Oduu Haaraya
baqataa sauudiin ajjeefte 2

Ituu Ehama Qabnuu Hidhamaa Saamamaa Jirra

VOA; Jaallannee Gammadaa

08.11.2013

WASHINGTON, DC — Mootummaan saa’uudii Arabiyaa biyya koo keessa godaantoota  seeraan ala seenan gara biyya irraa dhufaaniitti deebiisa jechuun duula gaggeessaa jira.Kanneen hidhaa keessa jiran akka ibsanti garu ehama barbaachisu mara ituu qabanii hidhaatti darbamaa jiru.Embaasiin Itiyoophiyaa Riyaad irraa akka jedhuutti kanneen seeraan jiraatanii fi kanneen seeraan al agamas seenan hojiin addaan baasuu gaggeeffamaa jira.Gama kaaniin duula hidhaa gaggeeffamaa jiru kanaan  lammiin Itiyoophiyaa tokko rasaasaan rukutamee lubbuun isaa dabruu sabaa himaan adda addaa gabaasanii jiru.Embaasiin Itiyoophiyaa gama isaan  namnii kun polisii jalaa ituu dheessuu rasaasaan ajjefame jedha.

Garu sabaa himaan mootuummaa sa’uudii madden polisii maqaa dhahuun akka gabaasaniitti lammiin Itiyoophiyaa kun polisoota harkaa qawwee fudhachuuf ituu yaaluu ajjeefame jedhu.

Gabaasaa Guutuu Armaa Gaditti Caqasaa

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …