Oduu Haaraya

Jaarmiyaan waraana bilisummaa Oromoo adeemsa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti dhalate malee diina miti

 

*Malkamuu Jaatee, Fulbaana 5  bara 2018

Waan kaleessa keessa turan yaadachudhaan amma eessa akka jiran beekuun boori garamitti akka deeman hubachuuf fayyada.

Gaafilee armaan gadii kanaaf qaami kamuu kan fira WBO ta`e ofiin deebii itti haa keennu.

  1. Jaarmiyaan Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) ni diigamamoo yookiis qaama nagaa fi qabenyaa uummata Oromoo tiksu ta`ee haareeffamuun ijaarama?
  2. Enyufaatu jaarmiyaa WBO diiguudhaan faayidaa enyufaa gutuuf saganteefate?
  3. Baroota darban meeshaa diinaa ta`uun WBO fi uummata Oromoo irratti warri duulaa ture sun akkuma diinni ilaaluutti WBO ilaalumoo yookiis qalbii jijjiratanii waliin naagaa tiksuuf murteen?

Gaffilee sadaniif deebii kennuun dura, barruu gabaabduu amna qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) kan WBO irratti xiyyaafate kana yoo dubbiftaniif hubannoo dimshashaa argachuuf isin fayyaduu mala.

Seensa

Galmeen seenaa qabsoo bilisummaa sadarkaa adunyaatti argamuu akka gabirummaan qabsoo dhalchee, qabsoon ammoo bilisummaa dhalachu mirkanessa. Uummati yeroo motummaan jalaa diigamu gabirummaaf saaxilama.  Kanaafuu, diigumsi motummaa biyya tokkoo, lammii motummicha jalatti hogganamaa ture, qabenyi jalaa saamamuu fi sanyii duguggaaf saaxila. Baroota kumaatamaaf motummaa sirna gadaan uummati Oromoo hogganamaa ergii tureen booda motummichi diigamuu himii fi barruuleen seenaa ni mirkaneessu. Sababiin digumsa motummaa gadaa qabxiilee gurguddoo armaan gadii kana sadan jalatti cuunfama: 1ffaa Sirni Gadaa laaffachaa adeemuu;  2ffaa Duula dinaa fi alagaa irraa baname of irraa ittisuuf jaarmiyaa fi meeshaa waraanaa ga`aa dhabuu; 3ffaa ol´aantummaan motummaa gita bittuu Habashaa gargaarsa alagaan aangawaa adeemuu. Akkataa kanaan sirnni motummaa, aadaa, fi hawaasumma Oromoo diigamaa adeemudhaan yakkoota sanyii duguggaa bifa kallattii fi alkallattiin wagoota 150 irratti geggefamaniif uummati Oromoo saaxilame.

Waanjoo gabirummaa gutummaatti ofi irraa qolachuuf, uummati Oromoo qabsoo bilisummaa hadhooftuu bara 1870ta irraa eegalee geggessaa jira. Qabsoon kun golee gurguddoo shan walitti hidhaman qaba: (1) qabsoo afaan Oromoo qaroomsuu fi guddisuu, (2) qabsoo aadaa Oromoo tiksuu fi kunuunsuu, (3) qabsoo seenaa Oromoo fi oromummaa ifatti baasuu, (4) qabsoo hawaasummaa fi dinagidee Oromoo dagaagsuu, fi (5) qabsoo siyasaa saba Oromoo aangoomsuu ti. Shanan rogaalee QBO martinuu wal tumsuun QBO galmaan ga`aa jiru, gargaarsa Waaqayyo biraa ta`een.  Adeemsa QBO kana keessatti injifannoleen galmaawan dimshaashaan: (1) dhalachuu jaarmiyoolee QBO hoggannan, (2)Sabi fi Biyyi Oromoo sadarkaa adunyaatti beekamuu, (3) Afaan+Aadaa+Seenaa Oromoo qoratamuu jalqabuu; (4) Oromummaan du`aa ka`ee hundee enyummaa saba Oromoo ta`uu, fi (5) amantiin waaqeffannaa kan hundee amantii saba Kuush bara dur-durii turee sochowuu jalqabuu. Jaarmiyaan WBO adeemsa QBO kana keessatti dhalachuudhaan injjifannolee galmaawan gurguddoo shanan kana argamsisuu keessatti qooda (ga`ee) sadarkaa olii gumaacheera.

Nagaa fi qabeenyaa uummataa tiksuuf jaarmiyaa waraanaa jabaa qabaachuun bara durii irraa eegalee tarsimoo addunyaa kana irratti ballinaan hojii irra olaa jiruu dha. Tarsimoo haaraa miti, waanuma baratamee dha, sababii adunyaan kun sirna gabiromsaa kallattii fi alkkalattiin geggefamu jala jiraattuuf. Waraana adunyaa 2ffaa booda, motummootiin uummataa fi biyya hogganan balaa loola ifaa fi dhoksaa irraa ittisuuf, jaarmiyaa waraanaa sadarkaa gurguddaatti ijaarrataniru. Kanaafuu, saayinsii fi malli ittiin ogummaa fi meeshaa waraanaa foyyeefamu yeroo kamuu caalaatti guddachaa ademeera. Garuu uummatooti sirna gabirummaa jalatti kufan aangoo gutuu hin qaban nageenya fi qabeenyaa isaanii tikfachuuf. Deebisanii aangoo waraanaa ijaarachuudhaan diina ofi irraa ittisuun aarsaa haalaan qaalii ta`e isaan gaafata, sababii mootummaan jalaa diigameef.

 

  • Bara 1870 – 1973 (jalqaba sochilee)

 

Bara 1870 – 1889 loola uummata Oromoo fi motummaa  Habashaa giddutti geggefameen ergii uummati Oromoo injjifatamee mootummaan jalaa diigamee fi hidhannoo waraanaa hikkateen booda deeibiyee ofi ijaaruun hidhatee kabajaa ofitti horuuf yaaleera. Garuu uummata Oromoo irraa rorroo diinaa kan ittisu jaarmiyaa waraanaa aango-qabeessa argamsiisuuf amma yoonaatti hin milkoofine. Bara 1928 irraa eegalee uummati Oromoo akkaataa qindoomina hin qabneen finciila riphee lolaan deggerame geggessuun diina raasuu jalqabe. Fakkenyaaf  sochii Walloo (fincila Raayyaa bara 1928 –1948), diddaa Harargee (fincila Carcar bara 1936 – 1950), fi  riphee lolaa Arisii (fincila Baalee bara 1958 –1970). Sochileen kun dhalachuu WBOf daandii tolchanii darban.

Sochii riphee lolaa kan jalle (J.) Elemoo Qilxuu  hundessee fi J. Mullisi Abbaa Gadaa fi J. Jaarraa Abbaa Gadaa jalqaban hundee jaarmiyaa WBO ti. Adeemsa WBO hundessuu keessatti  ga`een (qoodi) gootolii armaan olitti tarrefamanii sadan kun seenaa QBO keessatti fakkenyummaa guddaa qabatee akka jiraatu galmee seenaa Gootolii Oromiyaa keessatti ibsameera. J. Jaarraa Abbaa Gadaa waggaa 5 mana-hidhaa mootummaa Somaalee kessatti ergii dararamee ba`een booda J. Mulliis Abbaa Gadaa wajjin ta`uun bara 1970ta gara jalqabaa qabsoo hidhannoo sagaliin J. Elemoo hoggane itti fufan. Isaanis ona Bordoddee keessatti, sagalii J. Elemoo hoogganaa tureen, qawwee dhoksame argachuudhaan qawwee  sadiin Gooballee seenan. Suuta suutaanis uummata dammaqsaa fi ofitti dabalataa adeemuudhaan bara 1973 hunddefama WBO mirkaneessan.

 

  • Bara 1973 – 1992 (jaarmeefamu sochiilee)

 

WBO reefuu gad of dhaabuu jalqabu mootummootiin lama (Habashaa fi Somalee) haala haarawaan bahaa fi kibba baha Oromiyaa gabiroomfachuuf waliin-dorgee waraanaa bara 1977 keessa jalqaban. Duula mootummaa Somaalee kan aangawoota adunyaa lixa biftuun deggeramee fi mootummaa Habashaa (Darguu) kan aangawoota adunyaa baha biftuun deggerame irraa itti baname duraa fi duubaan ofi irraa ittisuun WBOtti dirqii ta’e.  Waraana mootummota lama irraa itti bobbaafame kana miseensoti WBO ofi irraa ittisaa Guraandhala 1977 kora hoogganotaa fi qondaaltoota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) godina Bahaa, konyaa Carcar, ona Bookee, keessatti geggeffachuudhaan sirni jaarmiyaa dirree qabsoo hidhannoo tolchame. Haala kanaan sirna jaarmiyaa tolfachuudhaan sochiin WBO qindeeffamuu eegale.

Caamsaa bara 1980 keessa ona Malkaa-Balloo bakka Darbii Sheek Muhaammad jedhamutti  hoogganooti fi qondaaltoti ABO [J. Magarsaa Barii (dura ta`aa ABO), J. Gadaa Gammadaa (itti-aanaa dura ta`aa ABO), J. Abbaa Xiqii Hinsarmuu (Abboomaa Mitikkuu), J. Nadhii Gammadaa, J. Galaasaa Dilboo (Yohaannis Bantii), J. Gammachiis Dhaabaa (Zakaariyaas Mull’ataa), J. Guddataa (Sanbatoo Luboo) fi qondaaltoota kanbiroo] walgayii hatattamaa geggessaniin jaarmiyaan WBO bifa haaraween ijaarame.  Bobbaa WBO godinoota Bahaa fi Kibba Bahaatti banuudhaan dirreen QBO itti geggefamu babalifamu eegale. Jalqaba bara 1980 keessa immoo dirreen WBO godina Dhihaa (Lixaa) sagalii miseensota 17 (kudha torba) qabaniin saaqamuudhaan daangaa teessuma lafaa kan hojiin QBO keessatti geggeefamu daran baballise. Qondaaltoti saaqamuu dirree dhihaa hogganan J. Dawuud (Firewu) Ibsaa (hoogganaa sagalii), Abbaa Caalaa (Abirahaam) Lataa (I/A hoogganaa sagalii), fi Tottoobaa Waaqwayyaa (dabballee sagalii) turan.

Hogganoti ABO fi qondaaloti WBO, Malkaa-ball’oo irraa ka`anii hojii dipilomaasiif gara magaalaa Moqaadishoo yeroo deemaa turanitti adeemsa guyyoota shan booda magaalaa Fiiqii fi Sagaag gidduu bakka Shinyiillee jedhamu akkuma gahaniin farreen QBO naannoo sanatti socho’aniin marfaman. Bakka sanitti dura ta`aa fi itti-aanaan ABO (1. J. Bariisoo Waabee/Magarsaa Barii fi 2. J. Gadaa Gammadaa/Damisee Tacaanee), miseensoti koree gidduu (3. J. Abbaa Xiiqii  Hinsarmuu /Abboomaa Mitikku fi 4. J. Dori Barii /Yigazuu Bantii), fi qondaaltoti WBO (5. J. Falmataa /Umar Caccabsaa, 6. J. Faafam Dooyyoo, 7. J. Irranaa Qacalee/Obbo Dhinsaa, 8. J. Dadhacha Boroo, 9. J. Dadhacha Mull’ataa, fi 10. J. Marii Galaan) diinaan Caamsaa 15 bara 1980 rashannaman (ajjeefaman). Akkasumas dirree dhihaa keessatti sagaliin WBO qixa aanaa Gidaamiin osoo sochii irra jiranii Mudde 22 bara 1981 shira diinaatiin summi nyaachifamanii dhuman, garuu akkuma carraatti hogganaan sagalii (J. Dawuud Ibsaa) balaa summii irraa dandamachuudhaan laaffataan isaa harka diinaa seenuun mana hidhaa Finfinnee keessatti waggoota shan oliif dararamaa ture. Bara 1986 jaallan biroo nama lama, J/Nagaasaa Kumsaa Boroo fi J/Hundee waliin mana hidhaa keessaa milqanii  WBOtti makaman.

 

  • Bara 1992 – 2018 (Haxummaa fi haaxarummaa siyaasaa hamtuun gidirfamuu)

 

Bara 1991/92 yeroo aangoon mootummaa Itoophiyaa gara warra Tigraayitti cee`sifamaa turetti walii galteen siyaasaa roga ifa ta`ee hin qabne tokko hoogganoota ABO fi hoogganoota Adda Bilisummaa Uummata Tigiraayi (ABUT) fi Adda Bilisummaa uummata Irteeriyaa (ABUI) gidduutti geggefamera. Walii-galtee yeroo mootummaa ce´umsaa jedhamee beekamu kana irratti hundaawuun hogganotii fi qondaaltoti ABO fi WBO akkaataa motummaa ABUT waliin hojjetan irratti marihataa turan; garuu irra caalaa osoo ABUT wajjin walii hin galle addaan deemaa turan. Hoogganooti ABUT yeroo hedduu walii-galtee diiguun deggertoota, miseensotaa, fi dabballoota ABO hidhuu fi ajjeesuudhaan tuffii ABO fi uummata Oromoof qaban argarsiisuu jalqaban. Fakkenyaaf, miseensa waajjira siyaasaa fi miseensa koree gidduu ABO kan ture J/Gammachiis Dhaabaa akkaataan itti ajjeesan shirraa waligaltee yeroo ce`umsaa keessa ture sana saaxiluu eegale.

J/Gammachiis yeroo wal-gayii hoogganoota ABUT wajjin geggeessan mara, maaliif walii-galteen hin kabajamu jechuun, walii-galtee ABO fi ABUT irratti hundaawee badii ABUT dalagaa ture ragaa qabatamaa waliin ibsuun adda durummaan dura dhaabbachaa ture. Kanaafuu, hoogganootiin ABUT dandeeytii fi gootummaa J. Gammachiis hubatuudhaan mala itti ajjeesan karoorfataa turan. Akkuma saganteefatanitti osoo WBO mooraatti hin galfaminiin baatilee yartuu dursanii bara 1992 gara jalqabaa magaalaa Nagaleetti walgayii fakkessaaf waajjira isaaniitti waaman. Garuu qondaaltoti WBO haala hogganoota ABUT shakkuudhaan akka hin hirmaannee J. Gammachis gorsanilee, lakkii hin hafuu, erga na yaaman niin deema jechuun shugguxii isaa hidhatee dhaqe. Yeroo waajjira ABUT gahutti waardiyaa WBO keessaa fudhatee dhaqe alatti hambisanii isa qofaa seensisan. “J. Gammachiis yeroo mana keessa seenu hidhannoo kee lafa kaa’i ittin jedhan; Duraan hidhannoo kiyya osoon hin hiikanne waliin haasawaa turree; har`a maaliifin hiikkadha jechuun deebise.” Duraanuu hoogganootiin ABUT sababa itti barbaadanii ajjeessuuf waan saganteefataniif waajjiruma walgahiif waaman keessatti dhukaasa itti banuun shirraan ajjeesan.

Walii- galtee roga hin qabne kanaan sochowuu (hojjechuu) keessatti shirri xaxamaa ture kun jaarmiyaa qabsoo hadhooftuun ijaarame diguumsa hiriyaa hin qabneef saaxileeera. Diinni bifa haarawee fi haxummaan Oromiyaa weerare kun, hooggana ABO fi WBO gutummaatti dhabamsisuuf saganteefate. Miseensotaa fi qoondaalota ABO adamsee hidhuu fi ajjeesuudhaan caasaa fi jaarmiyaa ABO diiguu irratti karoora qindawaa baafate. Kumaatama heddutti kan herregaman miseensoti fi qondaaltoti WBO fi ABO akkasumas uummati Oromoo kumaatamni hedduun qubsumoota (kampii) leenjii waraana mootummaa Habashaa naannoo Dhidheesaa, Huursoo, Bilaattee, Ziwaayi, fi kkf keessaatti golee Oromiyaa mara guramuudhaan hiidhaa, reebicha, qaama-hirr’achuu, ajjechaa, fi shororkaa daangaa hin qabneef saaxilaman. Qondaaltoti WBO fi dabballooti ABO ijoo turan waraana itti hin qophaawamin keessa dirqiin seenuun lubbuu isaanii qabeenyaa kaminuu bakka hin buufamne wareegan.

Walumaa-galatti, Waxabajjii bara 1992 yeroo mootummaa ceehumsaa keessaa ABOn dhiibamee baafame sanatti ABUT fi ABUI sagantaa duula waraanaa waliin qindeeffachudhaan jaarmiyaalee WBO fi ABO dhabamsisuuf bara 1992 hanga 1998 lola guddaa geggessaa turan. Yeroo kanatti gootooliin Oromoo hedduun dirree waraanaa golee Oromiyaa mara keessatti geggefame irratti baayyinaan wareegaman. Qabenyaa kaminuu kan hin jijjiramne, lubbuu isaanii wareeguun QBO ukkaamsaa diinaa irraa ittisan. Wareegama sadarkaa olii kanaan booda gurmuun qabasawota bilisummaa Oromoo hafan deebisanii of ijaaruudhaan hanga yoonaatti falmiin dirree ittifufinsaan finiineera. Falmiilee hadhaawaa kanaan booda aangoo horachaa adeemuu fi sochiilee uummataa (barattoota, qerroo, qarree, manguddoolii, fi uummata gutuu) wajjiin walsimachuudhaan injjifannoolee cuculuqoon sadarkaalee adda addaatti galmeefamuu eegalan.

Xummura

Farreen QBO golee maraan uummata Oromoo irratti duuldhaan QBO ukkaamsuuf  toftaa gara garaan yaalaniru. Garuu hundee jaarmiyaa siyaasa Oromoo kan ta`ee WBO fi ABO guutummaatti onnee uummata Oromoo keessaa dhabamsisuuf hin milkoofinne. Fuula durattis yoo toftaa qarachuun duula haaraa jalqabaniif milkaawuun hin abdatamu. Hoogganummaa siyaasa QBO haarefachuu keessaan mirgoota uumamaan qabachaa ture deeffachuuf uummati Oromoo bara kamuu caalaa qophii ta`uun sochii warraaqsa xummura finciila diddaa gabirummaa bara 2014 – 2018 qindaaween mirkanaaweera.

Ragaale

  1. ABO 2010. Akkaataa Amajjii 1, guyyaa WBO itti ayyaaneffatamuu jalqabe
  2. Gadaa M. 1988. Oromia, an introduction. Khartoum: Sudan.
  3. Guutama I. 2003. Prison of conscience (Upper compound Maa`ikalaawii, Ethiopian terror prison and tradition. Gubirmans Publishing. New York.
  4. Hassan M fi Maatii D. 2008. Goota Oromiyaa. Oromia publishing LLC.  Atlanata Georgia.
  5. Jaatee M. 2014. Bu`aa-ba`ii amna qabsoo bilisummaa Oromoo kaleessaa, har’aa fi borii . Kyagab & Sons graphics, Kampala, Uganda
  6. Jaatee M. 2017. Debifamee ijaaramuu uummata Oromoo karaa jaarmiyolee qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO). http://ayyaantuu.net/debifamee-ijaaramuu-uummata-oromoo-karaa-jaarmiyolee-qabsoo- bilisummaa-oromoo-qbo/
  7. www.importanceofphilosopy.com.The Necessity of Government. www.importanceofphilosophy.com/Politics_NecessityOfGovernment.html

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Jaarmayoota Siyaasaa Oromootiif

Xalayaa: Dhaamsa Oromummaa   Berhanu Hundee   Kutaa Lammaffaa   Duradubbii Uummatni Oromoo humnaan weeraramee …

Yaada kanaaf deebisaa kenni