Oduu Haaraya

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO), fi Ijaarsa Bilisummaa Saba Oromoo (IBSO)

Maqaa Maastar Pilaanii Finfinnee jedhuun, Uummata Oromoo Qe’ee isaa irraa Buqqisuu fi
Oromiyaa xiqqeesuuf Wayyaaneen Tattaafattu Qabsoo Keenyaan irra aanna UummaniOromoo aadaa, safuu fi sirna bulchiinsa mataa isaa qaba. Akkaataa ittiin qabeenyaa fi horoo  isaa masakus sirna mataa ofii ni qaba. Oromoon, aadaa isaa keessatti,hoodaa fi safeeffanaa mataa isaa  tumatee qaba. Akkaataa ittiin qabeenya horatu, qabeenya dhuunfaa, qabeenya waloo, qabeenya huumaa fi  huumamaa ittiin tiksuu fi guddifatu qaba. Aadaan boonsaan kun garuu bara sirni nafxanyaa Minilikiin durfamee Oromiyaa uf-jalatti galchee asii cabeera.

Oromoon dachee fi humama, sirna jireenya isaa wajjin wal-qabsiisee ilaala. Qe’een ilmaan Oromoo, kan handhuurri abaabilee fi akaakileen isaa keessatti awwaalamee dha. qe’ee fi dachee abaabilee fi akaakelee isaa irraa dhaale, akka tifkatuu dhaalfatu imaanaatu irra jira. Kanaaf jecha,Oromoon lafa isaa akka miha bittaa fi gurgurtaatti hin ilaalu. Jiruu fi jireenya abaabilee akkasumas egeree ilmaan isaa wajjin kan wal-qabatee dha. Aadaa Oromoo keessatti lafti maallaqaan hin geeddaramu. Maqaa guddina misoomaa fi
dinagdee jedhuun lafa Oromiyaa gabaa shaqaxaatti dhiheessanii madda daldalaa gochuun, aadaa fi safuu Oromoo hundeen balleessuu dha.

Sirni Wayyaanee, handhuura Oromiyaa kan taate Finfinnee,guutudhumaatti dhaaluudhaan, aadaa fi safuu Oromoo cabsuudhaan, madda galii taasifateetti. Ilmaan Oromoo bara bittaa fi duguuggii sanyii Miniliki,Hayilasilaasee fi dargii irraa hafan, bara bittaa Wayyaanee kana, maqaa misoomaa jedhuun badduu baasaa jiru. Waggaa 25 kana keessatti, Wayyaaneen guutummaatti qabeenya Oromiyaa saamuudhaan kan aangoo isaa jabeeffate yoo ta’u, kan Finfinnee ammoo bifa addaa ta’een, seera itti  baasuudhaan abbummaa Oromoo haalee jira. Guutummaatti, ilmaan Oromoo naannoo Finfinnee jiraatan, qabeenya isaanii irraa buqqifamanii, kan du’aa fi hidhaa irraa hafan, godaanaa irratti darbatamanii jiru.

Kan hafan ammoo buqqisuuf karoora Maastar Plaanii Finfinnee jedhuun karoora itti baasanii hojiirra oolchuuf carraaqaa jiru. Yeroo dhihoo asii, garuu ilmaan Oromoo qaroo fi gootota ta’an, dachee isaanii kan taate Finfinnee irratti akkuma abbootii isaanii wareegama barbaachisu kaffalanii jiru, fuuldurattis wareega oromiyaan isaan gaafachaa jirtu kaffalanii dachee isaanii kabajjichuuf qophii ta’uu isaanii ibsanii jiru.

Dargaggoon dhalootni qubee, shiraa fi gochaa Wayyaaneen uummata oromoo irratti raawwataa jirtu hubachuun, yeroo kamiyyuu caala haarsaa isa irraa eegamu baasuudhaan, biyya abbaa isaa ittisuuf murteeffateera. Uummatni Oromoo, biyya abbaa isaaf falmuuf waldhaansoo gaggeessaa jiruuf,  jaarmoleewwan Oromoo bilisummaa fi mirga abbaa biyyummaa Oromiyaaf dhaabbatne, kutannoon uummata Oromoo wajjin dhaabbachuun gahee qabsoon gafatu bahuuf qophii dha.

Uummatni Oromoon durii kaasee, kunuunsa huumamaaf godhu irraa kan madde, bosonni Oromiyaa waggoota eedduun kunuunfamaa turan, sirna wayyaanee ilmaan oromiyaa beelessuu fi hiyyoomsee harka kennisiisuu barbaaduun, gar-tokkeen gubamee, kaan ammoo abbootii qabeenyaa Wayyaaneef kennamee  yeroo ammaa ilman oromoo miliyoonan shallagaman beelaaf saaxilamanii, qabeenyaa horatan dhabanii  jiru. Faallaa kanaa garuu, kana dura kan hongee fi beela hin beekne, yeroo ammaa uummanni Oromoo beelahaa jira. Mootummaan Wayyaanee, Oromiyaa hiyyoomsuun naannoo ofii keessaa dhalatan dhaloota  dhufuuuf dureettii taasisanii jiru. Ilmaan oromiyaa shira Wayyaaneen waggaa 25 Oromiyaa irratti  raawwatte falmaa taasisaa jirrutti , akka daran jabeessinee tokkummaan dhaabbanu nutaasisa.

Kanaaf jecha, dhaloota bilisummaa fi abbaa biyyummaa Oromiyaaf falmaatti jiru cinaa dhaabbachuudhaan akka jaarmiyaa siyaasaa Oromiyaatti gahee nurraa eegamu bahuuuf qophoofneerra. Oromoon huuma isaatiin, guddinaa fi misooma mormee ykn gufuu itti ta’ee hin beeku. Empaayera Itiyoophiyaa, amma jirtu kan jiraachisaa turee fi jiru, qabeenyaa Oromoyaa ti. Oromoon Itiyoophiyaa jiraachisaa jirra malee itti jiraachaa hin jiru. Qabeenyi Oromiyaa horma misoomsaa jira malee misoomaa hin jiru. Kanaaf jecha, maqaa misoomaatiin Wayyaaneen Oromiyaa hiyyoomsaa jira. Haalli kun hundeen jijjiramuun dirqama.

Qabsoon ilmaan Oromoo bilisummaa fi abbaa biyyummaa isaaniif itti jiran dhaloota qubeen hoogganamee galii isaa akka gahu shakkiin tokko hin jiru. Jaarmiyaleen siyaasaa Oromoo, qaanii amma nurra jiru injifannoon keessa darbuuf tokkummaan dhaabbachuu qabna. Qabsoon dhaloota harawaatti eebbifamee kennamuu qaba. Kana gochuuf, tokkummaan ilmaan Oromoo gaafachaa jiran alduree tokko malee otoo yeroo hin fudhatiin dhugoomsuun dirqama nurra jiruu dha. Finfinnee handhuura Oromiyaa haarsaa inni gaafatu baasuudhaan tifkachuu qabna. Kana gochuuf qabsoo roga hundaa gaggeessuun murteessaa dha. Karoora Wayyaaneen Oromiyaa bakka lamatti cabsuuf baaftee jirtu, ilmaan Oromiyaa bakka jirruu kaanee falmachuu qabna. Kanaaf ilmaan Oromoo biyya keessa, biyya alaa jirtan, akkasuma ilaalcha siyaasaa gara garaa qabdanii fi naannoo fi amantaan otoo wal hin qoonne,tokkummaan dhaabbannee Oromiyaaf falmachuuf akka kaanu waamicha qabsoo dhiheessina. Qoodaa fi gahee nurraa eegamu bahuuf adda duree taanee Oromiyaa falmachuuf carraadhuma kanatti gargaaramnee
ilmaan Oromiyaa fi qabsa’ota Oromoof dhaammanna.

Tokkummaan humna !
Injifannoon uummata Oromoof !
Adda Bilisummaa Oromoo, ABO
Ijaarsa Bilisummaa Saba Oromoo, IBSO
Onkoloolessa 2015

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …