Oduu Haaraya

ILLAA FI ILLAAMEE

 

Qabisoon bilisumaa Oromoo ABO hogganamu yeroo ammati bu’a fi bahii heddu keessa darbee haala amma irra jiru irra gahe jira.Qabisoon saba hundaa bu’a fi bahi,akkasumas wareegama heddun gaafachuun isaa hin ooluu.Qabisoon sadarka xiqoo irra ka’e guddachaa deemuun sadarkaa fi galii barbachiisee irra ga’a.Haala akasii keessa darbanii bilisummaa ofii gonfachuun dirqama.Egaa qabisoon ABOn geggefamu kunis waggoota afurtama darbe keessatii injifannoollee gur-gudda galmeesiisa asi ga’era.Garu qaamootiin tokko tokko haala qabissoon kuni irra ka’e fi garamiti akka deemaa jiru osoo hin xiinxaliin qeeqa fi ceephoo kaasuun hin oolee.Qaamii ceephoo fi qeeqa kana kaasaa jiran eenyuu dhaa?Maaliif ceephoo akkasii kaasuu?Ceephoo isaan kaasan maalii irrati hundaa’e tii? Yoo ceephoo qabaatanii fi immo maalii fi tarkaanfii jabba fudhatanii qabisoo kana bakkan hin ga’an jenne gaafii kaasuun barbachissadhaa.
ABOn yeroo jalqabaa sabboontoota murasaan bu’ureefame sabboontoota horachaa deemuun sadarkka sabbonumaa sabi Oromoo irra jiru kana galmeesiseera.Harra ABO keesati rakkoon gara-gara haa mulatu malee qabissoon kun wareegama irra eegamu kafale asi ga’eera.Hanga bilisumaan Oromoo bakkan ga’utis qabisoo fi wareegamin itti fufa.Yeroo heddu namootii baayyeen qabisoon kun wagga dheera fudhate,maaliif sabin Oromoo hin bilisoomuu jedhanii gaafatu.Kun gaafii baayyee dogogoraadhaa.Qabisoo kam iyyu umurii dangesuu fi hin dandeenyuu.Kan godhamaa jiru qabissoodhaa waan ta’efi adeemissa isaa xumurate bakkan ga’a.Bilisumaan fedha duwa osoo hin taanee wareegama heddu waan gaafatuuf.Qaamootiin qabisoon kun umurii dheera fudhate jedhanii gaafatan ofii isaaniif immo hangam wareegama kafaluuf qophii akka ta’an hin beekamu.
Namootiin biraa immo qabissoo kanati gootota heddutu wareegamae jira,namoota heddutu hidhamee jira jedhanii waa’ee namoota wareegamanii fi hidhamaniin wal-qabissianii ceephoo kaasuu barbadu.Haata’u garu wareegamii barbachissaa kafalamuun akka hin oolee fi gara duratiis akka kafalamu beekuun barbachiisaadhaa.Osoo wareegama hin kafaliin bilisumaa goonfachuu yaaluun gowumaadhaa.Kanaafiis hundumiti keenyaa akka jaarmiyyatiisi ta’e akka sabatii sadarkaa hubanaa qabisoofi qabinuu fi fedhii nuti qabinu haala adeemissa qabisoo saba tokko fi godhamu irrati illalchisee hirina qaba.Hirini kun garu yeroo eegata fooya’a deema malee batala tokkoti sabini Oromoo hubanaa tokko irra ga’u hin danda’u.Akkuma kaleessa qabissoon keenyaa sadarka xiqoo irra guddachaa deemee asi ga’e yeroo fudhatee galiin ga’un hin ooluu.Kuni immo murannoo jabba barbada.Namootiin baayyeen bilisumaa ni barbadu garu wareegama hin barbadan.ABOn qaamaa dhokata akka saba Oromoo bilisummaa Oromoo bakkan ga’ufi dirqami itti kenamegodhanii kan illalan jiru ABOn maaliifi dhufee bilisa nun baasuu jedhanii gaafachuun hirrina gudaadhaa.Garu kara kam dhaaba kana wajjin dhaabadhee bilisumaa saba koof qabissa jedhanii yaaduun garu dhaabi kun akka jabaatu godha.Namoota biraati immo ABO paarlaama Oromoo godhanii kan illalan hin dhiban.Waan harkka baasanii namoota dhaaba kana geggesan filatanii fi qabisoo isaan geggessa jiran ga’a hin taanee jedhanii ceephaa’an guutanii jiruu.Keesumaa yeroo ammati jechoota akkasii bareefamaniisi ta’e dubbii afaanii baayyee dhageenyaa.Akkasumas ABOn bilisumaa bakkan ga’u hin dandeenyee jedhanii dhaaba kana irra foxoqanii qabisaa’uu fi murteefatan jiru. Gaafiin jiru garu dhuguma bifa kanaan bilisumaa arriitiin fiddu danda’u jedhanii gaafachuunis gaariidha.Hundumaafuu qaamoota kana fi yeroo kenanii illaluu irra kan hafe carran biraan hin jiru.Yoo dhugumaan danddeetii isaa godhatanii Oromoo bilisoomissan gaariidhaa.Kana ala garuu gaafa waggan dabala deemuu isuma harra jedhamu kana jedhamuun hin ooluu.
Qabisoon bilisumaa Oromoo ABOn geggefama jiru adeemissa irra jira,adeemissa kana keesati dogogora fi rakkon guddan mulachaa tureera,harras mulachaa jira.Dogogorii fi rakkon Kun garu qabisoo bilisummaa keenya hin daangeesuu.Yoo dhuguma muranoo fi jaalala qabisoo kanaf qabaanee dogogorra fi rakko dhaaba keenya mudachaa ture fi jiru itti dirmanee sireesuu qabina malee ceephoo ofuu duwan furmaata hin argamisiisuu.Yoo calisinnee ceephoo qofaa adeemisifina ta’e hojjii diinumaa hojjachaa jira male qabsoo irra hin jiru.Keesumaa yeroo ammati tekinoolojjii bara isa ta’e interneetatii gargaramuun ceephoo fi olola hin taanee waa’ee rakkoo qabisoo keenya muddate irrati yaada diigumissa barresuun namoota tokko tokkofi gootuma itti fakkata.Haalii akkasii garu hangam qabisoo kana akka miidha jiru yaaduun barbachisaadhaa.Wanttootiin baayyee saba keenya jala dhokate hin jiru,eenyuu akka sabboonaa ta’e fi akka siriiti qabisaa’a jiru,eenyuu immo afaaniin akka odeesuu bareechee beeka.Eenyuu immo hojjii diinumaasi akka hojjetu beekamaadhaa.Kani immo walalumaan olola hin taannee adeemisisaanis jiru.Warra akkasiif barumissa isaan barbachiisa.Warra beeka diigumissa saba keenya gidduti facaasan garuu seenan guyya tokko isaan gaafata.Yoo issan arguu baatan illee ijjoolleen isaanii ittin ceepha’amuun hin ooluu.Kanaafiisi qabissoon keenyaa haa ariifatusi haadheeratus waan nuirra barbachisu gochuutu nurra jira.
Wareegama babachissa kafaluu qabina.Yoo bara keenya keesati milkaa’uu dhaa baanee dhalee keenyaafi qabisoo kana dhaalsiisuu qabina.Warri harra diina bira goranii saba isaanii miidhaan guyya tokko itti qaana’uun hin ooluu.Dhalii ofii seena fokkissa dhaalsiisuun irra waan jibissisan hin jiru.Abban koo diina birra goree saba isaa midhaa ture jedhamu irra osoo saba isaa fi qabisaa’uu wareegame jechuu wayya.Harra OPDOn bu’a diinoota irra argatun ofii walaaltee dhala ishee seena hin taannee dhaalsiisa jirti.Kanaafiis dhalootii abbootiin issanii OPDO ta’an seena fokkisaa akkasii dhaaluu hin qaban.Abbotii isaanii irrati finciluu qabu.
Walummaa galati adeemissii qabissoo bilisumaa Oromoo bu’a bahii heddu kessa darbe as ga’era.Borisi rakkon heddu keessa darbuu keenya hin ooluu.Wareega gudda kafaluun keenyas hin ooluu.Kana ofii keenya amansiisuu qabina.Qabisoon keenya kunis wagga dheera fudhachuu mala.Kun hundumitu garu boodeetii nu hin deebiisuu.Guyya tokko diinootiin keenya biyya keenya huminaan qabatan gadhiisuun hin ooluu.Oromoon immo abba biyya ta’e biyya isaa bulchuun hin ooluu.Kanaa fi immo ofii keenya kara hunda ofi qopheesuu qabina.Tokkumaan saba keenyaa barbachissa dhaa.Wal-gorfachuu fi wal-kabajuutu nu irra jirra.Namoota qabisoo kanati dadhabanii fi qabisaa’a jiran jajjabeesuu fi kabajuu qabina.Qabissoo keenya kan dheeresuu fi kan gabaabisuu danda’u nu mataa keenyaa.Ammas abdii hin kutanuu,qabisoon keenyaa itti fuffa!!
kewakjira@yahoo.com

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …