Oduu Haaraya

Hiriira Mormii Hawaasa Oromoo Biyya Suwiidin Kan Magaala Goteborg fii Skaaraa

Hawaasni Oromoo biyya Suwiidin kan naannoo magaalaa gudditti lammaffaa biiyya Suwiidin  Goteborg jiraatuu fii naannoo  isiitti argaman guyyaa har’aa jummata caamsaa 9 hiriira mormii diddaa wayyanee bahan, Kan hiriira kanarraa nama gammachiisaan, Oromoonni naannoo kanatti argaman tokko odoo  manatti hin hafin, haawwan, shamarraan, manguddoo fii joolleen isiin  daa’ima malqa qabdu kan dalagaa qaban guyyaa kana if wareeguudhaan dhaadannoo, gaaffiin barattootaa, gaaffii ummata Oromoo maraati, Finfinneen handhuura Oromiyaati, ajeechaa fii reebichii ummata keenyarraa jaa dhaabbatu, Mootummaan Suwiidin mootummaa abaaramaa kanaaf akka gargaarsa hin kennine kkf qabatanii gaddaa fi tumsa barattootta isaanii kan wayyaneen gara jabinaan rasaan fixxe balaaleeyfatan.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …