Oduu Haaraya

Innaa lillaahi wa innaa ilayhi Raaji’uun..

Du’a 3 aalimticha guddaa Haaji Zeeynuutiif jecha imimmaan keenyaahuu odoo hin qoorin Du’a sheekh Mohammed Rashaad lammada dhageenye.. Torbaan tokko keessatti Du’a Ulamaa gurguddoo lama tan biyya teenyaa dhageenye (laata, Ulamaa’iin bikka Miidiyaan hin jirre jirtu, ta nuti isaan hin beeyne meeqaatu aakhirame?? allaahu a3lam).. Hanga fedhe namni tokko tokko yaadaan wal dhabullee Duuti Ulamaa’ii musiibaa guddoodha.. Ulamaa’iin Urjiidha, Aalimni tokko du’e jechuun Akka waan urjiin ummanni islaamaa karaa isaanii ittiin ibsatan takka dhaamtee jachuudha (lakkuma Ulamaan dhumtuuni yoo bikka bu’aan hin jiraanne Dukkanti ummata Islaamaatti babal’achaa dhufti).. Rabbi Ulamaa’ota keenya gurguddaa lamaan aakhiraman kana keessatti Obsa nuuf haa keennu, hunda nama muslima taheetiifuu.. Hulaa torbaan kana keessatti ummata islaamaatti banamte tanaas Rabbi bakka bu’aa irra caaluun nuuf haa cufu.. Rabbi tokkummaa ummata islaamaa haa badhaasu..

Garuu wanni nu hundinuu itti yaaduu qabnu, Duuti ulamaa’ii Namni Diin keenya nu barsiisu tokko nurraa irrachuudha nu garsiifti.. laata zamana Aaakhiru zamaan kan Rabbiin Du’a Ulamaa’iitiin ilmii fuudhatu san keessa jirra moo???.. moo akka Rabbiin ummata sanirraa nu hin goone Ulamaa teenyaa bikka buunee Diin Rabbii babal’isuuf gahee keenya bahaa jirra???.. tattaaffiin nuti ilmii barannee dhaaltuu anbiyootaa tahuuf godhaa jirru gahaadhaa???.. hangam takka nurraa namni diin barachaa jiru???..

Yaa Obbaleeyyan kiyya, of duuba deebinee lubbuu teenyaas haa yaadannuu.. Duuti arra Ulamaa’oota keenya fudhatte tun takka takkaa keenyarraahuu hafuuf hin jiraattu.. kaasa arra isaan irraa habbuuqan ykn dhandhaman kana nutiis dhandhamumaaf jiraannaa beekaa ((kullu nafsin thaa’iqatul mawt)).. Duba Ulamaa’iin teenya kheeyrii dabarfatanitti dabran.. dogongora isaaniitiis (yoo qabaatan) Rabbiin haa araaramuuf.. anaa fii ati hoo maaliin fuula Rabbii dura dhaabbachuuf jiraanna?? Sinqiin teenya maali laata???? yaa Allah.. Guyyaa fuula Rabbii dura dhaabbannee diin Rabbiitiif waan gumaachine gaafatamnu san, deebiin keenya maali?? yaa Subhaanallaaaaah.. guyyaa sun najaa bahuudhaaf arraan tana sinqeeyfachuun.. deebii guyyaa sanii arkachuuf arraantana qophiin..

Ulamaa teenya Tan Jirtu Rabbi umrii barakaa sabaata wajjiin nuuf haa dheereessu.. Tan Duute Rabbi haa araaramuuf, kheeyrii kheeyriin galcheefi dogongora isaanii immoo araaramaan haa dabruuf.. Caalaa isaanii bikka nuuf haa buusu.. nutiis warra isaan bikka bu’ee diin Rabbii babal’isuuf tattaafatu nu haa godhu.. Aaaamiin.. (By Anas sheikh Abdurahman – Damota)

Check Also

toophiyaa31

Ethiopian Empire: Socialism and Federalism as Schemes to Avert its Breakup

November 10, 2023 Fatansaa Sulee Shogodoo    The interest of this article is not to do …