Oduu Haaraya

Jaarmayoota Siyaasaa Oromootiif

Xalayaa: Dhaamsa Oromummaa

 

Berhanu Hundee

 

Kutaa Lammaffaa

 

Duradubbii

Uummatni Oromoo humnaan weeraramee erga bilisummaa fi abbaabiyyummaa isaa dhabee kaasee hanga har’aatti waan dhabe sana deebifachuuf yeroo inni fincila diddaa gabrummaa fi qabsoo bilisummaa dhaabe hin jiru. Qabsoo kana keessati immoo bu’aa ba’ii meeqa keessa dabree, wareegama ulfaataas kaffalee har’a gahee jira. Yeroo adda addaatti carraalee gurguddoonis nu dabranillee, uummatni Oromoo amma sadarkaa xumura gabrummaarra waan gahe fakkaata. Kana jechuun garuu karaan bilisummaatti nu geessu gabaabbate jechuuf malee, xumurri qabsoo kanaa maal ta’uuf akka deemu beekuun rakkisaa dha. Yoo tokkummaan ilmaan Oromoo addatti immoo kan qabsaa’otaa fi jaarmayootaa Oromoo jabaatee, humni mooraa keenyaa abdachiisaan hin uumamne, bilisummaa argachuun hafee, injifannooleen hanga har’aatti galmeeffamanuu gaaga’ama keessa galuu akka danda’an hubachuun barbaachisaa dha.

Carraalee gurguddootu nu dabran yoon jedhu, fakkeenyaaf carraa guddaan inni duraa bara 1974, bara warraaqsa Itoophiyaa sana yoo ta’u, Sabboontotni Oromoo warraaqasa sana keesatti gahee olaanaa qabaatanillee, bifa qindaa’een akka jaarmayaa saba Oromootti ijaaramanii humna cimaa wan hin uuminiif, jijjiiramni gaafii Oromoo deebisiisuuu danda’u hin mul’anne. Dammaqinsi uummata Oromoos yero sana akka har’aa waan hin turiniif, jijjiiramni sun humnoota biroo harka seenee carraan Oromoos ukkaamamee hafe. Carraan biraa bara 1991 yoo ta’u, jijjiiramni bara sana argame sun kan bara 1974 caalaa bu’aalee gurguddoo argamsiise; injifannoolee gurguddoos galmeesse.

Isaan kana keessaa kan ijoo ta’an kaasuuf Oromiyaan kaartaarratti mul’achuu; Qubeen Afaan Oromoo hojiirra ooltee Afaan kunis Afaan hojii Oromiyaa ta’uu fi Sabboonummaan Oromoo guddachuu dha. Kuni hunduu kadhaadhaan kan argaman osoo hin taane, waregama ilmaan Oromoo kumaatamaan kafalaniin dhufan. Injifannoole kana argamsiisuuf jaarmayootni bilisummaa Oromoo addatti immoo Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) gahee guddaa taphatan; qooda guddaas gumaachan. Keesumaayyuu ABOn kallacha qabsoo bilisummaa ta’ee, QBO hogganuudhaan bara 1991 jijjiiramni bu’uraa akka argamu taasisuu keessatti gahe olaanaa fi furtuu ta’e taphate. Kan baay’ee nama gaddisiisu garuu jaarmayaan abdii bilisummaa ta’e fi uummata Oromoo biratti jaalala guddaa horate sun har’a bakkee adda addaatti bahee argamuu isaa ti.

Jaarmayoota fi Qabsaa’ota Oromoo

Hacuuccaa fi roorroon uummata keenyarra gahe isinitti dhagahamnaan; gabrummaa bar-dhibbee tokkoo ol uummata Oromorratti fe’amee jiru kana teessanii laaluun boqonnaa isinii dhoowwinaan; mirga uummata keenyaa kabachiisuu fi Oromoon biyya isaa kessatti abbaa lafaa fi qabeenyaa akka ta’u godhuuf jettanii qabsoo kanatti seentan. Akka sagantaa, kaayyoo, galii fi mul’ata jaarmayaa keessaniititti garaagarummaa qabaachuu dandeessu. Ilaalchi adda addaa jaarmayoota jidduutti dhiisii maatii tokko kessattuu waanuma mul’atuu dha. Kanaafuu ilaalcha gara garaa qabachuun rakkoo cmaa ni ta’a jedhee hin yaadu. Wanti isin akka walootti waliin qabdan garuu karaadhuma fedheenuu haa argamuu, abbaabiyyummaa Oromoo mirkaneessuu dha jedheen amana. Waayeen karaa waayee garaa hin ta’in malee!!

Kuni akkamitti argamaan, karaa kam wayyaan, tooftaa fi tarsiimoo kamitti fayyadamuutu gaarii dha kan jedhan dhimmoota isini jidduutti waliigaltee isin dhoowwu malan akka ta’an naaf gala, nan hubdhas. Haa ta’u malee galiin xumuraa adda adda ta’uu malus kaayyoon keessan garuu akkuma armaan olitti ibsame tokkuma jedheen yaada. Kanaafuu garaagarummaan isin jidduutti uumamu baay’ee xiqqaa waan ta’eef, uummata kanaaf jettanii isa kana dhiphisuun dirqama Oromummaa ti jedheen amana. Hundi keessanuu kan ganama manaa baataniif mirga uumata kanaa eegsisuufii mitii? Mirgi uummata/saba Oromoo maal akka ta’e isinitti himuun barbaachisaa dhaa? Fedhiin uummata Oromoo guutumaa guututti eegamuu akka qabu kun hawwii fi kaayyoo qabsoo keessaniitii mitii? Fedhii dhuunfaa caalaa fedhiin uummata bal’aa Oromoo dursuu akka qabu Sabboontotatti himuun barbaachisaa dhaa?

Akka miidiyaalee adda addaarratti argamaa jirutti yeroo ammaa kana jaarmayoota siyaasaa Oromoo 14 ol akka jiranii dha. Saba guddaa fi uummata bal’aa akka Oromootiif jaarmayootni hanga kana baay’achuun rakkoo waan qabu natti hin fakkaatu. Haa ta’u malee, ammaaf Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) keessatti kaayyoo fi galii gurguddoo lama qofaatu mul’achaa jiru. Isan kunis: A) Oromiyaa walaba taate fi mootummaa birmadummaa Oromoo ijaaruu yoo ta’u; B) Itoophiyaa diimookraatofte keessatti Oromoon ofiin ofbulchee warra hafan wajjin immoo bulchinsa waloo (shared rule) akka qabaatu taasisuu dha. Maarree, jaarmayootni 14 kaayyoo fi galii 14 qabu jechuu dha? Deebiin gaafii kanaa eeyyen kan jedhamu yoo ta’e, kaayyoon 14 maali? Lakkii kaayyoon isaanii gurguddoo lamaan kana keessaa hin bahu kan jehamu yoo ta’e immoo, warri kaayyoos ta’ee galii tokko ykn walfakkaataa qaban maaliif bakka tokkotti dhufanii humna isaanii hin cimsine? Maaliif gara garatti bibixxilamanii jiraatu?

Tokkummaa jechuun walitti baqanii hoggansa tokko jalatti jaarmayaa tokko ta’uu qofaa mitii bar!! Tokkummaan ani jechaa jiru tokkummaa kaayyoo ti (unity of purpose). Kuni kan barbaachisuuf immoo:

  • Tokkoffaa nagaa fi tasgabbiin mooraa QBO keessatti akka uumamuuf;
  • Lammaffaa, humni cimaa fi abdachiisaa ta’e, kan fedhii uummata kanaa eegsisuuf WABII ta’uu danda’u mooraa keenya keessatti akka ijaaramuuf;
  • Sadaffaa, diinni qaawwa uumamu hundatti fayyadamee, nu keesa seenee akka nu hin miineeef;
  • Afraffaa, yoo jaarmayootni Oromoo tokummaa qabaatan qabeenya Oromoo hundaa sochoosuun (mobilize all resources) waan danda’amuuf;
  • Shanaffaa, yoo jaarmayootni isaa tokkummaa qabaatan, rakkooleen adda addaa fi afaanfaajjiin uummata jidduutti akka hin uumamneef;
  • Jahaffaa, tokkummaa qabaachuun har’aaf qofaa osoo hin taane, bilisummaa boodafillee murteessaa waan ta’uuf; egeree keenyaaf har’uma bu’ura gaarii uumuuf

Egaa, kun akka ani itti hubadhutti malee, bu’aa tokkummaa wallaaltaniitii miti.

Jaarmayoota fi qabsaa’ota saba guddaa kanaa

Barbaacisummaan tokkummaa kan ani armaan olitti tarreesse qofaa miti. Kana isinuu na caalaa beekutu jedheen amana. Ani akka ilma Oromoo tokkoottan dhaamsa Oromummaa isiniif dabarsaa jira malee, waan uummata keenyaaf gaarii ta’u isin caalaa namni biraa ni beka jedhee hin yaadu. Yeroon ammaa yeroo bay’ee murteessaa ta’ee dha. Diinni uummata keenya waggota 27 dabran fixaa as gahee, har’allee uummata keenya nyaacha yeroo jirutti, humnootni biroo immoo beela’anii nu nyaachuuf hamuumachaa akka jiran waan hubattan natti fakkaata. Dabalataan immoo, haalli uummatni keenya har’a keessa jiru dhugumatti baay’ee gaddisiisaa qofaa osoo hin taane, waan hedduu nama yaaddessuu dha. Balaa guddaa nutti deemaa jiru kana maaliif alaalatti arguun isin rakkisa? Waliigaltee dhabadanii maaliif diinaaf carraa gaarii uumtu? Yoo humni Oromoo cimaa fi abdachiisaan jiraachuu baate, ammas carraan yeroo sadafaadhaaf nu dabruuf akka deemu hin hubattanii?

Dubbii xumuruu fi dhaamsa Oromummaa isiniif dabarsuuf, jaarmayootni Oromoo kaayyoo fi galii adda addaa qabaattanillee, kana akkuma jirutti qabachuudhaan garuu taa’aa waliin mar’iadhaa; rakkoo walootiif furmaata waloo barbaadaa; karoora yeroo gabaabaa fi kan dheera (roadmap) waliin baasaa; humna mooraa Oromoo cimaa fi abdachiisaa uumuuf warri kayyoo tokko fi walfakkaataa qabdan uummata kanaaf jedhaatii tokkummaa kaayyoo ijaaraa. Yoo isin olola walirratti ooftanii, summii walitti facaaftan, summiin kun uummata bal’aa keessatti faca’uu akka danda’u hin dagatinaa. Waan uummata Oromoo gargar facaasu fi diina jabeessuu danda’u hojjechuurraa of qusadhaa. Sabboontota fi qabsaa’ota isin biraa wareegamanii hafan yaadadhaa. Garaagarummaa keessan dhiphisaatii waan goototni keenya ittwareegaman sana bakkaan gahuuf tumsa waliif ta’aa. Badii dalagamu hundaaf ittigaafatama seenaa jalaa bahuu akka hin dandeenyes hubadha. Waaqayo/Rabbi hubannoo fi waliigaltee isiniif haa kennu!!

 

======   ittifufa  ======

 

Hubachiisa:

Xalayaan mata duree “Dhaamsa Oromummaa” jedhuun dhiyaate kun ittifufa. Kutaalee itti aanan keessatti kan dhiyaachuuf deeman xalayaalee:

 

  • Aktivistoota fi Hayyoota Oromootiif
  • Dhumarratti Obboo Lammaa Magarsaa fi Dr Abiyyi Ahmadiif

 

 

 

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Ijaarsa seeraan fi pilaaniin magaalaatiin alaatiin magaalaan finfinnee fi magaalotni GAONF manca’aa akka jiran beektuu?

(By Makuriya Waahimaa Hunde) Bara 2009 egalee mootummaan saamicha lafaa qonnaan bulaa buqqisuudhaan murna biyya …

Yaada kanaaf deebisaa kenni