Oduu Haaraya
Jaarraa Abbaa Gadaa

Hundeeffama adda bilisummaa oromoo (ABO)

 

ummanni oromoo erga kiyyoo gabroomfataa habashaa jalatti

kufee kaasee kharaale gara garaatiin diina ifirraa ittisaa ture

haa tahuu garuu bifa ijaarameen yknjaarmaya tokko jalatti

bifa qindaaween waan hin turiniif humniti isaa faffaca’aa

turuun diina isaaniirratti ijifannoo galmeessuuf gahaa hin

turre kanumarraa ka’uun sabboontonni ilmaan oromoo

rakkoo saba isaanitiif quuqaman walitti dhufanii falli jiru

qabsoo oromoon bifa faffaca’aa taheen godhaa jiru

qindeessuun caayaa takka jalatti ijaaramuun barbaachisaa fi

dirqama akka tahe hubachuudhaan sabboontonni ilmaan

oromoo baha oromiyaa adda durummaa sooreessa jaarraa

abbaa gadaa fi elemoo qilxuutiin Bara 12/12/1969 Adda

Bilisummaa Oromoo (A.B.O) biyya Soomalee magaalaa

Magdashoo keessatti hundeessuun qabsoo bilisummaa oromoo

fi walabummaa oromiyaa bifa qindaawaa tahe takkoon

jalqabanii itti fufan haatahuu garuu ilaalchi mootummaan

biyyattii oromoo fi eenyummaa oromootiif qabu gaarii waan

hin turiniif dura dhaabbannaa gara garaa irratti godhaa turan

akkasumaan garuu sabboontonni ilmaan oromoo kun rakkoo

tanaaf osoo hin jilbbiiffatin fala barbaacha jalqabanii

achumaan hariiroo diplomaasummaa biyyoota biroo waliin

uumuuf dirqamanii elemoo qilxuu gara biyya

yaman(adan)akka deemu murteeysanii ergan jaal elemooniis

dirqama isaa fudhatee biyya yaman dhaqe akkuma dhaqeen

mootummicharraa dhageyamtii waan argateef achitti if

ijaarun ilmaan oromoo dammeeysuu jalqabe bifuma saniin itti

fufuudhan biyyoota akka iraaq,suuriyaa,falasxiin hunda

qunnaman keeysattuu haalaan mootummaa iraaqirraa

fudhatama waan arkataaniif murni Sooreeysa jaarraa abbaa

gadaatiin hogganamu gara biyya Iraaqitti imalan

Mootummaan Iraaqiis haalaan ifitti fuutee waan isaan hin

yaadin isaaniif gumaacha goote eegas jabahaa Falasxiin biyya

Suuriyaa keessatti carraa barnoota lolaa arkatanii jalqaban

akkuma xumuraniin imala isaanii gara biyya Masrii godhatan

achittiis qabsoo barattoota oromoo univarsity Masrii baratan

ijaaruu jalqaban akkuma xumuraniin gama biyya Iraaq

2

deebi’anii barattoota oromoo kan Iraaq keessatti argaman

ijaaranii meeshaa waraanaa mootummichaa argatan markaba

guutuu waliin adanitti deebi’an

Erga meeshaa waraanaa Aden fidanii booda gama biyyaatti

galanii qabsoo hidhannoo jalqabuuf haala tokko tokko

qindeeyfachaa osoo iccitiin bifa hin beekkamneen jalaa baate

isaaniis iccitiin bahuu dhageenyaan teeysuma hatattamaa

godhanii murna sadihitti wal qoodan akka tasaa Yoo murni

duraa milkaa’uu baate murni lammaffaa akka bifa jijjiiree itti

fufuufi murni sadaffaas akkasuma tahuu murteeyfatan

Murni jalqabaa kan Sooreeysa Jaarraa Abbaa Gadaatiin

hogganamu yoo tahu isaaniis nama 36turan guyyaa17

/10/1970tti Aden irraa ka’anii gama baha oromiyaa osoo

imalaa jiranii guyyaa lama Bahara india keeysa eega deemanii

booda 19/10/1970tti kallattiin jalaa baddee dogoggoraan

Bahara Soomaalee Barbaraa fii Zeeylaa (Afdaal) jidduu bakka

Bul’haa ja’amtutti bu’an. Mootummaan Soomaalee waan

iccitii tana arkateef humna waraana lafaatiifii qilleensaatiin

irratti bobbahee dhunfate achumaan fuudhee gara mana

hidhaa Mandheerraa ja’amuutti galche

guyyaan kuni seenaa qabsoo adda bilisummaa Oromoo

keessatti seena qabeessaafi kan hin dagatamneedha sababni

isaas guyyaa jalqaba namni kan maqaan isaa ramadan hussen

kalid(abdoosh) jedhamu dhukaasa diinaatiin wareegameedh

Murni duraa qabamuu akkuma dhagayaniin murni 2ffaa kan

Elemoo Qilxuutiin duurfamu warroota hidhaman kana

baasuuf tattaaffii adda addaa godhuu jalqaban garuu

milkaawu hin dandeenye isaaniis osoo abdii hin murin yaalii

isaanii itti fufan

Augast 1973 murni 2ffaa kan Elemoo Qilxuutiin duurfamu

Aden irraa ka’anii Bahara diima qaxxaamuruudhaan qarqara

Asabitti bu’ani milkiidhaan meeshaa waraanaa Gaala 18

fe’atanii naannoo gammoojjii hamtuu affaar keeysa

qaxxaamuranii naannawa laga arbaa dhufan meeshaa

waraanaatiis asumatti dhooyfatanii namoota takko tokko

3

qunnamuudhaan gara kaayyoo fi akeeka bilisummaa

oromootti ummata dammaysaa jaarmaya itti fufan.

Lola jalqabaa kan maqaa ABO tiin lolame(lola xirroo)

Hararagee dhihaa Gubbaa Qorichaa bakka Xirroo ja’amututti

lolli seena qabeeysa tahe yeroo duraatiif maqaa Adda

Bilisummaa Oromootiin (ABO) godhame.

Fuulbana (sept )5 bara 1974tti guyyaa seena qabeeysa qabsoo

Oromoo keessatti lolli yeroo duratif qeeyroo baha

Oromiyaatiin Xirrotti godhame siree gabroomfataa Habashaa

sossoose waan tahef guyyaan kuni guyyaa gootota oromoo

ja’amee seenaa Oromoo keessatti bekkamee bara baraan akka

yaadatamuufi khabajamu taasifame

‘’seenaa abbaan hin himanne anbiti namaaf hin himtu‘’ ja’e

Sooreeysi Jaarraa Abbaa Gadaa

Lolli guyyaa kana godhame gabroomfataa Habashaa nama150

ol irraa galaafatuun seenaa qabsoo Oromoo dhiigaan akka

barreeyfamtu taasisan

Jaallan lola kana keessatti murtii guutaniis Rageeyfataan

nama 5 turan

Jaal Elemoo Qilxuu lola kana keessatti osoo loluu dhawamee

jaallan isaatiin ani dhawamee galmee fuudhaa deemaa niin

wareegama jachuudhaan achitti hafe.

Waraanni mootummaa achitti marsee yeroo isaan isarratti

walitti qabaman kilash isaatiin olii gad deebisee dhumarratti

boombii lama itti dhoosuun achitti nama 42 ajjeesee murtii

guutee wareegame

Gootonni guyyaa lola xirroo murtii guutanii wareegaman

keeysaa

1 – Jaal Elemoo Qilxuu(Hassan ibraahim).

2 – Jaal Ahmed Taqii (Hundee saabaa).

3- Jaal Sheek Jamaal Alishoo

4 -Jaal Umar Adam Koree.

4

5 – Jaal Sh. Mohammed Bushra.

Guyyaan kun akka guyyaa Goototaatti bara baraan Oromoon

marti akka kabajju maaliif taasifame?

1 –guyyaa jalqaba Maqaa bilisummaa Oromiyaatifii Oromoo

maraatiin lolame waan taheefi

2 –Maqaan Oromoo kan awwaalamee ture guyya itti awwaalaa

baafamee Oromoo Baha- dhihatti, Kaabaafii kibbatti oromotti

maqaa fi gurra godhe waan taheef

3 –guyyaa itti ilmaan oromoo Mootummaa Habashaa

shoorarkeessanii rooraasan waan taheef

4- guyyaa Habashoonni ummata Oromoo hamma dhumaatti

akka gabroomfachuu hin dandeenye hubachiisan waan taheef

5 –If jaaranii maqaa adda bilisummaa Oromootiin sossoha

adda addaa godhaa waan turaniif

alaaba (ABO)

Alaabaan Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) haayyoota

Oromootiin laafa khaayamtee,

Hayyoonni Oromoo Alaabaa addaa bilisummaa Oromoo lafa

khaayaaniis

1,Jaarraa Abbaa Gadaa

2,Haaji Huseen Suuraa

3,Abdallah Mahammad(Luungoo)

4,Mahammad Umar Qaadi

5,Sheek Mahammad Adam

6,Sheek Husseen warsamaa

7,Elemoo Qilxuu ( Hassan Ibraahim).

Isaan kanaanii biyya Soomaalee magaala magdashoo keessatti

hojjatamte

Kanaaf ummanni oromoo gabroomfataa habashaa yeroo

ammaan tanaa ilmaan oromoo dhiiga dhangalaasaa jiru firraa

5

buqqaasuuf karaa qabsoo daandii jalqabaa kan sooreessa

jaarraa abbaa gadaa jalatti hiriiree akka sossoohuu qabu

waamicha keenya isiniif goona galatoomaa

– ALAGAAF GABROOMUU DINNE 111

– BILISUMMAA TEENYA SIMANNE 111

– TOOKUMMAAN HUMNA 111

B.B.S. JAARRAA ABBAA GADAA

S.U.L.F.O :- MULLISAA JAARRAA

Muddee 12/12/ 2016

Ref no :- 0102/W./S.U/16

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

houstoncharchil

(Hayyuu,Qorattuu, Barreessituu fi Gazexeessituu biyya -USA ) Kitaabashee -Wonderful Ethiopians of the ancient cushite empire-keessaa kan fuudhame

Houston, Drusilla Dunjee (1876-1941) “Isin tuffatamtanii, xiqqeeffamtanii ilaalamaakan turtan, warri Kush Itoophiyaa dhaamsawwan abbootiin keessan …

One comment

  1. Jabadhaa seenaa ABO tan haqaa ammalee sirii Bareefamtee karaa amayyaatin oromoo dhihaachuu qabdi. Qooda namootaa sharafuun seenaa sabluftii mee namootaa buyeraa kan ABO jaree hogan kan Alabaa qoppesee Ka diplomacy hojataa turan seenaa haqaa bareesaa. Wal soobuun booden qaangii. Teenaafuu yoo sobnee enuraa haqaa barbaana?

Yaada kanaaf deebisaa kenni