Oduu Haaraya

IYYAA, IYYA DABARSAA

                                                     Taammanaa Bitimaa irraa
DURAANDURSA
Dubbiftoota barreeffama kanaa jaalatamoo fi kabajamoo,
Bakka jirtanii fi bakka jiraattan hundaatti nagaa fi dhaamsi kiyya kan onnee irraa madde isin haa dhaqqabu! Kunoo, nuti Oromoonni erga torban takkootii asii faaraan rafnee irriba hin quufne; faaraan nyaannee midhaan hin quufne; faaraan bishaan dhugnee dheebuu hin baane. Garuu, waa tokkollee hin daddhabne; waa tokkollee hin beelofne; waa tokkollee hin dheebonnee, buna Oromoon keenya addunyaa fi ilmoo namaa mara badhaase kana deddeebfinee dhugaa waayee biyya keenyaa irratti walmariyachaa, tokkkummaa keenya akka sibiilaatti jabeeffachuu akka qabnu waliif galaa, ijoollee Oromoo fi namoota Oromoo rasaasa diinatiin galaafatamaniif gaddaa, booyaa jirra. Gochi warri qawween cabsee biyya keenya seene kun, uummata keenya irratti amma oofaa jiru kun onnee teenya madeessullee, qalbii teenya jeequuf aggaamullee, hamileen keenya fi aariin keenya, seexaan keenya fi booreen hin jeeqamnee sirumaa tokkoomsee ol nu kakaasaa, uummata keenya cinaa nu hiriirsaa jira. Ani barreeffatan amma isiniif dhiyeesse kana, dheengadda-kaaniin ariitiin barreessee, gara mandhee Akkaadamii Oromiyaatti ergee ture. Waan wanni mandhee ONA kana irratti baafamu, miseensota isaa callaa keessatti hafuuf, namoonni keenya tokko tokko kanneen barreeffama san dubbisan akkan ani gara mandheewwan Oromoo isaan eenyumtuu dubbisuu dandayuutti erguuf, yaada naaf dhiyeessani. Amma obbolaa kiyya kanneen galteeffachaan barreeffama san gulaalee, wanneen gariis itti-dabaluun kunoo isinii dhiyeessee, mee yoo yeroo fi wanneen biroo isiniif hayyaman dubbisuuf yaalaa!
QAAMADUBBII
Haalli amma biyya keenya keessa adeemaa jiru karaa tokkoon kan daran nu jajjabeessu, hamilee fi onnee teenya kan sirriitti olkaasu. Karaa kaan immoo kan daran, daran nu gaddisiisu, kan imimmaaniin fuula keenya xoollessu. Ijoolleen teenya kichuuwwan tun xiyyiitii fi xiyya diina uummata keenyatiin akka baala mukaatti harcawuun ishii, kan aariin nu guggubee, xiiqii fi booree garaa nu kaayee tokkummaan kaanetoo akka Dhaloota Qabee kana bira dhaabannu nu taasisu! Amma yeroo kun yeroo nuti ijaarsa koo, garagarummaa koo, dugda koo, miila koo, maaloo maaloo koo faa jennuu miti! Amma alaa-manaa waltahuun uummata keenya bira goruu qabna! Ee, “qabnaan” kun dirqama. Dirqama seenaa fi dirqama dhalootaati! Yeroon isaa yeroo nuti alaa-manaa waltahuun ijoollee teenyaa fi uummata keenya bira dhaabannu. Yeroo waltaanee iyyinee, iyyaa waliif dabarsinu! Iyyi keenya kun iyya imimmaaniin cuubamee qofa otoo hin taane, iyya dhiigaan cuubameetisi. Dhiigni sun dhiiga dhalawwan Oromoo ishii mirgaa fi haqa uummata ishiitiif dhiigaa kuftee sanaati! Dhiiga dhiiraa-dubartii Oromoo ijoollee ofii cinaa dhaabachuun dhangalaafamee sanaati! Kunoo, otuma agarruu, ijuma teenya duratti Wayyaanonni Habashaa isaan qawwee bakka amantii ofii buufatan kun, ijoollee Oromoo fixaa, kanumaas addunyaatti agarsiifachaa jiru. Dur Yohaannis isaanii fi Minilik oggaa Oromoota meeshaa waraanaa isa maqaa Kiristaanummaa isaanitiin humnoota Oroppaa yeroo sanii irraa argataniin, bara dukkanaa san dukkana uffatanii Oromoota akka okaatti haamaa, dirreewwanii fi gaarran Oromiyaa dhiigaan faalaa, laggeeni fi harawwan Oromiyaa dhiigaan booressaa biyya keenya qabatan sanii miti! Bardhibbee ifaa bara ammaa kana keessa, kunoo Hababashoonni Tigraay ofumaan ofuma qullaa-dhaabuun malummaa isaanii addunyaatti agariisaa jiru.
Yaa Oromoo koo, kunoo akkuma gara torban tokkoo miidiyaalee addaddaa irraa dhageessan ijoolleen teenya, dhalawwan teenya heddumminaan nu jaalaa galaafatamtee jirti. Magaalaa Amboo fi naannoo isaa irraa qofa namoota keenya gara 40-tu galaafatame. Jimma, Dirree Dhaawaa, Horroo Guduruu, Roobe (Baale) fi naannoo sanitti, Midaa Qanyii, Xuqur Incinnii, Tokkee Kuttaayee, Gimbii fi Mandiitti faatti namoonni keenya fi dhalawwaan keenya diinaan gorra’amanii jiru. Yaa Oromoo kiyya hamma yoomiitti, hanga hammamiitti warra qawween biyya keenya seene kanaan gaadamaa, hindhamaa, garafamaa, waxalamaa dabrees ajjeefamaa jiraanna? Nuti warri biyyoota alagaa keessa jirru, amma hatattamaan walgayiiwwan kurfeessuu, hiriira babbawuu fi waayee haala amma uummanni keenya keessatti argamuu kana, miidiyaalee warra alaatti beeksifachuutu nu irraa eegama. Ee, dabaleetan jedhaa: miidiyaalee, miidiyaalee biyyoota addunyaa tanaa hundaatti akka ijoolleen teenya akka bineensaatti adamfamtee ajjeefamaa jirtu, akka uummanni keenya bayeetoo ijoollee ofiitti makamuun, mirgaa fi haqa ofiitii falmachaa jiru beeksifachuu qabna! “Yoo abbaan iyye ollaan namaaf birmata!“, jedha mammaaksi Oromoo tokko.
Nuti amma ijoollee teenya ishii nu jalaa galafatamte awwaallachaa, reenfa ishiirra tarkaanfannee qabsoo saba keenyatiif harka-walqabannii garuma fuulduraatti adeemuutu nus, biyya keenyas kan baasu taha. Biyya leencotaa qabatanii, ilmoowwan leencotaa gorra’anii nagaan taa’uun akka gonkkumaa hin jirre, warri Wayyaanee kun dursanii beekuu qabuuyyu. Kunoo, amma uummata keenyatti ba’aa inni baatee deemuu hin dandeenye waan itti-fe’aniif, ibidda hamaa ofitti shidaniiti (qabsiisaniiti) jiru. Oromoon hardha irraa kaasee akka duubatti hin deebine, akka impaayerittii sochoosuuf waltahee sochowu, akka harqoota gabrummaa caccabsee achi darbatu diinonni isaa beekuu qabu. Ilaa, uummannii fi sabni Oromoo waltahee qabsoo ofii cimsachaa gara fuulduraatti tarkaanfachuu malee, filmaata biraa hin qabu. Habashoonni qaawa filmaata wayiillee nuuf hin hambifnee, cufaa sibiilatiin duuchanii jiru. Kanaaf, nuti alaa-manaa waltahuun, maarree nuti kitiloonni 46 (46 000 000) cufti harka walqabannee qabsaawuu callaa dha; filmaanni nuti qabnu!
Nuti dhalawwan Oromoo alaa-manaa uummatoota akkuma keenya mana hidhaa impaayeritti, karchallee keessa jiran mara bira dhaabachuu qabna! Isaan akka obboleeyyaniitti ilaaluu qabna. Uummatoota: Sulula Laga Omoo, Gambeellaa, Benshaangul, Somaalee Ogaadeniyaa, Afaar, Sidaamaa faa cinaa gorree roorroo isaan irratti adeemaa jiru kanas, isuma keenya waliin addunyaatti dhageessisuutu nu irraa eegama! Nagaa fi nageenya namoota biyya keenya keessa nagaan jiraatanillee, eeguu fi tiksuun muuxannoo aadaa keenyaa isa boonsisaa sanaati.
Miidiyaaleen Oromoo isaan amma burqaa, hamilee keenya jajjabeessaa jiran kun guyyuu warra OPDO-tiif waamicha uummmata keenyaa dabarsuu fi qabu! Isaan amma akka uummata ofiitti makamuun hacuuccaa isaa dhageessisan, Caffee Oromiyaa fi Paarlamaa Toopphiyaa keessattis akka gaafii uummanni Oromoo ammaan tana qabatee warraaqaa jiru irratti haasawuu qabu! Akkanuma Oromoota miseensota Waraana Toopphiyaa tahaniif, waamicha harmee Oromiyaa dabarsuufiin barbaachisaa dha. Akka isaan uummata isaanii isa sochowaa jiru kanatti makaman, akka qawwee isaanii Oromoota irrattii mitii, gara diinota uummata Oromoo fi Biyya Oromootti garagalfatan deddeebifnee itti-iyyachuu qabna! Karaa isaanitti iyyannu keessaa inni duraasaa karaa miidiyaalee keenyaa kanaati. Raajii WAAQAA! Habashoonni Wayyaanee kun foolisoota Oromiyaa isaan jalatti isaanuma tajaajilaa jiranillee, amanuu daddhabanii qawwee irraa hiikkachaa jiru. Kunoo, Habashoonni kun amma gara appaartayidii Afrikaa Kibbaa durii fi gara mootummaa Israa’eel isaan gocha akkanaa Falastiinota irraatti adeemsaa jiraniitti of-geeddaraa jiru. Kanaaf, amma irraa kaasee, nama Oromoo dhiisitii laftii fi margi, bineeyyii fi alaattiiwwan Oromiyaallee diina qawween biyya abbootii Gadaa fi haadholii Siiqqee unkuraa jiru kanatti ka’uu qabu! “Oromoon goondaa dhaa, boolla goondaa harka hin kaayin! Oromoon kanniisaa gaagura kanniisaa hin horfin!“, jedhe Bitimaa Soondhessaa jedhama, naannolee Afran Walisoo fi Jahan Bachootti! Egaa, amma irraa kaasee nama Oromiyaa dhiisitii, lafti Oromiyaayyuu iyyitee iyya dabarsuu qabdi!
Kana irratti kana dabalamu immoo yaada obboleessi keenya obboo “Ka. She.” kaase sani. Oromoonni ogummaa-seeraa qaban akkamitti dureewwan TPLF mana-seera-addunyaa, isa magaalaa “den Hague” jirutti dhiyeessinu nuuf qorachuun sirrii dha. Dureewwan warra Wayyaanee ijoollee teenya qalanii, uummata keenya gorra’anii Oroppaa fi Ameerikaa keessa abadan bashannanuu hin qabani! Seeri dureewwan Sarbiyaa, dureewwan Sudaanii fi dureewwan Keeniyaa fayiif hojjate, Oromoo fi Oromiyaafis akka hojjatu ganamumaan beekuun mishoo dha. Kana irratti kan idayumuu qabu immoo: Waldaan Qorannoo Oromoo (OSA-n) xalayaa hatattamaa gara a) Tokkuummaa Mootummoota Waltahaaniitti (ToMoWa-UNO) b) gara mootummoota biyyoota kubbaaniyyaaleen isaanii Oromiyaa keessaa qonnaan-bultoota Oromoo lafarraa buqqisaa jiraniitti, fakkeenyaaf: mootummaa Shiinaa fi Indiyaa, Sawudii Arbiyaa fi kanneen fafakkaatanitti c) gara mootummoota kubbaaniyyaalee fi namoonni isaanii Karoora Finfinnee babaldhisuuf qooda keessaa qabanii kanneen akka Biyya Faransaa fi Itaaliyaa faatti d) akkanuma gara kubbaaniyyaalee saanitti kallachaan erguufii qabu! e) Dabaleesoo, gara mootummaa USA, isa ministeerri isaa kan dhimma alaa, guyyaaa Kamisa dabree, kan biraa hafee magaalaa Finfinnee Shaggaritti otoo achuma Unibarsitii Finfinnee keessatti barattoonni Oromoo qawween marfamanii jiranuu, waayee harree Oromoonni midhaanii fi meeshalee daldalaa, qoraanii fi cidiin faa otoo hin hafin magaalaa tana “gabbaraniitti” qoosuu, waayee barattoota Oromoo Oromiyaa mara keessaa loltoota mootummaa Toopphiyaa kanaatiin ajjeefamaa jiranii sagaleen takkallee afaan isaa keessaa hin baane. Kun qaanii fi salphina mootummaa fi biyya guddaa fi aangawaa kanaati. Kanaaf, OSAn xalayaa waayee kanaa fi waayee gargaarsa mootummoonni biyyoota Lixaa mootummaa TPLF-iif godhanii ibsu erguufiin mishoo taha.
