Oduu Haaraya
kaaba osloo

Ibsa ejjennoo: Miseesotni ABO Konyaa kaaba Norway irraa

Guyyaa: 07/03/2015

Kutaa ABO Sikandiiniviyaattiif:

Akkuma duraandursinee isiniif ibsuu yaallee guyyaa hara’aa, 07/03/2015 hawwaasni Oromoo kaaba Norway akkasumas miseensonni fi deggertootni ABO magaalaa Harstad itti  geggeeffataniin dararaa fi dhiittaa mirga dhala namaa daangaa hinqabne mootummaa abbaa irree Wayyaaneen uummata Oromoorra ga’aa jiru bal’inaan irratti mariyataniiru. Walgayii kanarrattis miseensi gumii sabaa fi abbaan jaarmiyaa ABO naannoo Awurooppaa, jal Jireenyaa Guddataa toora skype irratti hirmaattota walgayichaaf haasaa bal’aa godhaniiru. Xumura irrattis hirmaattotni walgayii kanaa ibsa ejjennoo armaan gadii baafatanii walgayyii guyyaa har’aa raawwataniiru;

Ibsa ejjennoo:

  1. Nuti hawwaasni Oromoo kaaba Norway,miseensotni fi deggertootni ABO magaalaa Harstad irratti walgahuudhaan dararaa mootummaan abbaa irree Wayyaanee uummata keenya irra geessisaa jiru itti dirmannee waan danda’amu hundaan uummata keenya cinaa dhaabbachuuf waadaa nigalla.
  2. Master plaanii Finfinnee mootummaan abbaa irree wayyaanee saba keenya lafarraa buqqisuuf qabeenya uummataa saamuuf waan ta’eef hojiirra akkahin’oolle nimormina akkasumas dhaadanno fi aggaammii duguuggaa sanyii gidduu kanaa karaa Abbaayi Tsahaayyee uummata keenyarratti karoorfame haalaan nibalaaleffanna, karaa barbaachise dura nidhaabbanna.
  3. Rakkoon uummata keenyaa kan furmaata argatu uummanni keenya mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu yoo argate qofa akka ta’ee waan amannuuf dhaaba qabsoo uummata Oromoo geggeessaa jiru, ABO cinaa hiriirree dirqama barbaachisaa ta’e nifudhanna, nibaana.
  4. Sagalee uummata keenyaa akka dhagayamuuf miidiyaan barbaachisaa waan ta’eef miidiyaa uummata keenyaa, OMN maallaqaan tumsuuf nihojjenna.
  5. Sochii qeerroo bilisummaa Oromoo biyya keessatti geggeeffamaa jiru waan hundumaan nideggerra.

 

Injifannoon uummata Oromoof !

Koree qindeessitota walgayicha irraa

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …