Oduu Haaraya

Ilmi gootaa goota

Ilmi gootaa goota
enyummaa isaa boonsaa
Hidda isaatu hayyuu
abbaaf abaaboonsaa
Isaanirraa dhaale
sabboonaan sabasaa
Kanaaf Oromummaa
waan hunduma dursa.
Jawar Mohammed
hayyuu dargaggeessa
Jiraadhuu nuuf turi
sumaatu nu boonsaa.

Dhugaadhaan dhalattee
tanaaf dhugaan kaatee
Rakkoo saba keetii
addunyatti himte
Bofa afaa jalaa
mataa keessa dhooytee
Oromoota hunda
garaa daf nu goote.

Afaan keenya ta’uun
bakka keenya buutee
Cimina kankeetiin
onnattee dubbattee
Gochaan kee nu boonsee
maqaa nutti gootee
Garuu ilmaan Geexee
dhukkuba itti taate.

Kayyoon kee hedduu
kan jalqabaanuu kanaa
If dura si kaayuun
guddoof si abdannaa
Takkallee hin sodaatin
si wajjiin qabsooynaa
Amna kee itti fufi
nutilleen si faanaa!

Kan sabaaf dhaamotu
inni dhugaan namaa
Kan sodaaf hollatu
mee maal isaat himamaa?
Jawaar sabaaf fakkii
gadaadhaatu keetii
Baga dhalattee
deemi fuulduratti!

Umriin kan kee kichuu
Yaanni kan kee guddaa
Karoorri kee bal’aa
Akka damee Odaa
Hamileen sibiilaa
ololaan hin cabuu
Kaayyoo kee sirriidhaa toorasaarraa hin dabu.

Waan yaadde irraa hin deebitu
Sodaattees hin dheeysitu
Akkuma kanaan itti fufi…
Diina Oromootti karaa cufi
Kan si hordofan hiriirsi
Diina Oromoo baareeysi.
Kan si hordofan hiriirsi
Diina Oromoo wareersi!
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Najiib Zannuun/Marsimoonaa

Check Also

usmaayyoo muussaa

Yaadannoo artist Usmaayyoo Muussaa

Sagantaan yaadannoo Artist Usmaayyoo Muussaa magaalaa Finfinnee Hoteela ILILI INTERNATIONAL tti torbaan dhufu ni qophaawa. …