Oduu Haaraya

Hiriira Barattoota Oromiyaa Keessaa fi Deebii Mootummaa

Torban tokko duraa jalqabee, hiriirri barattootaa, Shawaa Lixaa magaalaa Giincii keessatti geggeessame, hidhamuu namoota hedduu dhaqqabsiise – jedhu – jiraattonni magaalattii. Paartiin mormituu  Kongiresiin Federaalawa Oromoo immoo, kaleessa magaalaalee lama ka biroo, Jalduu fi Najjoo keessatti, har’a immoo Ambo, Mandii fi Qilxuu-Kaarraa keessatti hiriirri barattootaa kun itti fufee geggeessamuu isaa dubbatu.

Hiriira barattootaa Oromiyaa

Giincitti lafti mana-barnootaa fuudhatamee, kaabinee aanaa sanaaf kennamuu, isteediyeemiin Giincii gurguramuu, ka magaalaa Giincii cina jiru – bosonni Cillimoo namoota dhuunfaatti gurguramee muramuu jalqabuu mormina – jechuun, hiriira barattoonni geggeessanii fi tarkaanfii humnoota mootummaatiin fudhatan – jedhame, akkasumas, hiriirawwan wal-fakkaatoo Jalduu fi Najjootti, Mandii fi Qilxuu Kaarraatti itti fufan jedhamaniif,  qaamni mootummaa Raadiyoo Sagalee Amerikaatiif deebii kenne.

Sadarkaa Itti-aanaa Koomishinaraatti,  Abbaan Deemsa Hojii  Dhimmoota Koominikeeshinii Koomishina Poolisii Oromiyaa – Solomoon Taaddesee, Giinci keessatti hiriirri geggeessame sun hiriira bifa nagaan geggeessame otuu hin taane, ka qabeenyaa namoota dhuunfaa caccabsuu fi humnoota nagaatti dhagaa guuruutti deeme waan ta’eef, tarkaanfiin seeraa fudhatamuu dubbatu.

Sababaa kanaan barattoonni adda durummaan geggeessuun isaanii beekame kudha-afur qabamanii ka seeratti dhiheeffaman ta’uu dubbatu. Ka magaalaa Jalduu keessaa garuu, hiriirri geggeessame nagumaan xumurame, jedhan.

Hiriirawwan barattootaa Oromiyaa keessaa ilaachisuuf gabaasaalee dhiheessinee fi deebii Aangawaa Poolisii Oromiyaa guutummaa isaa dhaggeeffadhaa.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …