Oduu Haaraya

HOGGANAA HUMNA UMMATAA QABU HUMNI FEETE HIN DANDEESSU!

 

_________

Hogganaan biyyaa kan biyya isaa jaalatee dhugaa ummanni biyyattii qabu itti amanee dhugaa isaanii dubbatuu fii dhugaa isaaniif hoojjatu, ummmata isaa biratti fudhatama argatee dhugaan jaalala horata. Humni guddaan hogganaan biyya tokkoo qabu humna ummataati. Humni ummataa jiraannaan humni feete dhuftu humna ummataa hin caaltu. Kanin kana kaaseef Muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahmad erga gara aangoo dhufee yeroo gabaabduu keessatti fedhii ummataa guutuuf tattaaffiin inni godhaa jiru kan ummannii haalaan irraa gammadaa jiruudha. Ummannis “biddeena nama quubsu eelee irratti beekan akkuma ja’an, “kan jalqabaanuu akkanaa yoo akkanaan itti fufe fedhii teenya hunda ni guuta” jechuun itti amananii fuula gara isaa deeffachuun deeggaraa jiru. “Duula dhaqa hin laalanii gala laalan” makmaaksa ja’ullee sammutti qabachaatuma gala isaatis Rabbiin haa tolchu jechaa eebbisaa jala hiriiran.

Kun kanaan osoo jiruu murni humnaan biyya bulchaa, ummata saamaa, ummata miidhaa turte tan diigamiinsa malee jaaramiinsatti hin amanne hojiilee gaggaarii inni hojjachaa jiru isaaniif dhukkuba sammuu taatee jirti. Murni tun ummata cunqursaa bulchuu malee nagayaan ummata bulchuu waan hin jaalanneef shira isaanii shiruuf wixirfachaa jiraachuu agarra. Haata’u malee shirri isaan shiruuf yaalan isaanumaaf miidhaa malee hogganaa ummataa kan ummataa wajjiin jiru humaa godhuu hin dandahan.

Waa’ee hogganaa ummataa kan biyyoota nagayaan ummata isaanii bulchanii yoo laalle, ummanni yeroo barbaachisaatti humni feete dhuftu yeroo hogganaa isaanii wajjiin dhaabbatan agarra. Kana fakkeenyaaf yoo laalle biyya Turkii kessatti fonqolcha mootummaa bara 2016 waraanni biyyattii yeroo humnaan aangoo qabachuuf yaalan humni ummataa humna waraanaa dura dhaabbatuun wareegama barbaachisu kafaluun yaalii isaanii fashalsanii hogganaa isaanii bira dhaabban. Kunis kan ta’eef waan pireezdaantii biyya isaanii itti amananii jaalataniifi.

Akkasuma yeroo ammaa wayyaaneen “humna waraanaa harkaa qabnaa humnaan bulchina” jechuun dhaaddataa waan jiran fakkaata. Haata’u malee waraanni kan ummataati ummatumaafisi. Ummatumaatu waraana tahe malee waraanni ummata isaatii alaa dhufe hin jiru. Gama kanaan dhaaddachuun isaanii abjuu dukkanooyte taateetuma hafti malee humaa takka hin taran. Kana hubachuub muummichi ministeeraas erga ummataaf dhaabbatee ummata isaatti amanee, sodaa takka malee fedhii ummataa guutuuf of duuba hin deebi’u. Tarkaanfiin jalqaba irratti agarsiise akkanumaan itti fuft. Ummannis deeggarsa isaanii cimsanii jabaatanii biyyattii dandamachiisuutu irraa eeggama.

Yeroo ammaa wayyaaneen karaa isaaniif danda’ame maraan biyyattii jeequmsa jala galchuun nagaa dhoorguu feeti. Garuu yeroo ammaa ummanni tana irraa abshaalomee waan jiruuf biyyi isaan shororkeessan hin jirtu. Ummanni nagayaa fi hogganaa nagayaa fedha. Kanaaf jijjiirama amma argamee fi dhufaa jiru kana irraa gammaduun tokkummaadhaan jaabaachuun qaawa diinatti cufuuf mummicha ministeeraaf deeggarsa barbaachisu kannaa jiru. Ummanni keenyas bifuma  kanaan itti fufuun tokkummaa isaanii jabeessuun tan dur caalaa qabsotti jabaachuu qabu.

Injifannoon tan ummatati!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …