Oduu Haaraya

Iyyata Lammummaa Waajjira Tokkummaa Baqattoota Oromoo Yaman irraa,

Miidiyan adda addaa yaman, Dubbi himaa mootummaa biyya Sa’udi Arabiya   guyyaa kamisaa 27/08/2015 maxxansaniin akka gareen Miliishaa Huutii baqattoota 3000 leenjisuun lola biyyattii keesa deemaa jiru irratti hirmaachisaa jiran gabaasuun baqattoota komataa jiru!!

http://www.bawabatii.com/news18447.html

Sababii kanaan haalli baqattoota Oromoo yaman Gaagama addaa keesa galee jira waan taheef, Waajjiri (TBHOY)  Iyyata Lammummaa Gara ummata Oromoo biyya ambbaa keesa jirtanitti Lallabatuun akka  rakkina sookanneesaa baqattooni oromoo yemen keesa jiran kana hubachuudhaan gara Hawaasa Oromoo biyya ambbaa keesa jiraatani fi akkasuma gara Waajjiroota dhimmi baqattootaa ilaalu hunddaati  beysisuun  rakkina keesa jirru kana irraa furmaata hatattamaa nuu barbaaduun Lubbuu Maatii Baqattoota Oromoo Kumaantamaan lakkaawamu Balaa kana jalaa baraartan, Maqaa Baqattoota Oromoo Biyya Yamaniin Kabajaan isin gaafanna,

GALATOOMAA,

 

Koree Waajjira Kominiiti Tokkummaa Baqattoota Hawaasa Oromoo Yaman,

Taaju Shariif

Dura ta’aa KTBHOY

 

Odeefannoo Dabalata,

Fb: Tokkummaa Kominiitii Oromoo Yaman,

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …