Oduu Haaraya

Ibsa ejjannoo qeerroo Godina Harargee Bahaa fii Dirree Dawaa irraa:

Akkuma beekkamu, qabsoon Oromoo bu’aa bahii hammana hin jedhamne keessa darbaa as-gahe. Danqaalee fii roorroo hamtuu wayyaanee fii qaamuma keenya irraa numudataa ture hunda obsaan irra taree otuu jiruu, amma duguuggaa ilmaan Oromoo bishooftutti wayyaaneen raawwatteen obsa wanti jedhamu dhumatee jira. haga amma duraa, ilmaan Oromoo karaa nagaatiin harka qullaa diina dura dhaabatee falmaa turullee, ajjeechaan dhaabachuu waan dideef, akkuma dhaga’aatii fii argaa jirtan, gara tarkaanfii of-irraa ittisuutti tarkaanfatee jira. kanaaf, dhaamsi qeerroon bahaa oromiyaa isiniif qabu kan armaan gadii kana fakkaataa itti dhiyaadhaa!!.
_____Qabsoon Oromoo galma barbaadame kan ga’uu danda’u, gargaarsa ilmaan Oromoo ykn Ethiopianota biyya ambaa jiran/Diaspora qofaan galma ga’uu hin danda’u amantaa jedhu qabna. kanaaf, deeggarsa abbootii qabeenyaa biyya keessaa dabalachuu barbaachisa waan ta’eef, nutiis hubachiisa armaan gadii kana baafne.
Hubachiisa:-
Abbootii qabeenyaa ormiyaa, dirree dhawaa, Finfinnee,akkasumaas naannoolee biyyattii keessa jiraatan maraaf:- 1. Abbootiin qabeenyaa sirnicha kana jalatti cunqurfamaa qabeenya horattan hundi, qabeenya keessan irraa kaffaltii/tax isaanii fii hojjattoonni keessan sirna cunqursaa kanaaf kaffalaa jirtaniin wayyaaneen humnooytee duguuggaa dhala namaa irratti raawwachaa jirti. kanaaf har’aa jalqabee deeggarsi keessan karaa danda’ameen qabsoo biyya keessaa deemaa jiru bira dhaabachuu qaba. Hanga arraa qeerroon, qabeenya keessan tiksaa jira malee, wayyaaneen galaaf kaate, akka isin saamu ifatti beekna. dabalees qeerroon hamma murtii kana irra ga’utti, yaadota adda addaa irratti mari’achaa ture. innis:- 1. Abbootiin qabeenyaa meeshaa ittisaa dirqama akka nuuf bittu. 2. Karaa danda’ameen namoota erginee deeggarsa gaafanna. 3. Warri abdii isaan irraa hin qabnuu, tarkaanfii jedhanis inuma jiru.
Haata’uu, murteen dhumaa nuti irra geenye, 1. Abbootiin qabeenyaa biyya keessaa hundi, karaa danda’ameen yeroo nuti deeggarsa gaafannetti haanubira dhaabatan kan jedhu. 2. Kaffaltii diinaaf kaffalan akka dhaaban. 3. Kun didamnaan diina nurratti gargaaru waan ta’eef nurratti dalagachuu akka hin dandeenye beekuu qaban kan jedhu. kanaaf, waliin taanee diina of-irraa qaarsina! Wayyaaneen konkolaataa ishee lakkoofsa gabatee dhufaa godhattee, qabeenya nama dhunfaa guban jettee abbaa itti uumaa jirti. mana diina ilmaan Oromoo dhiiga dhugaa jiru yeroo qeerroon barbadeessite, diina biroo bakka buustee kunoo akkanatti qabeenyaa kiyya naduraa guban jechisiisaa karaa media ishee hafarsaa jirti. kanaafuu ,Abbootiin qabeenyaa keenya rakkoo walxaxaa wayyaaneen qopheessite kan giddutti akka hin qocolamne isiniin jenna. Abbootiin qabeenyaa warra Somali tokko tokko wayyaanee waliin nutti tumsuu jalqabanii jiran. isaan kanaas warri walitti dhufeenya qabdan akka nuuf akeekkachiistan isiniin jenna!!. Galatoomaa! injifannoon ummata ormoof yeroo jennu, gargaarsa waaqaatiin!!!. By Haqa Mullate

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …