Ijoon dubbii Obbo Ararsoo Biqiilaa godhan keessaa qabxiiwwan shan jala muruun barbaada.

Nagaa Buusuuf Carraa Dhumaa

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO-SG), Amajjii 20, 2019 waraanii dhaabichaa kan gaara jiru hundaaf, bosoona keessa ba’ee akka galu jedhee waammicha gochuudhaan murtii dhaaba kara ifa ta’een keneera. Sagantaa gaafiif deebii Oromia Media Network (OMN) waaliin taasise kana irratti, waraanaaf ajaja ifaa ta’ee kennuu duwwaa osoo hin ta’in, dhaabni isaanii ejjennoo akkamii akka qabuu ibsaniiru. Ijoon dubbii Obbo Ararsoo Biqiilaa godhan keessaa qabxiiwwan shan jala muruun barbaada.

1. Tooftaa Qabsoo dhaaba isaanii ilaalchisee: ABO-SG Asmaraa irraa jalqabee karaa nagaa qofa qabsaa’uuf murtii goodhee akka lafa kaa’etti, boqonnaan qabsoo hidhannoo akka cufame keessa deddebi’anii ibsaniiru. Wallitti buu’iinsi ta’ee jirus Mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaas ta’ee Motummaa Nannoo Oromiyaa wajin mariidhaan furmaata itti keennuudhaaf qophii akka ta’an mirkaneessanii himuun waada galaniiru. Kanaaf, amman duuba maqaa ABOn kan socho’uu qaamnii hidhatee hundi toftaa fi fedhii dhaabaa ala ta’eera jechuudha.
2. Waa’ee waraanii bosonaa ba’ee galuu ilaalchisee: Murtii waliigalaa Mootummaa Ityoophiyaa wajiin irra gahame murtii walii gala dhaabichaati. Gumiin Sabaa (Central Committee) ABO-SG Asmaraa irratti waliigalee, Shaneen Gumii (Executive Committee) Finfinnee erga gahee boodaa, itti dabalaan mirkaneese. Murtiin kunis waraanii kan Asmaraa tures, kan biyyaa keessa tures, mooraatti galee, leenjii argatee, waaan barbaachisuu osoo lafara hin harkisin yeroo gabaabaa keessatti hojiitti akka hiiku dha. Sababii adda addaan hojii irratti hin hikamin turuyyuu, ammas ta’ee hooggansi ABO-SG murtii isaa irra osoo hin gorin akka jiru Obbo Ararsaan jala muranii himaaniiru.
3. Ajaja “mooraatti galaa” jedhu san, karaa ifa ta’een dabarsuu ilalchisee: Akka I/A Hayyuu Duree ABO-SGtti kan isaan dubbatan murtii dhaabaa akka ta’e ibsaanii, ajaja ifaa ta’een waraanii bosona jiru akka bosonaa bahee, mooratti galee, leenjifamee, poolisii Oromiyaatti makaamee, diina kallatti afuriin daangaa cabsuudhaan, dhiiga lammii keenyaa dhangalasu akka faccisuun irra jiru, murtii dhaabaa kara ifaaf ifa ta’eetti ibsa kenanriiru.
4. Waraanni bosona keessa jiru ajaja hooggansa siyaasaa jala jiraachuu ilalchisee: Hooggansi siyaasaa dhaabichaa, ajajni fi qajeelfamnii inni waraanaaf kennu ni fudhatama jedhee abdata. Yoo waraanni ajaja fincilee kara ofi karoorfatee yoo adeemuu barbaadee garuu, hooggansi akka tarkaanfi isaa fudhatu himame. Akkas jechuun, amma murtiin dhaabichaa kara ifaa ta’een waan labsameef, waraannii bosona jiru yoo fudhatee hojii irra hin oolchin, waraana ABOtti jedhee of waamuu hin danda’u. Ummatni Oromoos fudhachuu hin qabu.
5. Himannaa mootummaa ABOn humnaan angoo irraa buusuu yaada jedhu ilaalchisee: ABO-SG yeroo ammaatti biyya bulchuudhaaf qophii hin qabu. Barcuuma aangoo yaabuufis fedhii hin qabu. Karooras lafa hin kawwanne. Filannoon yoo ta’e dhaabni ABO-SG yoo hin mo’atiniyyuu aangoo fudhachuuf jarjartii hin qabu. Fedhiin dhaabichaa angoo utuu hin ta’in bilisuumma, dagaagina jiruuf jireenyaa, akkasumas nageenyaa waara’aa ummata Oromoof argamsiisuudha. Isaan kun mirkanoofnaan, dhaabni ABO, kana caalaa hawwii hin qabu. ABOn ammuma barcumaa aangootiif adeema jedhan olola diinaati jedhaniiru.

Ibsa kana, ummatini Oromoo, mootummaan Itiyoophiya, humnootnii mirga Oromoo mirkaneesuuf dhabatan hundi, miseensonnii fi degertootnii ABO-SG akka laayyooti ilaaluun hin tolu. Itti dhimmamanii fudhachuu qabuun jedha. Sababiin isaas, nagaa itti fufiinsa qabu buussuuf, kanatu kara dha.

Hunda dura, waraanni ABO-SG furtuun akka harkaa isaa jirtuu beekuun barbaachisa dha. Ummata Oromootiif jecha humni bosoona lixe, amman booda bosona taa’uu hin qabu. Waraanni amma bosona jiru, yoo dhugaadhan WBO ta’e, murtii dhaabaa fudhatee hatatamaan hoojjii irra oolchuun dirqama. Hooggansi ABO waraana tokkollee akka hin barbaanne karaa nama hin dogogorsineen, karaa ifaa ta’een ajaja dabarseera, miseensoonni WBOs akka bosonaa bahan waammicha godheera. Kun akka ta’uuf fedhii uummata Oromoo maraati. Waraanaa hidhaanoo adeemsisa bilisaan sibaasa human jedhu, Oromoon barbaaduu yeroo amma tasa hin argamu. Akkuma Obbo Araarsoon jedhaan, lola hidhannoo waggaa 150 booda, ummatnii bututeera. Oromoon amma nagaa barbaada.

Kanaaf, ummatni WBOn murtii dhaaba isa hooggansaa dhaabaa irraa fudhatee, akka qaama polisii Oromiyaatti makamee qabsoo mirga uummata Oromoo eeguutti galuu qaba. Kun marii waan barbaachiisu miti. Waraana uummataa kan ta’e, fedhii ummataa kabajuu ala fillanoo hin qabu.

As irratti Oromoon haleellaa itti agaamamu of irra qolachuuf hidhannoo barbaachisa kan jedhan jiru. Gaafiin hidhanoo gaaffii mirgaati. Oromoon qee’ee isaa, maatii isaa, qabeenya isaa tikfachuuf hidhaannoo dhuunfaa qabaachuun mirga, MNOs kana deggeruu qaba. Ummatni hidhachuu qaba jechuun garuu, dhaabni siyaasaa tokko milishiyaa mataa isaa biyya seera qabu kessatti qabaachuudhaaf mirgaa qaba jechuu miti. Waraanni qaama siyaasa dhunfaan hogganamuu jiraachuun seera miti, mirgaas miti.

Kanumaan wal qabatee, waamicha Obbo Ararsoon maqaa dhaaba isaaniitiin godhan, hayyuu dureen dhaabichaa hin goone jechuudhaan olala nama burjaajessu gochuun fudhatama hin qabu. I/A hayyuu dureen, murtii dhaabaa ifa godhaniiru. Kunis waliigaltee adda adda godhaame, waltajii adda adda irratis ifa waan ture dha. Kanaaf, hooggansi ABO-SG, murtii godhame irraa bahuu hin danda’u. Yoo waan akkasiitiin qaamni hooggansaa ABO-SG kessa as ba’e, ummatni Oromoo tokkoolee fudhachuu hin qabu. Murtiin ummatatii himame kun, dhugumaan kan dhaaba yoo ta’e, miseensoonii Gumii Sabaa fi Shanee Gumii, akkasumas yeroo dheeraaf hoggansa ABO kan turan, gadi bahanii ummatatti dhugaa himuuf dirqaama seenaan irra ka’eetu irra jira.

Mootummaan Itiyoophiyaa furmaata barbaaduun itti gafatamaakootti jedhee yoo kan yaadu ta’e, yaada ABO-SG kara Obbo Araarsoo dhiheesse siranaan ilaalee fudhachuu qaba. Amma dhimmi waa’ee nagaa busuu, tasgabii deebisuuti, gama mootummatti ceeteetti. Motummanis gahee isaa akka bahu nan abdadha.

Itti gaafatamni kan jiru Mootumaan Itoophiyaa, humna nagaadhaaf qophaa’e waan nageenyaa dubbatu irratti humna loltuu qabu hundaan itti bahee, injiifannoo waraanaa argachuufin deema jedhee sochii itti fufu hin qabu. Dhimma siyaasaa yoo adeemsisuuf ta’e malee waraanni nagaa itti fufiinsa qabu argaamsiisuuf hin danda’ee hin beeku. Kun beekamuu qaba. Ummatni Oromoo akkumma WBOn waraana irratti bobba’ee lammii homma hin ballesin balaadhaaf saaxiluu isaa akka hin jaallanne, mootummaanis yaada kana fakkatuun adeemuudhaan, nagaan akka boora’uu gochuu isaatti hin gammadu, bu’aa waan hin qabneef.

Kanaaf, mootumman nagaa buusuuf jecha tarkaanfii hoggansi ABO-SG fudhate kanaaf deebii kennuu qaba. Kana dhugoomsuuf,
1. Dhukaasni hadhaabatu;
2. Sochiin waraanaa kan hojii idleef deemu illee yeeroof hadhaabatu;
3. Bakka humnii waraanaa ABO-SG leenjiif itti galu addaan baasee himuudhaan, guyyaan hidhaattooni hundi mooraatii deebi’an murteesee wammicha akka godhu;
4. Hooggantoonnii fi miseesnsooni akkasumas deggertoonni ABO-SG hidhaman, haa hiikaman. Durumaa hidhaamuun isaanii sirrii hin turre. Bifa kamiinuu mootummaa jijiiramaatiif hidhaan sababii siyaasaaf taasifamu hin tolu. Furmaata argaamsiisuf gufu ta’uu malee bu’a qabatama hin qabu.

Abbootiin Gadaa Oromiyaa torban kana dhaabilee siyyasaa Oromoo wallitti fiduuf beelalma qabatan, rakkoo amma jirtuu hikuufi iddoo ol aanaa kenuun, waliigalteen qaama lamaanii amma lafa jiru akka hojii irraa ooluu dirqisiisuun barbaachisaa dha. Rakkoon walii galtee dhabuu irraa hin maddine. Qaamni lamaanuu waliigaltee isaan akka kabajaan dubbataa ooluu. Rakkoon waliigaltee hojiitti hiikuu dha.

Kanaafuu, Abbotiin Gadaa Oromomiya waraana amma deema jiru dhaabsisuuf duraan dursaa qaamnii lamaan kun waliigalteedhuma isaani akka hojjii irra olchaan “seera itti tumuu” qabu jedheen yaada. Hojii irra oolchuudhafis, qaama sadaafa ijaaranii, akka seera itti tumameeti dukaa bu’anii to’achuuf murtii kenuun waan hin oolee hata’u.

Yoo kun hin taane, bilisummaa Oromoon qabsoodhan argatee mirkaneesuuf carraa seena qabeesa arganne nu harkaa baasuuf gochii ta’uu yoo itti fufe, ummatnii Oromoo haala tokkumma isaa jabeesuun murtii itti keenuuf kara injiifanoo arganne sanatti akka nu deebisu anii shakkii tokko hin qabu.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

– MARSAA LAMMAFFAA – Kutaa Afraffaa – Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? …

Yaada kanaaf deebisaa kenni