Oduu Haaraya

Ibsa Bu’ura Muslimoota Oromoo Irraa Kenname

Oromia oromo_muslimsMuslimooni Itoophiyaa hacuuccaa mootummaan biyyattii irraan gayaa jiru ufirraa faccisuuf qabsoo karaa nagayaatiin geggeessaa jiraniif, ummatootni nageenna jaaltan kanneen addunyaa martinuu sagalee tumsaa akka dhageessisanii bira dhaabatan, jaarmayni Bu’ura Muslimoota Oromoo Waashington DC fi naannawa hundee taasifate kabajaa guddaan gaafata. Mootummaan Itoophiyaa murna amantii kan ilaalcha addaa qabu Lebnaan irraa biyya seensisee, ummata Muslimaa wayyaba dirqiin fudhachiisuuf dhibbaa godhuun , heera biyyattii ka mirga Muslimoota eegsisa jedhame ifatti cabsuu isaa mul’isa. Muslimootni nageennaa fi tasgabii jaalatuun beekaman ka Itoophiyaa kun akka ilaacha garee Ahbaash fudhatan humnaan giddisuusuun, duumessa rifaatuutii fi hurrii soda hawaasa keessatti uume. Mirga amantii eegsifachuuf sochii waggaa sadih dura karaa nagayaatiin geggeeffame keessatti gaafiiwwan hawaasa Muslimaatiin dhihaatan haga ardhaatti deebii hin arganne. “Hogganoota amantii bilisummaan haafilannu! ; mootummaan amantii keessaa harka haabaaftu! kkf ” shororkatti lakkaawamanii deebii dhaban. Gaafiiwwan dhihaatan deebisuun hafee, inumaa ii hayyoota ummata bakka-bu’anii iyyannoo san gara aangawoota mootummaatti dhiheessan hidhatti guuranii dararuun tuffii jibbaa fi tuffii Islamaarraa qaban akeeka. Kunoo haguma ammaattuu taanan, gaafiiwwan ummani Muslimaa dhiheessan deebii fi furmaata abdachiisaa hin arganne. San daran, akkaataa nama gaddisiisuun namoota nagayaa hidhuun nannawoota biyyattii mara keessatti babal’ataa deeme. Heerri Itoophiyaa namuu akka mirga amantii guutuu qabuu fi akkasumattis akka bilisa tayee gurmuun ijaaramuu dandawu dubbata. Haatahu malee, Muslimoonni biyyattii mirga kana hojiin arganii hin beekan. Waan biraa dhiisii, bakka’ootuma dhimma amantii fi haala jireenna haawaasummaa eegsisan filachuufillee mirga guutuu hin qaban. Akkuma ifatti mul’atutti, miseesota gurmuu Majlisaa mootummatu muuda Muslimootaa. Kun tahuun mataa isaattuu, jarreen sun mootummaa isaan achi kaatatee alatti dantaa hawaasa Muslimaa tiksuuf amaanaa ummatarraa itti kenname akka hin qabne akeeka. Heerri biyyattii illee xalayarratti barreeffamuu bira dabree mirga Muslimootaatiif homaa bu’aa hin buufne. Itoophiyaa keessatti ardhaan tana, mootummaan amatii keessa seenee Majlisatti namoota ilaalcha amantii Ahbaash tarkaanfachiisan guuruun isaa akka ummanni Muslimaa Ahbaash fudhataniif Kun tahuun ammoo Islaamumaa haqaa biyya keessaa dhabamsisuuf ta’uun dhugaa ifa jirtu. Haala akkanaattu daangaa malee nu yaadchise. Kanaafuu, Mootummaan kun Islmaamummaa balleessee cunqursaa oofaa jiru akka daddaffitti dhaabuu hubachiifna. Gaafiiwwan Muslimoonni dhiheessaniif deebii quubsaa kennee dhimma amantii keessaa akka harka baafatu gaafanna. Akkuma heerri biyyattii jedhutti mirgi amantii ka Muslimootaa akka kabajamu gaafanna Bakka-bu”oonni Koree Muslimaa kanneen himannaa dharaatiin waggoota sadihiif hidhaa keessatti dararamaa jiran akka hatattamatti bilsia baafaman gaafanna Boordii Bu’ura Muslimoota Oromoo

Check Also

abuna sawiroos

Gaaffilee bu’uraa ummata Oromoo fii Sabaaf Sa-blammoota Ortoodoksii

1. Abboota Afaan, aadaafi Safuu ummata keenyaa beekaniin yaa tajaajilamnu 2. Durii Kaasee Manni Kiristaanaa …