Oduu Haaraya

Itoophiyaa keessatti, jijjiirama sirnaa ti moo sirnichuma jiru suphuutu gaafii uummattootaa deebisuu danda’a?

 

 

Berhanu Hundee

 

Dhihoo kana mata-duree “GAAFIIN UUMMATTOOTAA TAAYITAA NAMOOTAA TII MITI” jedhuun barreeffama gabaabaa dhiheesse tokko keessatti namoota taayitaarra baasuun gaafiilee uummattootaa deebisuu akka hin dandeenye yaada koo ibsuu yaaleen ture. Waayeen Muummicha Ministeerotaa (MM) Itoophiyaa ammallee ajandaa marii ta’ee ittifufaa waan jiruuf, har’as mee isa kanarratti yaada kiyya dhiheessuun barbaada. Asirratti yoo waayee namootaa haasofnu, wanti hubatamuu fi ifas ta’uu qabu, namootni uummataaf quuqamani fi dandeettiis qaban jijjiirama fiduu hin danda’an jechuu osoo hin taane, ani akka yaada fi laalcha kiyyaatitti sirna bittaa Wayyaanee amma jiru kana keessatti, kan namootni ykn gareeleen muraasni biyyattii tana akka barbaadanitti itti taphachaa jiran keessatti, namni hammuma fedhe beekaa fi jaalatmaa ta’e tokko akka MMtti yoo filatame fi Kiiloo Afur (Araat Kiiloo) yoo seene, gaafiilee uummattootaatiif deebii kennuu akka hin dandeenye ani guutumaa guututtin amana.

Lammaa Magarsaa fi Abiyyi Ahmad waan isaan haasa’anirraa akka hubatamutti, Oromoofis ta’ee uummattoota biyyattii tanaatiif hojjechuuf murannoodhaan akka ka’an fakkaatu. Seenaan isaan siyaasaa biyyattii tanaa keessatti qaban waanuma fedhes ta’u, yoo xinnaate yeroo ammaa uummata isaanii bira dhaabbachuuf akka kutatan natti fakkaata. Sababni kanaa fedhii dhuunfaa isaaniis haa ta’u dhiibbaa sochiin uummata Oromoo isaanirrtti godheen ta’us jechuu koo ti. Haa ta’u malee, waan dubbatani fi waan uummataaf waadaa galan hojiidhaan agarsiisuu isaanii kan arguuf deemnu ta’a.

Akka yaada kiyyaatitti garuu hanga Wayyaanotni Kiiloo Afur (Araat Kiiloo) keessa jiranitti; hanga caasaaleen mootummaa hunduu keessumaayuu kan furtuu ta’an harka isaanii jiranitti, Lammaas ta’ee Abiyyi MM ta’anii filatamuun biyyattii tanaaf jijjiirama barbaadamu fiduu waan danda’an natti hin fakkaatu. Haalli fi dubbiin biyyattii tanaa akka nuti yaadnu fi agarru osoo hin taane baay’ee walxaxaa akka ta’e hubatamuu qaba. Haa ta’u malee, wanti hunduu haala amma jiru kana keessatti waan hin danda’amne fi hin milkoofne fakkaatanillee, jijjiirama dhugaa fiduuf Wayyaaneen yeroo xumuraatiif akka kuftu godhuuf qabsoo cimsuu qofaa dha falli fi malli ykn furmaatni jiru.

Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) lalchisee, dhugaa dubbachuuf hammuma fedhe hoggansa haaraa Obboo Lamaafaatiin OPDO haaromsuun yaalamaa jirullee, jaarmayaan tun (DhDUOn) guutumaa guutuutti EPRDF keessaa hana hin bahinitti, qabsoo bilisummaa Oromoo kanatti gufuu ta’uu akka dandeessu mamiin hin jiru. Maaliif yoo jedhame, ammas Wayyaanotaaf meeshaa ta’anii uummata keenya miidhuuf warri hojjechaa jiran jaarmayaa kana keessa dhokatanii waan jiraniifi. DhDUOn EPRDF irraa bilisa ta’uu fi jaarmayaa walabaa kan uummataa ta’uun ishii silaa Wayyaanotaaf karaa kufaatii isa calqabaa ta’a ture. Mee hubadhaa, osoo ergamtootni Wayyaanee jaarmayaa kana keessa jiraachuu fi Wayyaaneetti karaa agarsiisuu baatanii; Wayyaaneen har’a akka barbaaddetti Oromiyaa keessa deemtee uummata keenya fixaa fi ficcisiisaa akkasumas qabeenya keenya saamuu hin dandeessu turte.

Gama ka’umsa dubbiititti jechuun dhimma mata-dureetti deebi’uuf, hanga sirni Wayyaanee jirutti; sirnicha kana suphuu yaaluu fi bakkee MM namootaan qabuu barbaaduun, callisanii yeroo gubuu ta’a malee jijjiirama fiduufis ta’ee ce’umsa uummatni hawwu uumuu waan danda’u natti hin fakkaatu. Falli fi furmaatni rakkoo kanaa karaa danda’amu hundaan sirna nama-nyaataa kana hundeedhaan buqqisuu qofaa dha. Kuni immoo kan danda’amu, tokkummaa fi qindoomina sochii uummataatiini. Haa oolu haa bulu ykn haa turu haa daddafu malee qabsoon uummataa yeroo kamiiyyuu injifataa dha. Kanaafuu, gaafiin uummata keenyaa deebii akka argatu yoo barbaadame; taayitaa namootaatiin sirnicha suphanii jijjiirama fiduu yaaluu osoo hin taane, jijjiiramni bu’uraa guutumaa guutuutti akka dhufu qabsoo jabeesuu dha. Kan kanaa alaa yaada uummataas ta’ee karaa qabsoo kanaa jallisuu ta’a.

Hanga walitti deebinutti nagaatti.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Kan Dhufu To’atuuf Kan Dabre Beekuu Feesisa.

Baarentuu gadaa Irraa// Beekaa, hayyuu ykn qaroo akka hin jenneef kan isaan ummatootatti himan, barsiisuuf …

Yaada kanaaf deebisaa kenni