Mee ammammoo waayee walgayii dheengadda-kaan (gaafa 03. 05. 14) magaalaa Biyya Jarmanii, Muunshin-itti tahee sanii yoon isiniif tuqe, akkamitti yeroo ammaa Orormoonni biyyotambaa (“diaspora“) keessa jiraatan aarii fi tokkummaan akka waltahaa deemaa jiran isinitti agarsiisa. Nuti magaalmataa (“capital city“) Jarmanii, Barliin irraa barii-barraaqaa ka’uun konkolaataa konkolaachisaa oollee, wantee (kiilomeetira) 586 deemuun walgayii sa’aa 14-tti jalqabamuu san dhaqqabne. Ennaa manaa baanu san bultee nyaannullee, beelawuu fi dheebochuun keenya hin oolle. Manneen bunaa fi manneen nyaataa karaa deemnu san cinaa bakka hedduutti argamu. Garuu, walgayii san yeroon dhaqqabuuf kana hin goone. Bakka walgayiin itti-adeemu san keessa, mana nyaataa tokko seennee dhiyaana ajajanne. Keessummoota baay’ee waan qabaniif akka nuti barbaannetti hatattamaan nuuf dhiyeessuu hin dandeenye. Nu keessa jaallee keenya tokko gara galmoo (“hall“) walgayichi keessatti tahuu san yoo ilaalu, Oromootaan guutamee jira. Inni kana nutti himee, tajaajiltuu mana nyaataa san gara keenyatti waamuun akka nuti dhiyaana san nyaachuu hin dandeenyee fi akka bunaa fi shaayii qofa ariitiin nuuf dhiyeessitu damboobina Oromoo sanaan gaafate. Ishinis damboobduu dha turtee: “kun rakkoo hin qabu daddafeetan bunaa fi shaayii isiniif fida“, jettee nutti himte. Silaa beelofneerraa, jaalleenumti sun “daabboo nuuf fiduu dandeessuu?” jechuun dubartii san gaafatee, ishiin ennasuma nuuf dhiyeessite. Daabboon kun daabboo adii fi gurraacha kan xixiqqaatee mummuramuun korboon namaaf dhiyaatu. Aadaan kunillee kan Jarmanii mitii, kan warra Xaaliyaanii irraa fudhatame. Nuti ishii walsaamnee, walitti qoosaa afaan keewwannee buna Oromootiin gadi buufannee, walgayichaaf olseenuun, bakka nuuf qabamee duwwaa jiru tokko teenye. Kan nu gammachiise, Oromoonni gaafa san, akkuma saganteeffametti, sa’aa jedhame san mataa isaa irratti argamuu dha. Nuti Oromoonni magaalaawwan keessatti dhalannee fi guddanne yookaan kanneen manneen barumsaa impaayera Toopphiyaa keessa dabarre, hedduun keenya akkuma warra Amaaraa tahuun, beellama Habashaa (“ya-Habashaa qaxaroo“) san fudhannee argamna. Kunoo, gaafas dhiignii fi lafeen ijoollee teenyaa sun gara aadaa uummata Oromootti waan namoota keenya deebiseef gammanne.
Walgayiin sun akkuma aadaa Oromootti eebba manguddootiin jalqabee, booda haasaa fi xiinxalli jalqabme. Amma Oromoonni waraqaalee ibsannoo dhiyeessanis, warri ka’anii dubbataniis kaan imimmaaniin hudhamaa, kaan imimmaan maddii (boqoo) ofiirra gayyaasaa dubbatu ture. Dubartii fi dhiira, mangoddoo fi dargaggeeyyiin martii aarii fi seexaa guddaan ka’anii yaada ciccimaa dhiyeessuyyu. Namni ka’ee dubbatu hundi dirqiin immimmaan dhoowwachaa yookaan ofirra lolaasaa, aarii fi itti-gaafatama cimaa taheen dubbata ture. Namni taa’ee dhaggeeffatus akkanuma ture. Dubartoonni Oromoo imimmaan ofirra yaasaa, nu warra dhiiratiin: “tokkummaan olka’aatii qabsaawaa, tahuu baannann surree keessan nutti keennaa!“, jechaa turani. Mee yaa Waaq, jechi dubartoota keenyaa kan akka dhagaatti jabatu kun, kan akka dammaatti mi’awuu kun, kan itti-gaafatama harmee teenya Oromiyaatiif qabnu, marfannoo fi jaalala uummata Oromootiif qabnu akka daawwitiitti nutti muldhisu kun, kunoo waggaalee 136 booda (1878-2014) deebiyee akka gaariitti dhufuu isaati. Bara waraanni Minilik faashistichaa sun Ka’umsa Oromoota Kurnan Gullallee humna qawwee ibiddaatiin cabsee, dachee Oromiyaa tan Shaggarii fi naannoo isaa dhiiga Oromootiin jiise san dubartoonni Oromoo Gullallee akkana jedhaniiyyu. Dabrees bara 1876 keessa oggaa waraanni Minilik saniin Oromoonni Jahan Bachoo, Afran Walisoo, Torban Kuttaayee fi Caboo faa akka okaatti biyya ofiitiif jecha haamaman san dubartoonni Oromoo akkana jedhaniiyyu. Anaaf erga dubartoonni keenya akkanatti ka’anii, erga ijoollee teenya Oromiyaa guutuu irraa akkanatti olkaatee, Oromiyaan bilisoomuu fi walaabomfuu guyyaa jalabultii irra dhaqqabdee jirti. Si’achi Habashoonni qawween ibiddaatiin biyya keeny guggubaa, ijoollee fi namoota keenya qalaa abadan nagaan taa’uun hin jiru!
Egaa, yaa Oromoo kiyya uummata keenya cinaa waltahuun, tokkoomnee haa dhaabannu! Iyyinee, iyya haa dabarsinuufi! Amma arrabni keenya, qalamnii fi eeboon keenya wali irratti mitii, Oromoo irrattii mitii, gara diina uummata keenyaatti xiyyeeffamuu qaba! Heddumminni loltoota isaanii, gangallanni taankiiwwan isaanii, hangaasuun xayyaara waraana isaanii marti uummata Oromoo isa tokkoomee mirgaa fi haqa uumamaan qabuuf sochowu kana, lamuu jilbeeffachiisuu gonkumaa hin dandayu. Kakuu dhaa, laguu dhaa qabsoo keenya irraa, iyya harmee Oromiyaa irraa duubatti hin deebinu!
Gayeen, gayee-dhaa
Iyyaa, iyya dabarsaa
Yeeyyii isin nyaattu marsaa
Dhaloota boruutti gabrummaa mitii
Bilisummaa fi walabummaa dabarsaa!
Oromoo yaa saba-koo oljedhi
Oromiyaa yaa biyya-too olka’i
Waanjoo gabrummaa caccabsiitii
Ofirraa gamasitti achi-ha’i!
Imimmaan warra ijoollee teenyaa
Sabbata qabsootiin irraa haqna
Dhiiga Oromoota keenyaa
Alaabaa bilisummaatiin irraa faqna!
Bilisummaa, bilisummaa jechaa tarkaanfanna
Walabummaan Oromiyaa akka du’aatii
Homaayyuu hin fafuu ni abdanna
Dhiigaa-lafee keenyan Oromiyaa jaarranna!
==============    //    ==============

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …