Oduu Haaraya

JAALA KEENYA DHABNUS DALGAN ISAA UTUBAA SEENA TA’EE NUU WALIN JIRAATA. IBSA GADDAA JAARMIYAA HAWAASA OROMOO ARIIZONA IRRA KENNAME


Obbo Mohammed Adam Muummad
, bara 1959 baha Oromiyaa Nannawa gaara mul’ataa Ona Baddannoo Laga Raammis Araddaa Ija Bunaa bakka ja’amtutti dhalate. Akkuma Oromoota biroo, roorro algaan saba Oromoo irran geessisa turtee fi jirtu cabsuuf, Qabson Bilisumma Oromootti (QBO) makamuf bara 1976 biyya dhalate irra yeroo ba’ee jalqabee amma lubun isaa batteti kayyoo biyya ba’eef sana gootumaa, murranno fi amantumman qabsaawa ture.
Bara 2001, erga biyya Ameriikati baa’ee jalqabe ijaaramun umna jechuun Oromoota qabsoo bilisummaa deggerani walin ijaaramun qooda guddaa kenne. Keessaafuu Jaarmiyaa Hawaassa Oromoo Ariizona ijaaru keessatti qoodni ini kenne guddaa fi fakkenya dansaa Oromoon irra baratan ture. Hawaasa Oromoo ijaaruun fi jabina Oromoo arguf carraa argamee maraan nama halkanii guyyaa tattaafii godhaa turee fi itti milka’ee keessaa isa fakeenyaan waamamu turee. Obbo Mohammed qaroo ilma Oromoo wan tureef, kan rafe fi kan burjaaja’e dadammaqsudhan sabboonummaa fi Oromumman akka dagaagu halkani guyya otto dadhabe hinjedhin qooda gudda kafala kan turee goota Oromooti. Gabromfata irra dararaan uummata Oromoo’rra gahaa jiru hundeen buqqasuuf wareegamni in kafale QBO keessati qooda ol’aana qaba. Wayta biyya alaa kana keessa turtetti rakkoon siyaasaa ummata Oromoo addunyaa biratti akka hubannoo argatu qooda ol aanaa gumachee.
Obbo Mohammed Adam Muddee/December 16, 2014 Magaalaa Phoenix, Ariizona keessatti akkuma dalagaa dhufee bakka rafaa turetti adunyaa tanarraa boqotee argame. Jaarmiyaan Hawaasa Oromoo Ariizona fi uumattini Oromoo “ISteetoota” gara gara’rra dhufan edduminnan ba’uun awaalcha isaa bareechani jiru. Akkumma yeroo jirenya isaatti nama Oromoo ijaara ture, duutti isaalee, Oromoon akka waliti dhufaani kayyoo inni geeggessa turee eddoon ga’uuf waada walii galan carra kan bane ture. Mohammad Aadam abbaa ilmaan 8 ti yeroo ta’u haawaasa Oromoo Ariizona keessatti kabajaa fi jaalala guddaa namaa qabu ture. Jaarmiyyan Hawaasa Oromoo Ariizona du’aan boqotuu Obbo Mohammed Aadam gadda ol’aanaa itti dhaga’ame ibsaa, kayyoon ini irrati hoojeta ture galman ga’uuf kan murranon irrati hojjettnu ta’uu mirkkanessina. Jaala keenya Mohammad Aadam Muummad rabbi rahamata haa godhuu jecha; maatii, firoottan, jallan isaa maraa irraa hafaa jedha. Sabni Oromoo maatii isaa jajjabeessu akka nu cinaa dhabatu dhaamsa Oromumma dabarsina. Obbo Mohammedin hardha lubbuun uf cinaa isa dhabnu’llee dalagaan isa Utubaa seenaa ta’ee ilmaan Oromoo waliin jiraata.
 awwaala obboo mohamed
 Oromoon awaalchaa obbo Mohammed irrati argamun gadda isaani yeroo ibsan.
JAARMIYAA HAWAASA OROMOO ARIIZONA (JHOA)
OROMO COMMUNITY ORGANIZATION OF ARIZONA (OCOA)

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …