Oduu Haaraya

Harmeen iyyitee ; jajjabee iyyaafattee

 

Teenyee hin ilaalluu; ka’I hin lollaa aabbee

Dur yeroo abbaan koo qabu mootummaa

Yeroo gadaan bulluu ; isa hundee dimokraasii

Lammiin koo quufee ormaaf laataa

Garuu Yoon keessa deemee ilaalu yeroo ammaa

Yeroo wayyaaneen(ormaan) bulluu; osoo qabnuu gaarii maasii

Dhabame waan tokkoo

Kunoo lammiin koo qooree gubataa garaansaa

ammagaa maalan obsaa

ka’een jajjabee kakaasaa

dhiiga diinaan dhangalaasaa

ajjeeseen gumaa gootaa baasaa

kanneen akka gumaa Eebbisaa

kanneen akka gumaa Adam Diimaa

dhaloota qubee keessaa

fuudhanii ka’an biyyee keessaa

mee ka’een bobbooreessaa

atis ka’I ya obboleettii obboleessaa

hamma yoomii teessaa atis dargaggeessaa

haadha keenyaa boossu callstee teessaa

waliin taanee gumaa baasnaa

ishee nutti madaa qubaa sanaa

ka’I ka’I malee jajjabee jajjabeessinaa

gadaa keenya deebisnaa

oromiyaa walaboomsinaa

harmee bilisomsinaa

Harmeen iyyitee ; jajjabee iyyaafattee

Teenyee hin ilaalluu; ka’I hin lollaa aabbee

Oromoon tuqamee

Obese dadhabee

Jijjiiramas dhabee

Gadadama malee

Garaan koos na mormee

Taa’ee ilaaluu

Teenyee hin ilaalluu : ka’I hin lollaa aabbee

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …