Oduu Haaraya

Ibsa Ijjannoo KWO/FIO

FRONT FOR INDEPENDENCE OF OROMIA (FIO)

                   Lakk : kwo-089-2016                                         Ref. No: fio-089-2016

                   Guyyaa,Amaj. 14,2016                                            Date :  Jan. 14, 2016                                                                                                             

                            

Qabsoon Ummata Oromoo haga Gaafin Abbaa Biyyummaa Saba Oromoo Guutuu Guututti Mirkanaayutti Cimee itti Fufa “- KWO/FIO.

Ibsa kallachi Walabummaa Oromiyaa –KWOn labsii OPDOn dhimma Master Plan Finffinnee ilaalchisudhaan baafte irratti kenne.

Labsiin fakkeessaa, burjajessaa fi gar- balleessaan  dhimma Master Plan Finffinnee Ilaalchisee dhaaba maxxanttuu TPLF, OPDOn labsame gaafii Ummata keenyaa kan hindeebisnne waan tayeef qabsoon keenya haga gaafiin Saba Oromoo guutuu guututti deebisaa argatutti itti fufa.

OPDOn dhaaba mataa isaaf bilisummaa hin qabnne kan sonba TPLFn hafuura baasu akka taye Ummanni Oromoo tolchee beeka. Kana yoo jennu OPDO keeyssa saboontonni lammii isaaniif quuqaman hin jiran jechuu keenya miti. Dhaabichi akka dhaabatti bilisummaa mataa isaa qabaatee dhimmoota jireenya saba keenyaa fi biyya keenyaaf murteeysoo ta’an irratti murtii tokkollee dabarsuu hin dandayu jechuu keenya. Osoo OPDOn akka dhaabatti bilisummaa murtii ittiin dabarsu qabaate, Wayyaanen dhimma Master Plan Finffinnee kan OPDOn mataan isaan akka qaamaatti irratti mari’atee hin murteeyssin sababeefachuun sanyii duguuggaa (genocide) karaa waraana Agaazii jedhamun, daa’imman, dardarranii fi manguddoota Oromoo irratti raawwate akkasumallee hidhaa fi dararaa Oromoota kumaan lakkaayaman irraan gahaa jiru cal jedhee hin ilaalu ture.

Har’a erga mootummaan cubamaan TPLF lubbuu Oromoota 140 ol ta’an dhimma kana sababeefachuudhaan dhiiga isaanii dhangalaasee, Oromoota kumaan lakkaawaman qaama hir’isee, kumaa fi kitilaan mana hidhaatti guuree dararaa jiru keessatti OPDOn dhimmi Master Plan Finffinnee haqamee jira, mana keessanitti galaa jedhee labsa baasuun lubbuu ilmaan Oromoo kan sababa kanaa bahee fi dhiiga ilmmaan keenyaa kan sababa tokko malee dhangala’etti qoosuu irraa kan hafe hikkaa biraa hin qabu. OPDOn dhaaba ergamttuu TPLF kaayoo Wayyanotaa Ummata keenyarrtti raawwachiisun alatti aangoo gaafii Saba keenyaaf deebisaa ittiin kennitu hinqabneedha. Har’allee  akkuma  kaleessaa ajaja TPLF fudhattee ummata keenya sobuuf carraaqaaqun waan dhugumaan nama qaanesuudha. Ummanni Oromoo Kanaan booda OPDOn sobamee, saamicha qabeenyaa fi biyya isaa irratti Wayyaanotaan deemsifamu cal jedhee ilaaluu hin dandayu. Yeroo ammaa filmaanni akka Sabni keenya qabu biyyaa fi qabeenya  isaa irratti abbaa tayee kabajaan jiraachuu yookaan osoo miga isaa falammatu wareegama kabajaa qabu kaffaluudha. Kanaan booda , Sabni Oromoo gadiaantummaa fudhatee sirna cunqursaa jalatti jiraachuun isa gahee jira. Tarkaaffin gootummaan Sabnni Oromoo xiqqaa fi guddaan, dhiiraa fi dubartiin, bahaa dhihaa, kaabaa fi kibbaa walwaamee  ji’oota lamaan kana keeyssa fudhate ragaa qabatamaadha.

 Kanaaf, dhaabbanni keenya kallachi Walabummaa Oromiyaa (KWOn) Ummanni keenya  akkuma ammaan duraa wareegama baasaa turetti,  qabsoo bilisummaa Saba Oromoo fi walabummaa Oromiyaa galmmaan gahuuf, hanga gaafileen haqaa kan armaan olitti tuqaman deebisaa bu’uraa argatanitti qabsoo  itti jiru daran cimsee akka itti fuufu waamicha dabarsa.

  1. Dhaabni keenya KWOn gaafiin mirga hiree ufii mataa ufiitin murteeffachuu, Saba Oromoo,  Sabaa fi Sab-lammoota Etoopia hundaaf gaafii haqaati jedhee amana. Hanga gaafiin mirga hiree murteeffannaa Saba Oromoo deebisaa hin argatinitti abbaan biyyuummaa Saba Oromoo gonkuma mirkanaayuu hin dandayu. Kanaaf, qabsoon keenya hanga mirgi hiree murteeffannaa Saba keenyaa guutuu guututti mirkanaayee abbaa biyya keenyaa fi qabeenya keenyaa taanutti akka itti fuufu waamicha dabarsina
  2. Waraanni  qe’ee keenya  keessatti Ummata nagahaa goolessaa jiru fi mana barumssaa keessa qubatee barattoota Oromoo goolessaa jiru, waraanni Agazii hatattamaan biyya teenya Oromomiyaa gadi dhiisee akka bahu gaafachuun qabsoon akka itti fuufu waamicha goona.
  3. Qaamotiin Saba Oromoo irratti lola sanyii duguuggaa (genocide) labsan qaama bilisaa ta’een qoratamanii haal duree tokko malee mana murtii addunyaati akka dhihaatan gaafachuun diddaan eegalame cimee akka itti fuufu yaadachiifna.
  4. Lafti Oromoo kan erga Master Plan Woyyaanee labsameen booda ta’e sana dura seeraan ala Ummanni keenya irraa buqqaafame abbootii lafaaf akka deebifaman gaafachuun, hanga deebisaan haqaa keennamutti qabsoon akka itti fuufu waamicha goona.
  5. Namootin  Sababa gaafii Master Plan Finffinnee mana hidhaa wayyanotaa fi mooraalee waraanatti guuramanii  fi walumaa gala hidhamtoonni siyaasaa hundi haal duree tokko malee akka gadi lakkifaman gaafachuudhaan mirga keenya guutuu guututti goonfachuuf  qabsoon akka itti fuufu dhalli Oromoo keeyssaa fi alaan akkuma duratti tokkummaan mirga isaa akka falamtu waamicha lmmummaa  ni dabarsina.

 

Oromiyaan Ni Walaboomti!

Amajjii, 2016

 

 

Check Also

alaabaa

Bulchiinsa gabrummaa diddaaf wal’aansoon godhaamaa turte tan ifatti mul’atte, bara 1962.

Abbaa Urjii tiin: Hawaasa Oromoo kanneen bulchiinsa gabrummaa Minilik jalatti buluu diddaaf lolanii injifataman keeysaa …