Oduu Haaraya

IBSA ADDA BILISUMMAA OROMOO

Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) Oromo Liberation Front(OLF)
Guyyaa:Caamsaa/30/2018
Date: May/30/2018

 

Koreen Hojii raawwachiiftuu ABO(ABO-T) guyyaa gaafa Caamsaa 27-2018 walgahii atatamaa taasifateen haala yeroo
irratti mar’atee jira. Haaluma kanaan adeemsa qabsoo bilisummaa Oromoo, haala gaanfa Afrikaa fi jijjirama addunyaa
xiinxalee jira. Maree fi qorannoo addaa addaa taasifachuun guddina qabsoo Oromoo fi jijjirama siyaasaa biyya
Itiyoophiyaa keessatti shaffisaan dhufaa jiru ilaalee jira. Kanuma irraa ka’uudhaan tarsiimoo fi toftaan qabsoo egeree
jaarmiyaa keenyaaf ta’uu qabu ilaalamee, murteen kennameen jira.
Hundeen akeeka qabsoo keenyaa Mirga Hiree Murteeffannaa Ummata Oromoo guututti fiixa baasuu fi abbaa
biyyummaa Oromoo mirkaneessuun sirna Gadaa ykn dimokiraasii waaraa gadi dhaabuu taha. Kuniis, kan mirkanaawu
murtii bilisa Ummata Oromootiin mootummaa walaba Oromiyaa ijaarratuu, ykn tokkummaa siyaasaa haaraya fedhii,
walqixummaa, kabajaa dantaa gama hundaa fi deemokraasummaa irratti hundaawe sabaa fi saboota Itiyoophiyaa wajjiin
dhaabbachuu taha.
Imaamata keenya kana irraa ka’uudhaan Tarsimoo fi toftaa qabsoof malan akeekee jira. Imaamata jaarmiyaa keenyaa
galmaan ga’uuf jijjirama siyaasaa naannoo fi Itiyoophiyaa keessatti muldhachaa jiru ka’umsa kan taasifate, kallattii
qabsoo akeekee jira.
Gama biraan jijjirama qabsaawonni qaqaaliin haarasaa wal irraa hin cinne kaffalanii, jijjiramni hunde qabeessa Oromoon
barbaadu yoo dhufuu baates, firii qabsoo bilisummaa muldhachuu jalqabee jira. Jijjirama siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti
muldhachuu jalqabeef ummata cunqurfamaa Itiyoophiyaa hunda galateeffachaa addatti ammoo ilamaan oromiyaa
qeerroon jijjirama muldhachuu jalqabeef adda duree taatanii saba keenyatti ulfinaa horuu keessanii fi fakkeenya qabsoo
ilmaan cunqurfamaa hundaaf waan tattaniif galataa fi kabajaa addaa isiniif galchina. Dhaammanni abbootii keenyaa
dhaloota mirage isaatiif falmatu waanta horateef gammachuu roga hundaa ti.
Gama biraatin jijjirama mooraa diinaa keessatti dhalateef ilmaan Oromoo sabboonummaa fi aantummaa ummataa
qabaan OPDO keessatti qabsoo gochaa turtan addatti Team Lammaaf galata qabna. Jijjirama hundee Oromoon barbaadu
ta’uu baatus bara dheeraaf ilmaan Oromoo mooraa gidirsaa wayyaanee keessatti rakkachaa turan amma tokko hiikuu
keessanii fi kan hojiin ilaalamu ta’uus, waadan isin qeerroof galtan kan jajjabeeffamuu qabuu dha.
Koreen hojii raawwachiiftuu ABO-T haaluma jijjirama siyaasaa xixiqqaan qabsoo sabaatiin muldhachaa jiru sababa
godhachuun, murtii armaan gadii dabarsee jira.
1. Bilisummaa fi dimokraasii dhugaa hunde qabseessa Itiyoophiyaa keessatti fiduuf alduree tokko malee mareen
siyaasaa barbaachisaadha jedhee amana. Haaluma kanaan waamicha muummeen Ministeeraa Itiyoophiyaa Dr.
Abiyyi Ahmad jaarmiyaa siyaasaa biyya saniif taasisan fudhachuudhaan akka jaarmiyaatti mareef qophii ta’uu
keenya ibsina.
2. Ajandaaleen marii fi bifa qabsoo kan ilaalu eega mareen jalqabamee booda ajandaa waloon hutubnuun kan
ilaalamu ta’uu qaba.
3. Dhaabinni keenna marii irratti hirmaatuuf, mootummaan Itiyoophiyaa :
(A)Labsiin yeroo hatatamaa seeraan ala labsame mare siyaasaa fi sochii ummataaf danqaa waan ta’eef ka’uu
qaba jenna.
(B) Mootummaa Itiyoopiyaa, “Seera shororkessaa “ ka jaarmiyoolee siyaasaa fi civiik ta’aan irratti dhaaba
keenna ABO dabaltee labsee akka haqu jenna.
(C) Maqaa ABOn ilmaan Oromoo bara 1991 kaasee mana hidhaa keessatti rakkachaa
jiran alduree tokko malee gadhiisuudhan akka qaama walii galtee biyyoolessaa keessatti gahee fudhatan
taasisuu qaba jenna.
4. Waamicha muummeen ministeeraa Dr Abiyyii Ahmad jaarmiyaalee siyaasaaf taasisan bifa ifa ta’een kan
ummati beeku qaamni raawwachiisu itti tolfamuu qaba jenna.
Kana irraa ka’uudhaan jaarmiyaan keenya ABO-T waltajjii kamuu keessatti qabsoo bilisummaa Oromoo galmaan ga’uuf
qophii ta’uu ibsa. Carraa qabsoon dhalchite , kamittuu fayyadamuudhaan mirga abbbaa biyyummaa Oromoo
dhugoomsuun ni danda’ama.
Injfannoon ummata Oromoof.
KHR ABO-T.
Caamsaa 30/2018

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …