Oduu Haaraya

Hoogganummaa Daawuud Ibsaa, Dhugaasaa Bakakkoo fi Bultum Biyyoo irraay gonkuma bilisummaa Oromoo dhugoomsuun hin danda’amu

Qabsoon bilisummaa Oromoo sadarkaa kam irra jira?

  1. Guutuu

Guraandhala 2015

Gaafii kana Oromoota heddutu gaafataa jira. Deebiin kennamaa jiruus, akkasuma hedduu dha. Walumaa galatti deebii sadihitu ifatti kennamaa jira. Qabsoon bilisummaa Oromoo tokkoof, finiinaa fi ofdura tarkaanfataa jira; tokkoof ofduubaa deebi’ee jira; tokkoof ammoo, dhaabatee bakkuma dhaabatetti lafa dhiitaa jira. Ilaalcha kanneentu calaqisa Oromoota keessatti.

Murni ilaalcha qabsoon ofduuba deebi’ee jira jedhan ibsa akkanaa keennu. QBO harka tokko ofdura yoo takaanfatu, harka-lama ammoo ofduuba tarkaanfata jedhu. Har’a, jechi Qaboon Bilisummaa Oromoo booddeetti harkifamee dimimmisa dukkanaa keessa seensifamee jira kan jedhu amantii Oromoota hedduu ti. Fakkeenyi kennamuus hooggana qabsoo, waraana, sabaa fi biyya keessaa qabatuu isaa ti. Kanuma wajjiin hoogganni kun qabsoo

bilisummaa, qabsoo baqatootaa godhee jiraatuu isaa ti. Aniis akkuma barruu “Qaabsoon Bilisummaa Oromoo eessarraa garamitti?” jedhu keessatti ibsuu yaale, Oromoota ilaalcha kana qaban keessaa tokko. Hoogganni bara 1999, hoogganummaa ABO qabate qabsoo bilisummaa Oromoo qancarse malee hin misoomsine; ni laamshesse malee hinjabeessine; miseensoota facaase malee, tokkummaa isaanii hin eegne; tokkummaa ABO fi kaayyoo isaa hin tiksine.

Har’a qabsoo Oromoo keessa murni sadii jiraatuun ifaa dha. Murni duraa, murna gaafiin Oromoo Impaayera Itoophiyaa keessatti deebii argata jedhee amanuu fi ifatti ijjannoo fudhate. Isaaniis: OPDO, ODF fi murnoota adda addaa kan heera, seeraa fi tokummaa Impaayera Itoophiyaa fudhatanii socho’aa jiranii dha. Murnootiin kunniin, murnoota qabsoo walabummaa Oromiyaa ifatti gane (conspiratorial forces). Murnoota ifatti diinaaf jilbiifate.

Murni lamaffaa, qabsaawota bilisummaa Oromoo ti. Murna walabummaa Oromiyaa argamsiisuuf qabsaawu. Kun humna tarkaanfataa (progressive force) jedha, qabsoo bilisummaa keessatti. Qabsoon murna kanaa, Oromiyaa walabaa fi mootummaa walaba Oromoo dhabuu, dhugoomsuu, waabii itti godhuu fi tiksuu kan jedhuu dha. Isaan kun, abukkaatoo qabsoo ti. Hedduun isaanii qabsaawota ABO ijaaran. Qabsaawota wareegama qaqqaalii qabsoo kanaaf kaffalanii turanii fi ammallee kaffalaa jiru. Gariin isaani mana hidhaa Dargi keessatti guraaramaa (torture) turan; garii isaanii ammoo qabsoo hidhannoo keessaa qooda sadarkaa gargaraa keessatti fudhatan. Isaan keessaa hedduu qabsoo hadhooftuu tana keessatti kufanii jiru. Har’a, kan jiran laakkobsaan hagoo dha. Isaan kun, qabsaawota woramaxa ibidda qabsootiin qoratamanii darbanii dha (These were and are the nationalists who were tested by the flame of fire and passed). Qabsawootni kuniin of duuba deebuu hin beekan, fuldura deemuu malee.

Murni sadaffaa ammoo, murna afaaniin tokkummaa, bilisummaa, walabummaa jedhu kan garuu hojiidhaan faallaa jechoota kanaa hojjatuu dha. Inni kun, humna booddeessaa (regressive force) jedhama qabsoo bilisummaa keessatti. Murni kun, murna siyaasaa walfaalleessan walitti makee qabatee deemuun. Siyaasaan akkanaa dhaaba diiga; miseensootallee hin facaasa; qabsoo illee hin dadhabsiisa. Haalli kun, iffatti mul’atuu hamma jalqabe oolee, bubbulee jira. Kan hubatamuu qabu garuu, murni siyaasaa walfaalleessaa qabatee deemu kun, murna qabsoon jabaate, finiinaa fi ofdura furga’aa jira jedhaa lammiiwwan Oromoo fayyaaleyyii (innocent) dogoggorisiisuuf bobahee jiruu dha. Gareen kun, rakkinni qabsoo keessa jiraachuu odoo ijaan argu, qabsoon finiinte jedhaa, soba mimmi’eessaa fi babareechisaa qabatee asii fi achii hafarsaa fiiga. Inni, murna har’a hoogganummaa ABO dhuunfatee jiru. Isaanis: Obbo Daawud Ibsaa, Obbo Dhugaasaa Bakakkoo fi obbo Bultum Biyyoo ti. Haalli kun, fagoo nama hindeemsisu.

Sobanii fi sobsiisuun, turii dafii wal amanuu dhabuu fida. Akkuma Oromoon yoo makmaaku, karaan sobaan darban, deebiirratti nama dhiba jedhan ta’a. As irratti jecha qabsaawotaa, “Soba hin himin; injifannoon salphatti argame jettee hin falmni (Tell no lies; claim no easy victory)” kan jedhu qiyyaabatuu fi hojjiirra oolchuun barbaachisaa dha. Miseensootni dhaabaa akka komii isaanii himataa jiranitti, hoogganni kun miseensoota fi saba karaa siyaasaan afaanfajjeessuu fi joonjeesuu irratti akka xiyyeeffatee jiruu himu. Shira kana hojjiirra oolchuuf, akka himamutti, sannaayira/network Itoophyaanistootaa dhibbaatamootaan iccitiin ijaaree miseensootaa dhaabaa fi hawaasaa Oromoo keessa diriirsee jiraatuu isaa dubbatu. Akkuma Wayyaaneen nama tokko nama shaniif jettee ijaaratte, Daawud Ibsaas miseensoota ABO keessatti ijaaratee jira jedhu, miseensootni. Hooggani kun, Eritriyaa, Ugaandaa fi Awustiraaliyaa taa’ee toohaa halaalaan/ remote control qabsoo finiinsaa jiraatuu isaa labsa. Qabsoon toohaa halaalaatiin finiinuu hindandeetu. Kun waan haqaa ti. Miseensootni isa jalatti gurmaawwan, hooggana filachuu fi hoogganummaa irraa buusuu hin dandeennu kan jedhu komii himatu. Gubbaarraa, hooggani ABO miseensootaaf hooggana fila jedhu. Akka miseensootni himatanitti, Hayyuu-Dureen Daawuud Ibsaa, bakkee qabsoof furtuu ta’an hundaa dandeettii miseensootaatiin osoo hintaane nama isa waaqeeffatu duwwaa hoogganummaa irra kaayata jedhu. Haalli kun, waggoota hedduuf ABO laamshessaa ture jedhu. Kun ifatti hojjii abbaa irrummaa ti; farra sirna dimokraasii ti.

Hedduun miseensootaa, haala qabsoon bilisummaa Oromoo keessa jiru hin beeknu jedhu. Soba heddutu odeeffama jedhu. Dhugaa fi soba garaagaroomsuun (differentiate) ykn addaan baasuun rakkisaa dha kan jedhu komii qabu. Dhiibbaan miseensoota irratti godhamu akka ayyaana ayyaaneeffatan duwwaa dha. Kanaaf, qabsoon isaanii guyyaa WBO, guyyaa Gootootaa fi guyyaa FDG ayyaaneeffatuu duwwaa dha. Boru, yoo hiree argatanii hoogganummaa irra turuu danda’an guyyaan ayyaaneeffannaa Qeerroo illee ni dhufa ta’a. Murni kun, akkuma Amaaraa guyyaa 365 tokko tokkoo isaa gara guyyaa ayyaaneeffannatti jijjiiruu fedhu osoo danda’ameefi.

Yaadanoo guyyaa WBO fi guyyaa gootootaa yaadatuun barbaachisaa dha. Garuu, waan isaan kufanii fi wareegamaniif dhiisanii ayyaaneeffannaa duwwaatti fuulleeffatuun dogoggora guddaa dha. Yaadannoo fi qabsoof qabsaawuun waliin deema. Silaa, har’a kan barbaachisuu fi irratti xiyyeeffatamuu kan qabu WBO dachaa- dachaadhaa fi aynaan ijaaruu, tokkummaa dhaaboota bilisummaa Oromoo walitti fiduu fi gurmeessuu fi biyya suduuda suduuddaan bilisoomsuu ture. Akkasuma, hooggani biyyaa keessa dirree lolaa jiraatuutu irra ture; irraa illee eegama. Garuu, kun hin taane. Hubatamuu kan qabu, guyyaan WBO, guyyaa irbuun itti haaromsiifamu; guyyaa mariin laafinnaa fi jabeenni qabsoo irrati xiinxalamu.

Dhiyeenuma kana, miseensoota ABO waliin waayee qabsoo fi hooggana isaanii haasawaa turre. Haasawa keenna keessatti hunduma isaaniitiif gaafii dhiyeesse. Gaafiin dhiyeesseefiis kana. Qabsoo godhaa jira jettu; qabsoo finiinaa jira jettu. Mee woma tokko isin gaafadhaa natti himaa jedheen. Gaafiin kiyyaas: “Bara 1999, Obbo Daawuud Ibsaa, Obbo Bultum Biyyoo fi Obbo Dhugaasaa Bakakkoon hoogganummaa ABO irratti bahan. Mee bara kanarraa jalqabdanii qabsoo bilisummaa Oromoo tiif bu’aa kana buufne jettanii wanti saba Oromootti himuu dandeettan maalii dha?” kan jedhu gaafii gaafadhe. Woma tokko illee naaf deebii kennuu dadhabanii seseeqataa ija keessa wal ilaallan. Ammallee woma isaan jedhan laalluuf, akkana jedheen “Hoogganummaan ABO kan Obbo Daawuud, Bultum fi Dhugaassaan hoogganamu bara 1999 irraa jalqabee hamma adhatti ABO diigee caccabse malee bu’aa qabsoo bilisummaa Oromootiifi fide tokko illee hin jiru. Hooggani kun, miseensoota, hoogganootaa fi waraana facaase. Walumaa galatti ABO diige; har’a illee tokkummaa qabsoowoota Oromoo hin fedhu” jedheen. “Yaa Obbo kan ati jette dhugaa dha” jedhan. Akkuma jedhamu, “nuy sa’a ibidda dhale taanee jirra; arraabuuf ibidda; dhiisuuf dhala isaa ti” jedhan. “Nuys ABO dhiisuufiis rakkinna irbuu seennee jira; keessa jiraatuufis rakkanna, rakkinna hamatu jira” jedhan. An ilee dhugaa keessan jedheen.”Qabsoon hadhootuu dha” kan jedhaniifis kanumaaf jabaadhaa jedheen. “Garuu, irbuu kan seentan maqaa jaallawwan kufanii fi kaayyoo isaan kufaniif malee hoogganaa waaqeeffachuuf akka hintaane hubatuu qabdu” jedheen. Dhugaa dha jedhan. Akkanan, waliigaltee fi walhubannoon adda deemne.

Oromootni gariin, hooggana amma jiru kana jalatti qabsoon bilisummaa Oromoo ofduraas hindeemne; ofduubbaas hindeebine; bakkema tokko dhaabatee jira jedhu. Asiis hin siiqu; achiis hin siiqu; hin socho’u; daabata irra jira jedhu. Sababni kennamuus, ABO keessa humnoota lamatu jira jedhu. Isaan keessaa tokko qabsoo gara ofdubaa harkisa; tokko ammoo gara ofduraa harkisa jedhu. Humnootni lachuu walmadaalanii jiru. Kan Oromootni heddu hubachuu dadhaban, kan booddeetti harkisuus; kan fuulduratti harkisuus bilimmaa, walabummaa jedhaa ti. Xiyyeeffannaan murna qabsoo hidhannoo booddetti harkisu, qabsoo bilisummaa fi ABO laamshessuu fi dhabamsiisuu dha. Dhugummatuu, kan nama gaddisiissuus, kan nama maalalchiisuus haala kana hubatuu dadhabuu miseensootaa ABO ti. Har’a dhugaan jiru kan hubatamuu qabu kana. Hoogganummaan Obbo Daawuud Ibsaa, Obbo Dhugaasaa Bakakkoo fi Obbo Bultum Biyyoo, hooggana qabsoo bilisummaa fuuldura tarkaanfachiisuuf dandeettii,kutannoo, beekumsaa fi fedhii qabuu miti jedhu bal’innaan Oromoo jiddutti ifatti haasawama. Hooggani kun, qabsoo hidhannoo lagatee jira. Kanaaf, dirree lolaa seenuu hin barbaadu. Hojiin murna kanaa, tarkaafii lammiiwwan Oromoo biyya keessatti diinnarratti fudhatan hallanyeeffachuuf yookiin kan ofii godhachuuf, raadiyoona fi televiziyoona daayaasporaa irra bahee soba odeessuu fi odeessisuu, xalayaa kijibaa barreessee marsaa weebsaaytootaa irratti faacaasuu, baqatoota Eritriyaa keessatti rakkataa jiraatan walitti funaananee hayyama Eritriyaatiin “uniform” waraanaa itti uwwisee suuraa waliin ka’uu fi olola oofuu duwwaa hojjii godhatee jira.

Dhugumatti hooggani kun osoo bilisummaa Oromootti kan amanu ta’ee, yoma qabsoo hidhannoo lagatellee, fakkeenya Mahaatamaa Gaandhi ni fudhatu ture. Mahaatmaa Gaandhii bilisummaa saba isaatiif Impaayera Britaaniyaa dura dhaabatee hidhannoo malee diddaa noolaa/non-violence civil disobedience godhuudhaan duwwaa saba Indiyaa hiriirsee, ofii isaatiillee waliin hiriiree diina dura dhaabatee “Leave us; Let India be free” jedhaa qabsoo godhe ture. Qabsoo kanaan mootummaa Impaayera Britaaniyaa Indiyaa irraa buqisuun danda’ame. Murni kunis osoo kutannoo fi fedha qabaate, akkuma Mahaatmaa Gaandhi ni godhu danda’a ture. Akkuma, Moses bilisummaa saba Israeliif yoo falmatu, Ijipt ykn Misra keessatti Pharaoh dura dhaabatee “Let my people go;let my people free” jedhe. Kanumaan kan walfakkaatu, Martiin Luuter King Jr. mirga noola/civil rights saba isaatiif Mootummaa Ameerikaa dura dhaabatee “Let my people go free” jedhe; Akkuma Malkoomeks

“Black power” jedhe san; murni kunis Mootummaa Impaayera Itoophiyaa dura dhaabatee “Let Oromiyaa be independent; let Oromoo be free” godhuu ni danda’a ture. Akuma Moses, Mahaatmaa Gaandi, Martiin Luuter King fi Malkoomex gaaga’ama (risky) dhufuu danda’u fudhatuuf qophii ta’uu isarra ture. Garuu, kanaas hin goone. Murni kun, murna gaaga’ama fudhachuuf fedhii fi qophii hin qabne. Kanaaf,murni kun ulaagaa hoogganummaa hin guutu. Dhugaan jiru, hoogganummaan Daawuud Ibsaa, Dhugaasaa Bakakkoo fi Bultum Biyyoo qabsoo hidhannoo illee lagatee; qabsoo diddaa noolaa illee lagatee jira. Dhugaan jiru, hooggana kana jalatti qabsoon bilisummaa dhaabatuun isaa ifaa dha. Hooggani kun, qabsoo hidhannoo fi hidhanno malee diddaa noolaa illee hikkatee sabaas hiikachiisuufi tattaafataa jira.

Eegaa waan asii oltti jedhaman irraa kaanee gaafiin ka’uu qabu, qabsoon bilisummaa Oromoo kan dadhabsiisaa jiru hooggana moo, miseensa moo yookaan saba Oromoo ti kan jedhu ta’a. Akkuma asii olitti jedhame, hooggani ABO fi miseensootni isaa bakkee hiddutti qoodamaa dha. Qoodama kana kan kallattiin fide hoogganummaa Obbo Daawuud Ibsaa ti. Akkuma qabxiillee asii olitti ka’anii kuniis kan nama walmormisiissuu miti waan dhugaa qabatamaa ta’eefi.

Akkuma barruu kiyyaa Kan “Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessarraa garamitti?” jedhu keessatti ibsuu yaale, hooggani har’a hoogganummaa ABO dhuunfatee jiru kun hooggana baqataa dha. Baqataa duwwaa osoo hin taane, hooggana faca’aa dha. Tokko Eritriyaa jiraata; tokko Ugaandaa jiraata; tokko ammoo Awustraaliyaa jiraata. Yeroo har’aa kana Addunyaa keessatti lolli hidhannoo bakkee heddu keessatti adeemsifamaa jira. Fakeenyaaf, Suudaan, Yemeen, Ukaraine, Iraaqii fi Syriyaa keessatti lolatu deemaa jira. Hoogganni loltoota kanneenii hundinuu biyyaa isaanii keessa jiru; lolanii lalchiisaa jiru.

Garuu Hoogganni ABO, gaafa hoogganummaa ABO dhuunfate, bara 1999 irraa jalqabee biyyaa baqate. Kun qabsoo laamshese. Kana duwwaa miti, hoogganni kun ABO illee gara kioskii jijjiire. Har’a ABO kioskii murna gargaraa keessatti dhuunfatama. Kanaaf, dura dursummaan QBO kan dadhabsiisee haala hamaa keessa seensisee jiru hoogganummaa Obbo Daawuud Ibsaa ta’uu isaa wayyabni Oromoo irratti waliigalee jira. Dhugaan lafa jiru, Hooggana kanarraa walabummaa Oromiyaa eeggachuun, nama gaangeen osoo akka hin dhalle beekuu ni dhaltii jedhee eeggatuu ta’a.

Saba Oromoo

Qabsoon Oromoon godhaa turee fi jiru, qabsoo bilisummaa ti; qabsoo walabummaa ti; qabsoo mirgaa ti; qabsoo dimokraasii ti. Qabsoon tun tan sabaa ti; tan biyyaa ti; tan hoogganaatii miti. Kanaaf, sabni Oromoo ofii isaatii fi qabeenna isaa itti wareegaa ture; ammallee itti wareegaa jira. Akkasumas, sabni tokko hooggana qabaata. Hoogganni kunis, yeroo hamtuu fi gaarii keessatillee saba fi biyyaa isaa keessa jiraata.

ABO dhaaba bilisa baasaa Oromiyaa ti. Dhaaba biyya qabu; sabu qabu; kaayyoo qabu. ABO waan sadii kanneenin utubamee jira. Hoogganni ABO ammoo, miseensoota ABO keessaa filama. Kan filamuufis tokkummaa fi nagaa ABO, sabaa, biyyaa, fi kaayyoo eegee akka qabsoo bilisummaaf Oromiyaa keessatti qabsaawuu dha. Faalleeffamuun tokkoo, faalleeffamuu hundaatuu ta’a. Biyyaa baqatuun faallaa kanneen hudaa ti. Hoogganni ABO, bara buu’uureeffame iraa jalqabee hamma bara 1999 biyyaa isaa keessaa baqatee hinbeeku ture. Jagnoota kumaatamaan laakkawamtu biyyaa keenyaa keessaa hin baqanunu jedhanii qabsoo bilisummaa hadhooftuu keessatti wareegaman. Kan fagoo dhiifnee yoma kan dhiyootuu yaadanne gootootni akka Mul’is Abbaa Gadaa, Nadhii Gammadaa, Guutamaa Hawas, Laggasaa Wagi fi kkf WBO, Sabaa fi biyya keessa hin baqannu jechuudhaan wareegama qaalii qabsoo keessatti kaffalan. Faallaa kanaa garuu, Daawud Ibsaa, Bultum Biyyoo fi Dhugaasaa Bakakkoo guyyaa hoogganummaa ABO dhuunfatan ,bara 1999, irraa jalqabanii baqatummaa filatan. Hidhannoo hikkatanii lafa kaayanii Xayyaarra yaabatan; biyya, saba, WBO fi qabsoo bilisummaa keessaa baqatan. Biyyaa ambaa teessoo godhatan. Har’a kan qabsoo bilisummaa Oromoo kanaaf, ittisa ta’ee jiru, saba, dargaggootaa fi beektoota Oromoo ti. Gootummaa isaanii kana, kan diina raasaa jiru. Sabni Oromo, har’a kumaatamaan qabsoo bilisummaa ofiitiif wareegamanii jiru; wareegamaa illee jiru. Garuu, hoogganummaan Daawud Ibsaa hojii sabaa kana butee/kidnap hallanyeeffachuuf ykn itti abboomuuf asii fi achi fiigaa sab-qunnamtii gargaraa irratti akka waan ofii hojjachiisaa jiruu fakkeessee odeeffannoo facaasaa ture; ammallee facaasaa jira.

Miseensoota ABo

Yoo miseensootni ilaallame, miseensootni ABO hundinuu bilisummaa Oromoo dhugumaan itti amanu. Waan qabsoon isaan gaaftu illee godhuuf fidhii qabu. Garuu, rakkinna qabu. Rakkinni jiru, wayyabni isaanii siyaasaan damaqoo miti. Miseensa hooggani taa’i yoo jedhe taa’u; deemi yoo jedhe deemu; fiigi yoo jedhe fiigu; iyyi yoo jedhe iyyu; rafi jedhe rafu. Jechuun namoota damaqii hin qabnetu miseensummaa dhaabaatti horatamee jira. Yoo miseensootni kun, waayee tokkummaa dhaaboota Oromoo, waayee hooggana ala jiraatuu, waayee kaayyoo, waayee WBO, waayee hidhannoo fi kan kanneen fakkaatan kaasaanii hooggana gaafatan, hooggani akka bofaa mataa keessa isaan gad dhawa. Kanarraa kan ka’e, akka qocaa mataa isaanii gad keessatti deebifatanii cal’isanii taa’u.

Miseensootni kun, hooggani qabsoo bilisummaa laamshessaa akka jiru osoo argaa jiranuu hin dubbatan. Miseensootni kun, akka sodaadhaan guutaman, ofumaa akka of maman, of shakkan; gaaddidduun isaaniituu osoo hin hafne akka sodaatan fi hooggana akka waaqeeffatan/worship godhamanii jiru. Kanarraa kan ka’e, miseensootni kun dadhabinna qabsoo bilisummaaf gummaachanii jiru. Gaafiin jiru, miseensootni kun hamma yoom rafu kan jedhu ta’a. Hirriba jireenna bara-baraa rafu moo ni damaqu kan jedhu gaafii wayyabaa ta’ee jira, Oromoo keessatti. Garuu, miseensootni kun yoo damaqisa horatan humna guddaa ta’u qabsoo jedheen amana.

Maaltu baramuu dada’a

Duraan dursa hoogganummaan Daawud Ibsaa fakkii hamtuu dhaloota haarawaaf daba’rsaa jira. Bara 1999 irraa jalqabee, hamma ammatti qabsoo bilisummaa Oromoo tiif bara dukkanawaa dha. Sababni isaallee kana: Bara hoogganni biyyaa baqatee ala jiraataa jiruu dha. Jechuun, bara Qabsoon Bilisummaa Oromoo hooggana dhabe. Bara abbaan irrummaa ABO liqimse; bara alagatti irkannoon durfama kennameef; bara Kayyoon qabsoo falleeffamee ukkaamsaa, dimimmisaa fi hurrii dukkanaa keessa galfamee jiru; bara hoogganni faca’e, miseensi diigame; bara qabsoon bilisummaa Oromoo qabsoo baqataa ta’e. Yeroon kun, mama tokko malee mallattoo hoogganummaa (leadership) Daawud Ibsaa fi Bultom Biyyoo ti. Hooganaummaa isaaniitu haala rakkisaa fi jibbisiisaa kana uume. Seenaa qabsoo Oromoo keessatti yoomiyyuu irraanfatamuu kan hinqabnee fi bara-baraan yaadatamuu kan qabu, bara 1999 irraa jalqabee hamma ammatti waggoota dukkanaawaa hoogganummaa Daawud Ibsaa fi Bultum Biyyoo ta’uu isaa ti.

Xumurraatti, rakkoon qabsoo bilisummaa Oromoo rakkinna hoogganaa ti. Qabsoon kun hooggana qabsaawaa, kutataa fi samaanaa qabu hin qabu. Akkuma irra deddeebi’amee himame, hooggani kun hooggana baqataa fi alagatti irkataa dha. Akkuma beekamu hooggani kun, gaafa aangoo qabate, bara 1999, irray jalqabee baqatummaa fi irkatummaa irra jira. Dhugaa kana eenyuu haaluu hindanda’u. Yoo kan of subnu ta’e malee, dhugaan har’a jiru garuu, murni har’a qabsoo bilisummaa Oromoo hooggana ofiin jedhu kun murna kutannoo fi samaanaa hin qabne; murna baqataa fi alatti irkataa jiru. Ifa gochuufi, hoogganummaa Daawuud Ibsaa, Dhugaasaa Bakakkoo fi Bultum Biyyoo irraay gonkuma bilisummaa Oromoo dhugoomsuun hin danda’amu. Kana oollee bullee arguuf deemna.

Eegaa gaafiin Oromoon kaasuu qabu, gaafiin yeroo maalii dha? maaltu godhamuu qaba? maal godhuu qabna? kan jedhan ta’uu qabu. Akka ilaalcha kiyyatti gaafiin yeroo fi belbelchiiftuun kan yeroon odoo itti hin kennamne deebii argachuu qaban walittimakamuu/merger GQ, ULFO fi ABO ti. Kanuma wajjiin, gaafii hoogganaa ti. Tokkoomsuun GQ, ULFO fi ABO haal-duree tokko malee hatattamaan xumuruu qaba. Kana wajjiin kan deemu, miseensoota qabsaawaa (militant members) fi hooggana qabsaawaa (militant leadership) horachuu fi saba Oromoo abbaa qabsoo godhuu dha. Hooggana amma jiru kan qabsoo walabummaa fi tokkummaa qabsaawoota Oromootti hankaakuu fi gufuu ta’ee jiru kana hoogganummaa irraa kaasuun milkaawuu qabsoo bilisummaa tiif murteessaa dha. Qabxiilleen tuttuqaman kunniin yoo guuttaman duwwaa dha, Qabsoo bilisummaa Oromoo finiinsuu fi galii isaa dhugoomsuun kan danda’amu.

Tokkummaan qabsaawota Oromoo haa ijaaramu!

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Warri maqaa Goobana Daacceetiin summii Minilikummaa facaasan farra-Oromummaa ti

Berhanu Hundee Akkuman kanaan dura irra deddeebi’ee barreessaa ture, Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBOn) diinota lama …

4 comments

  1. this web site ISIS ‘s site

  2. isilaamni eessa iyyuu hin ga’u

  3. Ummurii guutuu kannuma odeesu.Hoggana, Hoggana jetu. Jarmiyaa meeqa ijartani batii tokko booda ni diigdu. Teesanii Hoganumaa hawwuni waan argatan hin qabdanii. Jarmiyaa hin jire han akka ULFO odeesssita. Mee jarmiyaan ati “merge” godhan jettu kun eesa jiru? qilleensa irrati akkumma ati “facebook” irraa bookkistu kana oloola jiru. Hooggana tarkanfataa ati jetu sun kan Ginbot 7 ti boojji`ame? Ati kan barreessitu jette jette gurteeti. Miseensi ABO akkas nan jedhan jetta! atoo miseensa miti yoo taate, basaasa Woyanee oduu guuruu? Masaanumman eesayyuu hin geesu utumma gubattuu duuta! Hoogganumaa Daa`ud kan jibbitaniif, akka isin akkeekatanii firoota keesan OPDO wajjiin nu gurguruuf kattan sana isin jala fashalise, galtuu fi gantuu addan calaale, Sagantaa keessanit abijjuu ta`ee hafe.

  4. Bukkee!Keessa beekettii mufattee tufamte fakkaatta.maaluma irra deddeebitee xeebdaa?Dubbiin kun suma duwwaaf gala.Gurra hin argattuu hin dhamaín.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *