Oduu Haaraya
irreechaa istookholm

Hawaasni Oromoo Magaalaa Stockholm Keessaatti Qophii Ayyaana Irreechaa fi Gargaarsa OMN Gaggeessan

Fulbaana/September 13, 2014 Stockholm, Sweden

Fulbana, 13/2014, hawaasni oromoo biyyaa Sweden magaala Stockholm keessatti qophii kabaja ayyaana Irreechaa fi qophii gargaarsa Oromia Media Network (OMN) haala bareedan gaggeessan jiru. Qophii kana irratti hawaasni oromoo  Sweden, Norway, fi Denmark irraa baaynaan irratti hirmatani jiru. Qophiin Ayyaanni Irreechaa, magalaa gudditti Sweden, Stockholm baka Lötsjö (Sundbyberge) jedhamutti sa’a 10:30 hanga 12:30 kan gaggeeffame yoo ta’u, itti aansudhaan aada Irreechaa fi barbaachisumaa aada oromoo guddisuu ilaalchisee, akkasumaas barbaachisumaa jarmiyaa haawaasa oromoo ilaalchisee barumsi fi mariin baldhaan gaggeeffame jira. Qophii kana irratti baachisummaa miidiyaa cimaa fi haala OMN ilaalchisee ibsi kennamee jira. Qophii kana milkeessudhaaf dubartoonni oromoo Stockholm jiran hirmaannaa guddaa godhani jiru. Qophii kana irraa galiin argamee hundi OMN akka oolu kan godhame yoo ta’u dabalataan OMN jabeesudhaaf hawaasni deeggarsa addaa godhee jira. Galgala guyyaa kanaa, Artist Hayluu Kitaabaa hawaasa gammachiisudhaan qophiin kun daran akka bareedu godhee jira.

 

 

 

 

 

 

 

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …