Oduu Haaraya

“ITOOPHIYUMMAAN ARAADA” – Adeemsa Balaa Guddaa Qabu


Berhanuu Hundee

Dhimmi kun calqabarra Obboo Lammaa Magarsaatiin haa dubbatamu malee, ergasii asi garuu warra “Team Lammaa” jedhamaniin bali’naan irratti hojjetamaa waan jiru fakkaata. Maaliif dhimma kanatti akka xiyyeeffatan sababa isaa jaruumaaf dhiisuudhaan; garuu “Itoophiyummaa”n maali? kan jedhurraa kaanee; dhiibbaa inni Oromorratti addatti immoo Oromummaaratti qabu haa laallu. Itopohiyummaan karaa lamaan laalamuu ni danda’a ta’a. Inni tokko, Itoophiyummaa hanga har’aatti ture fi jiru yoo ta’u; kan biraa waan fuulduratti ta’uuf deemu dha. Waan inni fuulduratti ta’uuf deemu tilmaamuun danda’amullee garuu sirriitti beekuun rakkisaa waan ta’uuf, barreeffama kana keesatti Itoophiyummaa isa hanga har’aatti tureen bu’ura godhee laala.

Itophiyummaan maali?

Itoophiyummaan hanga har’aatti ture fi ammas jiru, kan dhiigaan uumame; kan eenyummaa fi fedhii uummattootaa, sabootaa fi sab-lammootaa hin kabajne; ana malee kan biraa jiraachuu hin qabu kan jedhu; kan biyya takka, adaa fi seenaa takka, alaabaa takka fi akkasumas olaantummaa Afaan tokkoo calaqqisu ykn calaqqisuu barbaadu dha. Kana malees, kan sirnoota durii keessumaayyuu sirnoota Moototaa faarsu, leellisu; kan olaantummaa amantii tokkoo mul’isuu  barbaadu fi k.k.f. Dhimma Oromootiin walbira qabnee yoo laalle immoo, Itoophiyummaan hanga har’aatti jiru farra-Oromummaa, farra-Sabboonummaa Oromoo fi akkasumas farra sirna Federaalisimii amma jiru kanaa yoo ta’u addatti farra-Oromiyaa ti jechuun ni danda’ama.

Hiikni Itoophiyummaaf asitti kenname kun olola ykn maqa-balleessuu osoo hin taane, waan dhugaarratti hundaa’e fi seenaan biyyatti tanaallee ragaa ta’uufii danda’uu dha. Egaa, namni Oromoo ta’e fi Sabboonummaa Oromoon qaba jedhu tokko dhugaa kana osoo beekuu; dhimmi kun araada jechuun tooftaaf jedhameeti moo hiikkaa isaan Itoophiyummaaf qabantu adda? Itoophiyummaan hanga har’aatti jiru kun kan dhiiga fi lafee ilmaan Oromorratti ijaaramee fi dagaagee dhaa bar! Itoophiyummaan enyummaa Oromoo balleessuuf carraaqaa ture fi ammas itti jiruu dha. Itoophiyummaan kan seenaa fi qabeenya Oromoo hin kabajnee dha. Itoophiyummaa kanatu Oromoota handhuura Oromiyaa Finfinnee keessaa dhiibaa jira yookaanis akka Oromoon magaalaa kana hin dhufneef sababa ta’aa ture; ta’aas jira.

Shira Itoophiyummaa duuba jiru

Humnootni siyaasaa mooraa Habashootaa hunduu waan isaan irratti waliigalanii fi akka dhimma walootti fudhatanii iarrtti hojjetan Itoophiyummaa kana jiraachisuufi. Maqaa kanaan waayee tokkummaa sobaa afarsu. Maqaa kanaan mootota faarsu; Maqaa kanaan alaabaa gabroonfataa deebisanii saboota fi sab-lammootatti uwwisuu barbaadu. Maqaaa kanaan sirna Federaalaa kan wareegama ulfaataadhaan ijaarame kana diiganii biyya takka deebisanii ijaaruu barbaadu. Maqaa kanaan Eertiraa deemte sanallee deebisuuf abjootu; Maqaa kanaan olaantummaa saba tokkoo deebisanii ijaaruuf hawwu. Kan nama gaddisiisu garuu, MM dabalatee warra nuti Sabboontota Oromoo ti ofiin jedhantu humnoota Habashootaa kanaaf kallattiidhaanis ta’ee al-kallattiidhaan deeggarsa kennaa jiru; isaan jajjabeessaa fi hamilee ittihoraa jiru.

Warra maqaa Itoophiyummaatiin Oromummaa fi Oromiyaa dhabamsiisuu barbaadan wajjin dhaabbachuu fi isaan kanaaf hamilee kennuun badii dhuma hin qabnetti akka nu geessu hubatanii jiruu laata Obboleeyyan keenya?? Dhaabbilee siyaasaa kaayyoo farra-Oromummaa qaban kana ofittiqabanii isaan waliin hiriiruun akka egeree Oromoo fi Oromiyaa gaaga’ama keesa galchu hubatani jiru moo osuma beekanuu adeemsa kana ittifufaa jiruu? Adeemsi akkanaa kun balaa guddaa akka nutti fiduuf jiru akkamitti hubachuu dadhaban? Tooftaa fi tarsiimoon karaa kanaan Oromoof bu’aa fidu maali? Dhimma dhuunfaatiif yookaanis dhuunfaadhaan karaalee adda addaatiin Habashoota wajjin walittihidhamaniif jecha fedhii ummata Oromoo faallessuun; eenyummaa uummata bal’aa fi saba guddaa kanaa awwaaluuf humnoota farra-Oromummaa wajjin tumsuun balaa cimaa nutti fiduuf deema. Oromoon kana dammaqinaan laaluu qaba.

Itoophiyummaan gaf tokkollee Oromoof tolee hin beeku toluus hin danda’u. Itoophiyaan eenyummaa kanarratti hundooftes Oromoodhaaf haadha ta’uu hin dandeessu. Kanaafuu, Itoophiyummaan akkanaa araada ta’uun adeemsa balaa guddaa qabuu dha. Itoophiyummaan akkanaa farra-Oromummaa, farra-Sabboonummaa Oromoo fi farra-Oromiyaa ti. Itoophiyummaan akkanaa farra-sirna Federaalaa dhugaa ti. Sirna Federaalaa kan dhugaa ta’e fi saboota hundaafuu walqixa ta’e uumanii biyya hundaafuu haadha dhugaa taate ijaaruun yoo barbaadame (kunuu yoo fedhii uummattootaarratti hundaayee jechuu dha) dura Itoophiyummaan hanga har’aatti ture fi jiru kun jijjiiramee, eenyumman saboota hundaatuu kabajamuu qaba. MADDAMARIIN jedhamullee karaa kanaan yoo ta’e malee, Itoophiyummaa dhukkbsataa kanatti kan ida’amu (dammaramu) hin jiru. Itoophiyummaan araada jechaa uummata afaanfaajjessuun bu’aa isaa caalaa balaa inni qabutu caala. Balaa namatti deemaa jiru alaalatti arguun immoo badiirraa ofbaraaruu dha.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …