Oduu Haaraya

Ijaarsa seeraan fi pilaaniin magaalaatiin alaatiin magaalaan finfinnee fi magaalotni GAONF manca’aa akka jiran beektuu?

(By Makuriya Waahimaa Hunde)


Bara 2009 egalee mootummaan saamicha lafaa qonnaan bulaa buqqisuudhaan murna biyya bulchaa fi saamaa tureen taasifamaa ture irratti tarkaanfii fudhataa jira. Kunis harcaatii haaqabaatu iyyuu malee hattoota lafaa fi albuuda Oromoo saamanii ittiin ofii fi murna isaanii ijaarrataa turan gab-godhee jira.
Gidduutti mootummaan dhiimmota biroof xiyyeeffannoo kennuudhaan hojjetaa yeroo ture muraasa gidduutti finfinnee fi naannoo ishee magaalota jiran keessaa fi qarqara irratti amma waan ajaa’ibaatu jira. Saamicha lafaatiin magaalotni of danda’an hedduun uumamaa jiru.
Kanaafuu dhaamsa ogummaa kana mootummaa biraan ga’uuf
1. Magaalota ISA keessatti geggeeffamaa jiru kun dhimma kanarratti hoggansi magaalaa maaliif callisee ilaala? Odeeffannoo kootiin isaanis harka keessaa qabu. Kan harka keessaa hin qabne jiraachuu mala garuu hoggansa ta’ee ISA kana callisee Kan ilaale anaaf inni tajaajilaa uummataa osoo hin taane tajaajilaa firootasaa fi fedhii dhuunfaa isaati. Kanaafuu battalatti aangoosaarraa kaafamee qoratamee seeratti dhiyaachuu qaba. Yakki isaas biyya gurguruu fi amantaa mootummaa fi dantaa uummataatti fayyadamuu ta’uu qaba. Kanaafuu Firoota keessan sassaabdanii lafa oromoo saamsisaa hin jirru jechuuf kana gochuun ittisa mootummaa isa jalqabaa ta’uu qaba.
2. Namootni dhuunfaa fi gareen ijaarsa seeraan alaa geggeessaa jiran seeratti dhiyaatanii adabbii labsii liizii Lakk.721/2011 irratti tumameen adabamuu qabu. Kana ta’uu baanaan ISA ammallee dhaabachuu wabiin hin jiru.
3. Dalaalota qonnaan bulaa keenya gowwomsan immoo mootummaan fala itti barbaaduun seera qabsiisuun dirqama.
4. ISA ijaarame ilaalchisee seeraa fi pilaaniin magaalaa ni hiika. Isa birattis qorannoon gadi fageenyaan geggeeffamuu akkuma jirutti ta’ee Kan qarqara magaalaa irratti ammuma tarkaanfiin fudhatamuutu irra jira.
Kana yeroon jedhu callisee osoo hin taane xiinxala oogummaakoo geggeesseen waan ta’eef isa beekuu yoo barbaaddan ibsuudhaaf ani qophiidha.
Horaa bulaa!”

~ by Makuriyaa waahimaa Hunde.”

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …