Oduu Haaraya

Jaarmiyaaleen Siyaasa Oromoo (JSO) ejjennoo waloo irra gahanii jiru.


===============
Ejjenno Waloo

Jaarmiyaalee Siyaasa Oromoo (JSO)

I. SEENSA

Nutii Jaarmiyaaleen Siyaasa Oromoo (JSO) jijjiirama siyaas-dinagdee yeroo ammaa naannoo fi biyya keenya keessatti dhufe irratti yeroo dheeraa fudhannee marii bal’aa geggeessineerra. Qaama hawwaasaa Oromoo adda addaa marisisuun, haala siyaasaa, nageenyaa, dinagidee fi hawaasummaa Oromiyaa, Itoophiyaa fi naannoo gaanfa Afrikaa gaddifagenyaan xiinxalleerra. Mariifi xinxala goone keessatti gaaffi qabsoo Oromoo irratti garaagarummaa bali’aa akka hin qabne hubanneerra. Hanqinni guddaa moora qabsoo Oromoo keessa waggoota dheeraaf ture wal-hubannoofi wal-dhaggeettiin JSO gidduutti dhabamuu ta’uu isaa adda baafanneera. Carraa jijjiiramaa ammaan kana argametti fayyadamuudhaan hanqinoota nu gidduu jiran furuun moora qabsoo Oromoo jabeessuun gaaffii ummatni Oromoo baroota dheeraaf gaafachaa ture, itti qabsaa’aa fi wareegama qaalii itti baasaa ture deebisuuf haala nu danddeesisu adda baasneerra. Kanaafis dhimmoota bu’uuraa Ejjennoo Waloo irratti waaliin qabaachuu qabnu adda baasnee irrattis waliigallee jirra. Dhimmoota bu’uraa Ejjennoo Waloo irratti qabanne kun gaaffii saba Oromoo kan waggoota dheeraaf gaaftamaa turee deebisuuf hedduu ni gargaaru jennee amanna. Ejjennoo Waloo irratti waliigalle kun qabsoo Oromoo sadarkaa olaanaatti ceesisa jennee amanna. Akkasumas mirga sabaa fi sablammoota biroo naannoo Oromiyaa keessa jiraataniifi kan biyyattii keessa jiran hunda kan tiksufi waliinjireenyaa obbolummaa isaan saba keenyaa waliin qaban kan cimsudha jennee amanna. Kana malees, Ejjennoo Waloo Jaarmiyaaleen Siyaasaa Oromoo (JSO) irratti waliif-galan adda baafachuu nu jidduu fi saba Oromoo jiddutti miirri walhubannoo, waldeeggaruufi wal-utubuu, akkasumas dantaa fi fedhii Oromoo bu’uuraa irratti waliin dhaabbachuufi waliin-qabsaa’uu uumuudhaan itti baha qabsoo Oromoo milkeessuuf haalaan kan gargaaruufi kan aangessu ta’uu irratti waliigalleerra.

Nuti JSO qabsoo Oromoo bifa qindaa’eefi tarsimowaa ta’een geggeessuudhaaf uummata Oromoo gidduutti tokkummaan cimaafi waaraan akka mirkannaa’uuf, akkasumas akka dhaabbilee siyaasaa saba tokkoof qabsaa’uutti nu jidduutti miirri walhubannaafi obbolummaa itti fufinsaan akka jiraatuufi cimuuf, darbees dantaa Oromoo bu’uuraa irratti waliin dhaabbachuufi hojjachuudhaan qabsoo birmadummaa Oromoo galmaan gahuun daran barbaachisaa ta’a.

Waliigalatti waltumsiifi qindoominni qabsoo JSO gidduutu umuudhaan galma gahiinsa kaayyoo qabsoo ummata Oromootiif murteessaa ta’uu hubachuudhaan ibsa ejjennoo waloo armaan gadii baafanneerra.

II. DHIMMOOTA EJJENNOO WALOO

Keewwata 1: Tokkummaa Oromoo
Oromoon saba tokko. Saba guddaa seenaa, aadaa, afaan fi egeree ofiif tokkummaan qabsaa’eefi gatii qaalii itti baasaa har’a as gahedha. Iccitiin humnoota cunqursaa jalatti kufuu Oromoo tokkummaan isaa waan cabeef. Ammas iccitiin qabsoon isaa firii argamsiisuu jalqabuun tokkummaan dhaabbatee qabsaa’uu isaati. Keessattuu, waggoota dhiyoo asitti tokkummaan isaa jabaatee sadarkaa hundee hin sochoone irratti ijaaramuu irra gaheera. Daangaa hanga daangaatti miraa fi sagalee tokkoon mirgafi dantaa isaaf qabsaa’ee irra aanuu danda’eera.

Nuti JSO tokkummaa Oromootti sirriitti amanna. Dhimmaa tokkummaa Oromoo irratti ejjennoo cimaa walfakkatuu qabna. Tokkummaafi dantaa Oromootiif dhaabbachuu, cimsuufi tiksuun dirqama lammii fi dhaabbilee Oromoo hunda ti. Waan kana ta’eef:

1.1. Tokkummaa Oromoo ijaaruu, tiksuufi daran cimsuudhaaf waliin taanee xiyyeeffannaan ni hojjanna. Dhimma Tokkummaa Oromoo irratti qaamolee hawaasa Oromoo kamiinuu waliin ni hojjanna. Keessayyuu haayyota, abbootii gadaa, jaarsolii biyyaa, qeerroo fi qarree, akkasumas mootummaa fi mit-mootummaa Oromoo waliin akkaataa Tokkummaa Oromoo cimu irratti hadheeffannee ni hojjanna.
1.2. Aggaammii Tokkummaa Oromoo irratti kallattii kamiinuu dhufuuf obsa tokko illee hin qabaannu; waloodhaan taanee dura dhabbachuudhaan ni qolanna.

Kewwata 2: Qeerroof Qarree

Qeerroofi Qarreen humna Oromoo isa guddaa dha. Jijjiirama amma dhufe kana akka dhufuuf aarsaa ol’aanaa kanfaleera. Kanas fiduu kan danda’e Tokkummaa ofii fi Tokkummaa Oromoo eegee waan qabsaa’eef. Qeerroofi Qarreen of duraaf illee humna jijjiiramaafi abdii egeree Oromoo jennee amanna. Tokkummaa Qeerroofi Qarree tiksuuf dirqama Oromoo hundaa ta’uu qaba. Tokkummaa Qeerroofi Qarree tiksuun Tokkummaa Oromoo tiksuu akka ta’es hubatamuu qaba. Nuti JSO sochii fi gochaa Tokkummaa Qeerroofi Qarree miidhan kamirraa iyyuu of qoqqobuu qabna. Qaamolee Qeerroofi Qarree tokkummaa dhabsiisuufi maqaa balleessuuf yaalan kamuu waliin dura dhaabbannee irraa ni faccisna.

2.1. Qeerroofi Qarreen jijjiirama ammaa dhufe kana tiksuufis ta’e nagaafi tasgabbiin waaraafi dimookraasiin eegalame lafa akka qabatu, akkasumas dinagdee keessattis shoora isaa akka taphatu ni jajjabeesina.

2.2. Egereen ummata Oromoo Qeerroofi Qarree waan ta’eef tokkummaa Oromoo tiksuu keessatti gaheen isaa guddaadha. Kanaafu ejjennoo waloo JSO kanaafi safuufi laguu JSO hubatee akka hojiirraa olchu hubannoo akka argatu ni hojjenna.

2.3. Qeerroofi Qarreen hundee tokkummaa Oromoofi abdii egeree Oromoo waan ta’eef qaama Oromoo diiguuf hojjetan kamiifuu akka hin saaxilamne of-eeggannoo cimaa ni goona. Haala yeroos hubatee akka socho’uufi muuxannoo akka argatan gahee keenya ni baana.

2.4. Qeerroofi Qarreen jijjiirama ammaa jiru ittichuufis ta’e sirna dimookraasii lafa qabachissuuf heeraafi seera biyyattii kabajuufi akkasumas kabachiisuuf akka hojjetuuf naamusa, dandeettifi hubannoo isaanii cimsuu irratti ni hojjenna.
2.5. Qeerroofi Qarreen miseensa dhaaba siyaasaa kamiyyuu yoo ta’an iyyuu tokkumma qeerroofi qarree tiksuun tokkummaa Oromoo eeguufi egeree Oromoo galmaan gahuuf gaachana akka ta’an hubachisuun garagarummaa dhaaba siyaasaatiin okkorafi wal-qoodinsa akka hin uumne hubannoo isaanii cimisuu irratti ni hojjenna.

Keewwata 3: Sabboonummaa Oromo

3.1. Sabboonummaan Oromoo seenaa, aadaa, sirna Gadaa fi Afaan Oromoo irratti ijaarame. Qabsoo fi egeree waliinii Oromootiifis humna guddaadha. Kanaaf seenaa Oromoo qorachuu fi beksisuun, aadaafi Afaan Oromoo dagagsuufi misoomsuun, sirna Gadaa kunuunsuufi ol baasanii mul’isuun Sabboonummaa Oromoo cimsuu ta’uu hubachuudhaan gahee keenya ni baana. Sabboonummaan Oromoo mirgaafi walqixxummaa sabootaafi sablamootaa biroo ni kabaja; akka wal-simus ni hojjenna. Sabootaafi sab-lammoota sabboonummaa Oromoo kabajan waliinis hariiroon obbolummaa akka cimuu ni hojjenna.

3.2. Bu’uurri tokkummaa Oromoo sabboonummaa

Oromooti. Sabboonummaa Oromoo eeguun tokkummaa Oromoo ijaaruuf, tiksuufi kunuunsuu ta’uu ni amanna. Sabboonummaa Oromoo, Oromoo fi Oromiyaa ijaaruuf humna bakka bu’iinsa hin qabnedha. Kanaafis Sabboonummaa Oromoo akka dagaaguuf ni hojjanna. Sabboonummaa Oromoo diiguuf yookin laaffisuuf aggaammii godhamu kamuu waliin qolachuuf ni hojjanna.

Keewwata 4: Waa’ee Ce’umsaa fi Jijjiirama

Jijjiiramni siyaas-dinagdee ammaan kana akka biyyatti dhufe bu’aa qabsoo ummata biyyattiti. Qabsoo kana keessatti ummatni Oromoo qooda olaanaa taphateera jechuun ni danda’ama; arsaa guddaas kaffaleera. Oromoon golee kam-jiru hundi gumaacha taasiseera. Kanaaf jijjiiramichi gumaacha hundaan kan dhufe ta’uu ni fudhanna. Gareen yookin qaamni tokko yookin muraasni qofaatti galata itti fudhatu miti. Kana waan ta’eef:

4.1. Jijjiiramichi gummaacha Oromoofi sabootaafi sab-lammoota biyyattii hundan, faayidaa ummata biyyattii hundaaf kan dhufe jennee amanna. Saba Oromootiifis ta’e sabootaafi sab-lammoota cunqurfamaa turan hundaaf carraa argamee hin beekne, carraa gaarii qabatee kan dhufe waan ta’eef jijjiiramicha milkeessuufi itichuun gahee hunda keenyaa ti.

4.2. Jijjiiramni kun haalaa fi sababa kamiinuu duubatti sigigaachuu yookin deebi’uu hin qabu. Jijjiiramichi duubatti deebi’uu jechuun bu’aan qabsoo ilmaan Oromoo duubatti akka deebi’eefi carraan saba keenyaaf uumame akka fashalatti fudhachuu qabna. Kana ammoo haalaa kamiinuu hayyamuu hin qabnu. Kanaaf jijjiiramicha ceesisuun dirqama hunda keenyaa ti. Kana dhugoomsuuf ammoo mootummaa fi paartii biyya geggeessuu waliin dhaabbannee ciminaan ni hojjanna. Mootummaanis qaamni hundi akka qooda fudhatan gochuu qaba. Jijjiirama kana ceesisuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaafi dhaabbiilee siyaasaa Oromoo hundi wal tumsanii waliin mari’achaafi walhubachaa deemuu qabu.

4.3. Jijjiiramni kun ce’uufi itituu kan danda’u bifa dhaabbatummaa (institutionalized) yoo qabaateefi uummata keenya gara dakaa jiru bira yoo gahe dha. Jijjiiramichi akka lafa qabatu, darbees akka ce’uuf humna tokko taanee waliin dhaabbannee ni hojjanna. Hojii mootummaan gama kanaan hojjatus ni deggarra. Keessaayyuu jijjiiramichi caasaa mootummaa hundaa bira akka gahu, keessattuu gara caasaa dakaatti akka bu’uu ni deggarra. Uummannis jijjiiramicha lafa qabsiisuuf itti fufiinsaan akka deggaru gama keenyaan waan nurraa eegamu ni baana.
Keewwata 5: Nagaa, Tasgabbii fi Ol’aantummaa Seeraa
Ce’umsa kana milkeessuufis ta’ee jijjiiramicha haala waaraa ta’een dhugoomsuuf nagaa fi tasgabbiin sadarkaa naannoofi biyyaatti jiraachuun isaa dhimma murteessaa ta’a. Hojii nagaa buusuufi ol’aantummaa seeraa kabajuufi kabachiisuu dhimma dursa argachuu qabu ta’uu ni hubanna. Bu’ura kanaan:

5.1. Qe’een Oromoo nagaan oolee nagaan akka bulu; uummanni Oromoo hundi nagana bahee akka galuuf qaamolee dhimmi ilaallatu hundaa waliin ni hojjanna.
5.2. Nuti JSOs sochii siyaasaa taasisnu keessatti ol’aantummaa seera kabajnee socho’uuf
dirqama akka qabnu ni hubanna. Bakka ol’aantummaan seeraa cabee argamettis itti gaafatamummaan akka mirkannaa’uuf ni tumsina.

5.3. Sochii mootummaan nagaa buusuufi ol’aantummaa seeraa kabachiisuuf taasisus ni deeggara. Olaantummaa seeraa kabachiisuufi nageenya ummataa mirkaneessuu irratti qaamni humnatti gargaaramuufi meeshaa waraanaa hidhachuuf mirga qabu mootummaa qofa akka tae ni amanna. Lammiileen meeshaa waraanaa hidhachuu kan qaban karaa seerri biyyattii hayyamuun qofa ta’uu akka qabus ni hubanna. Daldala kontirobaandii fi daddabarsa meeshaa waraanaa naannoo keenya keessattiis ta’e biyyatti keessatti geggeeffamu cimsinee ni balaalleffana; ittisuufis gahee keenya ni baana.

5.4. Qaamoleen mootummaa keessattuu qaamoleen nageenyaa fi seeraa, hojii isaan hojjattan daangaa seeraan taa’e keessatti akka ta’uu qabu ni hubachiifna. Bakka daangaan seeraa qaama kamiinuu irra tarametti mootumman itti gafatamummaa akka qabu ni hubachiisna. Maqaa olaantummaa seeraa kabachiisuu jedhu dawoo godhachuun dhiibbaan mirga namoomaafi dhiibbaan dhaabbiilee siyaasaa kamirrattiyyu akka hin geenye ni qabsoofna.
5.5. Ce’umsa kana milkeessuun qaamolee mootummaa bilisa ta’an ijaaruu gaafata. Wabiin mirga namoomaa fi sirna dimookiraasiis qaamolee cimoo fi bilisa ta’an ijaaruudha. Mootummaan caasaan nageenyaa fi seeraa siyaasa irraa bilisa ta’anii akka ijaaramaniifi gartumalessummaan akka hojjatan dandeettii isaanii cimsuu qaba. Kana malees qaamooleen mootummaa hundi tajaajila hawaasaaf kennan hundi babsiifi loogii malee seeraa, sirnaafi hojimaata jiru qofa irratti hundaa’uun tajaajila kennuu qabuu. Gama kanaan hojii hojjatamu cimee akka itti fufu ni deggarra.

Keewwata 6: Ol’aantummaa Heeraa

6.1. Heerri seera ol’aanaa biyya tokkooti. Maddi aangoo mootummaa Heera biyyatti akka ta’ee fi sochiin mootummaas daangaa aangoo Heericha keessatti taa’en qofa akka ta’u ni amanna. Jijjiiramni amma taasifamaa jirus tumaalee Heerichaa karaa kabajeen geggeeffamuu akka qabu ni hubanna. Nuti JSO olaantummaa Heera biyyattii [amma hojiirra jiru] guutummaatti ni fudhanna; ni kabajna.

6.2. Tumaaleen Heericha fooyya’u qaban yoo jiraatan deemsa Heerichaa fi seeraan tumame eeggatee akka fooyya’uu danda’anis ni amanna. Kunis karaa ol’aantummaa Heerichaa kabajeefi marii qaamolee siyaasaafi hirtaa qaban hundaa fi hirmaannaa uummata bal’aatiin qofa ta’uu qaba.

6.3. Kanaan alatti gochaa Ol’aantummaa Heerichaa cabsuuf godhamu kamuu fudhatama hin qabaatu; duras ni dhaabbanna.

6.4. Kanneen Heericha humnaan diiguuf, karaa mul’ataafi hin mul’anneen socho’an, nuti JSO waliin taanee dura ni dhaabbanna. Qaamoolee Heericha irratti amantaa walfakkaataa qabanii waliinis hojjachuuf qophiidha.

Keewwata 7: Sirna Federaalizimiifi Dimookiraasii

7.1. Itoophiyaan biyya sabaafi sab-lammii hedduuti. Sabaafi sab-lammiin biyyattii eenyummaa isaaniifi walqixxummaaf qabsaa’aa turaniiru. Itoophiyaan rakkoo keessa kan kuftee turte sirna sirrii mirga sabaafi sab-lammii kabachiisu danda’u tolfachuufi hojiirra oolchuu dadhabuudhaan akka ta’e ni hubanna. Kana irraa kan ka’e sirni federaaliizimii sabdaneessa (multinational federalism) Itoophiyaaf kan filannoo biraa hin qabnedha jennee ni amanna. Sirni federaalizimii biyyattiin itti ijaaramte kun bu’aa qabsoo ummata Oromooti jennees ni amamnna. Sirni federaalizimii dimookiraasii malee bu’aa akka hin buufnes sirriitti hubanna.

7.2. Sirna federaalizimii biyyatti keessatti sadarkaa federaalaatti sabootaafi sab-lammoota biroo waliin biyya bulchuu (shared rule) fi sadarkaa naannootti immo ofiin of bulchuun bu’ura sirnichaati jenne amanna. Bu’ura kanaan aangoon sadarkaa mootummaa federaalaatti bu’ura baayyina ummataatiin qoodamu qaba; kunis akka mirkaanaa’u qindoominaan ni hojjenna.

7.3. Sirni federalizimii sabdaneessa ta’e, sirna dimookiraasiin deggaramee, qabatamaan akka dhugoomufi hojiirra ooluuf waliin taanee ni hojjanna. Qaamolee amantaa walfakkaataa qabanii waliinis ni hojjanna.

7.4. Wabiin Itoophiyaa sirna dimookiraasii ijaaruu dha. Itoophiyaa sirnni dimookiraasii birmadummaan uummataa fi walabummaa lammiilee itti mirkannaa’e ijaaruun dirqama ta’a. Sirna dimookiraasii ijaaruuf ammoo dirree dimookiraasii bal’isuun, jaarmiyaalee siyaasaa walabumman akka socho’an haala mijeessuun, ol’aantummaa seeraaf bitamuu fi mirga lammiilee kabajuufi kabachiisuun dimmoota murteessoo ta’an keessaa isaan muraasa. Kanaaf ammoo mootummaa fi paartiin biyya bulchu qooda adda duree ni qabaatu.

7.5. Uummanni mootummaa ofiin filateen akka bulu, mootummaa ijaarrates to’achuu akka danda’uuf, filannoo ifaa, bilisaa fi haqa qabeessa ta’e geggeessuu tarkaanfii jalqabbii fudhatamuu qaban ta’uu ni beekama. Sagalee uummataa kabajuufi aangoo karaa nagaatiin walitti dabarsuudhaan dimookiraasii shaakaluu eegaluun hedduu murteessaa ta’a.

7.6. Murtii uummataa kabajuufi aangoon inni dhumaa kan uummataa ta’uu amananii fudhachuu fi itti hojjachuun dirqama ta’a. Qaamolee mootummaa fi miti-mootummaa ciccimoo sirna dimookiraasiif utubaa ta’an ijaaruu hedduu murteessaa ta’a.
7.7. Dimookraasiin Itoophiyaaf, Itoophiyaanis dimookiraasiidhaaf haaraa ta’uu danda’a. Sabni Oromoo garuu duudhaa fi sirna dimookraasiitiif haaraa miti. Sirni Gadaa Oromoo duudhaa dimookiraasii irratti kan ijaarame ta’uu addunyaanuu erga fudhatee bubbuleera. Duudhaalee sirni Gadaa ijaarsa sirna dimookraasii Itoophiyaa kanaa keessatti itti dhimma bahuun aadaa dimookiraasii saffisaan dagaagsuuf gumaacha cimaa akka qabu ni amanna.
7.8. Duudhaa Gadaan qabu uummata Oromoo akka itti dhimma bahatu, darbees Itoophiyaa ijaaruu keessatti gumaacha akka inni godhuuf ni hojjanna. Nuti JSO illee hariiroofi waldorgommii geggeessinu keessatti duudhaa Gadaatti dhimma bahuun barbaachisaa akka ta’e ni hubanna.

Keewwata 8: Bilisummaa Qaamolee Seeraafi dhaabbiilee dimookrasii]

8.1. Manni murtii cimaa fi bilisa ta’e bu’uura dimookiraasiifi wabii bilisummaafi mirga lammiileeti. Qaamoleen nageenyaa fi seeraa loogii siyaasaa irraa bilisa ta’an qabaachuun sirna dimookiraasii gadidhaabuuf hedduu barbaachisoo dha.

8.2. Qaamoleen dimookirsaasii kan akka Boordii Filannoo, Koomishiinii Mirga Nammoomaa fi kan biroon illee cimuu qabu.

8.3. Manneen murtii, qaamolee seeraa fi nageenyaa, fi qaamolee dimookiraasii bilisa ta’an ijaaruufi cimsuun ce’umsa fi imala gara dimookiraasiitti taasifamuu tumsuu akka ta’e ni hubatna. Qaamolee kana bu’ura cimaa irratti ijaaruuf xiyyeefannoo kennee hojjachuun dirqama mootummaati jenne amanna. Nutis JSO dhimma kana irratti qooda nurraa eegamu bahuf qophiidha.

8.4. Nuti JSOs qaamolee kanaafi aangoo isaaniitiif beekamtii guutuu kennuun dandeettii cimsachaa akka deemaniif deggarsa barbaachisu ni taasifna.

8.5. Ijaarsa sirna dimookraasii keessatti qoodni miidyaalee bilisaa murteessaadha. Miidiyaaleen dhuunfaafi miidiyaaleen ummataa (public media) yeroo ammaa kana haqaafi al-loogummaatiin hojjecha akka hin jirre ni hubbanna. Adeemsi kun ijaarsa dimookraasiifi sirna federaalizimii sabdaneessaa biyyattiin ijaaruu yaaltuuf balaa guddaadha jennee amanna. Kanaaf miidiyaaleen walabaa ta’anii loogii malee ummata hunda walqixxee tajaajilaniifi itti gaafatamummaa qaban akka ijaaraman waltumsinee ni hojjenna.

8.6. Mediyaaleen ummataa qabeenya uummataa waan ta’aniif dhaabbilee siyaasaa hundumaa wal-qixaafi al-loogiitiin tajaajiluu akka qaban ni amanna, kunis akka mirkanaa’u ni hojjenna.

Keewwata 9: Oromoo Gama Hundaan Aangessuu

9.1. Uummanni Oromoo bara dheeraaf dirree siyaasaa irraa maqfamee, dinagde fi hawaasummaa biyyattii irraa akka hin fayyadamne moggaatti qabamee uummata ture dha. Qabsoo taasiseen gama siyaasaatiin bu’aa akka laayyootti hin ilaalamne argatee jira. Hanga gaaffiin isaa guutummaatti deebi’utti qabsoo isaa itti fufuu qaba. Qabsoon inni godhu garuu siyaasa qofaatti daanga’uu hin qabu. Gaaffiin siyaasaa guutummaatti deebi’uu kan danda’u, Oromoon gama hundaanuu yoo aangeffamedha. Oromoo dinagdee fi haawaasummaadhaan aangessaa deemuu irratti waliin taanee xiyyeeffannoon ni hojjenna.

9.2. Ummatni keenya bal’inaan hiyyummaa keessa jiraata. Kan jiraatus baadiyyaa keessa hojii qonnaa fi horsiisaatiin. Hojii kanaan kan biraan haa hafuu oomisha nyaataan isa gahuu danda’u illee oomishachuu hin dandeenye. Kanuma omishatuufis gabaa fi gatii madaalawaa argachaa hin jiru. Ijoolleen Oromoo barattes hojii argachaa hin jirtu. Qeerroon mirga saba isaaf qabsaa’uuf karaatti ba’e ammallee hanga barbaadamu hojiitti hin galle, karaadhuma irra jira. Naannoo keenya keessatti hojii-dhabummaan haala yaadeessa akka ta’e ni hubbanna. Rakkoo kana furuuf mootummaan cinatti tumsa JSO fi qaamolee hawaasaa biroo hunda akka barbaadu itti amanna.

9.3. Hojii dhabdummaatiin walqabatee rakkoon cimaa jiru dhimma aadaa hojii ummata keenyaa keesumaayyuu dargaggoota keenyaati. Hojii xixiqqaa hojjechuu irraa kaasee carraa hojii jiru hunda daguuganii itti fayyadamuu irratti hanqinni hawaasa keenya bira jira. Hojii tuffachuun bal’inaan ni mul’ata. Kanaaf aadaa hojii hawaasa keenyaa, keesumaayyuu dargaggoota keenyaa guddisuufi dagaagsuu irratti nuti JSO tumsa nurraa eegamu hunda ni goona.

9.4. Oromon baadiyyaa keessa iyyummaan jiraachuu isa irraan kan ka’e humna siyaasaa fi dinagdee cimaa ta’uu osoo hin danda’in yeroo dheeraaf tureera. Waan kana ta’eef ummata keenya gama dinagdeefi hawaasummaan aangessuun dhimma yeroon itti hin kennamnedha. Nuti JSO Oromoon dhuunfaanis ta’ee gurmaa’ee sochii dinagdeefi hawaasummaa keessa akka galu, jabaatee akka hojjatu, waan nurraa barbaachisu hundaa ni goona.

9.5. Mootummaan uummata keenya sochii dinagdee fi hawaasummaa bal’aa keessa galchuuf haala mijeessuuf, carraa hojii bal’inaan magaalaafi baadiyyaatti uumuuf hojii hojjatu keessatti deggarsa barbaachisu ni taasifna.

9.6. Imaammata investimentiifi magaalaa (urbanization) irratti hanqinoota jiran waliin ilaallee akka fooyya’an ni hojjena. Investimentiin naannoo Oromiyaa keessatti godhamu haala fayyadamummaa hawaasa qe’ee mirkaaneessuun akkasumas eegumsa haala naannoo haala hin miineen akka geggeeffamu waltumsinee ni hojjenna. Investimentii geggeeffamu keessatti qonnaan bulaa Oromoo qabiyyee isaa qabatee akka hirmaatu ejjennoo tokkoon ni hojjena.
9.7. Investimentii biyya keessaafi alaa harkisuuf dhimmooti hudhaa ta’an kanneen akka bu’aa-ba’ii biirookrasii, faaynaansii ykn hojimaata bankiifi sirna gibraa (taxation system) akka fooyya’an wal deggarree ni hojjenna. Akkasumas babal’ina investimentii harkisuuf ol’aantummaa seeraa fi nageenyi amansiisaafi waaraa murteessaa waan ta’eef nageenya waaraafi haala miija’aa umuuf tumsaan ni dhaabbanna, ni hojjenna.

Keewwata 10: Aadaa fi Afaan Oromo

10.1. Sabboonummaan Oromoo ibsituu eenyummaa isaa kan ta’an aadaa fi Afaan isaa jaallachuu irraa madda. Aadaa fi Afaan isaa tursiifachuufis bara hedduu qabsaa’e. Biyya kana keessatti haqummaan Afaanii jiraachuun dirqama. Kanaafis haqummaan afaanii biyyattii keessatti akka mirkanaa’u qindoominaan ni hojjenna.

10.2. Afaan Oromoo heeraanis gochaanis safartuu kamiinuu afaan hojii mootummaa fi afaan hariiroo hawaasummaa ta’uu wanti isa hanqisu akka hin jirre ni hubanna. Waan ta’eef Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa akka ta’u hadheeffannee waliin hojjanna.

10.3. Manneen hojii mootummaa federaalaa, dhaabbileen miti-mootummaafi dhuunfaa, magaalotaafi baadiyyaa Oromiyaa keessatti ummata keenyaaf Afaan Oromootiin tajaajila akka kennan taasisuuf ni hojjanna. Kun heeraanis gochaanis hojiirra ooluu qaba jennee amanna.

10.4. Oromoota naannoo Oromiyaa ala naannoolee biraa keesssa jiraatan afaan isaaniifi aadaa isaanii akka dagaagsatan, mirgi afaan isaaniitiin barachuu akka kabajamuuf wal tumsinee hojjenna.

10.5. Sabaafi sab-lammiin biroon Oromiyaa keessa jiraatan Afaan Oromoo fedhanii akka barataniifi itti dhimma bahan ni jajjabeessina. Naannoleefi sabaafi sablammiileen biroon ilaalcha gaarii Afaanichaaf akka qabaataniif irratti ni hojjanna.
10.6. Midiyaaleen Afaan Oromoo akka babal’atan ni tumsina. Kanneen ammaan kana Afaan Oromootti hin fayyadamne illee akka itti dhimma bahan ni jajjabeessina. Akka biyyaattis midiyaaleen hundi haqummaa afaanii sabaafi sab-lammoota akka eegan ni qabsoofna. Ogbarruu, Artiifi filmiin Oromoo akka dagaaguufi guddatu ni jajjabeesina.
10.7. Mootummaa fi qaamoleen barnootaa aadaa fi Afaan Oromoo guddisuuf xiyyeeffannaan akka hojjatan dhiibbaa ni goona; ni tumsinas.

Keewwata 11: Lafa fi Daangaa Oromiyaa

11.1. Oromoof lafti isaa lafee isaati. Lafti guddinaafi dagaagina Oromoof qabeenya bu’uraafi murteessaadha. Bu’urri qabsoon Oromoo gaaffiiwwan abbaa biyyumma fi abbaa lafaa isaa ta’uun kan walqabatanidha. Sochiidhuma jijjiiramaa amma dhufe kana illee yoo ilaalle dhimmi dhiyeenyaan Oromoo daangaa hanga daangaatti sochoose saamicha lafaa isa mudatedha jechuun ni danda’ama. Kanaaf nuti JSO dhimma lafaa fi daangaa Oromoo kabachiisuu irratti ejjennoocimaan waliin hanga dhumaatti dhabbanna.

11.2. Saamichi lafaafi qubsummaa seeraa alaa lafa Oromoo irratti bifa adda addaatiin bal’inaan adeemsfamu kutannoon dura ni dhaabana. Daangaa Oromiyaa tokkummaan dhaabbanne ni kabachiisna. Uummatni naannoo dangaa irra jiraatan nagaa fi obbolummaan akka waliin jiraatan ni hojjenna. Qaamolee fi uummatoota biroo waliin dangaa irratti walittibu’iinsi yoo umame karaa nagaa furuuf ni hojjanna. Bifa kamiinu babal’ina seeraan ala daangaafi lafa Oromoo irratti geggeeffamu gonkummaa fudhatama kan hin qabne ta’uu isaa cimsinee akeekkachiisna.

11.3. Investimentiifi misoomni qaama kamiinuufi bifa kamiinuu naannoo Oromiyaatti geggeeffamu ummata Oromoo kan hirmaachise, abbaa lafummaa Oromoo kan mirkaneesseefi nageenyaa qabeenya umamaa naannoofi hawaasummaa kan mirkaneesse akka ta’u tokkummaan ni hojjenna.
11.4. Sababa babbal’ina magaalotaafi investimentiitiin kanaan dura ummata qabiyyee isaanii irraa buqqa’aniif kaffaltiin beenyaa kaffalame madaalawaa akka hin taane ni amanna. Ummatni sababa kanaan buqqaa’anis maatii isaanii waliin bittinnaa’anii jireenya gadadoo keessa jiru. Kanaaf lammiileen sababa kanaan miidhaman bifa amansiisaa ta’een akka deebi’anii jireenya isaan jaarataniif ni hojjanna. Gara fuulduraas imaammanni misoomaa, guddina magaalaafi fayyadama lafaa hirmannaa, fayyadamummaa qonnaan bulaa jiddu galeessa godhate akka ta’u ni qabsoofna.
11.5. Finfinneen Magaalaa gudditti Oromiyaafi teessoo mootummaa Itoophiyaati. Kana raggaasisuuf tokkummaan dhaabbannee ni hojjenna.
11.6. Saamicha lafaafi babal’ina seeraan alaa magaala Finfinneefi naannoo isheetti geggeeffamu ejjennoo tokkoon dura ni dhaabbana.
11.7. Qubsuma seeraan alaa Finfinneefi naannoo isheetti akkasumas naannoo Oromiyaa keessatti bifa qindaa’een geggeeffamuu dura ni dhaabbanna. Dhimma kana dhaabbisuuf mootummaan tarkaanfii seeraa akka fudhatuuf akka sirreessuuf dhiibbaafi deggarsa barbaachisu hundaa ni taasifna. Caasaa mootummaafi qaama biroo gochaa seeraan alaa kana keessaa harka qaban irratti tarkaanfii seeraan itti gaafatamummaa mirkanneessuu akka fudhatamuuf ni hojjanna.

Keewwata 12: Hariiroo Sabaafi Sab-lammootaa

12.1. Oromiyaa keessa sabaafi sablammii hedduutu jiraata. Qubsumni Oromoos sabaafi sab-lammii biroon waliin kan wal dangeessudha. Oromoon miliyoona hedduun lakkaawwamus naannoolee sabaafi sab-lammii addaa addaa keessa jiraata. Dantaan Oromoo kan kabajamu, dantaan sabaafi sablammoota biroos kan kabajamu mirgaa walii waliif beekanii nagaan, walkabajaafi walhubannaan waliin jiraachuudhaan akka ta’e ni hubanna; ni hubachiisna.

12.2. Ummata Oromoo naannoolee biroo yookin sabaafi sab-lammii biroo keessa jiratan mirgi isaanii guutummaatti kabajamee akka jiraatan tokkummaan waliin hojjeena. Qe’eefi qabeenya isaaniirraa akka hin buqqaaneefis ni hojjanna. Ummatni qe’ee isaaniirraa buqqa’anis gara qe’ee isaaniitti akka deebi’an wal tumsinee hojjenna.

12.3. Sabaa fi sablammootni biroo naannoo keenyaa keessa jiraatanis mirgi isaanii guutmmaan kabajamee uummata Oromoo waliin walkabajuudhaan akka jiraataniif ni hojjanna. Lammiileen kun qe’eefi qabeenya isaniirraa akka hin buqqaaneef ni hojjanna.

12.4. Uummanni Oromoo sabaafi sablammii biroo waliin hariiroo obbolummaa qabaatee nagaafi bilisummaadhaan akka jiraatu qaamolee dhimmi ilaalu hundaa waliin ni hojjanna.

Keewwata 13. Dhimmoota gaanfa Afriikaafi ummata Oromoo

13.1. Biyyootiin Gaanfa Afriikaa hiyyummaa, lolaafi gogiinsaan gaaga’amaa ta’uun kan beekamu yoo ta’u hariiroon biyyoota kana gidduu jirus wal shakkii, walitti bu’iinsaafi wal-muddiin kan guutamedha. Daangaa idil-addunyaan gidduu isaanii jiraatullee hariiroon qubsummaa uummatootaa daangaa ce’u bal’inaan jira. Kunis sababa wal shakkiifi walitti bu’iinsa naannoo kanaa ta’ee jira. Kana irraa kan ka’e nageenyifi tasgabbiin biyyaa tokkoo nageenyaafi tasgabbii biyya olla irratti hiika guddaa ni qabaata. Kanaaf rakkooleen biyyoota Gaanfa Afriikaa wal xaxaafi walitti hidhamaa waan ta’eef furmaata wal fakkaatu akka barbaaduufi wal tumsuun hojjetamuu akka qabu ni amannaa. Kanaaf nagaafi tasgabiin biyyoota Gaanfa Afriikaafi obbolummaan sabaafi sablammoota Gaanfa Afriikaa keessaa akka cimuufi nagaan waaraa akka bu’u wal tumsinee hojjenna.

13.2 Nageenyiifi tasgabbiin Itoophiyaa akka waliigalaattiifi nageenyiifi tasgabbiin Oromiyaa nageenyaafi tasgabbii biyyoota Gaanfa Afriikaa waliin walitti hidhamiinsa cimaa waan qabuuf hariiroo keenyaafi imaalli keenya dhimma kana yaada keessa akka galchu ni goona. Egereen ummattoota Gaanfa Afriikaa akka waliigalaatti egeree ummata Oromoo waliin kan walitti hidhate waan ta’eef ummata Oromoofii ummattootaafi biyyoota Gaanfa Afriikaaa gidduutti hariiroo obbolummaafi wal hubannoo akka umaamu waliin hojjenna.

Keewwata 14: Waltajjii Idilee JSO, Haayyotaafi Qaamoolee Hawaasaa /Civic Society/

Haala yeroo xinxaluun hubbannoo walfakkaatu qabaachuuf kan fayyadu waltajjii idilee kan hoggantootti dhaabbiilee siyaasaa, haayyotni/beektotni Oromoofi qaamoleen hawaasaa adda addaa (civic society) fi namooti beekamoo itti hirmaatan hundeeffachuun barbaachisaa ta’uu itti amanna.
14.1. Haala yeroofi jijjiirama yeroo irraa gara yerootti umamu xinxaluun eegeree Oromoo akeekuuf, jijjiirama ammaa eegalame itti fufsiisuu fi itichuuf, tokkummaa ummata Oromoo tiksuuf waltajjiin idlee jaarmiyaalee siyaasaa Oromoofi haayyota Oromoofi dhaabbiilee hawaasaa/civic society/ dhaabbiin qabaachuun murteessaadha. Waltajjii idlee kun ji’a tokkotti yeroo tokko ni geggeeffama.
14.2. Waltajjii idilee kun qorannoowwan dhimma siyaasa, dinagdee, hawaasaaummaa Oromoofi gamaggama haala yeroo biyyaattiif naannoo Oromiyaa irratti kan xiyyeeffatu ta’a.

KEEWWATA 15: Hundeeffama Gola Marii Hogganotaa Jaarmayaalee Siyaasaa Oromoo

Jijjiirama amma eegale kana wal bira dhaabbanne ceesisuun qabsoo haqa Oromoofi ummata Oromootiif faayidaa guddaa qaba. Yeroo murteessaa kana keessatti qabsoo Oromoo milkeessuuf akkasumas Ejjennoo Waloo kana hojiirra oolchuuf, JSO gidduutti ilaafi ilaamee uumuuf, hanqinootaafi doggoggora umaman sirreessuuf, akkasumas haala qabatamaa yeroo waliin gamaggamuufi wal-hubachiisuuf qaama olaanaa hundeessuun barbaachisaa ta’ee argameera. Bu’ura kanaan:

15.1. Gola Marii Hoggansa Jaarmiyaale Siyaasa Oromoo (Oromo Leadership Council) hundeeffachuuf waliigalleerra.
15.2. Gola Marii Hoggansa Jaarmiyaale Siyaasa Oromoo (Oromo Leadership Council) kun waltajjii idilee hoggantoota olaanaa dhaabaa (hayyu dureewwan) irratti hirmaatan ta’a.
15.3 Hundeeffamaafi Hojimaata Gola Marii kanaa ilaalchisee Gola Marichaa dambii of danda’e ni qopheeffata.

Nuti Jaarmiyaalee Siyaasa Ejjenno Waloo Oromoo (JSO) kanaa olitti tarreeffaman itti amanuun waligaluu keenya mallattoo keenyyan ni mirkaneesina.

Maqaa Jaarmiyaalee Siyaasaa Mallattoo Guyyaa
1. ………………………..
2………………………….
3…………………………
4…………………………
5……………………………
6………………………….
7…………………………..

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

We demand full protection for all political leaders currently active in Ethiopia including Jawar Mohammed

For Immediate Press Release October 23, 2019 T​he Oromo Community of Minnesota denounces and condemns …

Yaada kanaaf deebisaa kenni