Oduu Haaraya
garee afran

Hayyuu Dureewwan Jaarmiyaalee Oromoo walta’iinsa uumame galamaan gahuuf murannoon hojjanna jedhan

OMN:Oduu Caamsaa 04,2016 Hogganoonni Jaarmiyaalee siyaasa Oromoo dhiheenna kana wal hubannaa irra gahan, bu’uurri tokkummaa hatattamatti hujii irra ooluu akka qabu, murannoo qaban mirkaneessan.

Ummanni Oromootis waan barbaachisu hundaan qabsoo cinaa akka dhaabatan gaafatanii jiru.

Jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo arfan dhiheenna kana wal hubannoo cimaa irra gahuu isaanii, qabsoo Oromootiif boqonna haaraa ta’ee asi bahee jira.

Dheebuun ummata Oromoo baroota dheeraaf ture, inni duraa mirga abbaa biyyummaa fi, tokkummaa jaarmiyaalee siyaasaa ta’uunis himamaa jira.

Jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo dhiheenna wal hubannoo jabaa irra gahan kun, Adda Bilisummaa Oromoo, Kallacha Walabummaa Oromiyaa, Adda Dimokiraatummaa Oromoo, fi Adda Bilisummaa Oromoo-Tokkoomee ta’uun ni yaadatama.

Dhaabbileen siyaasaa Oromoo, gaaffii ummanni gaafataa ture deebii itti kennuun tibba kana wal galanii jiru.

Wal hubannoon kun, rincicummaa keessaa bahuun, gara tokkummaa dhugaattii jijjiramuu akka qabu, hogganoonni jaarmiyaalee siyaasaa kun murannoo qaban mirkaneessanii jiru.

Hogganoonni kana dubbatan, Dura taa’aa ADO obbo Leencaa Lataa, Dura taa’aa ABO obbo Daawud Ibsaa fi Dura taa’aa ABO-Tokkoomee obbo Abbaa Nagayaa Jaarraa ti.

Akka isaan jedhanitti, tokkummaan kun hatattamatti milkaayuu akka qabu ibsanii, kanaaf ammoo murannoo jabaadhaan irratti hojjannas jedhan.

Dura taa’aa Kallacha Walabummaa Oromiyaa General Kamaal Galchuu dubbisuuf yaalii taasifneen isaan argamuu akka hin dandeenne bakka bu’oonni jaarmayichaa nuuf himanii jiru.

Dura taa’aan Adda Dimokiraatummaa Oromoo obbo Leencoo Lataa akka himanitti, wal hubannoo amma taasifamee jiru irraa, gammachuu ol’aanaa qabaachuu ibsanii, walii galteen kun fiixa bahuu akka qabu waan dandeenyu hundaan hujitti jijjirra jedhan.

Dura taa’aan ABO obbo Daawud Ibsaa gama isaaniitiin, wal hubannoo kana irra gahuun keenya wanta nama gammachiisuudha jedhan.

Akkasumas gara fuula duraatti, hawwiin keenya galma gahuu akka qabuuf, dirqama nutti kenname ni baanas jedhan.

Dura taa’aan ABO-Tokkoomee obbo Abbaa Nagayaa Jaarraa akka jedhanitti ammoo, jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo amma walitti dhufuun wal hubannoo tokko irra gahan kun, kanaan duras dhaabaa fi hooggansa tokko jala turre jedhan.

Garuu adeemsa kaayyoo irratti ilaalcha adda addaa qabaachaa turrus amma ammoo sadarkaa kanarra gahuun keenya gulantaa qabsoo Oromootiif haala mijjeessaa jira.
Kun akka milkaayuuf nuti gama keenyaan murannoo jabaa qabna jechuun gadi jabeessanii dubbatanii jiru.

Akka obbo Daawud dubbatanitti ammoo, nuti kan dursinu dantaa keenya osoo hin taane dantaa sabaati jedhan.

Walii galteen kun akka dhugatti jijjiramuuf ummanni Oromoo waan barbaachisu hundaan nu cinaa dhaabbachuu qaba jechuun akkasitti dubbatan.

Wal hubannaa fi tokkummaan jarmiyaalee siyaasa Oromoo milkaayuu kan danda’u, gochaan malee jechaanii miti kan jedhan obboo Abbaa Nagayaa Jaarraa, tokkummaa kana akka gaaddidduutti ufu dura qabuu dhiifnee dhugaadhaan waliif galuudha jedhan.

Obbo Leencoo Lataa gama isaaniitiin, seenaan qabsoo Oromoo wayta ammaa kana gulantaa haaraa keessa seenee jira.
Imalli qabsoo Oromoo wayta ammaa kana boqonna haaraa irra gahuu himanii, hawaasni Oromoo biyyoota ambaa keessa jiraatan, tokkummaadhaan rakkoo ummata keenyaa ibsuu akka qaban dhaamsa dabarfatanii jiru.

Wali galteen jaarmiyaalee siyaasaa Oromoo erga bara 2000 keessa Tokkummaan Humnoota Bilisummaa Oromoo ykn ULFOn Agoobara uumee asi inni kun boqonna haaraa ta’ee muldhatee jira.
Jaarmiyaaleen kun, guyyoota muraasa dhufu keessatti, koree qindeessituu lama lama ufi keessaa ramaduun, Tokkummaa walii galaa irratti murtii kan dabarsan ta’uulleen beekkamee jira.

Imalli qabsoo haaromsuu wal hubannaa taasifame kanaan booda hujii irra ni oola kan jedhan hogganoonni kun, ummanni Oromoo gama kamiinuu akka tokkummaan dhugaa hujii irra oolu dhiibbaa barbaachisu geggessuu qabu jedhan.

Akka hogganoonni kun jedhanitti, bu’uurri tokkummaa isaanii hatattamatti hujii irra ooluu akka qabu, murannoo qaban mirkaneessanii, Ummanni Oromootis waan barbaachisu hundaan qabsoo cinaa akka dhaabatan gaafatanii jiru.

Gabaasaan Usmaan Ukkumee ti.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …