Oduu Haaraya

Ibsa: Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa(THBO/ULFO) irraa kanname:

Imaammataa fi weerara Shanyi Duguggaa Addi Bilisummaa Ummata Tigree(ABUT/TPLF)
fi kittillayyoonni isaani Ummata Oromo Bahaa fi Kibba qubatu irratti bane ilaalchisee.

Birraa 10, 2017

Addi Bilisummaa Ummata Tigray(ABUT/TPLF) impaayera xoophiyaa irreen walitti
qabattee bara dheeraaf if jala bulchuuf akka karoorfattee aangoo siyaasaa biyyattii qabatuun
beekkamaa dha. Akeeka wayyaanee kana hanqisee waaqatti kan galchuu danda’u, baayyina
ummataa, qabeenya lafaa fi gootummaas dabalatee ummata Oromiyaa akka tahe wayyaaneen sirritti
beeka. Shiftoonni(TPLF) kun eega aangoo siyaasaa dhunfatee jalqabee imaammata saba Oromo
guddaa xiqqa deebisuu fi biyya Oromo balloo fi badhaatu sablammootaa ciree kannuu eega itti fufe
bubbulee jira. Imaammata shiraa fi dabaan guutame kana ummanni Oromiyaa ittisaa fi wareegama
barbaachisu baasee, baasaa falmachaa jira. Wayyaanoonni kittillayyoota isaa (Liyu Police) haga
fedhe garaa isaani guutee leenjisuus biyya Oromootiin qabsiisaan ifiif boolla qotataa akka jiru
asumaan hubachiifna. Boolla TPLF fi Liyu Police itti awwaalaman baanna!
Wayyaaneen weerara qindaawa abjuun guutame ummata Oromiyaa irratti geggeessaa jira.
Abjuun isaani kun akka hujitti hin hiikamne yookaan hin dhugoomne kan guchuu dandayu ummata
Oromiyaa akka tahe qaceelanii waan beekaaniif guuza Liyu Police afeerrattee Oromo waraanu
eegalte. Bara 26 guutu imaammata Oromo itti balleessitu tarkaanfachiisa turte. Abjuun isaani abjuu
qofa tahee hafa. Gootowwaan ummanni Oromiyaa saba biicu Tigree fi killilii shanii yeroof bulchaa
jiru kana akka dhihotti feeddaguuf jiraatu mamii hin qabnu.
Duulli Wayyaaneen ummata Oromiyaa irratti gaggeessaa jiru bifa adda-addaa qaba. Amma
danda’an humna waraanaa bobbaasuun sabboontoota Oromoon horatte tumuu, ajjeesuu yookiin
mana hidhaatti ugguranii daraaruun, kan qabeenya horate deegsuun, kan hafe lafarraa kaasanii alaa
mana dhablee taasisuu fi daangaa Oromiyaa dhiphisuu dha.
Daangaa Oromiyaa dhiphisaa, Oromiyaa xiqqeessaa, ummata Oromiyaa humnaan
dhabsiisuu; Iddoo itti daddhaban, toftaa Wayyaaneen dhimma itti ba’aa jirtu, ummata ollaa wajjin
walitti buusuu dha. Toftaa kana yeroo dheeraaf Wayyaaneen akka dhimma itti bahaa jirtu hunda
keenyaaf ifaadha.
Lolli Wayyaaneen ummata keenyarratti gaggeessaa jirtu, ammuma qabsoon keenya cimu
jabaachaa deema. Yeroo ammaa kana ummanni keenya tokkummaan harka wal-qabatee murannoon
Wayyaanee ofirraa darbee bilisummaa gonfachuuf kutaatee ka’eera. Keesumaa sochiin barattoota
Oromiyaa Wayyaanee hedduu naasisee, yaachiseera.

Yaaddoo fi sodaa irraa kan madde, Wayyaaneen humna dabalataa ifatti ummata keenya irratti
bobbaasaa jirti. Yeroo ammaa kana, maqaa Liyu Police ummata keenya Harargee, Baalee, Booranaa,
Gujii, fi Walloo irratti duula shanyi duguuggaa fi lafa isaa irraa buqqaasu gaggeessaa jirti. Duula
kana ofirraa dhoofnee irra-aanuuf, akka sabaatti gamtaan, hatattamaan bobbaanee dura
dhaabbachuun dirqama lammummaati.
Toftaa Wayyaaneen ummata keenya ummata ollaa wajjin walitti buusu kana, uummanni keenya
haleellaa irratti gaggeeffamaa jiru ofirraa qolachaa, amma danda’ame, gocha Wayyaanee fi humna
ummata ollaa Wayyaaneen bobbaafatte adda baafachuu yaaluun barbaachisaa dha. Hubannoon arra
goone galmee seena keessa bulfannee boruuf saba keenya gargaara.
Falmiin ummanni Oromiyaa Kaabaa-Kibba, Bahaa-Lixa tokko ta’anii gaggeesaa jiran
hedduu dinqisiifanna! Falmiin kun, sadarkaa ol-aanaatti tarkaanfachuun, ijaaramuu fi hooggansa
waloo uummachuun akka itti fufee milkiin galma gawu, hujii fi murannoo dhaloota qubee ti fi haqa
ummata Oromiyaa tahu mirkaneessa. Qabsoon ummata keenyaa akka injifannoon xummuramu,
waamicha itti aanu dabarsina:
Dhaloota Qubee:
Qabsoon Oromiyaa bilisoomsuuf geggeeyfamaa jiru dhaloota irraa dhalootatti darbaa osoo
jiruu isinirra gayeera. Yeroon kun ennaa jireenyi Oromiyaa fi itti fufinsi lammii Oromiyaa gaaffii
jala galee jiru. Dirqamni Oromoo fi Oromiyaa jiraachisuu isin harka jira. Kanaafuu, falmaa abbaa
biyyummaa fi hujii keessan boonsaa saba keenya gulantaa haarawaan gahe kana irra deddeebinee
dinqisiifachaa, ummata keenya sirnaan ijaaruu fi gamtaan bobbaasuun, qabsoon keenya injifannoon
akka xumuramuuf, isin wajjin dhaabbachuu keenya asumaanuu mirkaneessina.
Ummata Oromiyaatiif:
Dhimmi Oromo fi Oromiyaa – haqaa fi dhugaa oromoo barbaaduun, bilisummaa Oromo
gonfachiisu, dura-bu’insaa fi ol-aantummaan haa-gaggeessan malee, dirqama dhaloota qubee
duwwaa otoo hin-tahin dantaa oromoo waliigalaa ti. Kanaafuu, fakkeenya dhaloota qubee
fudhachuudhaan, ummanni Oromo, alaa-mana, bahaa-lixa, kaabaa-kibba tokko taanee diina lafarraa
nu dhabamsiisuuf saganteeffatee bobba’e kana ofirraa fonqolchinee bilisummaa keenya gonfachuuf
akka qaama tokkootti bobba’uun boru otoo hin ta’in, hardha jenna.
Daba wayyaaneen daangaa Oromiyaa shasharafee Oromoo lafarraa dhabamsiisuuf
raawwachaa jiru haalan balaaleffanna!
Ummanni Oromiyaa Wayyaanee fi saroota isii(Liyu Police) gamtaan dura dhaabbatee
ifirraa dhoorkuun dirqama lammii Oromiyaa isa hangafaa ti!
Tokkummaan Humna!
Oromiyaan Ni Bilisoomti!
Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa(THBO)

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …