkuu hin dandeenye. Ummanni gama isaanitiin

“Haamidoo Ibroo dhaa leenca haati deeyse
Mataa malee hin dhawuu mangistiin dhageeyse”
Tarkaanfilee gootummaa Haamidoo tun nafxanyoota dhiiga ummataa bahaa-gala dhoorkuu, Oromoota ammoo ni onnachiisuun gara gaaraa qaceelchee,
“…cifroonni isaa yeroo gabaabaa keessatti dhibba caalan. Kun nafxanyaa gibira guurtu bira dabree mootummaa guddittiihuu baarayse . Haala kanaan “Ilmi Ibroo Haamidoon, waggaa diigdamii afuriif mootummaa Habashaaa-tti lubbuu guraaraa bahee , bara 1966 keessa, seenaa dhaloonni naannoo sanii ittin boonuu qaban dhiisee, umrii 49tti kute. Seenaan Haamidoo, haawsni keenya yoo akka isaatti ifirratti lolan bulchiinsa Habashaa jalaa walaboomuuf yaroo dheertuu akka irraa hin fuune buhachiise,” ( Raamiso, f xxx)
Jedha Abdurashiid seenaa Haamidoo bifa gabaabduun dhiheesse yoo goolabu.
Oromoota dalagaa Hamidoo tanarraa waa hubatanii, booda faana isaa dhahanii qabsoo bilisummaa saba Oromoo hidda gadi dhaaban keessaa tokko Jaarraa Abbaa Gadaati. Gaafa Haamidoon gaaratti galu Jaarraan daa’ima waggaa jahaati, gaafa inni wareegamu ammo, dargaggeessa waggaa soddomaati. Kanaafuu umurii sammuun isaa waa qabattu ( formative years) keessatti Jaarraan dalagaa guutummaa Haamidoo dhagayaatifi argaati guddate. Hojii finciltoota akka Haamidootirraa, hubannoolee ilaalchaafi tarkaanfilee booda fudhateef bu’ara ta’an jajjaboo gaafas horate jechuun ni danda’ama.

Hubannoon duraa, garaagarummaa nama qawwee qabuutifi hin qabne jidduu jirtu. Namni qawwee qabuufi itti fayyadamee alagaa rukute, mirga ifiitifi kan fira isaa kabachiisuu akka dandayu. Kan lammataa ammoo namnummaan tokko onnatee qawweedhaan fincillaan nafxanyoota ol’aantummaa argatanii oftuulani waaqaan if qixxeessan akka weerarsuufi sirna mootummaa isaani ‘waaqarraa kennameef’ san akka daddaaysuu dandahu. Akkasumas namni qawween diina hangas raase, ummata isaa kan hamileen cabdee, jiruun laamshoytee, gabrummaa qaama godhate yeroma gabaabdutti akka dammaysituufi onnee itti hortu hubate.
Hubannoon Jaarraan seenaa finciltoota Oromootirraa joollummaa qomatti qabatee kun muuxannoo sirna nafaxanyaa keessatti matuma isaatiifu isa mudataniin daran jajjabaatan. Seenaa Jaarraa kan caalatti beekamu kanuma warraaysaa keessaati. Haa ta’aa ammo Jaarraan Abbaa Gadaa akkuma Oromoota hedduu, osoo warraaysatti hin seeninin dura mootummaa jirtu keessaan dantaafi mirga saba isaa kabachiisuu yaalee ture. Manguddoon biyyaa paarlaamaa Itoophiyaatti filamee akka dantaa isaanii mootummaa biratti eegsisuuf itti waywaannaan, nama nafaxanyaa tokkoon waliin dorgome. Garuu ummanni buqqa’ee Jaarraa filuus, sagaleen isaanii bakki buuta dhabamee namichi kuun moohate jedhanii deebisanii irratti shuuman. Kanarraa Jaarraan, filannon mootummaa sanii tan dharaatifi dantaa nafxanyoota ummataa xuuxaa jiraatanii ‘halaal’ (legitimize) fakkeessanii tursuu tan godhamtu ta’uu hubate. Namni haqaan ummata isaatif falmuu barbaadu filamuu akka hin dandeenyeefi ummanniis hamma fedhe bahee yoo filate nama ifii barbaadan bakka buufachuu akka hin dandeenye raga harkatti qabate.
Muuxannon dhumaa tan Jaarraa qabsoo hidhannootif garaa murachiifte yaalii haqa intala Oromoo takkaa gara mana murtiitin argamsiisuuf godhe. Mudannoo ilma jireenya Jaarraatiifi seenaa Oromoo jijjiiruuf teeysu tana Abdurashiid bifa armaan gadiitiin kaaye.

“…Guyyaa tokko , niitii jaarsi mana hidhaa Asaboot keessatti irraa ajjeefame , tan hulaa foolis xaabiyaa duraa boochu takkaan walitti dhufe. Kan warri arkan marti bira kutan, Jaarraan, nahuufii bira dabree, akkuma amala isaatti, gargaarutti seene. Tattaafanni niitii bira dhaabbachuu kun Jaarraafi ajajaa foolis xaabiyaa, Shaambala, tooyanna isaa jalatti namichi du’e, wal afaan buuse. Jaarraan dhiiga namichaa baasuuf Shaambalticha mana heeraatiif dhiheeysuu murteeffate. Haa ta’uu malee , Jaarraan Adareefi Asaboot jidduu deddeebi’ee, Amaarticharraa wahuu siiysuu dadhabe. Waraqaa yaamicha mana heeraa tan Adaree itti fidu , Shaambaltichi, ija isaa duratti cicciruu bira dabree “ aante Gaallaa aselechihaallehu” ( yaa Gaallicha siin hifachiisa) jechuuniin heeraa ol tahuu isaa irra deddeebi’ee mirkaneesseef. Gama biraatiinis , doginyoota haala kanarratti gargaarsa gaafatu keessaa, “dubbii tana yoo dhiifte irra siif wayya,” warra ja’uun malee kan tin’isa laatuuf dhabe. Ijibbaanni Shaambalticha mana heeraa dhiheessuuf godhu , guyyuma guyyaan Jaarraa rakkaa dhufe. Dubbii if dura dhiibuu dadhabuun , guyyaa bira taree, halkan hiiriba isa dhoorke. Kana keessa seenaan Haamidoofi Habiib sammuu boo jihan.”
Muuxannoon tun yaada Jaarraan joollummaarraa kaasee mataa keessatti bilcheessaa turte gadi jabeessiteef. Kunis warri qawween angorratti bahe hanga fedhees ummanni jibbu, akka tolaan sireerraa gadi bu’eef hin teenya daran ifatti baateef. Sirna qawween jaaramee, qawween ittifamaa jiru kun qawwumaan diigamu malee mirgaafi dantaan sabaa akka walarkuuf hin teenye mamii takkalee garatti hin hambifne. Gaafasii kaasee Jaarraan sirna san qabsoo hidhannootin hiddaan buqqisuuf tarkaanfii fudhate.
Lola Baaletitti Hirmaachuu

Wanni Jaarraan finciltoota akka Haamidootirraa hubate bu’aa isii qofa osoo hin taane hanquu isiitisi. Finncilli matayyoonni hiraar jalaa bahuuf kophaatti yookin nama muraasaan godhan nafxanyoota naannawa sanii hagbsee mootummaa san shoorarkeessus, sirna cunqursaa hiddaan buqqaasee ummata bilisummaa goonfachiisuuf akka hin dandeenye arge. Walsimannaan qawweefi gootaa jijjirama waaraa fiduu kan danda’u yoo ummata gurmeessee fincila waloo geggeesse yaanni jedhu mataa seenuun tarkaanfi kanatti aansee fudhaterraa hubachuu dandeenna. Kunis qawwee bitate qabatee kophatti gaaratti galurra, ilmaan Oromoo bifa gurmaayeen fincila geggeessaa jiran iyyaafatee gara Baalee qajeele. Gaafa Oromoon malkaa xiqqaa gamattuu walwallaalchisame san keessatti, gosaafi naannawa isaa keessaa bayee, Waabe gamatti, warra loqonni isaanituu qaceellotti hin galleef waliin wareegaaf of qopheessuun isaa barbaachisummaa qabsoo hidhannoo bifa gormoofteen godhamtuu hangam takka hubate ragaadha.
Lola Baalee keessatti hirmaachuun kun ammo hubannoo biroo kenneefi. Kunis akka nam tokkouutti fincilaa gaaratti galurra ummata dammaysanii loluun wayyus, leenjii waraanaa ammayyaatiifi caasaa sirna qabuun jaaruumuu baannan bakka yaadamu gahuu akka hin dandeenyee arguu isaati. Fnficilli Baalee ummataa guutuu sochoosee, nafxanooya dachirraa buqqasee nnaannawa san dhuunfatuus, jaarmaya waraanaafi ititaafi tarsiimoo ammayyaa dhabuurraan kan ka’ee sadarkaa sirna mootummaa san fonqolchuu danda’urra ga’uu hin dandeenye. Kanaaf, Jaarraan waraana bifa ammayyaatiin leeji’eefi caasaa turuu danda’u ( sustainable) injaaruuf gara Adan qajeele. Akkuma yaadettis qabsaa’ota akka isaa walitti qabuun, Qeeyroo Ganamaa, nama 41 of keessaa qabdu, kan leenjii gahaan qaramteefi bifa ammaatiin jalaa-olitti jaaramteen Oromiyaatti as qajeele. Mootummaa Soomalee harka bu’uun akeekni Qeeyroo Ganamaa akka yaadametti fiixa bahuu baatus, erga hidhaa waggaa shaniitii bayee booda, hubannoo seenaa abbootii isaa , shiftoota Oromoofi fincila Baaletirraa argate osoo hin dagatin, bara 1976tti Waraana Bilisummaa Oromoo gadi dhaabuu danda’e.
Goolabbii

Barruu tana keessatti mooyxannoon Jaarraan joollummaadhaan keessa dabre qabsoo hidhannoo Oromoo jaaruuffi boodas itti cichuuf akka murteessaa tahan agarsiisuun yaalameeti jira. Jaarraadhaaf Oromoon kan caphee qawween caalameeti, kan oggolee jiraateefis qawwee dhabaafi, kanaa furmaanni qawwee barbaaddatanii, diina ibiddaan namatti roorrisu ibiddaan dura dhaabbachuudha. Mooyxannoon tun kutannoo bara dukkanaa tan abdiin bilisummaa hin jirre san keessatti ifitti abdannaadhaan qabsoo hidhannoo akka eegalu kan dandeessifte yoo ta’u, waldhibdee booda isaafi jaallan qabsoo biro waliin uumamteefis hanga tokko saba jedheetin yaada.
Sabboontonni qabsoo Oromoo bu’eerressan akeeka Oromoo sirna cunqursaa calaa baasurratti waliif galtee qabaajaa turan. Ta’us, tarsiimoo, tooftaafi bifa jaaramayaa akkamiitin akeeka kana galmaan gayuuf irra fayyada kan jedhurratti ilaalcha adda addaa akka qabaataa turan beekkamaadha. Wantoota garaagarummaa kana uuman keessaa tokko akkaataa namoonni kun itti dammaqanii qabsoo Oromootif ka’ani jedheen yaada. Akkaataa bu’ureessitoonni kun itti dammaqan, dimshaashumatti, bakka lamatti qooduu dandeenya. Gareen tokko warra jiruma ofii keessatti roorroo mataa isaa yookin saba isaatirraa geessen dallanee kan ka’e yoo ta’u, kan lammataa, akkaataa Oromoon bittaa alagaa jalatti itti kufeefi waan irra gahe, akkasumas siyaasaa addunya, manneen barnootaa keessattifi kitaabotarraa waan dubbisaniifi dhagayan irraa kan dammaqani. Akkaataan sabboontonni kun qabsoo itti seenan kun qabsoo bilisummaa Oromoo ijaaruu keessati maaltu dursuu qaba (priority) waan jedhurratti yaada ilaalcha gargaraa akka qabaatan godhe.
Warri mana barnootaatitti dammaqe yaada ( ideology) bilcheessuuf dursa kenna. Tartiibni qabsoo jabduu jaaruuf dandeessisu dura barnootaan dammaquu, itti aansee gurmutti jaaramuu, dhumarra ammo hidhachuudha. Akka ilaalcha kanaatti sababni guddaan Oromoon cunrsaa jala jiruuf wallaala. Sabi diinaafi fira addaan hin beeyne, wal hin beeku, kanaaf waliin qabsaa’uu hin danda’u. Yoo mirgaafi dirqama isaa addaan hin baafanne, mirgaa isaatiif hin dhabbatu, dirqama isaatis hin bayu. Kanaaf saba tokko cunqufama jalaa baasuuf seenaa isaa, haala jireenya isaa, diina isaa, barbaachisummaa qabsootif tarsiimoo qabsoo barsiisuun dirqama. Namni akkanaan dammaqe jaaruufis laaftuudha, hidhatus bu’aa buusa. Namni hin dammaqin hidhatus bu’aa hin buusu yaada jedhu qaban. Kanaafu qabsoo hidhannoo labsuu dura, qabsoo siyaasaatitu barbaachisa jedhan.
Warri, mooyaxannoma ofiitirraa dammaqe qabsoo eegale yaada ummata dammaqsuufi jaaruu kana jibbu baatanis, akkaataa qabsoon itti eegaluufi guddachuu qabdurratti ilaalcha biraa qaban. Mooyxannoo isaanii keessatti wanni argan maddi humnaa guddaan qawweedha.

��Jaarraan warra mooyxannoo mataa ofiitin dammaqee qabsotti dabalame keessaa tokko yoo ta’u, ilaalcha dammaquu, jaaramuu, hidhachuu jedhu kana jibbuu baatus, hidhachuudhatanii falmuuf haal duree kaayuun hin barbaachisu nam jedhu ture. Inumaatu, akka ilaalcha isaatti, dammaqiinsifi jaaramuun yoo hidhannoon jiraate saffisaan galma gayuu danda’an. Sababni isaatis wanni ummata tokko akka cunqorfame usu taasisaa sodaafi abdi kutannaa humnaan caalamuuti. Ummanni onneen keessatti duutee abdii kutate hanga fedheewuu itti lallaabaa oolan kan keessaa dammaqu nama muraasa. Hangi xiqqaan kunis wallaalarraa osoo hin taane qawwee dhabarraayi osoo keessi gubatuu diinaaf oggolamee taa’a. Irra jireessi yoomiyyuu humna bilisummaa horannuun hin arkannu jedhee waan amanuuf wanni gorsan gurra tokkoon seenee kaaniin yaa’a. Kanaafuu ummata akkasii dammaqsuuf namni isaatis qawwee diinni qabu san qabaachuu akka danda’uufi hidhatee dura dhaabbachuu akka dandayu qabatamaan agarsiisuu barbaachisa. Humna hidhatetu ummata dammaysa, ummata dammaqe sanis of jalatti hiriirsee diinarratti bobboosuuf dandeettiifi qophaa’ina qaba jedheetin yaada. Kana ammoo kaka’uumsa ummataa kan dabballee takkaan maletti gaafa Haamidoon faan nafxanyaa karaa dabruu dhoorkan saniitifi , akkasumas fincila Baaletirraa sagantaa siyaasaa takkaan maleetti ummanni guutuu biyyaa diinarratti bobba’e sanirraa ragaa qaba.
Ilaalcha addaa Jaarraan hurate kana waan bara 1976 yeroo inni Finfinnee dhufe san ta’erraa ifatti mul’ata. Gaafas sabboontonni jaarmaya qabsoo jaarurratti bobba’anii turan hirii jijjiirmuu mootummaa saniitin hiree argamtetti fayyadamanii Oromoof waa buusuu yaalaa turan. Kanaafuu yaanni qabsoon hidhanni haa eegaltu jettu hangas mara dhageettii akka hin qabaatin ifa. Akka Jaarraan jedhetti namoonni hidduun yaada inni ammuma qabsoo hidhannoo haa eegallu jedhu san mormuu baatanis si’aa’ina guddaa hin qaban ture. Irra hedduun isaanii ummanni sirritti waan hin dammaqiniif, qophiin leenjiifi hidhannoo gahaan waan hin turreef qabsoo hidhannoo eegaluuf yeroo isii hin geenye yaada jedhu qabaachaa turan. Gariin inumaatuu mootumma haaraya jaaramtu tana keessa harka naqannee tooftaadhaan angoo harka Oromootti galchina jedhanii abdachaa turuutu himama.

Jaarraan garuu osoo oollee hin bulle jaaramaya waraanaa jaaruu qabna ejjannoo jettuutti ciche. Sababni inni dhiheessuus, kan duraa, mootiin dullachi kufus humni qawwee ammas harkuma alagaa waan jiruuf sirni cunqursaa hiddaan hin buqqaane, roorroon Oromorra geessu yeroof laaffattus, hanga nuti humna hin jaarrannetti deebitee dhufuun waan hin oollee. Kan lammataa ammoo, qabsoo hidhannoo eegaluuf hanga ummanni guututti dammaquu, qawweefi hidhannoo gahaa argannuu eeguun barbaachisaa miti, kanaaf namaafi meeshaa hanga qabnuun eegallee taan dhawaataan itti jabeeffachaa deemna yaada jedhu. Ejjannoo tanaan Harargetti deebi’ee qawwee lameen Elelmo fa’arraa hafte baasee Mul’is Abbaa Gadaa fa’a wajjiin qabsoo hidhannoo Gobeelleetti saaqe. Akkuma yaada isaattis tooftaa qawwee takka nama lamatti hidhuutiin, loltoonni isaa askaroota nafxanyaatirraa guyyuma guyyaan qawwee buufataa, saglirraa buttaa, buttarraa muraasatti guddatan. Gaafa lolli Soomaleefi Itoophiyaa banamee qawween lafa guutte,Waraanni Bilisummaa Oromoo qawwee matamatatti hidhatee ummataafuu raabsuu eegale. Gaafa Darguun barattootaafi barsiiftota duguguutti ka’u, WBOn humna magaalatti namaa dirmatu, dahoo ilmaan Oromoo itti baqatanii afaan buneensaatirraa itti baqatan jabaa ta’e. Qabsoon Oromootis loltoota goototatti, ilmaan isii qarayyoo waa baratan dabalatte.

��Cichi cimaan Jaarraan qabsoo hidhannootiif qabu bu’aa yeroo muraasa keessatti argamsiifteen dhugaan galteef. Osoo hanga sirritti qophayamutti waraana jaaruun tursiifamee, hiree lolli Soomaleefi Itoophiyaa uumetti fayyadamuun hin dandayamu ture. Dura ummanninuu kaka’uumsa Soomaleerraa hidhatanii deebi’uu san qabachuun isaa ni shakkiissa. Erga hidhatanii dhufaniihis caasafii hagganni duratti qophaaye osoo jiraachuu baatee dafanii faca’uu malu.

Haala qabsoon Oromoo gaafa Jaarraan Waraana Bilisummaa Oromoo dhaabeefi haala ammaa jidduu walakkeenya hedduutu jira. Gaafasis qabsoon hidhannoo hin barbaachiftu, qawwee hin argannu, qawwee yoo kaafne diinaatu nutti baay’ata, qophii gahaa hin qabnu, dirreen qabsoo kennattuun hin jirtu, ummanni sirritti hin dammayne, dura murnoonni jiran tokko ta’uu qabaniifi yaadota kana fafakkaataniin qabsaa’onni Oromoo wal atakaaraa turan. Haala kana keessatti Jaarraan kutannoodhaan qabsoo hidhannoo eegaluun, sabboontonni Oromoo atakaaroo dubbiin mataa waldhukkuubsuurra gara hojii qabatamaatti akka seenan, akka carraa bane. Akkuma yaadettis ummanni Oromoo humna waraanaa diinni isaan cabsee itti bitaa jiru san akka horatan godhe. Har’a yeroo maraamartoon gaafasii deebitee Oromoota dhuunfattee jirtu kanatti dhaloonni tarkaanfiin atakaaroo dhiisanii Oromoo tarknaafii humneessuu kan Jaarraan fudhate sun fakkeenya guddaa, qabsoo tana sadarkaa itti aantutti ceesisuuf irraa barannu.
Jawar Mohammed
Waxabajjii 11, 2013

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Food Insecurity Catastrophe In Ethiopia Is Due to The Carelessness of The Dictator TPLF Government for The Life of Oromo People

Human Rights Watch have reported how the Ethiopian Dictator government is taking the foreign aid …

Yaada kanaaf deebisaa kenni