Oduu Haaraya

Hiriira Mormii Biyyoolessaa Qeerroon Waamame Ilaalchisee Ibsa Ejjannoo Gurmuu Deeggarsa Koongiressii Federaalawa Oromoo Idil Addunyaa irree Kenname

Fulbaana 12, 2017

Seensa baatii Hagayyaa (August ) irraa kaasee Humni addaa Liyyuu Hayil jedhamuudhaan beekkamu kan Humna ittisaa mootummaa Itoophiyaatiin hidhachiifamee fi hoogganamu daangaa naannoo Oromiyaa fi uummata Oromoo daangaa Harargee, Baale, Gujii fi Boorana keessa qubatanirratti weerara gaggeesseen lammiiwwan Oromoo dhibbootaan ajjeesee kumootaan ammoo qe’ee isaaniirraa buqqisee jira.

Kanumaan wolqabatee Qeerron Oromoo hiriira biyyooleessaa gaggeessuuf Kamisa waame irratti yaadachiisa Qabna. Hiriira mormii kana cimsine kan deeggarru ta’uu ibsina. Sababni hiriira mormii kana deeggarruuf ammoo:
Humni Liyyuu hayilii humna mootummaan hidhachiisee fi kan duraan uummata Somaalee deeggartoota ONLF (Adda bilisa Baasaa Biyyoolessa Ogaaden) jedhee ittiin ficcisiisaa turee, Ollaa fi manneen, qe’ee irratti gubsisiisaa fi duguugiinsa sanyii irratti raawwachaa turanii dha. Humni kun humna mootummaa abbaa irree Woyyaaneetiin ajajamu dha. Kanaafuu gaaffiin
1. Mootummaan Woyyaanee (Mootummaa Federaalaa ofiin jedhu) Weerara harka liyyuu Hayiliitiin Saba Oromoorratti gaggeessu hatattamaan haa dhaabu!
2. Uummanni keenna kan ardaa fi Qe’ee isaaniirraa buqqaafaman hatattamaan qe’ee isaaniitti haa deebifaman.
3. Hidhaamtoonni Siyaasaa haal-duree tokko malee hatattamaan haa hiikkaman !

Uummata Oromootiif:

1. Humna qabdaan maraan tokkummaadhaan weerara kana ofirraa ittisaa! Sabni kamuu mirga lubbusaa baraaruudhaaf ofirraa qolachuu (self defense) maatiisaarraa qolachuu, qabeenyasaa tikfachuu fi lafasaa tikfachuu mirga guutuu qaba waan ta’eef mirga keessan kana tokkummaadhaan kabajsiifadhaa.
2. Mirga keessan kanatti yo fayyadamtan garuu weerarri amma taasifamaa jiru kun kan karoorfame mootummaa Woyyaaneetiin malee qaama kamiiniyyuu miti. Liyyuu poolisii fi Abdii Ilee mootummaa uummata Somaalee bakka hin bu’an waan taateef, uummata Somaalee kanuma akka keessan Liyyuu poolisiin fixaa baate irratti kunis Somaaleee dha jettanii tarkaaffii akka hin fudhanne, qabeenna isaanii akka hin balleessine. Kana kan goonu yo taate Karoorri Woyyaaneen baafatte galma gahe jechuudha. Karoora Woyyaanee kana fashalsuuudhaaf mormiin keenna master mind Weerara kanaa kan ta’e Woyyaanee irratti ta’uu qaba jenna.Qabeenna barbaadeessuunille yo ta’e kanuma Woyyaanee ta’uu qaba. Hiriiraa fi mormiin kun kan sirna abbaa irree irratti malee uummata Somaalee irratti akka hin xiyyeeffanne akeekkachiisna.
3. Kan madaa’e yaalchisiifadhaa, kan beela’e nyachifadhaa, Kan buqqa’e gargaaraa, qubsiisaa.

Mootummaa Naannoo Oromiyaa bulchaa jira ofiin jedhuuf :

Kanaan dura waa’ee fixiinsaa fi ajjeechaa kanaa gaafatamnaan dubbii himaan mootummaa federaalaa “Humnoota hin beekkamne” jechuudhaan waakkateera. Gama biraatiin humnoota kanneen keessaa loltoonni Somaaliyaa keessaa dufanii fi humnoonni gara garaa jiraachuun mirkanaawee jira. Mootummaan lammiiwwan isaa humnooota hin beekkamnerraa ittisuuf gaafatama qaba. Jarri federaalaa kana yo kan hin goone ta’e mootummaan naannoo Oromiyaa saba nutu bakka bu’a jettan, uummata naannoo isin nutu bulcha jettan irratti waraanni baname faccisuuf, nagaa uummataa tiksuuf, lubbuu, lafa, qabeenyaa fi maatii uummata naannoo isin bulchitanii tiksuuf gaafatamummaa qabdu. Kanaafuu humna qabdan cufan waraana ummata keessan dhabamsiisuuf baname dura dhaabbachuu qabdu jenna. Humni badii kun kana san osoo hin jedhin isinitti gara galee miseensa keessan ajjeesaa jira. Kanaaf, miseensa jaarmaya kamiituu ta’u lammiin tokko ajjeeffamuu hin hayyamnu jettenii Oromoo akka baraartan gaafanna.

Dhaamsa ofi-eeggannoo Qeerroo Oromiyaatiif:

Waraanni kuni Oromo irratti kan baname ilaalcha siyaasaa, gartuu jaarmayaa Oromoo, amantii fi lagaan osoo hin taane akka Oromootti, akka Oromiyaatti nurratti labsame. Waraanni kuni ilmaan Oromoo dachee tana irra jiran cufatti kan labsamee dha. Kanaaf ilmaan Oromoo amantii kamuu hordofan, biyya kamuu jiran, dhaaba kamuu keessa jiran, firoottan Oromoo hunda laallata waan ta’eef osoo haala kamiinuu wal hin qoodin dhabamuu irraa ofi hambisuuf nu cuftuu akka Oromoo qofatti kan hirmaannu.
Ta’us, qeerroon Oromiyaa kanaan dura hariira fi mormii adda addaa Oromiyaa keessatti qopheessaa turtan ammas ifa ofi hin baasinaa. Tana keessa basaastonni akka adda isin hin baafanne eeggadhaa. Iccitiin keessan ammas hin bayin. OPDO waliin akka Oromootti waan kana irratti hirmaachuu qabdu malee iccitii keessan hin baasinaa! Ofi-eeggannoo guddaa akka taasiftan waamicha isiniif goona.

Tokkummaan keenna humna keenna!

Injifannoon saboota cunqurfamoo maraaf!
Fulbaana 12, 2017
Minneapolis, Minnesota

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …